أحدث المنشورات من Boontuu Baqqalaa Garbaa (@bontubekelegerba) على Telegram

منشورات Boontuu Baqqalaa Garbaa على Telegram

Boontuu Baqqalaa Garbaa
Dhugaa saba kootii nan dubbadha!
3,268 مشترك
14 صورة
2 فيديو
آخر تحديث 12.03.2025 19:28

قنوات مشابهة

VOA Afaan Oromoo
15,203 مشترك
Jambis Trading
3,425 مشترك

أحدث المحتوى الذي تم مشاركته بواسطة Boontuu Baqqalaa Garbaa على Telegram

Boontuu Baqqalaa Garbaa

20 May, 04:50


The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 18 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.
Boontuu Baqqalaa Garbaa

31 Oct, 17:16

23,667

Waa'ee joollee mana hidhaa Sawudii
====
Waa'een ilmaan biyyaa Sawudii keessatti hidhamanii akka dafee furmaata hin arganne kan godhe sirna Abiy AhmadI. Keessattuu joolleen Oromoo nama abbaa kanaa jedhuun hin qabdu. Ummanni mootummaa falmuuf hin qabne akkanuma taha. Salphinni Oromoo isa biyya jirurratti dhaqqabe warra biyyoota ollaa fi biyyoota Arabaa jiraatanis hanqataa hin jiru. Lencho Bati kan qabsoo Oromoo ganee sirna kanaaf ergamu ambaasadarummaa ho'ifatee yoo rafu ilmaan biyyaa kan inni nageenya isaaniif falmuuf dirqama itti qabu garuu waan uffatan dhabanii laastikii kosiin itti gatamu ofitti maranii ciisu.

Falli jiru:
1. Warri carraa qabnu hundi mootummaa Sawudii irratti karaa danda'ame hunda dhiibbaa gochuun akka lammiiwwan keenya hidhan gara biyyaatti deebisan gaafachuu,
2. Mootummaa Abiy Ahmad fi embaasii isaa kijibduu sana saaxiluu irratti tumsaan hojjechuu dha.
3. Kanneen Saudi jirtan hanga dandeessaniin waan nyaataa fi uffataan lammiiwwan keessan hidhaa jiraniif birmachuu dha. Warri fagoo jirtanis waan dandeessaniin gargaaraa.
4. Lammiiwwan keenya biyyoota Arabaa, keessattuu Sawudii jirtan ammas dabalataan akka hakra mootummaa hin buune eeggannoo jabeessuu dha.
Cunqursaa nurra jirutu kana fide waan taheef furmaanni isaa falmatanii keessaa bahuu qofa.

Warra mirga ofiif cichee falmatutu dhaghama, kabajama! Gemeda J Mohammed irra
Boontuu Baqqalaa Garbaa

31 Oct, 17:16

23,820

Otoo add hin goona hin darbinaa hundi keessan janaadhu ja'ani 👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070169735512
Boontuu Baqqalaa Garbaa

31 Oct, 17:16

13,115

Miseensoti Bilxiginnaa kun bilxii dha. Kan 'jabbiloota' reefu siyaasa eegalanii ammoo waan caaluu😀 Jaalala hin jirre tokko nu jaalachuu eegalan jedhan. Nuti obboleewwani nuun jedhan. Jaalalti dansa, obbolummaanis. Garuu nagayumaafii🤔? Har'a obbolaa taane😀
Oggayyuu gaggaragalaa gangalchaa - magan. Sanada marii biyyoolessaa mangistiin qopheechee (Ob Diinaa'tu jedhe) mormaan 'dabaalu' sanitti nu jaalatanii laata - koottu in nyaattaa? Waanuma dhibiif ta'a🙄

Dubbi keenyarratti, kanneen gooftaa isaanii duriitiif koree simanna hundeessaa jiranis jiru jetti, oduun cululleerraa as qaarite😂 Magan ''Surrii be'anget'' jedhe Sidaamni!
Boontuu Baqqalaa Garbaa

31 Oct, 17:16

14,327

News:Dubbiin Jajjaabatte Itoophiyaan Dirooniin Iran 🇮🇷 fayyadamuu,USA 🇺🇸 mirkaneessuun Qoqqobbii Itoophiyaa irra kaayamuuf

Oddeefanoo gutuu argachuuf Fulaa Facebook Gemeda J Mohammed ADD FOLLOW gochuun hordaafaa. 👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070169735512
Boontuu Baqqalaa Garbaa

