Mettu College of Teacher Education

@mettucollegeofteachereducation


Mettu College of Teacher Education

13 Oct, 17:39


Oduu Gaddaa!
Barsiisaa Habtaamuu Suutumaa Cawwaaqaa du’aan addunyaa kanarraa boqotan. Barsiisaa Habtaamuu Suutumaa KBB Mattuutti, b/saa Saayikooloojii yommuu ta’an, hojii barsiisummaa isaanii keessatti imaanaa mootummaafi uummatni itti kenneen ga’umsaafi amanamummaa guddaadhaan waggoottan 20n darbaniif hojjechaa turaniiru.
Barsiisaa Habtaamuu Suutumaa, dhibee tasaa isaan mudateen Onkoloolessa 3, bara 2017 umurii isaanii waggaa 43tti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.
Kolleejjiin Barnoota Barsiistotaa Mattuus, gadda guddaa isatti dhagahame ibsaa; maatii, firoottaniifi jaalleewwan isaaniitiif jajjabina hawwina!
“Lubbuun isaanii jannatatti haa boqottu!”

Mettu College of Teacher Education

10 Oct, 19:42


Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa Barattoota 9.8% Sagantaa ' Remedial'f Dabarsaniiru.
----------
BBO- Fulbaana 30/2017 Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa barattoota bara 2016 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qorsiise keessaa barattoota 3.5% Yunivarsiitiif yoo dabarsu, barattoota 9.8% immoo sagantaa Ramadiyaalii(Remedial)f dabarseera.
#Barattootni 8520 qabxii qormaataa 50fi ol fiduun Yunivarsiitii galanii sagantaa idileetiin kan baratan yoo ta'u, #barattootni 23817 qabxii qormaata 50% gadi fidan immoo sagantaa fooyya'insa dandeettii(Remedial Program) waggaa tokkoof akka baratan darbaniiru. Walumaa galatti $sagantaa_idileefi_sagantaa_fooyya'insa_danfeettii(remedial) n #barattootni 32337 (13.3%) yunivarsiitiif darbaniiru.

Kanuma bu'uureeffachuun qabxii qormaataa bara 2017 daran fooyyessuuf barsiisotni, barattootni, maatiin barattootaafi hawaasni barnootaa hunduu wal ta'uufi wal deeggaruun gahee keenya akka baanu Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaamsa dabarseera.

Oromia Education Bureau 💠

Mettu College of Teacher Education

09 Oct, 05:11


በ2017 የትምህርት ዘመን የአቅም ማሻሻያ ፕሮግራም (Remedial Program) ለመከታተል የመቁረጫ ነጥብ ተወስኗል።

👉በዚህም በ2016 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል መልቀቂያ አገር አቀፍ ፈተና የወሰዱና እንደተፈተኑት የትምህርት አይነት ብዛት 31% ከመቶ እና ከዚያ በላይ ያመጡ ተማሪዎች በሁሉም አማራጮች (በግል እና በመንግስት ተቋማት) የሪሚዲያል ፕሮግራም መከታተል ይችላሉ ተብሏል።

👉በመንግስት ተቋማት ወጪያቸው በመንግስት ተሸፍኖ የሪሚዲያል ፕሮግራም የሚከታተሉ ተማሪዎች የመቁረጫ ነጥብ ዝርዝር ከላይ ተያይዟል።

@Ethiopian_Digital_Library
@Ethiopian_Digital_Library