Latest Posts from GAADDISA SABAA (@gaaddisa_sabaa) on Telegram

GAADDISA SABAA Telegram Posts

GAADDISA SABAA
QABIYYEE CHANALA KANAA!
══════════════════
➮ Odeeffannoo Barnootaa 👩‍🏫
➮ Waliin Dubbii Barattootaa🗣
➮ Kitaaboota kutaa 1-12 📚
➮ Sagalee Barattoo keenyaa💪
➮ Work sheet Barattoota 📝
➮ Kitaaboota dabalataa📕
Yaadaaf @Abseeje
11,440 Subscribers
515 Photos
7 Videos
Last Updated 09.03.2025 13:36

Similar Channels

MILKAA'INA JIREENYAA
22,779 Subscribers
MARSIL TV
16,661 Subscribers

The latest content shared by GAADDISA SABAA on Telegram

GAADDISA SABAA

12 Feb, 18:58

1,432

Guyyaan Galmee Barattoota Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa Fudhatanii Beekame.
---------------
BBO- 04/06/2017 Naannoo Oromiyaa keessatti bara 2017 barattootni qormaata sadarkaa naannootti fudhatan (kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyaan galmee kan beekame yoo ta'u, galmeen taasifamus '#online' waan ta'eef Abbootiin Adeemsaa Bulchiinsa qormaataa waajjira barnootaa aanaafi magaalaa hundarraa dhufam namootni 450 ol ta'an 'software' irratti leenjiin kennamu har'a eegaleera.

Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa Waldamikaa'el yoo ta'an, haasaa isaanii keessatti bara teeknoloojiifi dijitaalawaa kana keessa qulqullinaafi gahumsaan itti fayyadamuun barbaachisaa waan ta'eef leenjii kennamu kana yaadaafi qalbiin akka hordofuu qaban ibsuun, ragaan barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa har'a galmeessisan guutuu jireenya isaanii waliin waan turuuf of eeggannoofi qulqullinaan galmeessuu qabdu jechuun dhaamsa kan dabarsan yoo ta'u, leenjitootaaf turtii gaarii hawwuun leenjichi ifaan ifatti banamuusaa himaniiru.

Itti aansuun haasaa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Bulchiinsa Qormaataafi Madaallii obbo Huseen Qaasim yoo ta'an, bara 2017 barattootni qormaata fudhatan;
#1_kutaa_6ffaa karoorri ,
dhi -408 134 du - 361 042 walitti -769 176
#2_kutaan_8ffaan immoo karoorri, dhi -276 302 du -260 110 wal- 536 607 waan ta'eef barattootni kunniin ragaanifi suuraan isaanii wal simee akka galmaa'an hoggantoofaafi abbootii adeemsaa qormaataafi madaallii barnootaatiif leenjiin kun har'a kennamuu jalqabneerra jedhaniiru.
Galmeem barattootaa '#online' waan ta'eef leenjitootni har'a leenji'an hanga mana barnootaatti gadi bu'anii kan leenjisan ta'uus ibsaniiru. Dabalataanis obbo Huseen, leenjii kana booda galmee kan jalqabamu ta'uu beeksisuun; #1_Kutaa_8ffaan
#Guyyaa 15/06/2017 hanga 10/07/2017 yoo ta'u,
#2_Kutaa_6ffaan
#Guyyaa 15/07/2017 hanga 10/08/2017 tti kan turu ta'uu ibsaniiru.
Kanaafuu barsiisotniifi ogeessotni galmee kanarratti hirmaatu hunduu ragaa qulqulluu akka guutan dhaamsa dabarsaniiru.

Walumaa galatti akka naannoo keenyatti #barattootni_kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_2017 qormaata naannoo fudhachuuf #ni_galmaa'u_jedhamanii_eegaman_walitti miliyoona 1.3 ta'uu karoorri biiroo keenyaa agarsiiseera.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_BBO
GAADDISA SABAA

13 Jan, 15:16

3,098

#Kutaa_12ffaa

Galmeen barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhatanii guyyaa boruu Kibxata jechuunis Amajjii 6 bara 2017 waaree booda sa'aatii 11 irratti ni xumurama.

Hanga ammaatti barattoonni galmee hin galmoofne yeroo hafetti galmaa'uun qormaatichaaf qophii akka taasistan BBO cimsee isin beeksisa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_BBO
GAADDISA SABAA

09 Jan, 15:19

3,449

Guyyaa 01/05/2017

#BEEKSISA

#Barsiisotaafi_HMB_Sad_2ffaa Hundaaf
------
Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ganna bara 2016 irraa eegalee barsiisotaafi hoggantoota MB. Sad. 2ffaatiif leenjii addaa fooyya'insa dandeettii kennuu jalqabuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatuun Ganna bara 2017 gosa barnootaa barsiisan irratti leenjii ijaarsa dandeettii kennuuf waan barbaadaniif #Barsiisotniifi_Hoggantootni_Manneen_Barnootaa leenjii fudhachuuf fedhii qabdan 'liinkii' marsariitii(website) asii gaditti isiniif kenname banuun '#Online' akka galmaa'uu dandeessan isin beeksifna.
#Hub. Warra Ganna Darbe Leenji'an Hin Ilaallatu!

