Baankiin Gadaa marii hawaasaa fi duula sosochii gabaa Godinaalee kibba lixa Oromiyaa-Godina Jimmaa, Bunoo Bedellee fi Iluu Abbaa Booraatii gaggessaa ture, guyyaa har’aa Guraandhala 01 bara 2017 Magaala Mattuutti Abbootii aksiyoonaa fi Maamiltootaa, Daldaltootaa, qaamolee dhimmi ilaaallatuu fi kutaalee hawaasa gara garaa waliin marii baláa gaggessuun milkiin xumuree jira.Baankichi Taajiijla fedhii maamiltootaa giddu galeessa godhate kennuun kan beekamu yoo ta’u, yeroo garaa garaatti bifa kanaan haawaasa gidduutii gadi bu’uun qooda fudhattoota waliin marii gaggessuun isaa taajijila isaa akka babalísuu fi egeree guddina baankichaaf bu’uura ta’uun isaa himameera.
ገዳ ባንክ በደቡብ ምዕራብ ኦሮሚያ ዞኖች በጅማ፣በቡኖ በደሌ እና በኢሉ አባቦራ ሲያካሄድ የነበረው የህብረተሰብ ውይይት እና የገበያ ንቅናቄ መረኃ ግብር በዛሬ ቀን የካቲት 01 ቀን 2017 ዓ.ም በመቱ ከተማ ከከተማው እና አከባቢው ማህበረሰብ፣ከደንበኞች፣ከባለአክሲዮኖች ፣ነጋዴዎች እና ከባለድርሻ አካላት ጋር ሰፊ ውይይት በማድረግ በስኬት አጠናቋል፡፡ ባንኩ የደንበኞችን ፍላጎት ያማከለ አገልግሎት በመስጠት የሚታወቅ ሲሆን በተለያዩ ጊዜያት በዚህ መልኩ ወደ ማህበረሰቡ ታች በመውረድ ከባለድርሻ አካላት ጋር ውይይት ማካሄዱ የአገልግሎት ተደራሽቱን የሚያስፋፋ እና ለባንኩ የነጌ እድገት መሰረት የሚያረጋግጥ ተገልጾአል፡፡