Qaroo Post @qaroopost Channel on Telegram

Qaroo Post

@qaroopost


Qaroo Post is an Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country

CHANNELIIN Qaroo Post ODEEFFANNOO WAYTAAWAA YEROO YEROOTTI SINIIF LAKKISA

https://telega.io/c/QarooPost

Qaroo Post (English)

Qaroo Post is an educational and news media channel that was established with a great vision to be the best media platform in our country. The channel, known as "Qaroo Post," provides a wide range of educational content and keeps its subscribers informed with the latest news updates. Whether you are looking for educational resources, news articles, or simply want to stay updated on current events, Qaroo Post has got you covered. Join the channel today to access valuable information and enhance your knowledge.

To join Qaroo Post, click on the following link: https://telega.io/c/QarooPost

Qaroo Post

23 Nov, 04:17


#JusticeforSalaalee
#JusticeforHorroguduruu
#JusticeforOromoo

Challenge accepted!

Qaroo Post

22 Nov, 19:19


Telegiraamii waan fayyadamtaniif qofa akka siniif kaffalamu beektuu? Odeeffannoo guutuu argachuu warreen barbaaddan kunooti

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Qaroo Post

17 Nov, 07:04


Hojii online

Coin kana hojjettanii Guyyaa muraasa booddee qarshii keessan baafachuu dandeessu, Akkuma dogs Yeroo gabaabaa gidduutti list ta’uuf jedha! Warri kanaan dura dogs of dabarsitan kana of hin dabarsinaa! Hojjedhaa qarshii argadhaa

👇👇👇👇
https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=Om5UvbqL

Qaroo Post

12 Nov, 12:46


Siitkoomii Maatii Ilaalaa
Kutaa 7ffaa

https://youtu.be/jKKf2spKyyc?si=3rucGYOGHHcJOHDN

Qaroo Post

07 Nov, 12:31


Yaa'iin Addunyaa Beelarraa Bilisa gichuu jedhu guyyoota lamaaf finfinneetti geggeeffamaa ture xumurame

Yaa'iin "World Without Hunger" /Addunyaa Beelarraa Bilisaa/ magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adawaatti haala gaariin geggeeffame kan xumuramuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Yaaddannoon Injifannoo Adawaa guyyaa eebbifame irraa eegalee wal-gahiilee fi konfarnsiilee Afrikaa fi idil-addunyaa akkanaa guguddaa keessummeessuun magaalaa Finfinnee giddu-galaa koonfarnsii fi hawwataa taasisuun gahee guddaa taphachuu irratti kan argamu ta’uus himan.

Finfinnee giddu-gala Tuurizimii, Konfaransii akkasumas hawwataa taasisuuf hojiiwwan hojjenneen bu'aa buusanii konfaransiilee guguddaa Afrikaa fi Idil-addunyaa keessummeessuu eegaluu keenyatti gammadnee jirra jedhan kantiibaa Adaanech ergaa gama marsaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin.

Jabaannee wayta hojjennu deebisee harka baay'ee akka nuuf kanfalu kuni mul'istuu tokkoodha jechuunis eerani.

Konfaransiileen kunneen magaalaa Finfinneetti akka adeemsifaman kan karoorsan, kan hojjetanii fi qaamolee keessummeessan hundas maqaa bulchiinsa magaalichaatiin galateeffataniiru.

@QarooPost

Qaroo Post

07 Nov, 09:47


Guyyaa har'a Fiilmiin Afaan Oromoo Mata dureen isaa Finnaaf jedhamu Tele Tv irratti lakkifamuuf walii galteen mallatteeffameera. Finfinnee, Hoteela Goolden Tuulippitti kan gaggeeffame sagantaan walii galtee mallatteessuu kun Tele Tv fi Miiltoo Pictures gidduutti raawwatamuun Fiilmiin Finnaaf Fiilmii Afaan Oromoo isa jalqabaa Tele Tv irratti lakkifamu ta'eera.

Tele Tv irratti kanaan dura Fiilmota Afaana Anaariffaa nuraasni kan lakkifaman yemmuu ta'u, Afaan Amaariffaatti aansee Fiilmii Tele Tv yaabe isa lammataas ta'eera. Fiilmiin Finnaaf sagantaalee badhaasaa gara garaa irratti kaadhimamuu irra darbee badhaasota hedduu fudhachuun isaa ni yaadatama.

