Kello Media Official

@kelo_media


Kello media is an independent, nonpartisan and nonprofit news enterprise whose mission is to produce original and citizen-driven reporting on oromia.

#6900 WinnetkaCir Saint Paul Minnesota
Official Telegram channel of kello media!!
πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘πŸ“‘

Kello Media Official

15 Aug, 14:52


https://youtu.be/tE0pSZbOEog

Kello Media Official

08 Jan, 01:31


#Oduu_gammachuu
Jawaar Mohammad dabalatee warroonni galmee isaa jalatti himataman mana hidhaa irraa gadi lakkifamanii jiru. Haa ta'u malee abdi raggaasaa colonel gammachuu ayyaana fi hidhamtoon siyaasaa biroos kan mana hidhaa irraa gadi hin lakkifamin jiru. Amma Sadarkaa tokko tarkaanfannee jirra qabsoon keenna garuu itti fufa, qabsoon hanga abbaa biyyuummaati.
Hundi keessanuu baga gammaddan rabbiin warroota hafanis gadi nuuf haa lakkisu.


@kelo_media
@kelo_media

Kello Media Official

02 Jan, 20:25


www.aliyichirifoundation.com

Kello Media Official

02 Jan, 20:25


www.aliyichirifoundation.com

Kello Media Official

02 Jan, 20:25


www.aliyichirifoundation.com

Kello Media Official

02 Jan, 20:25


www.aliyichirifoundation.com

Kello Media Official

02 Jan, 20:25


www.aliyichirifoundation.com

Kello Media Official

02 Jan, 20:25


www.aliyichirifoundation.com

Kello Media Official

09 Nov, 14:52


#Fact
#bilisummaan_kaloofte✊

Kello Media Official

15 Sep, 15:55


Qormaata kutaa 12ffaa Onkololeessa 29 hanga Sadaasa 2 ni laatama!

Qormaata kutaa 12ffaa kan bara 2013 Onkololeessa 29 hanga Sadaasa 02 bara 2014 ALH akka laatamu Eejensiin Madaallii Barnoota fi Qormaata Biyyaaleessaa beeksise.

Daayirektarri Olaanaa Eejensicha Dr Dilaamoo Otoree ibsa kennaniin barattoota kuma 600 ol qormaata kana akka fudhatan beeksisaniiru.

@kelo_media
@kelo_media

Kello Media Official

15 Sep, 15:54


#Irreecha2021

Abbootiin Gadaa fi Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa akkaataa sirni Ayyaana Irreechaa bara 2014 itti kabajamu irratti Adaamaatti mari'ataa jiru.

Marii kanarratti Abbootiin Gadaa wiirtuuwwan Gadaa mara irraa bakka bu'anii fi hoggantoonni Biiroolee Oromiyaa irraa dhufan argamaniiru.

Mariin kun guyyaa tokkoof kan turu ta'u OBS gabaaseera.

@kelo_media
@kelo_media

Kello Media Official

18 Aug, 20:41


Duula Twitteri
Guyyaa boru A.L.A 19/08/2021 sa'aati 8pm irratti duuli Twitteri waan jiruuf gamanumaan isin yaadachiifna.

Kello Media Official

18 Aug, 05:35


#Finfinnee

Kaleessa Hagayya 11 bara 2013 waaree booda Finfinneetti Rooba cimaa Cabbii makate roobeen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga'eera.

Askoo, Adayi Ababaa fi naannawaa Golf kilabiitti balaa lolaa hamaa dhaqqabeen sa'aa muraasaaf daandileen kan cufaman yoo ta'u, hojjattoonni balaa tasaa iddoolee kanneenitti argamuun miidhaan namoomaa hamaan akka hin geenyeef tattaaffii cimaa taasisaniiru.

Hanga ammaatti mana barumsa Seminaara Makaana Iyyeesuus dabalatee idoowwan balaa gaheetti reeffa namoota lubbuun isaani darbe bahaa jira.

Miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarra ga'een daran gaddu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Ammas odeeffannoowwan akka mul'isanitti guyyoota dhufanitti roobni hamaan guddaa ta'e jiraachuu waan maluuf jiraattoonni of eeggannoo barbaachisu akka taasisan dhaaman.

