Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

@wdhkmbulchiinsamagaalaahoolataa


Kun 'Chaanelii Telegram' WKMHoolataati. Oduu fi odeeffannoo sochii hawaas-dinagdee magaalaa keenyaa asirraa ni argattu; kanaaf chaanalii kana 'subscribe' taasisaa hordofaa.

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

04 Oct, 16:10


Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Isheetuu Baqqalaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Bara, 2017 Sababeeffachuun Ergaa Baga Geessanii Dabarsan.

Ayyaanni Irreechaa mallattoo jaalalaafi tokkummaa, waltajjii guddummaa, miidhagummaafi hammattummaan uummatni Oromoo addunyaatti ittiin calaqqisuufi sirna galateeffannaa sabni guddaan Oromoo Waaqa dukkana Gannaarra gara booqaa Birraatti isa baasee Irreessa jiidhaa qabatee tokkummaan bahee Malkaa deemee uumaasaa itti galateeffatuufi kadhatudha jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Isheetuu Baqqalaa.

Oromoon saba, sablammootaafi uummattoota biroo waliin ta'uun garaagarummaa amantaafi siyaasaa tokko malee walitti dhufuun Irreecha yeroo irreeffatu aadaa, duudhaafi tokkummaa oromummaa isaa kan itti mul'ifatu, abdiifi hawwii badhaadhinaaf qabu kan ittin ibsatu yommuu ta'u, dhaloonni har'aas uumaaf jedhee waan sabaa isaa fayyadu hojjachuu akka qabu sirna Irreecha irraa barachuu qaba jedhan Obbo Isheetuun.

Irreechi ayyaana nagaa, araaraa, galataa, dhiifamaa, jaalalaafi tokkummaa oromoo itti mul'atu waan ta'eef irreecha wayita kabajnu duudhaa oromummaa sirna Gadaa irraa dhaallee kabajnee kabachiisuun hojiiwwaan misoomaa eegalaman ittifufsiisuu, nagaa bulchiinsa magaalaa fi ollaa keenyaa mirkaneessuuf qaamolee nageenya cinaa dhaabbannee deeggaruun ayyaanicha karaa miidhagafi hawwataa ta'een nageenyummaan isaa eegamee milkiin akka kabajuuf gahee keenya bahuu qabna jedhan.

Irra deebi'ee uummata Oromoo biyya keessaa fi alaa, akkasumaas qooda fudhattoota Ayyaana Irreechaa hundaan baga geessaan, baga waliin geenye; Irreechi bara kanaa kan milkii, araaraa, kan tokkummaa fi obbolummaan uummata biyya keenyaa cimu, kan rakkoon hundi furmaata itti argatu akka nuuf ta'u hawwii gaariin qabu ibsuun barbaada jechuun Obbo Isheetuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Ayyaana Gaarii!

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Isheetuu Baqqalaa

Fulbaana 24, 2017

Hoolataa

Odeeffannoo dabalataaf:
@ Telegram link: t.me/WDhKMBulchiinsaMagaalaaHoolataa
====
@ Twitter link: https://twitter.com/holatacom/status/
1402157020942307334?s=20
====
@ Inistagram link: https://www.instagram.com/p/
CYB36vUMG00/?utm
====
@ https://youtu.be/4ph-R5J4O5w
====
@ fb link: https://www.facebook.com/1771965989751058/
posts/
====
@ TikTok link: https://vm.tiktok.com HoolataaCityCommunication

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

04 Oct, 06:43


https://www.facebook.com/share/p/kG9nbLyc1QdQUq6H/?mibextid=qi2Omg

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

03 Oct, 08:07


Irreechi Sirna galateeffannaa waaqaafi dirree tokkummaan sabaafi sab-lammootaa itti dhugoomudha!

Irreechi sirna galateeffannaa waaqaafi bakka Oromoon karaa  aadaafi duudhaasaatiin faayamee, sabaafi sab-lammootaan dabaalamee, miira obbolummaafi dhiifamaatiin utubamee   ittiin addunyaatti  mul’atuudha.  Ayyanni Irreecha ayyaana ulfoo araaraa, nagaa, tokkummaa, jaalalaafi waltajjii sabaafi sab-lammoonni  sabaan, amantaafi lagaan osoo wal hin qoodiin yaada tokkoon, afaan tokkoofi  uffataa aadaa gara garaatiin faayamanii wWaaqa uumaa uumamaa itti galateeffatanidha.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana  guddaa, guddummaan uummata Oromoo akka tulluufi gaaratti bahee mul’atu taasisaa jirudha.

