VOA Afaan Oromoo

@voaoromoo

DM for everything you want
...ADVERT....
.......Here........
@armagedoninboxbot

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 18:22

Sagantaa- Kibxata

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 18:22

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Qophiin Sagalee Ameerikaa  Sagantaa Afaan Oromoo;  oduu fi qophiiwwan dhimmoota wayitaawaa, akkasumas aadaa, fayyaa, dargaggoota, siyaasa, qonna, misooma fi ispoortii laallatan irratti Wixataa amma Jimaataatti dhihaata. Nu hordofaa.

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 18:15

VOA Afaan Oromoo | Washington D.C. DC (Facebook)

22 Oct, 17:01

Hooggantoonni Dhaabbata Maallaqa Addunyaa fi Baankii Addunyaa Yaa’ii isaanii kan Waggaaf Waashingitanitti Wal Ga’aniiru

Wal ga’iin hooggantoota dhaabbata maallaqa addunyaa “IMF” fi baankii addunyaa yaa’ii  isaani wagaaffa Wiixata kaleessaarraa kaasuun Waashingitanitti wal ga’aniiru. Ya’iin hooggantoota Faayinaansii kunis yeroo biyyoota gidduu galeessattii fi Awurooppaa keessatti waraanni jiru, yeroo diingadeen Chaayinaa gadi bau’aa jiruttii fi dorgommiin filannoo Yuunaayitid Isteetisi dhimmoota daldalaa irratti dubbii ijoo ta’ee jiruttidha.

Hooggantoonni dhaabbata maallaqaa addunyaa fi baankii addunyaa...

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 17:01

VOA60 Africa - US urges probe into killings of two Mozambique opposition figures

The U.S. government on Monday condemned the weekend killings by gunmen of two opposition figures, with Washington urging "a swift and thorough investigation into the murders."

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 17:01

VOA60 World - Russian attack on Ukraine's Sumy kills at least three people

Ukraine: A Russian attack on the northeastern city of Sumy overnight killed at least three people, including a 14-year-old girl, and injured one, the regional prosecutor's office said on Tuesday.

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 17:01

VOA60 America - Blinken visits Israel with focus on deescalating conflicts in Gaza, Lebanon

U.S. Secretary of State Antony Blinken arrived in Israel on Tuesday in the new U.S. push for a Middle East ceasefire after Israel killed the leader of Hamas last week. During his trip Blinken will also visit several Arab countries.

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 16:27

VOA Afaan Oromoo | Washington D.C. DC (Facebook)

Dhandhama Oduu. #VOAAfaanOromoo
🔷 Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed prezidaantii Yaa’ii walii galaa 46ffaa kan geggeessamuuf jiru irratti kan hirmaatan dura’a taa’aa konfedereeshinii chaa ennaa simatanitti, Itiyoopiyaan bara 2029tti tapha kubbaa millaa Afriikaa keessummeessuuf yaalaa jirti.
🔷 Itiyoophiyaa naannoo Oromiyaa, naannoo Oromiyaa lixaa aanaalee Kondolaa fi Beegii keessatti yoo xiqqaate lammiileen nagaa shan seeraan ala humnoota mootummaatiin ajjeefamuu jiraattonni himan.

Naannoo Amaaraatti weerarri busaa lubbuu namoota kudhanootaan lakkaa'aman kan galaafate yoo ta'u, naannoo adda addaatti nageenyi dhabamuun walhormaata hoomaa awwaannisaa ilaalchisee dhiibbaa hamaa geessisuu Dhaabbileen Fayyaa Hawaasaa naannichaa beeksisaniiru.

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 12:50

VOA Afaan Oromoo | Washington D.C. DC (Facebook)

Adeemsi lammiileen Yunaaytid Isteets preezdaantii ittiin filatan Ileektoraal Koleej jedhama. Ibsituun armaan gadii kkaataa hojimaata isaa agarsiisa. #USElection2024

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 01:00

VOA Afaan Oromoo | Washington D.C. DC (Facebook)

Balaa abiddaa Wiixata harraa Finfinnee, gabaa Markaatoo keessatti mudateen qabeenya irra miidhaan gahe gaddisiisaa ta’uu isaa Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee toora miidiyaa hawaasumaa isaanii irratti beeksisan.

VOA Afaan Oromoo

22 Oct, 00:49

Markaatoo Naannnoo Shammaa Taraatti Balaan Abiddaa Harra Dhaqabe Miidhaa Guddaa Geechisuun Ibsame

Balaa abiddaa Wiixata harraa Finfinnee, gabaa Markaatoo keessatti mudateen qabeenya irra miidhaan gahe gaddisiisaa ta’uu isaa Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee toora miidiyaa hawaasumaa isaanii irratti beeksisan.

Maxxansa isaanii irratti abiddi ka'ee ture to’annaa jala ooluu ifa an godhan kantiibaan magaalattii, balaa kanaaf maal sababa akka ta'e qoratamaa jiraachus ibsaniiru.  Abidi ka'e to'annaa jala ooluun duras suuraawwan fi viidiyooleen gamoowwan abiddii itti qabate...

