Oromia Times

@oromiastudent_s


Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.

Youtube ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Oromia Times

22 Oct, 03:12


Itoophiyaan dorgommii Teenisa Dirree idil addunyaa guddattootaa cimdii dhiirootaan Jaappaanii fi Hindi injifachuun meedaaliyaa Warqee argatte.

Itoophiyaan damee kanaan yeroo jalqabaaf Meedaaliyaa Warqee argachuu isheeti.Daawiit Shalammaa fi Daawiit Fissahaan 64/25 fi 10/5โ€™n dorgommicha injifachuun shaampiyoonaa taโ€™aniiru.

Dorgommiin Teenisa Mijaalaa Afrikaa qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamaa ture harโ€™a milkiin xumuramuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

22 Oct, 02:25


Balaa ibiddaa Magaalaa Finfinnee Markaatoo naannoo Shammaataraatti mudateen miidhaa qabeenyarra ga'eera.

Balaa ibidda halkan saโ€™a 1 irraa eegaluun hanga saโ€™a 6:00 markaatootti mudatee tureen qabeenya irra miidhaan guddaan qaqqabeera.

Sababa karaan mijataa hin taaneef konkolaataawwan ittisa balaa ibiddaa fayyadamuun rakkisaa waan taโ€™eef helicoptera fayyadamuufis yaaliin taassifameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

21 Oct, 19:49


Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Fananjootaa 2029 gaggeeffamu akka qopheessitu carraan akka kennamuuf gaafatan

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Fananjootaa 2029 gaggeeffamu akka qopheessitu carraan akka kennamuuf gaafataniiru.

Dooktar Abiy Pireezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Dooktar Paatiriis Mootiseeppee, Pireezidaantii Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Jiyaanii Viincheenzoo Infaantiinoo fi hoggantoota olaanoo koree hojii raawwachiiftuu Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afirkaa Masaraa Mootummaatti Irbaata Affeeraniiru.

Taphattoonni urjiin Kubbaa Afrikaas sagantaa kanarratti argamaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Fananjootaa 2029 akka qopheessitu carraan akka kennamuuf ifatti gaafataniiru.

Itiyoophiyaan Waancicha qopheessuuf dandeettis qophummaas qabaachuu hubachiisaniiru.
#FBC

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

21 Oct, 18:51


'Balaa ibiddaa Magaalaa Finfinneetti mudate to'achuuf tumsa taasifamaa jiru cinaatti Hilikooptara fayyadamuuf yaalii taasisaa jirra' - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee balaa ibiddaa Markaatoo naannoo Shammaataraatti mudateen miidhaa qabeenyarra ga'eef gadda itti dhagahame ibsaniiru.

Balaa ibiddaa mudate to'achuuf hojjettoota komishinii balaa ibiddaa, qooda fudhattootaafi hawaasa waliin carraaqqiin taasifamaa jiraachuu himan.

Haala daandiirraa kan ka'es konkolaattonni ibidda dhaamsuufi socho'uuf rakkachuu himan.

Kanarraa ka'uunis Hilikooptaratti gargaaramuuf yaalii taasisaa jirra jedhan

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin qaamoleen ibiddicha to'chuuf carraaqaa jiran tumsa eegalan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru. Via OBN

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

21 Oct, 18:18


Qabxiin seensa sagantaa leenjii Teeknikaa fi Ogummaa bara 2017  ifoomeera.

Qabxiin seensaa kun barattoota bara 2016 qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa fudhatanii bara 2017 sagantaa leenjii Teeknikaa fi Ogummaan barachuu barbaadaniif kan tajaajilu yoo taโ€™u,barattoonni qormaata biyyaaleessaa 12ffaa bara barnootaa 2016 dura fudhatanii bara kana barachuu barbaadaan qabxii seensaa akkaatuma ulaagaa baricha kaaโ€™ameen kan keessummeeffaman taโ€™uu ibsameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

21 Oct, 18:07


Qabxiin seensa sagantaa leenjii Teeknikaa fi Ogummaa bara 2017  ifoomeera.

Qabxiin seensaa kun barattoota bara 2016 qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa fudhatanii bara 2017 sagantaa leenjii Teeknikaa fi Ogummaan barachuu barbaadaniif kan tajaajilu yoo taโ€™u,barattoonni qormaata biyyaaleessaa 12ffaa bara barnootaa 2016 dura fudhatanii bara kana barachuu barbaadaan qabxii seensaa akkaatuma ulaagaa baricha kaaโ€™ameen kan keessummeeffaman taโ€™uu ibsameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

21 Oct, 17:58


"Ibiddi cimaadha; ammallee hin dhaamne; namoonni qabeenya isaanii guurataa jiru" - namoota bakka sanatti argaman irraa

Finfinnee naanno Markaatto "Shaama taraa" jedhamuun beekkamutti balaan ibiddaa mudateera.

Ibiddi kun daqiiqaa hedduu turus, to'achuun akka hin danda'amne miseensonni maatii keenya bakka balaan kun itti dhaqqabe jira himaniiru.

"Ibiddichi cimaadha. Bakka sanatti balaa ibiddaa to'achuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, dhaamuu hin dandeenye. Hojjettoota balaa tasaa iddoo sana jiraniif gargaarsi barbaachisaadha, bishaan qofaan kan dhaamuu miti," jechuun himaniiru.

Itti dabaluunis, "Namoonni naannoo sana jiran ibiddi kun waan dhaama hin jirreef qabeenya isaanii achii fageessaa jiru," jedhaniiru.

#tikvahethafaanoromoo

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Oromia Times

21 Oct, 17:19


Balaa Ibiddaa Markaattoo Naannawaa Shaamaa taraa jedhamutti mudate to'achuuf hojjetamaa jira jedhame

Balaa Ibiddaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa Markaattoo Naannawaa Shaamaa Taraa jedhamutti mudate to'achuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalichaa beeksise.

Balicha to'achuuf konkolaattoonni Ittisaa Balaa fi ogeeyyiin bobbaafamuu Ogeessi Hariiroo Ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon ibsaniiru.

Ka'umsii fi miidhaan balichi qaqqabsiise qulqullaa'ee ummataaf kan ifoomu ta'uu Obbo Nigaatuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru. Via FBC

http://t.me/Oromiastudent_s
http://t.me/Oromiastudent_s

10,957

subscribers

713

photos

4

videos