BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO) @biroo_barnota_oromia Channel on Telegram

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

@biroo_barnota_oromia


Dhaloota Beekumsaan qaroome Omishuudha kaayyoon keenya!


✅️For any book about grade 1-12
✅️For Grade 12 Result
✅️For University course and information
✅️For remidial
✅️For any students join our channel and interest it

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO) (English)

Are you looking for a comprehensive resource for all your educational needs in Oromia? Look no further than BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO) Telegram channel! BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO) is a dedicated channel that provides valuable resources for students and educators in Oromia. Whether you are a student in grade 1-12 looking for books, a Grade 12 student checking exam results, a university student seeking course information, or someone in need of remedial support, this channel has got you covered! Join BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO) today and connect with like-minded individuals who share your academic interests. Stay updated on the latest educational resources and information in Oromia. Don't miss out on this valuable opportunity to enhance your learning experience. Join us today and be a part of our educational community!

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

21 Nov, 18:09


#Yuunivarsiitii
#Salaalee

Guyyaa har'a jechuunis Sadaasa 12 bara 2017 Yuunivarsiitiiwwan garaa garaatti hiriirri nagaa fi lagannaan nyaataa gocha suukanneessaa tibbana Salaalee keessatti raawwate balaaleffatu taasifameera.

Yuunivarsiitiiwwan kanneen keessaas;

• Yuunivarsiitii Arsii
• Yuunivarsiitii Amboo
• Yuunivarsiitii Wallaggaa
• Yuunivarsiitii Finfinnee
• Yuunivarsiitii Bule Horaa
• Yuunivarsiitii Madda Walaabuu
• Yuunivarsiitii Haramaayaa
• Yuunivarsiitii Salaalee fi k.k.f keessatti argamu.

Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

21 Nov, 11:49


UMMAATA SAGALEE DHABE😭

Akkuma beekamuu ummatnii Naga barbaadu kunoo har'a Naga dhabe hojjete nyachuuf danqamee qe'ee isaa irratti akka horittii qalamaa jira 😭😭

Salaaleen dhiigaa jirtii dhignii keenyaa tokkoo waan tahef nuu dhukubaa jira bakka jirtanitti sagalee haa tanu😭

Ummata keenyaa ajjeesuun haa dhabaatu💪


Stop killing salale😭

@Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

20 Nov, 18:57


​Guyyaa 11/03/2017
#ODUU_GAMMACHIISAA
-------------
Mootummaan Rippabiliika HANGAARII lammiilee biyya keenyaatiif carraa barnootaa bilisaan kennuuf waadaa galteerti.

Mootummaan R. Hangaarii A. L. Awurooppaatti bara 2025 irraa eegalee #waggaa_waggaan_namoota 100 fudhatee bilisaan

Barnoota irratti Yunivarsitootni biyya keenyaafi biyya Hangaarii walitti dhufeenyaafi wal deeggaranii waliin hojjachuuf sanada walii galtee kan mallatteessan yoo ta'u, gara biyya keenyaatiin Ministeera barnootaatti, Ministeer Deetaa Misooma Barnoota Olaanoo obbo Korraa Xushuneefi gara Hangaarii irraa immoo, Itiyoophiyaatti Ambaasaadara Hangaarii Ambaasaaddar Atiillaa Koppaanii ta'uun beekameera.
yunivarsiitiiwwan biyya isaaniitti akka barsiisu waadaa galeera.
Hangaariin biyya Awurooppaa keessatti argamtu yoo taatu, magaalaan guddoon ishees Budaapeest jedhamti.
#Maddi_odeeffannoo:- Fuula FB Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaa irraa arganne.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf join👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

20 Nov, 18:56


#Yuunivarsiitii_Maqdalaa_Ambaa

Bara 2017 tti barattootni haaraa waggaa tokkoffaa Yunivarsiitii Maqdalaa Ambaatti ramadamtan, barattoonni bara 2015 #Remedial ( sagantaa sirreeffamaa ) irratti hirmaattani bu’aa darbiinsa galmeessitan garuu sababa adda addaatiin bara 2016 sagantaa Freshman itti fufuu hin dandeenye, akkasumas barattootni bara 2016 semestera tokkoffaa hin baranne ( Withdrawal guuttani baatan ) Yeroon galmee Sadaasa 19 fi 20/2017 ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera.