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 23:10

VOA Afaan Oromoo | Washington D.C. DC (Facebook)

Poolisiin Mozaambiik Wiixata har’a namoota lakkoobsaan xiqqaa kanneen magaalaa Mapuutoo keessatti hanna filannoo irratti raawwatame jedhame mormuuf bahan gaazii imimmaansuu dhukaasuun bittimsee jira.

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Poolisiin Mozaambiik  Wiixata Har'aa Namoota Filannoon Walqabatee Mormii Ba'an Gaazii Nama Imimmaansu Itti Dhukaasun Bittimse

Poolisiin Mozaambiik Wiixata har’a namoota lakkoobsaan xiqqaa kanneen magaalaa Mapuutoo keessatti hanna filannoo irratti raawwatame jedhame mormuuf bahan gaazii imimmaansuu dhukaasuun bittimsee jira.

Gaazexeessitoota dabalatee namoonni kurna hedduu ta’an poolisoonni hidhannoo guddaa qaban daandii guddaa tokko irra osoo deemaa jiranii faffaca’uu isaanii viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamee fi rippoortarri dhaabbata oduu Ajaans Firaans Prees (AFP) bakka sanatti argamu ibsee...

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Kaadhimamtoonni Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Yoo Filataman Akkaataa Itti Haleellaa Qawwee Biyyattii Keessaa Dhaaban Ibsataa Jiru

Haleellaa qawweef kanneen saaxilamaniif abboonni qawwee namni itti aanee  prezidaantii Yunaayitid Isteetis ta’uuf deemu haleellaa qawwee biyyattii keessaa attamiin dura dhaabbachuu akka danda’u yaada addda addaa dhiyeessaa jiran. Kaadhimamtoonni paartii Ripaablikaanii fi dimokraatotaas dhimma kana irratti ejjennoo isaanii ibsaniiru. Kanaaf uummati sagalee kennus yeroo dhiyootti filannoo dhaan yaada isaa ibsuuf jira. Gabaasa Veroonikaa Baalderaas Igileesiaa kana ilaalchisuun ergite Tujubee tu...

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Kaadhimamtoonni Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Yoo Filataman Akkaataa Itti Haleellaa Qawwee Biyyattii Keessaa Dhaaban Ibsataa Jiru

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduutti Miseensonni Milishaa 19 Hidhattootaan Ajjeefaman, Jedhu Maatiwwan Isaanii Keessaa

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Waggaa Tokko Keessatti Biyoota 60 ol Tahan Keessatti Suurawwanii fi Viidiyooleen Sobaa Duula Filannoof Oolfamuun Yaaddessaa Tahee Jira

Akka Addunyaatti filannoowwan biyyaleessaa 60 ol  wagga tokko keesatti gaggeeffamaniin namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen suurawwanii fi viidiyoowwan sobaa fayyadamuun isaanii yaaddeessaa ta’eera. Viidiyoowwan AIn maddisiifaman hagama balaa qabeessa ta’uu akka danda’u gabaasaan Sagalee Ameerikaarraa Riyoo Tusikaal qopheesse ni ibsa.  Mitikkuu Fiqaaduu tu dhiyyeessa.

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduutti Miseensonni Milishaa 19 Hidhattootaan Ajjeefaman, Jedhu Maatiwwan Isaanii Keessaa

Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduutti haleellaa humnoota WBO’n gaggeeffame jedhameen miseensonni milishaa 19 ajjeefamuu maatiiwwan milishaa VOA’f himanii jiran. Abdiisaa Didhaa jiraataan Aanaa Jalduu VOA’f taateen kun Godina Shawaa Lixaa ganda Kilbeetti mudachuu eeree, Abbaan isaa Obbo Didhaa Amaaraa, miseensi milishaa ajjeefamuu ibsee jira. Maatiin milishoota kunneen ajjeefaman jedhamee, ajjeechaa kanaaf kan himatan Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’u, bulchiinsi aanaa Jalduus,...

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 21:12

Waggaa Tokko Keessatti Biyoota 60 ol Tahan Keessatti Suurawwanii fi Viidiyooleen Sobaa Duula Filannoof Oolfamuun Yaaddessaa Tahee Jira

VOA Afaan Oromoo

21 Oct, 18:56

VOA Afaan Oromoo | Washington D.C. DC (Facebook)

Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduutti haleellaa humnoota WBO’n gaggeeffame jedhameen miseensonni milishaa 19 ajjeefamuu maatiiwwan milishaa VOA’f himanii jiran. Maatiin milishoota kunneen ajjeefaman jedhamee, ajjeechaa kanaaf kan himatan Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’u, bulchiinsi aanaa Jalduus, hidhata gahaa malee namoota umriin deeman kana achitti erguu isaas himatanii jiran, Waajjirri Milishaa Aanaa Jalduu ajjeechaan kun Miseensawwan milishaarratti raawwatamuu mirkaneesseera.