Adeemsu kunis damee Fiilmii Afaan Oromoof dadammaqiinsa ni uuma jedhamee amanama. Sagantaa akana irrattis ogeessonni Fiilmii hedduun argamaniiru. Miseensota Fiilmii Finnaaf akkasumas Jaalattoonni fi Dinqisiifattoonni Fiilmii Oromoo baga gammaddan baga gammanne.

Tele Tv buufadhaa
https://teletv.et/download yookaan https://www.teletv.et

#TeleTv
#Finnaaf
@Fiilmiin

@QarooPost

Qaroo Post

06 Nov, 14:40


Dhalataan Itoophiyaa Doonaald Tiraamp waliin Rippaablikaanotaaf dorgome Mikaa'el Yaadataa eenyu?

Filannoon Ameerikaa bara 2024 guyyaa har’aa gaggeeffame namoota dorgomaan keessaa inni tokko dhalataa Itoophiyaa kan ta'e Mikaa'el Yaadataati.

Mikaa’el kan jiraatus naannoo inni itti dorgames magaalaa Meeriilaand keessatti.

Mikaa’el ijollummaasaatti gara Ameerikaatti imale. Garuu rakkoodhaan akka biyyaa hin baane hima.

Yeroosaatti sirnaan fayyadamuun qabeenyas horatee siyaasa biyyattiis hubatee rakkoowwan ijaan argu hedduu sirreessuuf akka siyaasa Ameerikaa keessa seenuu murteesse dubbata.

Mikaa'el diinagdeedhaanis hin komatamu. Siyaasa gaggeessuuf harka namaa ilaalee akka hin beeknes dubbata.

Mikaa’el gama barnoota isatiinis barnoota Injinaratiin (Ph.D) isaa hojjechaa jira. Amma hojii ijaarsaa kan hojjetu ta'ee, kubbaaniyyaawwan ijaarsaa qabu Afrikaa keessattis babal'isuun bu'uura isaa kan ta'e Afrikaa fayyaduuf hojjetaa akka jiru hima.

Itoophiyaa keessatti hojiiwwan ijaarsaa gurguddoo hojjechuuf karoora qaba. Ammoo irruma caalaa dargaggootaaf carraa hojii mijeessuu akka fedhu Mikaa’el himeera.

Mikaa’el kubbaaniyyaawwan lama qaba. Kubbaaniyyooni kunniin bara ALA bara 2008 fi 2019 achuma magaalaa Meeriilaand keessatti kan hundaa’e yoo ta’u akkuma duraa duubaan Delta Engineering Group LLC kan jedhamu hojii dizaayinii fi to’annoo (supervision) hojjetu fi Kilimanjaro Constrution kan jedhamu ammoo hojii kontiraaktaraa hojjetu.

Injinar Mikaa’el jalqaba biyya ollaa Itoophiyaa taate, Keeniyaa, irraan eegaluun ijaarsa daandiiwwan gurguddoo magaalaa Naayiroobii fi Zaambiyaa keessatti hirmaachuu isaa himeera.

Injinar Mikaa’el akka jedhetti Itoophiyaa keessatti mootummaan jijjiiramaa amma biyya bulchaa jiru erga dhufee yeroo isaa harka caalu gara biyyaatti dedeebi’uun hojiillee hedduu hojjechaa jira.

Yeroo ammaa eeyyama konistiraakshii baafachuun gara fuuldurattis biyya isaa kessatti hojii gurgudda hojjechuuf karoora bal’aa akka qabu gaaffif deebii BBC waliin taasiseraatti himeera.

Maddi:- BBC
@QarooPost

Qaroo Post

04 Nov, 10:58


#Ameerikaa 

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa guyyaa boruu sagaleen kennamuuf duulli nafiladhaa har'a raawwata.

Filaannoon Ameerikaa kun ummata biyyattii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti filannoo xiyyeeffannoo olaanaa qabuudha.

Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Hariis Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.

Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte.

Tiraamp gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jedhu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.

Oduun sobaa fi waliin dhahuun filannoo Ameerikaa burjaajii hamaa uumuu BBCn gabaaseera.

Filannoon guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta'a.