👉Galmeen barattootaa mooraa lamaan (Tulluu Awuliyaa fi Mekane Selaam) tti ramadamtan mooraa guddicha (Mooraa Tulu Awuliyaa) keessatti akka raawwatamu ibsamee jira.

🔰Wantoota yeroo galmeef deemtan qabachuu qabdan:

➫ Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa orjinaalaa fi koppii
➫ Tiraanskriiptii Kutaa 9-12, Orjinaalaa fi koppii
➫ Suuraa 3×4 afur, .
➫ Ansoolaa, Uffata qorraa, tiraascarqi fi uffata ispoortii.

✳️Bara 2017 Yuunivarsiiti Maqdalaa Ambaatti  barattootni #Remedial ( Sagantaa sirreefamaatin ) haaraa ramadamtan fuulduratti waamicha ni taasisas jedhameera.

Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

20 Nov, 18:19


UUMMATI MISKIINNI KUN AKKASITTI LAFA ISAA IRRATTI NAGAA DHEEBOTEE DHABUU CAALAA WAANTI ONNEE NAMAA CABSU HIN JIRU

Godina Salaalee aanaa Dharraatti viidiyoo wayita gareen fiinxaaleyyiin ajjeechaa suukanneessaa kana raawwatan mul'isu marsaalee hawaasaa irratti baayyeen keenya arguun gaddinee jirra.

#Salaalee 😭😭😭
#Nagaa_Nagaa_Nagaan furmaata waan hundaa dha.!

Waaqni Saba Keenyaaf nagaa haa buusu!


Nagaan yoo jiraate barnoonni jira😢

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

20 Nov, 17:24


#Yuunivarsiitii Jimmaa

👉Galmeen barattoota idilee digirii jalqabaa haaraa(Freshman) bara 2017 Yuunivarsiitii Jimmaatti ramadamtanii Sadaasa 19 fi 20/2017 akka raawwatamu yuunivarsiitichi beeksiseera.

👉Bakka Galmee:
- Barattoonni damee saayinsii uumamaa Inistiitiyuutii Teeknooloojii fi Kolleejjii Qonnaa fi Fayyaa Beeyladaa
- Barattoonni saayinsii hawaasaa mooraa guddicha keessatti.

👉Barattoonni bara 2016 sagantaa fooyya'insaa (Remedial) Yuunivarsiitii Jimmaatti barachaa turtan lakkoofsa ID keessan https://portal.ju.edu.et irratti galchuun bu'aa waliigalaa keessan yeroo dhiyootti beekuu ni dandeessu; Galmeen barattoota darbanii guyyoota armaan olitti ibsametti akka raawwatamu yunivarsiitichi ibseera.

👉Barattoota bara 2017 Yunivarsiitii Jimmaatti sagantaa fooyya'iinsaatiin ramadamaniif yeroon galmee booda akka ifoomu Yuunivarsiitichi ibseera.

Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

19 Nov, 18:34


#Beeksisa_Waamichaa
#Yuunivarsiitii_Walqixxee


✳️Yuunivarsiitii Walqixxeetti  bara 2017 barattoonni idilee haaraa (Freshman student) ramadamtan fi
•barattoonni bara 2016 #Remedial ( Sagantaa fooyya'insaa ) irratti hirmaachuun qabxii darbinsaa fiddan, guyyaan Galmee Sadaasa, 26 fi 27/2017 tahuu yuunivarsiitichi beeksise.


    ✦Galmeef yeroo dhuftanitti:-

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Tiraanskiriptii kutaa 9-12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Suuraa 3×4 afur;
- Uffata qorraa, Ansoolaa,tiraascarqii ( Uffata boraatii ) fi uffata Ispoortii qabattanii argamuu qabdu.

✦Barattoonni bara 2016 seemestera tokkoffaa bu'aa keessan irratti hundaa'uun irra deebiin galmaahuf kan siniif eeyyamame guyyoota eeraman kana keessatti akka iyyattan yuunivarsiitichi ibseera.


Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya #join godhaa.👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

19 Nov, 18:33


#MoE

Ministeera Barnootaa; Gahumsa barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisan madaaluuf qormaata kennuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministeerichatti daayreektarri tajaajila dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kan ta'an Iyyoob Ayanaw (Dr.) ibsa raadiyoo Shaggar FM 102.1'f kennaniin, "Qormaanni barsiisotaa kanaan dura barsiisota sadarkaa tokkoffaatti barsiisaniif kennamaa turuusaan hin jalqabne jechuun hin danda'amu" Jedhan.

Yeroo ammaa kana Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisota qoruuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan kun akkuma xumurameen qormaanni barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo bara kana ykn bara dhufu 2018 akka eegalu raadiyoo Shaggariif ibsaniiru
.



Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

17 Nov, 10:59


#BEEKSISA_RAMADDII_BARSIISOTAA
Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksisa baasee qacarrii barsiisotaa ogummaa garaa garaan eebbifaman keessaa calalee akkaataa armaan gadiin ramaddii raawwatee jira.
#Barsiisonni ramadamtan hundi gaafa guyyaa 6/03/2017 irraa kaasee #Waajjira #barnootaa #godinaalee fi #Bul.Magaalotaa Ramadamtanitti akka gabaastan hubachiisa.

#ODEEFFANNOO_DABALATAAF

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

Join godhaa

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

17 Nov, 10:52


#Barnoota_Qaqqabamaa_Gochuuf #Teeknoloojiitti_Fayyadamuun #Murteessaa Ta'uun Ibsame
########
Sadaasa, 6/2017 Istuudiyooleen Buufata Tamsaasa Barnootaa Raadiyoo  #Gimbii, #Goobbaa, #Goree, #Sandaafaa, #Haramaayaafi #Yaabelloo qophii tamsaasa barnootaa Afaana Amaaraa barattoota akka Afaan dhalootaafi Afaan lammaaffaatti barataniif tamsaasa seemisteera lammaffaa iskiriiptii qophaa'e gulaalaa jiru.
Gulaallii iskiriiptii kana Hog.Itti Aanaa BBO Dr.Kaasaahun Galaanaa irratti argamuun jalqabsiisaniiru.
Barnoota lammii hundaaf qaqqabamaa gochuufi qulqullina isaa mirkaneessuuf filannoo jiru hundatti fayyadamuun barattoota biraan gahuun dirqama akka ta'e ibsuun, kana milkeessuu keessatti kutannoo hooggansi BBO qabu ol'aanaa ta'uu ibsanii jiru. Akkasumas meeshaalee gama tamsaasa barnootaa guutuufi tamsaasni barnootaa karaa Raadiyoon darbuuf istuudiyooleen buufata barnoota raadiyoo  gahee guddaa akka qabanis dabalanii ibsaniiru.
Akkasumas bakkeewwan hanqinni darbee darbee mul'atutti ammoo dabaltaan barnoota
tekinoloojiidhaan furuuf fala yaadame waan ta'eef, iskiriiptiin qophaa'e dafee  gulaalliin isaa raawwatee hatattamaan waraabbiitti akka seenamuu qabu dabalanii ibsaniiru Dr. Kaasaahu.
Qophiin iskiriiptii kun barnoota afaan Amaaraa kutaa 5ffaa hanga 8ffaa yoo ta'u barattoota akka afaan dhalootaafi afaan lammaffaatti barataniif qaqqabamaa gochuuf kan hojjetamudha.
Gosa barnootaa kaanis Raadiyoon kennamu tamsaasni isaa akka addaan hin cinneef rakkoolee mudatan adda baasuun caafii hundatti manneen barnootaa hunda keessatti akka hojjetu gochuuf hojjetamuu akka qabus ibsameera.
Daayirektarri Teekinoloojiifi Miidiyaa Barnootaa Obbo Dassaaleny Waaqjiraa gama isaaniin barnoonni raadiyoon bakka hundatti kennamaa jiru sababa rakkoo xixiqqaan akka addaan hin ciccinneef qindoominaan akka hojjetamuufi barattoonni keenya tekinoloojiin akka deeggaramaniif BBOn hojii bal'aa hojjechaa akka jiruufi cimee akka itti fufu himanii Itti gaafatamtootaafi ogeessota Istuudiyoolee tamsaasa  barnoota Raadiyoof dhaamaniiru.
Akka walii galaatti barnoonni gama hundaan kennamu qulqullinni isaa akka mirkanaa'uuf Hooggansi BBO qaamolee deeggartootaafi hawaasa sochoosuun bu'aan barbaadamu akka dhufuuf kutannoon hojjetaa jira

