Birraa Inspire @birraa_inspire1 Channel on Telegram

Birraa Inspire

@birraa_inspire1


Birraa Inspire (English)

Are you looking for daily inspiration to help you stay motivated and positive? Look no further than the 'Birraa Inspire' Telegram channel! This channel, managed by the username @birraa_inspire1, is your go-to source for uplifting quotes, empowering stories, and words of encouragement. Whether you're facing challenges in your personal life, career, or relationships, Birraa Inspire is here to provide you with the inspiration you need to keep going. Join our community of like-minded individuals who are dedicated to self-improvement and personal growth. Let Birraa Inspire be your daily dose of motivation and positivity. Subscribe now and start your journey towards a more inspired life!

Birraa Inspire

16 Jul, 05:46


Yeroo hedduu akka bakka yaannu hin geenye fi waan barbaannu hin arganne kan nu godhaa jiru Afaanuma keenya tahuu dandaha.

Birraa Inspire

16 Jul, 05:44


https://youtu.be/cBeFXOxMThM

Birraa Inspire

20 Mar, 14:42


https://youtu.be/qrlQkbkjads

Birraa Inspire

06 Mar, 10:49


https://youtu.be/-_3BNwzWBX4

Birraa Inspire

12 Feb, 12:29


Yeroo dheeraa booda video ajaa'ibaatin deebine 🤝Subscribe godhaa daawwadhaa

https://youtu.be/1Qh4y2TnePE

Birraa Inspire

08 Jan, 14:34


Namoonni yeroo sitti wacanii fi sitti hanjaman akka nama hin dhageenyetti bira kuti.
Dirree kubbaa keessattuu kan wacu warra taphatu osoo hin taane, warra daawwatu 😉

Birraa Inspire

11 Nov, 23:25


Namni kun Mana Hidharraa Baduudhaaf waggaa 5 guutuu lafa jala qotee erga qaawa argate booda, biiroo poolistootaa keessaan as bahe 🙄

Carraa badaa akkanaa irraa nu haa tiissu..

Birraa Inspire

11 Nov, 15:33


Nama si sobe tokko, maalif akka si sobe hin gaafatin.
Gaafii kee deebisuuf deebi'ee si soba waan taheef

Birraa Inspire

11 Nov, 15:32


Riqichi warra siyaasaa jidduu jiru yeroo diigame, dhumarratti Hallayyaa uumamte reeffa ilmaan hiyyeesstiin guutanii harka wal fuudhan.

Nagayni hunda dursa ✌️

Birraa Inspire

11 Nov, 15:30


Guyyaa Adeeroon wal arganirraa jalqabdee, hanga inni biraa godaanutti utubaa isaa turte.
Firaa fi Ahlii, Maatii fi biyya ishii dhiiftee isa qofa filatte. Isa amantee akka haphetti qabatte. Onnee ishii kenniteefii ta isaa fudhatte. Bobaa isaa jala teessee gaddaa fi gammachuu hedduu waliin qooddatte.

Jaalala dullumti hin irrifnee fi dhukkubni hin daangessine waliif qaban.
Habo Liillii Umrii dheeradhu fakkeenya jaalalaa.

Abbaa Keenya Rabbi haa araaramuuf 💔

Birraa Inspire

21 Oct, 17:41


Hulaan 1 cufamtu 100 banama.

Yeroo tokko tokko wanni nuti barbaannu bakka nuti yaanne saniin ala waan jiru nutti hin fakkaatu. Waan tokkoon hin milkooyne jechuun; wanni hundi achirratti dhaabbate jechuu miti. Yeroo asiin cufamte achiin banaa tahuu hin hubannu. Karoorri Rabbii yeroo mara keenyarra guddaadha.
👇👇
https://youtu.be/6m3nqmE2wg0

Birraa Inspire

19 Oct, 20:34


https://youtu.be/KAk2sR3ct5A

Baraa fi Dhaloota
"Addunyaan guddachaa deemti. Nuti immoo xiqqaachaa deemna" akkamitti?
Video daawwatamuu abu

Birraa Inspire

23 Sep, 04:41


Thank you for 1K
Galatoomaa 🙏

Birraa Inspire

23 Sep, 04:35


Namoonni dhaabbatan akka sin dhaabne !

Namoonni hedduun qeeqa fi jechoota negative darbachuu aadaa godhatanii jiran. Osoo humaa hin hojjatin, bakka nama hojjatuu san osoo of hin buusin madaala mataa isaanirra si kaayan.

Deeggartoonni dirree kubbaa miilaa guutanii laalanii fi kanneen fooddaa TV'tiin daawwatan, dandeettii dirree seenanii daqiiqaa 1'f taphachuu osoo hin qabaatin "akkas godhi, osoo akkas gootee ni moota ture" ja'anii murtiif jarjaran. Osoo akka tasaa carraa taphachuu argatanii, rubuu dandeettii taphataa sanii hin qabanii beeki.
"nama taa'uuf samiin dhihoodha" ja'a mammaaysi. Nama hin hojjanneef taa'aanii qeeqa roobsuun salphaadha.

Kanaafuu namaatu na qeeqe, na arrabsee fi hojii tiyya busheesse jettee gonkumaahuu waan gaarii itti amantee eegalte hin dhaabin.
Inni dhaabbatu si dhaabuu barbaada waan taheef, waliin hin dhaabbatinii dammaqi !

https://youtube.com/channel/UCziQC6IQdD_G9FhRD0Gz07Q

Birraa Inspire

05 Sep, 12:14


Nama sitti dhiyaatu tokko gowwoomsitee yoo itti milkootte, namicha akka gowwaatti hin yaadin. hanga ati isa miite caalaa waan inni si amanuuf tahuu quba qabaadhu !

Birraa Inspire

27 Aug, 06:33


Arra kee laaltee namaa gaditti of hin laalin. Ati kaleessa as hin turre. Borus as hin jirtu. Eenyumaanillee of hin madaalin !

Birraa Inspire

12 Aug, 12:29


"Qabeenyi kan biqilu muka ejjennorratti" ja'an Jaappaanonni. Jireenya keessatti wanni guddaan waan jalqabanirratti cichanii turuudha.

Namoota of jijjiiru fi bakka barbaadan gahuuf kaka'uumsaan eegalan hedduu arguu dandeessa. Kanneen xumuranii galmaan gahan immoo muraasa qofa.
Ati isaan muraasa san keessaa akka taatu Abdin qaba.

Milkaa'i 🙏

Birraa Inspire

12 Aug, 11:07


Kaayyoo dhaabbataa malee, rakkoo dhaabbataan hin jiruu Abshiir tunis ni dabarti ✌️

Birraa Inspire

12 Aug, 08:47


Jaarmayni Hawaasaa maalif barbaachisa?
Video dirqama daawwatamuu qabu 👇
https://youtu.be/9l_VXSVApX0