Últimas Postagens de MIJUU SAMMUU (@mijuu_sammuu) no Telegram

Postagens do Canal MIJUU SAMMUU

MIJUU SAMMUU
✅•Mijuun sammuu....sammuun hinsoomin;sammuun samii yaadaati!
♾️√•Yaada yaadan yaaluun sammuu soomeetti sansaka horuudha.Yaada yabbuun yayyabami

✔️Kiriptoowwan kamiyyuu fi Dollar 💵 nibinna.Ton and star ni gurgurra.
💵CEO @Mich3853
15,354 Inscritos
1,546 Fotos
54 Vídeos
Última Atualização 01.03.2025 01:54

O conteúdo mais recente compartilhado por MIJUU SAMMUU no Telegram


Nama addunyaa garbummaa keessa jirutti garbummaan bilisummaadha. Ilaalcha!

MIJUU SAMMUU pinned «Jechoota beekamoo 10nan daandii milkaa'ina 1.Injifachuuf keessa jiraachuu qabda.-Tony Robbins 2.Milkaa'inni quuqama tokko malee kufaatii irraa gara kufaatiitti gufachuudha." -Winston Churchill 3.Namoonni yeroo baayyee kaka'umsi hin turu jedhu. Kanaafidha…»

Jechoota beekamoo 10nan daandii milkaa'ina
1.Injifachuuf keessa jiraachuu qabda.-Tony Robbins
2.Milkaa'inni quuqama tokko malee kufaatii irraa gara kufaatiitti gufachuudha." -Winston Churchill
3.Namoonni yeroo baayyee kaka'umsi hin turu jedhu. Kanaafidha guyyaa guyyaan akka jajjabatanif kan gorsuuf. -Zig Ziglar"
4.Abjuu kee dhugoomsuu yoo barbaadde wanti jalqaba gochuu qabdu dammaquudha.-J.M.
5.Aangoo Boruu  dhugoomsuudhaaf daangaa shakkii keenya har'aa qofa ta'a.Franklin D. Roosevelt
6.Mo'amuu hedduu nu mudachuu danda'a garuu mo'amuu hin qabnu. -Maya Angelou"
7.Jiladhu malee abdii gonkumaa hin dhiisin. -Joorji Luukaas

8.Daandiin milkaa'ina yeroo hunda ijaaramaa jira. Lily Tomlin
9."Ani nama of tolche miti. Gargaarsa baay'ee argadheera." - Stan Lee"
10.Abjuu kee yoo hin ijaarre namni biraa akka isaan kan isaanii sin ijaaran  gargaara." -Tony Gaskins"
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu

Dubbiilee Hayyoota Addunyaa 16:
▬▬▬▬▬▬▬
1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. "
— (Thomas Takias)

2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!"
— (Jecha warra Ingilizii)

3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama."
— (Wiiliyaam Sheekispir)

4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha."
— (Maaksim Troobey)

5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu."
— (William Shekispir)

6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru."
— (Jecha warra Morookoo)

7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha."
— (Jecha warra Arabaa)

8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha."
— (Jecha warra Chaayinaa)

9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!"
— (Jecha warra Ingilizii)

10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha."
— (Jecha warra Aayilaandii)

11. "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti."
— (Maataammaa Gaandii)

12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha."
— (Abrahan Liinkan)

13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu."
— (Abraham Liinkan)

14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna."
— (Rey Liiman Wiilber)

15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu."
— (Maaliif Waaltoo Imarsan)

16. "Maallaqni:
√ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu!
√  Qoricha malee fayyaa hin bitu!
√ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu!
√ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu."
— (Heenriik Ibsan)

@Mijuu_sammuu

Happy Sabbath day!

MIJUU SAMMUU pinned «Leenca Dullooma Dur Dur  Leenca bayyee dulloome kan bineensa adamsee qabachuu hin dandeenye tokkotu turee. Sababa bineensa ari'ee adamsuu hin dandeenyef mala wayii uumatee akkaa nyaata tolfatuu yaaduttii ka'e. Yeroo dheeraaf irraa deddeebi'ee erga yaaden…»

Leenca Dullooma

Dur Dur  Leenca bayyee dulloome kan bineensa adamsee qabachuu hin dandeenye tokkotu turee. Sababa bineensa ari'ee adamsuu hin dandeenyef mala wayii uumatee akkaa nyaata tolfatuu yaaduttii ka'e.

Yeroo dheeraaf irraa deddeebi'ee erga yaaden booda dhuma irrattii mallii tokkoo gara sammiusa seente. Innis gara holqa kattaattii gadi bu'e akkaa nama dhukkubsateettii ciise sanaan booda bineensota isaa gaafachuuf dhufan nyaachuuf murteessee.
Leencichi dulloomaan yaada isaa Isa dhadhanaa kana hojiirraa oolche, yaadni isaas hojjechuufi eegale. Garuu wanti hamaan umurii hin qabu.

Guyyoota keessaa guyyaa tokkoo Jeedallii isa gaafachuuf gara holqichaa dhuftee. Jeedallii uumamumaan haxxee waan turteef gara holqichaattii osoo hin seenin dura haala leencichi irraa jiruuhundumaa ala dhaabattee hubattee ilaalte. Sanaan booda ala dhaabattee sagalee ishee ol fudhattee "Obboo Leenco nagaa keessanii" jettee gaafateen.

Leenichis deebiseefi "Baayyee na dhukkubaa jiraa maalif ol seente na hin gaafattuu?" jedheen.

Jeedalittiinis "Utuun ol seene illee nattii tola turee garuu faana bineensa ol seene malee faani bineensa gadi ba'e nattii hin mul'atu kanaafu gowwaa keessaan barbaadadhaa" jettee achi baate deemte.

Gara bosonaa deemtee wa'ee leencichaa hundumattii himtee.


Hubadhu:- Osoo waan tokkoo keessaa hin seenin dura hubadhuu addaa baafadhu. Booddee gaabbuu irraa dursanii of eegachuun baheessaa.

@Mijuu_sammuu

👉Jiraachuun jirraa utuu hintaane jirraatu jiraachuudha.
👉Rakkinni rakkina caalu fira rakkinaa tahuudha.
""""" Pro.Mihiretu Shanqo

@Mijuu_sammuu

HAVE A BRIGHT SABBATH DAY!

©Dubbii warra sadii akka sadiin fixan.
1 Dubbii warra gowwaa sossobaan fixan.
2 Dubbii warra hayyuu dhugaa itti himuun fixan.
3 Dubbii warra lugnaa sodaachisaan fixan.

@Mijuu_sammuu