Oromia Development Association ODA

@odawmo


ODA/WMO

Oromia Development Association ODA

22 Oct, 13:15


Waldaan Misooma Oromiyaa barattoota barnoota Saffisaa barachaa turan 1557 Ebisiise.
(WMO- Onkololeessa 12, 2017)

Waldaan Misooma Oromiyaa barattoota barnoota saffisaa barachaa turan umuriin isaanii 9-14 ta’an kan kanaan dura sababa adda addaatiin mana barumsaa galanii hinbeekne 1,557 (Dub:780 Dhi: 767) godina Booranaa aanaalee Dirree fi Dubulluq keessatti barsiisee xumura gulantaa 2ffaa irratti eebbisiise. Barattoonni kun barnoota idilee kutaa 3ffaatti kan makaman yoota’u, bakka hooggantoonni waajjira barnootaa godina Booranaa fi aanaalee lamaanii argamanitti walharkaa fuudhinsi taasifamee jira.

Tokkummaan Misoomaaf!