@kelo_media
@kelo_media

Kello Media Official

17 Aug, 04:24


Oromiyaa Lixaa bakkawwan tokko tokkotti tajaajilli geejjibaa fi Interneetii addaan cite, jedhama!

Oromiyaa Lixaa, bakkewwan tokko tokkotti tajaajilli geejjibaafi intarneetii addaan cite jechuun jiraattota keessaa hagi tokko himan.

Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa gama isaatiin, β€œQaamoleen 'ABO Shanee' inni itti jedhu, Oromiyaa Lixaa bakkawwan tokko tokkotti daandii cufuuf yaalii godhanii jiru, β€œ jedhee, garuu daandiin cufame akka hin jirretti dubbata.

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa ammoo, hidhattootni mootummaan β€œShanee” jedhu, isaan ammoo β€œWaraana Bilisummaa Oromoo” ofiin jedhan, Oromiyaa keessaa iddoon qabatan hin jiru,” jedhee jira.

Gama biraan, Waajjirri Itiyoo-Telekom Naannoo Lixaa, tajaajjilli intarneetii Oromiyaa Lixaa iddoo hedduutti addaan cituu beeksisee, rakkoo teeknikaan isa cite sirreessuuf hojjetaa jirra, jedhe.

Maddi: VOA
@kelo_media
@kelo_media

Kello Media Official

16 Aug, 14:41


Artiist Zarihuun Wadaajoof maatiin deeggarsa gaafatan!

Gameessi aartii Oromoo albamoota torbafi sirboota qeenxee garaa garaa hojjete Zarihuun Wadaajoo yeroo ammaatti magaala Adaamaa Hospitaala Riftvaalii kutaa ICU keessatti yaalamaa jiraachuu haati warraasaanii aadde Olaantuu Gammachuu BBCti himaniiru.

"Dheengadda /Sanbata xiqqaa/ gara hospitaalaa seenan. Kutaa isa olaanaa /ICU/ jira. Oksijiiniirra jira. Kaleenis xiqqoo tuqameera jedhan. Onneenis sombis tuqameera jedhan" jechuun haala artiist Zarihuun Wadaajoo amma irra jiran himaniiru.

Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee rifaatuun dhukkubsachuusaa BBCti kan himan aadde Olaantuu Gammachuu, yaala fooyyee argachuu dhabuun artiist Zarihuun Wadaajoo dhibeen akka itti hammaatu taasisuu himan.

Wal'aansa artiistichaaf tattaafachaa turuu kan himan aadde Olaantuun, amma garuu humna isaaniitii ol ta'uu himuun ummanni Oromoo gargaarsa akka godhuuf waamicha dhiyeessaniiru.

@kelo_media
@kelo_media

Kello Media Official

14 Aug, 16:34


Ergamaan addaa Pirezdaantii Ameerikaa gara Itoophiyaa imaluufi!

Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Jeefrii Filtmaan irra deebiin gara Itoophiyaa dhufuuf akka ta'e ibsameera. Ergamichi Dilbata dhufu irraa eegalee gara Itoophiyaa, Jibuutii fi Eemiretoota Araba Gamtoomanitti akka imalan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.

Akka ibsa waajjira dhimma alaa baaseen, Filtmaan biyyoota sadan keessa guyyaa 10 turuun anga'oota olaanoo biyyoota sadan waliin marii taasisu. Mariichis dhimma haaloota Ameerikaan gaanfa Afrikaatti "nagaa jajjabeessitu" fi "tasgabbii fi badhaadhina naannichaa ittiin deeggartu" irratti akka ta'e ibsameera.

Gorsaan nageenya biyyaaleessaa Joo Baayidan, Jakee Sulivaan ibsa kana dura barreeffama gama Twiitara isaanin baasaniin "yeroo murteessoo" kanatti Filtmaan gara Itoophiyaa akka imalan Pirezdaant Baayidan isaan gaafachuu isaaniifi rakkoon Itoophiyaa keessatti uumame waraana dabalataan akka hin furamne ibsuun qaamoonni hundi gara mariitti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.

@kelo_media