Gaaffii barttoonni muslimaa niqaabni akka nuuf hayyamamu gaafatan hoggansi yuunivarsitichaa gurra isaa cufatee akka hin dhageenyee fi akka hin argine gochuudhaan amiirota jama'aa ukkaamsuudhaan fuudhuu eegalee jira.
Amiira jama'aa kaampaasii Agrii kan ta’e Abdulkariim kormaa namoota eenyummaan isaanii hin beekkamneen patrooliidhaan qabamee deemameenii jira.
Gocha seeraan alaa Yuunivarsiitichaa kanaan wol qabatee jama'aan keenya ejjannoo inni fudhatu dhiheenyatti kan isin beeksifnu ta’a.
Jama'aa muslimaa Yuunivarsiitii jimmaa.