Latest Posts from Wabii Sanyii (@wabisegni) on Telegram

Wabii Sanyii Telegram Posts

Wabii Sanyii
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
6,533 Subscribers
905 Photos
26 Videos
Last Updated 01.03.2025 11:26

Similar Channels

Elelanajobs.com
166,022 Subscribers
Shemsu Shifa✍
11,581 Subscribers
ODAAJOBS
4,473 Subscribers

The latest content shared by Wabii Sanyii on Telegram


Give and Take!!
***
Namichatu Umuriin isaa sooramaaf geenyaan gara hoogganaa isaa deemee, yeroon kun yeroon itti soorama bahu dha. Turtiin hanga ammaatti isin waliin tureef isinis ta’ee rabbis nan galateeffa dha. Amma garuu xalayaa sooramaa naaf kennaa jechuun hoogganaa isaa gaafata.

Hogganaan isaa hojjetaa cimaa kanaa erga dhaggeeffateen booda tole siifan barreessa, isa dura garuu hojii tokko na gargaari , erga isa xummurteen booda soorama baata jedheen.

Hojjetaan kunis tole hojichi maali jedhee hoogganticha gaafata. Hoogganaan isaa mana baay’ee miidhagaa fi sadarkaa isaa eeggate yeroo gabaabaa keessatti ijaarii xummuriitii soorama kee bahi jedheen.

Hojjetaan kun akkuma ajaja fudhatetti hojiisaa eegale. Mana kana dafee yoo xummure soorama waan bahuuf guyyoota muraasa keessatti mana baay’ee miidhagaa ta’e ijaree xummuruun hoogganaa isaatiin xummureera xalayaa naaf kenni jedhaan.

Manichi irra keessa isaatu bareeda malee gadi fagaatee hin dhaabbanne. Hundeen isaa gadi fagoo miti. Ni miidhaga garuu jabaataa miti. Soorama bahuuf ariitiin ijaare malee manichi maaliif akka ijaaramu of hin gaafanne.

Hoogganaan isaa tole amma xalayaa siifan kenna. Xalayaan siif kennu kan sooramaa dabalatee umurii kee isa si hafe guutuu mana kana keessa jiraatta, Manichi kan keeti jedheen. Manuma kana keessatti umurii si hafe jiraattee dabarsita gaafa jedhuun namtichi hedduu rifate.

Namni waanuma facaase hammata. Jireenya keenya keessatti wantoota nu mudatan kallattii tokko qofaan yoo ilaalle bu’aan isarraa argamu deebi’ee numa mataa keenya miidha.

Waan hojjennu qulqullinaa fi akkuma kan keenyaatti yoo hojjenne rabbis biraas nama biraas eebba arganna. Waan namoota biroof goonu, akkuma waan ofii godhannuutti yoo qajeelummaan ilaalle gaarii dha.

@segnigudeta @WABIISG

https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

Yooyyaa!  Jirra jirtu uummata koo qaalii ? Baga jiraattan jechaa kanaan dura hojii haaraa hedduu itti gammaddaniif irraa fayyadamtanii nu galateeffattan dhadhaa loowwan Oromiyaa Dhaadhaa wallaggaa qulqullin ol aanaa qabu gatii madaalawaan isiniif dhiheessaa turuun keenya ni beekama ammas hojii wal fakkaatuun Aayyoo Cuukkoo qabannee isiniif dhufneerra namoonni qophiilee garagaraaf ajajachuu barbaaddan karaa lakkoofsa bilbilaa

0930221202

Nuuf bilbilaa Aayyoo Cuukkoo fi
Aayyoo Dhadhaa filannoon nama maraa:: @segnigudeta @WABIISG

Galmeerra Jirraa

Leenjii Ogummaa fi Teeknikaa
#Waaqoo_ashion_Designing.

Leenjiwwan gaggabaaboo, Uffata hodhaa gosa hundaa, kan aadaafi ammayyaa, maashinoota ammayyaawoofi barsiisota ogummaa jajjaboo qabaniin ni kennina. Ni barsiisnaa.

Leenjiwwan nuti kenninu
1,Uffata muraa fi Hodhaa
2,Uffata suufii surree fi kootii guutuu
3,Pattern making
4, fakkiiwwan boca namaa fi Uffataa kaasuu  (Sketch & illustration)
5,Uffata ijoollee fi daa'immanii bocuu
6,Namoota  Ogummaa Uffata hodhaa qabaniifi Leenjii ogummaa gabbifachuu kennuu
7,Ogummaa, Uffata hodhaan wal-qabateef, gorsawwan ogummaa irratti hundaa'aan ogeessotaan kennuu ta'a.