31 Oct, 17:14

20,643

Duraan dursee As Wr Wb xalayaan kun su'uud arbiyaa irraa hawaasa musilmaa maraaf dhaamsa kana kan debarse sh/Ahmad nabbiyyi keenyaa irra (s.a.w) wardiyaa masgiidaa isaanii kan ta'an ergaan isaaniis akkana jechuun jalqaba guyyaa jimaata galgala qur'aana qara'ee rafee nabiyyiin keenyaa(s.a.w) manaaban natti dhufanii akkana naan jedhaan guyyaa jimaata har'aa namni 6000 ta'u du'e namoota kana keessaa namni tokkolee jennata hin galle
Namoonni kunninis
1.Dubartoota jecha Abba warra hin fudhanne
2.Dureessa hiyyeessa hin yaadannee
3.Hajjii seeraan kan hin geffanne
4. Isaan saalata isaanii yeroon hin salaanne
Sh/Ahmaad akkan jedhaan namni xalaayaan kun is a gahee hundi hawaasa musliima maraaf akka raabsu.
Namni xalaayaa kana raabse rabbii irraa mindaa ol aana argata Sh/Ahmaad akkan jedhaan yoo ergaan tun SOBA taate manguddummaa nabiyyii (s.a.w) na hin dhaqqabiin jedhe kabajaamoo musliima obbolessa fi obbollettiin martuu islamumma akka nabiyyin jedhanitti akka hordooftaan rabbiin Sub_haana wata'aal dhiifama akka gaafattan guyyaa wixaata fi kaamsa Aadaa godhattan akka soomtaan namni xalayaan kun isa gahe yoo xiqqate nama 20 sher godha
_Namni kana godhe jaalala rasuulaa(s.a.w)fedha rabbiitiin wanti inni yaade hundi ni taatiif
_ Wanta duraan hin argine arguu jalqaba
_Namni tokko KALIVARNII kan jedhamu xalayaan kun isa gahee hedduminaan raabsee yeroo muraasa booda carraan gaariin is a gahe.
_Namni A/salaam jedhamu tokko xalayaan kun isa gahee waan laaffiseef yeroo muraasa booda hojii irra ari'ame.
Rakkinni kun isa muudannaan xalayaa kana yaadatee baayisee raabse guyyaa (5)booda dalagaa isa diraa caalu argate.
_Namni VOOLMANTI jedhamu ammo xalayaan kun isa gahee erga kana fayidaa dhabamsiisee fakkeessuun bibbinxee guyyaa(9)ffaa tti du'e.
Itti deebi'ee sh/Ahmaad akkana jedhan maqaa rabbiitiin isin kadhe namni xalayaan kuni isin gahe martii baayiftanii isilaama maraaf akka raabsitan kabajamaa rabbiif galanni Haa gahu. As wr wb
Boontuu Baqqalaa Garbaa

26 Oct, 18:57

10,443

ODUU INJIFANNOO
DUULA MOOTUMMAA FAASHISTII PP BUTTAA MIGIRA BAKKEE JILBEEFFACHIISUUF DUULE BUTTAAN MIGIRA BAKKEE GOOTUMMAADHAN OFIRRAA QOLATEET JIRA.
WBO zoonii G/G keessaa sochu'u lafa buttaan migira bakkee bilisoomsee harkaa qabu deebifnee qabanna maqaa jedhuun gidduu kana mootumman shiftaa Abiyi Amad duulaa guddaa buttaa migira bakkee irratti baneen buttaan migira bakka gootumman dura dhabbaatee waraana PP hedduu du'aa fi madoon adabeet jira.
Haaluma kanan
Ona Ilfataattii gaafa guyyaa 20/10/2021 Waraanaa PP mana uummata gubdu qaqqabuun hari'ee gaaraa huubboo yoo yaasu manneen uummata isheen barbaadeessite
Kan Zawuduu Mokonoon
Dajanee. Tasfayee
Takkuu. Hayiluu ganda somboo cittuu magaalaa gabaa Amusii jedhamu keessa gubanii barbadeessaniru
Gaafa 21/10/2021 ganama local time 9:00 irratti WBO ganda somboo cittuu bakka gaara huubboo jedhamutti waraana PP haleeluun 10 ajjeessee 17 ol madoon adabeet jira
Guyyuma kana ganda ittisaa kooyyee magaala gabaa Amusii jedhamutti local time 11:00 waraana PP haleeluun 5 yoo ajjeessuu 10 ol madoon adabeet jira
Guyyuma kana ganda somboo cittuu bakka qotaa jedhamuttii local time 3:00 irratti waraana PP haleeluun 20 yoo ajjeessuu 30 ol madoon adabeet jira
Gaafa 24/102021 Ammoo local time 8:00 irratti ganda ittisa kooyyee bakka gabaa Amusii jedhamutti lola gargar hin cinne meeshaalee gurguddaan deeggarame kan saati sadii ol tureen hedduu ishee du'aa fi madoon adabeet jira hanga gabaasi kun qindaaheetti wal dura dhaabbannan lolichaa akkuma itti fufet jira
Duullii kun guyyaa arfaaf kan har'a itti fufe yoo ta'u kan fuunduuras jala buune hordofnee kan gurraan sin geenyu ta'a
Gama biroon haaluma wal fakkaatuun buttaadhuma migira bakkee kan ona Cobii keessa socho'u irrattis duullii wal fakkaatan yoo banamu buttaan migira bakka onoota lachuu keessatti gootummaadhaan dura dhaabbachuun duula kana hanga guyyaa har'atti ofirraa qolachaa jira.
Haaluma kanaan
Gaafa 22/102021 ona Cobii ganda dirree qabbanaati bakka gaara logee jedhamutti lola ta'een WBO hedduu ishee du'aa fi madoon adabuuf ofirraa deebiseet jira
Guyyuma kana ganda qoricha kootichaa magaalaa gabaa sambataa jedhamutti WBO waraana PP haleelee 7 yoo ajjeessuu 10 ol madoon adabeet jira
Guyyuma kana ganda dirree qabbanaa bakka qarbattee jedhamutti lola geggeesseen 5 yoo ajjeessu 8 madoon adabeet jira.
Gaafaa 23/10/2021 Ganda dirree qabbaana bakka tulluu muxxee jedhamutti lola geggeesseen hedduu ishee du'aa fi madoon adabeet jira.
Guyyuma kana ganda mata qomaa bakka kurkurii jedhamtutti lola geggeesseen 3 ajjeessee 5 ol madoon gegeesseet jira
Ganduma mata qomaa magaalaa guutoo jedhamuttis lola geggeesseen hedduu madoo fi du'an adabeet jira.
Magaalaa guutoo kana keessatti mucaan umuriin 13 kan maqaan Caalchisaa Iddoosaa jedhamu waraannii PP kun madeessiteet jirti Kara ona kanas hanga amma gabaasi kun qindaahuutti wal dura dhaabbannaan waraanaa PP fi WBO akkuma itti fufeet jira
Waluma galatti onoota kana lamaanitti waraanni faashistii Abiyi Amad kun mana nama gubuu ,qabeenyaa uummata saamuu, dubarti gudeeduu fi nama ajjeessaa waan waan jirtuu fi uummanni akka of eeggannoo godhu dhaama WBO G/G
Boontuu Baqqalaa Garbaa