@QarooPost

Qaroo Post

29 Oct, 19:46


Somaaliyaan dippiloomaatonnii Itoophiyaa sa’aatii 72 keessatti biyyichaa akka ba'aniif ajaje

Somaaliyaan dippiloomaatonnii Itoophiyaa dhimmoota keessoo isaan hin ilaalanne keessa seenan jechuun sa’aatii 72 keessatti biyyichaa akka ba'aniif ajaje.

Namni Somaaliyaatti dhimmi kun isaan ilaalatu Alii Muhammad Adaan, sa’aatii odeeffannoon kun tamsa'e irraa ka'ee sa’aatii 72 keessatti dippiloomaatonnii Itoophiyaa biyyichaa akka ba'aniif ajajni darbuu ibsan.

Ali Muhammad dippiloomaatonnii Itoophiyaa dhimma keessoo somaaliyaa keessa seenan jedhan malee dhimmicharratti waan jedhan hin qaban.

@QarooPost

Qaroo Post

26 Oct, 04:46


Israa'el Iraan irratti haleellaa qilleensarra bante

Humni Ittisaa Israa'el Teeraaniifi bakkeewwan murteessoo Irsan gara garaa irratti haleellaa milkaa'aa geessisuu hime.

Iraan gama isheen dhukaasawwan Israa'el gariin qolachuu ibsuun, buufatawwan waraanaashee bakka sadii jiran miidhamuu eerte.

Yeroo haleellaa Israa'el kanatti naannoon qilleensaa Iraaniifi Iraaq cufamaniiru.

Pirezidaantiin US Joo Baayiden Israa'el giddu gala Nuukilaraa fi Boba'aa haleeluurraa akka ofqusattu akeekkachiisaniiru.

Iraan gama isheen haleellan kun Israa'eliin gatii guddaa kaffalchiisa jette.

Maddi: BBC
@QarooPost

Qaroo Post

25 Oct, 11:08


Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi maallaqaan adabaman.

Yakka Haasawa jibbiinsaa tamsaasuufi walitti bu’iinsa kakaasuun kan himataman Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi Birrii kuma 20 adabaman.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Heeraafi Heera Mootummaa ramaddiin Lidataa, Obbo Taadiyoos Taantuun yakkoota itti himataman sadiin adabbii cimaan adabe.

Manni Murtichaa yakkamaan kun abbaa ijoollee 6fi maanguddoo umrii waggaa 70 ta’uu isaanii yaada adabbii salphisan dhiyaatan tilmaama keessa galchuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi Birrii kuma 20'n akka adabaman itti murteesse.

Maddi: FBC
@QarooPost

Qaroo Post

25 Oct, 07:26


Mirga Wabii hawwasummaa Nama Dhaabbata dhuunfaa keessa hojjetuu kana quba qabduu?

Namni dhaabbata dhuunfaa keessa hojjatu mirgoota wabii hawaasummaa maalfaa qaba?

Hojjataan dhaabbilee dhuunfaa keessa qacaramee hojjatu guyyaa 45 booda mindaa isaa irraa ji'a ji'aan buusii sooramaa dhibbeentaa 7 ni kaffala.

Dhaabbanni dhuunfaa Hojjataa sana qacare, akkasumas buusii sooramaa dhibbeentaa 11 dhumarratti bara sooramaatti hojjatichaaf kaffalam u akka muruuf labsiin murtaa'ee irratti hojjatamaa jira.

Bu'uruma kanaan;

Dhaabbilee dhuunfaatti yoo xiqqaate namni waggaa 10 tajaajilee fi tajaajila isaa sababa gara garaan addaan kute, barri sooramaa isaa yoo gahe mirga kaffaltii sooramaa argachuu qaba.

Turtii waggaa 10tti dhiyaatuuf dhaabbata dhuunfaa keessa namni tajaajile, sababa rakkoo fayyaa mirkanaa'een tajaajila addaan kutuuf yoo dirqame barri sooramaa gahees dhiisees guyyaa tajaajila addaan kuterraa eegalee mirga kaffaltii sooromaa argachuu qaba.

Namni tajaajila kennaa osoo jiru miidhaa hojiirratti uumamuu maluu kamiinuu hojii isaa itti fufuuf hin danda'u yoo ta'e, akkasumas hojii gara biraas hojjachuu akka hin dandeenye boordii hakimootaatiin yoo mirkanaa'e mirga kaffaltii sooramaa guyyaa hojii dhaabe irraa eegalee itti fufiinsaan ji'a ji'aan kaffalamuu harka dhibba keessaa harka tokko ni qabaata.

