Dhaabbanni keessan yeroo gabaabaa keessatti hundeeffama isaa taasisuun hojiiwwan boonsaa ta’e hojjechuu irratti akka argamu hundi keenya dhugaa kan baanu dha. Pirojektii barnootaa bara kana hojiitti galchine milkaa’inaan lafa qabsiifachuu keenya waan hubanneef hojii babali’inaa bakkeewwan dabalataa lamatti hojjichuuf karoorfachuun keenya ni yaadama. Kanaafis kan ta’u lafa karee 18,000M2 Magaalaa Shaggar irraa Investimentiin fudhannee irratti hojjechuuf sochiitti jirra. Kana malees Giddu gala faayyaa haadholii fi daa’immanii sadarkaasaa eeggate bakka fedhiin tajaajila kanaa bal’inaan itti argamu magaalaa shaggar keessatti banuuf haldureewwan baarbaachisan guuttachuuf sochiitti jirra. Kaappitazala hojii kanaaf barbaachisan walitti qabuuf sheeriiwwan kuma 300 gurgurtaaf dhiyeessinee jira. Sheeriiwwan kanneen gurguruuf dursa miseensotaaf kenninee kan jirru yoo ta’u miseensonni haaraan carraa kana fayyadamuu barbaadanis kan simataman ta’u. Miseensonni duraan turtan Unka sheerii dabalataa jedhu asii gaditti qabsiifame kana guuttannii suura kaasuun nagahee kaffaltii waliin nuuf ergitu. Kanneen haaraa galmooftaniif ammo unki galmee waan jiruuf unka guutuun nagahee kaffaltii keessan waliin suura kaasuun nuuf ergitu. Kanaafuu yeroo gabaabaa keessatti carraa kana fayyadamuun, maatii fi hiriyyoonni keessan carraa dhaabbata dhalootaaf dhalootaan hundaa’e kana keessaa akka qooda argataniif akka wal haffeertan kabajaan isin yaadachiifna.
Odeeffannoo dabalataaf
0946474805/59/
0923014132