Irreechi ayyaana araaraafi jaalalaa yoo ta’u, ayyaana kanarratti hirmaachuuf lammiilee biyyaa keessaafi alaas ta’e  sabaafi sab-lammiileen garaa garaa  yeroo ammaa gara Naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti imala taasisaa waan jiraniif, uummanni keenya akkuma ammaan duraa karaa  aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa eeggateen  ofqopheessuun kallattii hundaan keessummaa simachuun jaalalaafi miira obbolummaa amman dura ture cimsaa deemuun murteessaadha.

Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadeetti gaggeeffamuuf akkuma ammaan duraa karaa aadaaf duudhaa isaa eeggateen nagaafi milkiin akka kabajamuuf Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaa, qeerroofi qarreewwan dabalatee  uummanni bal'aan biyya keenya qindoominaan hojjechuun waloon milkeessuu qabna.

Odeeffannoo dabalataaf:
@ Telegram link: t.me/WDhKMBulchiinsaMagaalaaHoolataa
     ====
@ Twitter link: https://twitter.com/holatacom/status/
    1402157020942307334?s=20
    ====
@ Inistagram link: https://www.instagram.com/p/
    CYB36vUMG00/?utm
    ====
@ https://youtu.be/4ph-R5J4O5w
     ====
@ fb link: https://www.facebook.com/1771965989751058/
     posts/
     ====
@ TikTok link: https://vm.tiktok.com HoolataaCityCommunication

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

02 Oct, 14:19


Jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Gurmaayinsi caasaa gandaa hojiirra ooluu isaatiin dhiyeenyatti tajaajila mootummaa si'ataafi qulqullina qabu argachuun fayyadamoo ta'uu ibsan.

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

02 Oct, 14:19


https://www.facebook.com/share/p/hd6qFa5Fo3YF6teZ/?mibextid=qi2Omg

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

02 Oct, 06:18


Irreechi Faajjii Tokkummaafi Obbolummaati!

Abbootiin Gadaa, Haadholeen Siinqeefi Dargaggoonni Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa ayyaanni Irreechaa duudhaafi safuu isaa eegee nagaafi milkiin akka kabajamuuf hojjetaa jirra jedhan.

Keessummoota ayyaana Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadeef karaa Karra Gafarsaa dhufan seensa Magaalaa Hoolataa irratti simachuuf qophii taasisuus ibsaiiru.

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

02 Oct, 06:18


https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid02fMAtZY4X16dvHGNwCyeuZM8LeysTzNcNVo8QBtZajcZT6NzRFzK5epVyxWmSmcHUl&id=100068924721221&sfnsn=mo&mibextid=RUbZ1f

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

30 Sep, 09:12


Irreechi Wallattoo Waloomaati!

Irreechi sirna uummanni Oromoo jaarmiyaa sirna Gadaa jalatti kalaquun humna waaqaa ittiin ibsu; jireenya lafa kanaa raajuu, icciitiidhoksaa jiruufi jireenyaa ibsuun dhalootaaf dabarsu; akkasumas Waaqa tokkicha uumaa uumama hundaa ta'e uumama qabatee Birraa Malkaatti, ArfaasaaTulluutti bahuun araara, dhiifama, hawwiifi milkii gaarii, nagaafi badhaadhina kadhatu; galateeffatuufi tokkummaasaa ibsatudha.

Irreechi duudhaalee hedduu qabu kan qabudha. Isaanis eebba, araara, dhiifama, jaalala, nagaa, waloomina, abdii, hawwii gaarii, kadhaafi galateeffannaan dhuudhaslee Irreechaa keessaa isaan ijoodha.

Irreechi ayyaana Oromoon Oromiyaa kallattii hundarraa walitti dhufuun dhimmoota dabarseef kan uumaa isaa itti galateeffatuufi kan dhufuuf itti kadhatudha. Kanamalees, tokkummaafi obbolummaa isaa sirna ittiin cimsatudha. Keesattuu, ayyaanni Irreechaa ayyaana namni kamiyyuu umriin, sabummaafi amantiin osoo wal hin qoodiin tokkmmaafi waloomaan kabaju ta'uun waliin jireenya uummataa cimsuun mallattoo waloominaa guddaa ayyaana ta'edha.

Kanaafuu, Ayyaanni Irreechaa ayyaana Oromoon garaa garummaa tokko malee kabaju; akkasumas saba, sablammoonniifi uummattoonni biyyattiifi lammiileen biyya alaa hirmaachuun waliin kabaju ta'uun isaa ayyaanichi mallattoo waloominaa ta'uu kan agarsiisuudha.

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

26 Sep, 17:40


https://www.facebook.com/share/p/EktAUPqMChQBdsm9/?mibextid=qi2Omg

Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Hoolataa (Holata City Communication Office)

26 Sep, 17:40


https://www.facebook.com/share/p/3kLQGjj1gtCfXJhm/?mibextid=qi2Omg