Sagantaan leenjii keenyaa, wiixataa-jimaataa
Waaree dura➡️ 2:30-5:30,
Waaree booda➡️7:30-10:30
Sagantaa galgalaa wiixataa _ jimaataa 11:30-2:00
Sanbata duraa 👉waaree dura
Dilbata 👉waaree booda


Iddoon argama keenyaa M/F/K/M/Araadaa, Piyaassaa, Gamoo Besu Fikad Darbii 4ffaa irratti ni argamna.
Odeeffannoo dabalataaf, Lakk. bilbilaa, 0910305082
0915404305

@segnigudeta @WABIISG

#Galatoomaa/Thank you 🙏🙏🙏
200,000+ Subscribers on Telegram 💪🏾!
Chaanaalii Telegiramii @segnigudeta

  Poster Gfx :- 💻 Sagni Mosisa
     ◉  Join Sagni Graphics

Galatoomaa
         Sanyii Guddataa

Omishaafi Tajaajila keessan
Miliyoonatti beeksifadhaa!

Chaanaalii Telegiramii @segnigudeta
Keessan na argachuuf @WABIISG
Fuula Barruu/Feesbuukii koo
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

#Galatoomaa/Thank you 🙏🙏🙏
200,000+ Subscribers on Telegram 💪🏾!
Chaanaalii Telegiramii t.me/segnigudeta

  Poster Gfx :- 💻 Sagni Mosisa
     ◉  Join Sagni Graphics

Galatoomaa
         Sanyii Guddataa

▪️For Fresh & Exp🎴Gold water Bottling & Non Alcoholic Beverage Factory🎴

▪️Job Position 1 - Accountant
▪️Job Position 2 - Forklift Operator
▪️Job Position 3 - Senior ICT Expert
▪️Job Position 4 - Senior Accountant
▪️Job Position 5 - Factory Safety and security Supervisor
▪️Job Position 6 - Senior Injection Machine Operator
▪️Job Position 7 - Production Team Leader/Supervisor
▪️Job Position 8 - TIG Welder
▪️Job Position 9 - Mechanical Forman
▪️Job Position 10 - Production Line Manager
▪️Find More Details here
          💧💧💧💧💧

https://kebenajobs.com/job/gold-water-bottling-non-alcoholic-beverage-factory-dec-03-24/

▪️Deadline: December 09/24



@segnigudeta @WABIISG

Fuula Barruu/Feesbuukii koo
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

          Galatoomaa
         Sanyii Guddataa

Affeerraa Yaada Uummataa
-------------------------
(Sadaasa 24,2017 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa kallattiif dorgomaa jiranii fi calallii irratti argaman kan maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame naamusa isaanii ilaalchisee yaada uummataa walitti qabuun barbaachisaa ta'ee waan  argameef naamusa dorgomtooota kanaa irratti yaada fi odeeffannoo qabdan lakk.bilbilaa 0903571457 irratti ergaa/ SMS/  barreessuun ykn FB MMWO kana irratti inbox gochuun ykn qaamaan MMWO,Waajjira Gumiitti argamuun yaadaa fi odeeffannoo qabdan akka nuuf gumaachitan gaafachaa dorgomoota calallii irra jiran keessaa nama meeqatu fudhatama kan jedhu yeroo dhiyootti kan beeksifnu ta'uu ni hubachiifna.


@segnigudeta @WABIISG

Fuula Barruu/Feesbuukii koo
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

          Galatoomaa
         Sanyii Guddataa

Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind

Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.

1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind 

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.
 
Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.

Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.

Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.

@segnigudeta @WABIISG

RICH DAD AND POOR DAD

[Mata duree dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabuu fi furtuu rakkoolee sadarkaa garaagaraatti nu mudatanii qabatee dhiyaateera. Dubbisa gaarii!]

Barreessaan Roobert Koyaasaakiidha. Garaagarummaa #hojjetaafi #hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko #sooressa, inni biraan immoo #hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii #kaampaanii filatamaatti #qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee #horadhu!" jedhaani.

"Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti.

Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabiinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

● Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Dubbisaa irraa baradhaa!

@segnigudeta @WABIISG

Rich Dad & Poor Dad
👤 Robert T. Kiyosaki

  📚 ENGLISH PDF