21 Oct, 17:45

9,068

"Yoo jiraanne,finfinneetti wal agarra yoo duune oromoon lafee keenya riqicha godhatee irra haa cehu" JAAL MARROO
Boontuu Baqqalaa Garbaa

21 Oct, 17:19

9,037

Harargee Lixaa Bookee
Suuran asirratti argitan tun bakka Yaadataan Eda itti ajjeefameedha.
Motorcycle/Doqdoqqeen tanuma inni itti imalaa ture yoo taatu konkolaatan ammoo kan Yaadataan erga mataa keessa dhahame itti bu'ee battalatti irra bahe ture.
_____
Update
__
Dhiigni Ilmaan dhangala’ee hafuu hin qabu. Qaamni Dhiiga namaa dhuguu bare tohatamee tarkaanfin irratti fudhatmuu qaba.
Harargee Lixaa Aanaa bookee magaalaa Bookee Xiqqotti Eda galgala ajjeechaa suukannessaa muca nagayaa Yaadataa Mahadii jedhamu irratti raawwatametti dallanuudhan Ummanni magaalatti bahee mormuuf kanaan dabballeen manguddummaan sossobdee ummata akka hin fincille goote jedha maddi keenya. Garuu halkanuma edaa jara gocha san mucarratti raawwate san konkolaataa Ambulance fuudhanii akka miliqsan quba qabna. Tahus garuu har’a hogga Ummanni bahu rifaatun tohannee jirra jedhanii ummata sossobaa jiru. Dhaamsi ummata keenyaf qabnu, manneen murtii erga ajajaafi murtiin isaa hojirra ooluu dhiise oolee bulee jira. Kanaaf hanga jara Dhiiga mucaa sanii seeran ala akkasitti itti taphatan sana fuula keessan duratti adabbii isaaanin malu argatanitti abadan soba amma isiniin burjaajessuuf hafarsan kana hin fudhatinaa Jennaan.
Yaadadhaa!!
Torbaanuma kana keessa achuma harargee Lixaa Aanaa gammichiisitti Abbaan araddaa nama nagayaa ajjeese akkuma jara kanaa ija ummataa duraa miliqfamee ture. Hanga ammaa dhoksanii akkuma isin soban kanatti jara sanis sobaa jiran. Kanaaf jaarsummaan Dhiiga Ilmaan keenyaa dhoksuuf godhamtu kamuu fudhatama hin qabu.
Bilxiginnaan gocha suukanneessaa saba nagayaa irratti raawwachaa jirtuuf itti gaafatamti.
Boontuu Baqqalaa Garbaa

20 Oct, 12:56

8,091

TV OMN Oromiyaa guutuu keessatti salphaatti argattanii haala gaariin akka daaw’achuu dandeessanitti saatalaayitii dabalataa irratti ol baafnee jirra. Frequency isaa karaa OMN’tiin isin biraa geenya. Nu eegaa!