Miidhaan irra qaqqabe irraa yoo fayye kaffaltii miidhaa kan al tokko qofa kaffalamu ni argata.

Dhaabbata dhuunfaa keessa namni waggaa kudhanii gadi hojjatee garuu barri sooramaa isaa itti gahee ykn sababa fayyaan hojii irraa yoo gaggeeffame kaffaltii tajaajilaa ykn kaffaltii hanqina fayyaa ni argata.

Namni dhaabbata dhuunfaatti qacaramee hojjatu gaafa lubbuun addunyaarraa boqote kaffaltiin sooramasaa mindaa bu'ureeffate bakka buutota_ maatii isaaf ni kafalama.

Hojjataan dhaabbilee dhuunfaa umuriin isaa waggaa 60 guute kamuu soorama ni baha.

Dhaabbaticha keessa waggaa 25 fi sanaa ol tajaajilee umriin isaa waggaa 55 gaafa gahu irraa eegalee fedha isaan sooroma bahuu fi kafaltii sooramaas eegalsiifachuu ni danda'a.

Mirgoota sooramaa gubbaatti eeraman kanniin fi kanneen hafan biroo kabachiisuuf bulchiinsi wabii hawaasummaa hojjattoota dhaabbilee dhuunfaa hundaa'ee hojiirra jira.

Etv Afaan Oromoo
@QarooPost

Qaroo Post

23 Oct, 15:21


BRICS gochaa Israa'el Gaazaa irratti raawwachaa jirtu ifatti balaaleffate

Yaa'ii 16ffaa geggeessaa kan jiru gareen BRICS gochaa Israa'el Gaazaa irratti raawwachaa jirtu akka balaaleffatu ifatti beeksise.

Waraanni kun hatattamaan akka dhaabbatus BRICS waamicha dhiyeesseera.

Israa'el lola Gaazaatti taasisteen lammiileen Paalaastaayin kuma 43 ol lubbuu dhabaniiru.

Yaa'ichi labsiiwwan garagaraa UNf dhiyaatan irratti mari’achuunis raggaasiseera.

@QarooPost

Qaroo Post

23 Oct, 14:25


Finfinneetti lafti heektaara 14.3 caalbaasii liiziitiin gugurtaaf dhiyaate

Magaalaa Finfinneetti iddoo qarqara misoomaatiif gadhiifame dabalatee lafti heektaara 14.3 ta'uu caalbaasii liiziitiin gurgurtaaf dhiyaachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Odeeffannoon biiroo bulchiinsa lafaa magaalattii ifoomse akka agarsiisutti, caalbaasiin kuni Onkololeessa 08 hanga 21, 2017 ALI kan turuudha.

Iddooleen caalbaasiif dhiyaatan kunneen kutaalee magaalattii Araadaa, Yakkaa, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo Aqaaqii Qaallittii, Addis katamaa, Lammii Kuraa, Lidataa, Gulalleefi Booleetti argamu.

"Iddoowwan misooma qarqaraatiif qulqulleeffaman dabalatee bakkeewwan garagaraa 285 yookiin iddooleen misoomaa heektaara 14.3 caalbaasiif dhiyaataniiru," ibsichi jedhe.

Bulchiinsi magaalichaa bara 2016 ALI iddoolee misoomaa akkasii marsaan sadiin caalbaasiin hawaasaaf dhiyeessuu eereera.

Maddi: Addis Standard
@QarooPost

Qaroo Post

15 Oct, 07:25


Dhaabbatni Meettaa Feesbuuk Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun sagantaa muuxannoo maamilaa fooyyessu hojiirra oolchuufi

Hoji raawwachiistuu olaantuu Itiyoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruun Dhaabbata Meettaa Feesbuukitti Daayirektara Tumsa Tarsiimawaa Baha Guddugaleessaafi Afriikaa kan ta'an Viikaas Meenon waliin mari’atan.

Dhaabbileen lameen muuxannoo fayyadama daataa maamiltootaa fooyyessuu fi dhimmoota tarsiimowaa irratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

@QarooPost

Qaroo Post

13 Oct, 08:49


Sarara Baaburaa Itiyoo-Jibuutii irra miidhaan xiqqaan dhaqqabe

AMN Onkoloolessa 03, 2017

Sararri Baaburaa Itiyoo-Jibuutii naannawa Awaashitti miidhaan xiqqaa keessummeessuu Hoji raawwachiisaa olaanaan Waldaa Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaan beeksisan.