Waan haaraa kamiifuu
Join fi share gochuun hin dagatiin
a👇👇

@Biroo_Barnota_Oromia
@Biroo_Barnota_oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

17 Nov, 09:12


⚠️ Akeekkachiisa #Oduu Sobaa #Yuunivarsiitii Jimmaa

Akkuma beekamu Yuunivarsiitiin Jimmaa hanga ammaatti barattoota haaraaf (2017 Freshman) waamicha hin goone, kanaaf akkuma armaan olitti argitan barattoonni tokko tokko bara kana Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota hin waamu, akkasumas turee waama jechuun oduu sobaa tamsaasaa jiru, garuu odeeffannoon kun guutumatti soba akka ta'e fi Yuunivarsiitiin Jimmaa
Yeroo dhiyootti barattootaaf waamicha akka godhu isin yaadachiisuu barbaanna.

Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia

BIROO BARNOOTA OROMIYAA(BBO)

14 Nov, 19:20


Yuunivarsiitiiwwan Hanga Ammaatti Waamicha Taasisan.

Yuunivarsiitii Hawaasa : Sadaasa 9fi 10 / 2017

Yuunivarsiitii Haramaaya : Sadaasa 9-11 /2017

Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa: Sadaasa 16 -17/2017

Yuunivarsitii Amboo: Sadaasa 9fi 10/2017

Yuunivarsitii Barnootaa Kotobee: Sadaasa 4 fi 5/2017

Yuunivarsitii Odaa Bultum:Sadaasa 4fi 5/2017

Yuunivarsitii Wallaggaa: Sadaasa 4fi 5/2017

Yuunivarsitii Aksuum :Sadaasa 9fi 10/2017

Yuunivarsiitii Jigjigaa :Sadaasa 7-9/2017 (freshman )
Remedial : muddee 1-3/2017

Yuunivarsiitii Booranaa: Sadaasa 9 fi 10/2017

Yuunivarsiitii Dillaa: Sadaasa 9fi 10/2017

Yuunivarsiitii Goondar:Sadaasa 12 fi 13/2017

Yuunivarsiitii Arbaa Minci :Sadaasa 7fi 8/2017

Yuunivarsiitii Wolloo: Sadaasa 13 fi 14/2017

Yuunivarsiitii Bulee Horaa: Sadaasa 9 fi 10/2017

Yuunivarsiitii Dabaarq : Sadaasa 18 fi 19/2017

Yuunivarsiitii Dabra Taaboor : Sadaasa 9 fi 10/2017

Yuunivarsiitii Jinkaa : Sadaasa 11fi 12/2017

Yuunivarsiitii Asoosa : Sadaasa 16 fi 17/2017

Yuunivarsiitii Raayyaa: Sadaasa 9fi 10/2017

Yuunivarsiitii Madda Walaabu :Sadaasa 9 fi 10/2017

Yuunivarsiitii Injibaara : Sadaasa 16 fi 17/2017

Yuunivarsiitii Mattuu: Sadaasa 16 fi 17/2017

Yuunivarsiitii Waraabe : Sadaasa 19 fi 20/2017

Yuunivarsiitii Miizan Teeppi :Sadaasa 11 fi 12/2017(Remedial program )

Yuunivarsiitii Waachamoo :Sadaasa 19 fi 20/2017

Yuunivarsiitii Samaraa : Sadaasa 16fi 17/2017

Yuunivarsiitii Baahir Daar:Sadaasa 16-18/2017

Yuunivarsiitii Walayitaa Sooddo : Sadaasa 11fi12/2017

Yuunivarsiitii Dambi Doollo:Sadaasa 9fi 10 /2017

Yuunivarsiitii Woldiyaa: Sadaasa 18 fi 19/2017(for freshman )
Riimeediyaal Ammajjii 19 fi 20/2017



Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa👇👇👇

https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia
https://t.me/Biroo_Barnota_Oromia