NAMA NAMALEEFI HARAMA ANAMALEE:
Haramaa (weeds) maqaan isaa "ana-malee" jedhamuutu jira. Akkuma haramoota "Ardi-fasaad; Qoree Wayyaanee kkf" badii malee bu'aa hin qabu. Haramaan kun bakka itti biqilee ofumaaf sanyii ykn gosa isaa qofa waan babal'isuuf haramaan biroo biratti hin qabatu ykn hin magaru, biqilus hin guddatu anamaleen ukkaamsee qancarsee of keessaa balleessa waan ta'eef. Bakka haramaan anamalee jiru haramaan biraa tokkolleen isa bira hin jiru. Anamaleen uumamni isaa ana malee fakkaataan biroo jiraachuu hin qabu jedhee waan amanuuf biqiltoota gosa haramaa kamiiyyuu danda’ee hammatee waliin jiraachuu hin danda’u. Haramaan kun nyaata beeyladaatiif hin oolu. Haramaan kun laafaa waan ta'eef tajaajila manaan haxaawwachuufis hin tahu. Horiin kamuu isa hin nyaatu. Harrelleen hin nyaattu. Haramaa namaleen dafee bada, hiddi isaatis lafatti gad hin hidhatu laafaadha, umriin isaa gabaabaadha. Haramaan anamaleen mataan baala qabaatus jirma qaama nama quuqu waan qabuuf tajaajila ciisichaa ykn afataafis hin oolu. Haramaa biraa bu'aa qabuufi beeyladaan nyaatu ni balleessa; Bishaan yoo roobes dafee biyyaa keessaa xuuxa; Dachiin inni irratti biqilu hin laaffattu bishaan waan xuuxuuf akka waan irra damaaddamamtee ykn sirbamtee ni jabaatti; Daraaraa isaatis kanniisni irra qubatee hin fuudhu; Baalaafi qaamni isaatis yoo keessa dahoof ykn dhokachuuf seentes dafee waan kufuuf ykn cabuuf dahoo namaaf tahuu hin dandahu. Haramaan anamaleen foolii, bifa, dhaabbii, daraaraa, firii, kkf bu'aa nama hawwatuufi fayyadu tokkollee hin qabu. Haramaan kun bubuqqisaa ooltus takka qabannaan sanyii isaa bakkatti balleessuuf baay'ee ulfaataadha.
Namni ilaalcha, jechaa fi gocha Ana malee, Anaaf maleefi Anaan malee qabus akkuma haramaa anamalee namoota hammatee jaalalaan waliin jiraachuu hin danda’u. Nama isaan dorgomu ykn ana caala jedhee ofirraa shakku hunda kallattiin ykn alkallattiin dhabamsiisuu yaada. Anaan malee hin roobin, hin margin, hin firaa'in waan jedhuuf milkaa'inaafi gaarummaa inni keessa hin jirree kamuu jibbuun naannoo isatti akka lafa hin qabanne taasisuu yaala. Wanti inni keessa hin jirre ykn maqaa itti hin arganne akka toltu hin fedhu. Milkaa'inaa fi injifannoon isaan malee ykn inni hin hirmaatin akka baddu ifaaja.
Anamaleessummaan naqarsaa namoomaa, obbolummaa, tokkummaa, haqummaa, gaaromaa, badhaadhinaa, qaroominaa fi milkaa'inaa waan ta'eef hundi keenya hanga dandeenyu ofirraa balleessuu fi namoota nutti dhihoo amala akkanaa qabanis tarsiimoon dhukkuba kanarraa fayyisuu qabna. Anamaleen namaa diina heera Uumaati. Hariiroo Uumaafi uumamaatiifis qormaata. Qajeeltoon Namoomaa furmaata.
Qajeeltoo Namoomaa
Furmaata Dhala Namaa