Hadiidni baabura meetira 15 dheeratu biyyeen liqimfamuufi bakka muraasatti cituu ibsameera.

Maddi miidhaa kanaa qoratamaa akka jiruufi ogeeyyiin dhaabbatichaa suphaa taasisaa akka jiran Injinar Taakkalaan eeraniiru.

@QarooPost

Qaroo Post

09 Oct, 14:06


Balaliisaan Xiyyaara utuu balaliisuu lubbuun darbe

Balaliisan Daandii Qilleensaa Turki utuu Xiyyaara Balaliisuu lubbuun isaa darbuun gabaafame.

Balaliisaan Ilseehiin Peelivaan kan umriin 59 Ameerikaa Siyaatil irraa ka’uun gara Turki Istaanbulitti xiyyaara balaliisaa utuu jiruu dhukkubee kufuurraan lubbuun isaa darbuun eerameera.

Balaliisaan kun lubbuun isaa darbus Gargaaraan isaa xiyyaarichaa rakkoo tokko malee qubachiisuu Dubbii Himaan Daandii Qilleensaa Turki Yaahiyaa Ustuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

@QarooPost

Qaroo Post

08 Oct, 17:54


Ammee

Daaraktarichi beekamaan televizhinii Itophiyaa qophii afaan Oromoo warra hundeessan angafa keessaa tokko kan ture Warquu Gaaddisaa guyyoota gabaabaabduf dhukkubsatee utuu wal'aansa irra jiru galgala har'aa boqoteera (du'eera).

Warquu Gaaddisaan diraamalee qopheessuu kophaa utuu hintahin diraamaalee gaggaarii hedduus qopheessaa ture.

Istuudiiyoo televizhinii Itophiyaattis daarakteera beeekamaa ture.

Warquun erga soorama bahee booda immoo hanga dheengadda dhukkubsatee hospiitaala galutti Neetiwoorkii Miidiiyaa Addis (kan Finfinnee) keessaa hojjechaa ture.

Maatii isaa cufaaf Waaqayyoo jajjabina akka kennuuf hawwina.

@QarooPost

Qaroo Post

08 Oct, 11:13


Pireezidaantiin Bulchiinsi Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaan hoggansa ABUT Dr. Dabratsiyooniin durfamu irratti tarkaanfii akka fudhatu ibse.

Pireezidaantiin Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan hoggansa ABUT Dr. Dabratsiyooniin durfamu irratti tarkaanfii akka fudhatu ibse.

Obbo Geetaachoon “hoggansa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el irratti tarkaafii seeraa nan fudhadha” jechuun akeekkachiise.

Bulchiinsi yeroo naannichaa ibsa kaleessa Onkoloolessa 07, 2024 galgala ibsa baaseen, garee ABUT Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu “naannichatti jeequmsa uumuuf hojjechaa jira” jechuun himate.

Bulchiinsi Geetaachoo Raddaa kana kan jedhe ABUT Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu ibsa kaleessa baaseen pireezidaantii naannichaa Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota kaabinee naannichaa shan aangoorraa kaasuu beeksisuu hordofeeti.

@QarooPost

Qaroo Post

08 Oct, 06:24


Nageenya lammiilee Itoophiyaa Libaanos keessa jiraatan mirkaneessuuf koreen teeknikaa hundeeffamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Nageenya lammiilee Libaanos jiraatan ilaalchisee ibsi Ministeera Dhimma Alaa baase akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Ministeerri Dhimma Alaa koree teeknikaa nageenya lammiilee Itoophiyaa Libaanos mirkaneessu hundeessee irratti hojjachaa jira.

Koreen biyyaalessaa Itoophiyaa biyyoota adda addaa keessatti rakkoon isaan mudate gara biyyaatti deebisuuf hundeeffame, xiyyeeffannaan isaa inni jalqabaa lammiilee Itoophiyaa lammiilee Libaanos irratti godhee hojjechaa tureera.

Ministeerri Dhimma Alaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun galmee fi hordoffii lammiilee Libaanos jiran akka raawwatu hoggansa qindeessituu gara Waajjira Qoontsilaa Waliigalaa Beerutitti erguun hojii isaa eegaluu isaa beeksiseera.

