#Qormaata_Ba'insaa
Guyyaa 26/05/2017
Qormaanni ba'insaa guyyaa har'aa (26/05/2017) Yuunivarsiitii keenya Kaampaasota sadanitti (Naqamtee, Gimbii fi Shaambuu) waaree duraaf booda akkuma karoorfametti gaggeeffameera.
Manajimantiin Olaanaafi Taaskifoorsiin qophii, haala kenninsaafi qormaataa fi loojistiksii oolmaa guyyaa tokkoffaa galgala kana madaaleera. Barattoota 16,679 marsaa kanatti (walakeessa waggaa kanaatti) Yuunivarsiitii Wallaggaatti qoramuuf iyyataniifi galmaa'an guutumaa guutuutti barattoota Koolleejjii dhuunfaa, kan Yuunivarsiitii addaa addaatti xumuranii irra-deebiin qoramaniifi Yuunivarsiitii Wallaggaarraa barattoota 400 gadiitu sagantaa itti aanutti akka qoraman daataan qoramtootaa Ministeera Barnootaa nimul'isa.
Qindeessitoota, qaamolee nageenyaafi daawwannaa manajimantii olaanaan haala kenninsa qormaata ba'insaa guyyaa tokkoffaa ilaalchisee gamaaggama taasiseen rakkooleen naamusaa barattootaa irratti mul'achuu, barattoonni sagantaa qormaataa isaanii male mooraa seenuu, meeshaalee elektrooniksii akka bilbila harkaafi kalkuletarii qabatanii seenuuf yaaluu, deggersifi to'annaa naamusa barattootaa Hoggansaafi qindeessitoota Kolleejjota dhuunfaarraa dhibuu akka rakkoolee ijootti ka'aniiru.
Guyyoota qormaata fuldura keenya jiranitti, hoggansiifi qindeessitoonni Koolleejjota dhuunfaa hanqina naamusaafi yaalii meeshaalee dhorkaa ta'aan galchuuf yaaluu barattoota isaaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan Ministera Barnootaarra qindeessitoonni qormaatichaa hordofuu akka qaban waliigalameera. Naamusi qormaataa eegamuu akka qabu, barataan qormaataaf dhufu kamu mooraa keessatti bilbila harkaa qabatee yoo argamee qormaatarraa akka gaggeeffamu, kutaa qormaataa keessatti bilbila waliin yoo qabaman immoo firiin qormaatichaa akka haqamu unkaan cabinsa naamusaa guutamee akka gabaafamu, raawwachiistonni qormaatichaa Ministeera Barnootaa ibsaniiru.
Guyyaa boruu (27/05/2017) guyyaa guutuu qormaata ba'insaa gosa barnootaa Manajimantiitu kennama. Qormaanni kun muummeewwan addaa addaan hanga 02/06/2017tti tura.