#Qulqullina_Barnootaa_Mirkaneessuun_Bu'aa #Barachuu_Barattootaa Haa Guddifnu!
Link:- https://forms.gle/NTMzLQK6pohUpvkq6?fbclid=IwZXh0bgNhZW0CMTEAAR35yBsz2cyS-p8K2UuJRZrc5LRBNRBGSDHY5FijAQr2N4KHCjmKt1hPFEQ_aem_bEmzeyCk-Taprqo22DuzaQ
GAADDISA SABAA

05 Jan, 06:26

3,508

#Odeeffannoo barattoota Kutaa 12ffaa

Galmeen qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Ammajjii 6/2017  sa'aatii 10:00 irratti akka xumuramu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata  beeksise.

Kanaaf barattoonni galmee hin xumurre yeron darbuun dura akka xumurtan tajaajilichi dhaamsa dabarsa.
Qabiyyee qormaata bara 2017 ilaalchisee ergaa tajaajilichi erge keessatti;  Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka waliigalaatti kutaa 9-12 kan hammatu yoo ta’u, qormaanni naannoo kutaa 8ffaa ammoo kutaa 7-8 kan hammatu ta’uu ibsaniiru.

Barattoonni kitaaba barattootaa sadarkaa kutaa kutaa irratti hundaa’uun qophaa’uu akka qaban tajaajilichi akeekeera.

@Gaaddisa_Sabaa
GAADDISA SABAA

31 Dec, 16:08

3,349

Galmeen Barattoota Bara 2017 #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Fudhatanii #Amajjii_06/2017 Kan Xumuramu Ta'uun Beekame
----------
BBO- Muddee- 22/2017 Galmeen barattoota kutaa 12ffaa bara 2017 qormaata biyyoolessaa fudhatanii Muddee 08/2017 irraa eegaluun ni beekama.
Galmeen barattootaa kun manneen barnootaa keessatti 'online'n gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, #galmeen_kan_xumuramu_immoo_Amajjii_06/2017 ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatawwan Biyyoolessaa beeksiseera.

Akka biyyaatti, Bara barnootaa 2017 barattootni kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa ni fudhatu jedhanii eegaman 750,000 yoo ts'an, hanga guyyaa 21/2017tti barattootni 499,000 olii kan galmaa'an ta'uu TMBQB beeksiseera.
Barattoota qormaata fudhatan keessaa 600,000 barattoota idilee yoo ta'an 81% galmaa'uun beekameera.

Dhumarratti Barattootni qormaata biyyeelessaa fudhatan galmee adeemsisaa jiran keessatti ragaa qulqulluufi sirrii ta'e akka guutaniifi guyyaa kenname keessatti akka xumuramu deeggarsi barsiisota keenyaa akkuma kanaan duraa cimee itti fufuu qaba kan jedhu dhaamsa biiroo keenyaa ti.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_BBO
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_BBO
GAADDISA SABAA

30 Dec, 10:32

4,741

#Kutaa_12ffaa

Hanga ammaatti barattoonni 499,000 ol ta'an qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhachuuf galma'aaniiru.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kennamu kanaaf hanga ammaatti barattoonni 499,200 galmaa'uu isaanii Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa ibseera.

Idilee fi dhuunfaadhaan barattoonni 750,000 ni galmaa'u jedhamee kan eegamu yoo ta'u, barattoota idileen qoromaniif galmeen karaa online Mudde 8 bara 2017 irraa kaasee gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Amajjii 6 bara 2017 akka xumuramu ibsameera.

Sagantaa idilee dhaan barattoota 600,000 galmeessuuf karoorri kan qabame yoo ta'u, hanga ammaatti 82% kan ta'an barattoonni idilee galmaq'uu isaanii ibsaniiru. Dhuunfaadhaan ammoo barattoonni 150,000 ni galmaa'u jedhamee kan eegamu yoo ta'u, hanga ammaatti barattoonni 1,100 qofti galma'aaniiru.

Iddoowwan karaa online galma'uuf internet hin qabneef barattoonni karaa waraqaa erga galma'aan booda iddoowwan Internet jirutti gara online akka fe'amus himameera.

Waamicha barattoota sagantaa reemeediyaalii Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join fi share taasisaa!

@Gaaddisa_Sabaa
GAADDISA SABAA

29 Dec, 19:05

4,303

Bu'aan isaa boru ni xumurama namoonni hin xumurin wantoota gochuu qabdan hunda xumuraa
GAADDISA SABAA

29 Dec, 19:03

4,901

Wonti Kun project guddaadha

Namoonni Hanga Amma hin jalqabne linkii isaanii kanaan jalqabaa. hojiin isaa baayye kan ulfaatuu miti.Xumuramuuf yeroo muraasa waan qabuuf carrap kanatti fayyadamaa.
👇👇👇👇

https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=yr62XWfq
GAADDISA SABAA

29 Dec, 18:32

5,140

@Abdii_Abas

Namoonni group gurgurachuu barbaaddan username
@Abdii_Abas ja'u kanaan koottaa

NB:-
~Group bara 2023 fi san dura jiru.
~Text shanii ol qabaachu qaba.
~Nama haaraya seeneef mullachuu qaba. ~Baayyiinni miseensaa Rakkoo hin qabu, Nama tokko qofa tahuus ni taha.
GAADDISA SABAA

29 Dec, 18:29

4,956

Bu'aan isaa boru ni xumurama namoonni hin xumurin wantoota gochuu qabdan hunda xumuraa