Qoontsilaa Jeneraalaa kun hojjattoota afaan biyyattii dubbachuu danda'an hedduu biyya waajjirri kun jiru irraa qacaraa jira.
Yeroo ammaa kana waajjirri Qoonsilaa Waliigalaa sirna galmee qaamaan fi dijitaalaan lammiilee keenya Libaanos keessa jiraniif hojiirra oolchaa jira.

Sababa kanaan lammiileen Itoophiyaa Libaanos keessa jirtan teessoo kennametti argamuun akka galmooftan, waajira qoonsilaa waliigalaatti ammoo galmee dijitaalaa akka galmooftan ni afeerra.

Ministeerri Dhimma Alaa qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiilee gara naannoo nageenya qabu Libaanositti ceesisuufi filannoo hunda fayyadamuun daa’immanii fi dubartoota dursa kennaniif gara biyya isaaniitti deebisuuf hojjechaa jira.

Ministeerichi akka ibsetti nammoni biyya Libaanos keessa haala hinmijanne keessa jiran hundumtu carraa kanatti fayyadamuun yeroo ammaa kana lammiilee Itoophiyaa Libaanos keessa jiraniif dippilomaasii lammiilee irratti xiyyeeffateen dursa kennaa akka jiru, akkasumas nageenyi isaanii akka hin miidhamneef tattaaffii guddaa gochaa akka jiru ibsuu barbaada.

Ministeera Dhimma Alaa FDRI

@QarooPost

Qaroo Post

07 Oct, 14:31


Bulchiinsi magaalaa finfinnee Barattuu Siifan Takiluu qabxii olaanaa 575 galmeessuun 1ffaa, Barattuu Maa'idoot Iskindiriifi Barattuu Sooliyaanaa Habtaamuu qabxii 573 galmeessuun 2ffaa, Barattuu Yaasmiin Kadir qabxii 570 galmeessuun sadarkaa 3ffaa bahuun keessaniif badhaasa kennaniif jiru.

Badhaasaafi beekamtii kennineen alattis badhaasa carraa barnoota biyya alaa (Scholarship)akka barataniif carraa kennaniif jiru.

@QarooPost

Qaroo Post

07 Oct, 12:10


Ambasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Pirezidaantii Mootummaa Feederalaa Itoophiyaa ta'uun muudamaniiru.

@QarooPost

Qaroo Post

06 Oct, 18:33


Magaalaa Finfinnee bakka hedduutti kirkirri lafaa mudateera.

Sa’aatii 2:00 irratti bakka hedduutti kirkirri lafaa dhaga’ameera.

Namoonni manneen keessa turanis raafama kana kan itti dhaga’ame yoo ta’u, keessattuu jiraattonni manneen waliinii jiraatan sababa balaa kanaan gara lafa bu'uun walitti qabamaniiru.

Finfinneen alatti magaalota/bakkeewwan biroo keessattis haalli walfakkaataan akka ture hubanneerra.

@QarooPost

Qaroo Post

05 Oct, 05:24


‘Ayyaanni Irreechaa tokkummaa biyyaalessaa daran cimsuu keessatti gumaacha olaanaa bahaa jira.

Sabaafi Sablammoonni naannolee biyyattii garaa garaa irraa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneerratti hirmaataniiru.

Sabaafi sablammoonni kunneen uffata aadaan faayamanii taphoota, sirbootaafi sirnoota garaa garaa agarsiisaa jiru.

Hirmaattonni Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaatanis Ayyaanni Irreechaa tokkummaa, obbolummaa sabootaa, sablammootaafi uummattotaa biyyattii daran kan cimse jedhan. Irreechi jaalala,nagaa tokkummaafi araara ta’uus eeran.

@QarooPost

Qaroo Post

04 Oct, 19:53


Balallii gara Beeruutii fi Teel Aviivitti taasiifamu addaan citeera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii gara Beeruutii fi Teel Aviivitti taasiisu yeroof adda kutuu beeksise.

Haala waqtaawaa yeroo ammaa hordofee Hanga Onkoloolessa 7tti balallii gara Teel Aviivitti taasisu adda kutuu himeera.

Balallii gara Beerutiitti taasisu ammoo yeroo hin murtoofneef adda kutuu ibseera.

@QarooPost