yunivarsiiti jiimmaatti Barattoonni Musliima mutanaqqiiba ta'an waggoottan shan darbanif niqaaba amantii isaani ajajee uuffatan yunivarsiitiichi isaan dhorkaa tureera. Kanumarraan kan ka'e yeroo balbala yunivarsiiticha qaqqaban ofirra baasaa fi yeroo yunivarsiiticha ala ta'an uuffacha mirgii isaani sarbamaa tureera. Jama'an musliima yunivarsiiticha rakkicha furuf yunivarsiiticha wajjin irra deeddebin mari'atus sossoobun alatti wantii isaanif deebi'ee hin jiruu. kaleessaa sarbamu mirga akkanaa bukkeetti gatuun niqaaba isaani uuffatani waan seenanif guyyaa har'a waraqaa eenyuummaa isaani irraa fudhachu, arrabsoo fi dorsiisa adda adaaa ittiin gahaa akka jiruu jama'aan yunivarsiiticha beeksiisee jiraa. Kun sarbiinsa mirga ifa bahee waan ta'eef mirga isaani kabachiisuf karaa nagaan akka qabsa'an beeksiisaniiru.
https://t.me/EHEMSU