Kitaabota hafuuraa!!

@kitaba_hafura


Galma_mul'ataa

Kitaabota hafuuraa!!

17 Oct, 09:14


Efe 4: 7Tokkon tokkon keenya garuu akka safara kennaa Kristositti ayyaana arganneerra. 8 Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan,
“Inni gara waaqaatti yeroo ol ba'e,
boojuu booji'ee dhaqee,
namootaafis kennaa kenne” in jedha.
9 Amma, “Ol ba'e” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Dura biyya lafaa kana keessaa gara iddoo gadiitti gad bu'e jechuu dha. 10 Isuma gad bu'e sanatu, waaqaa fi lafa ofii isaatiin guutuudhaaf bantiiwwan waaqaa hundumaa gararraatti ol ba'e.

Kitaabota hafuuraa!!

24 Jul, 17:07


Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha
Yesus Gooftaadha
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
Yesus Gooftaadha!
//////////////////////////
AMEEN AMEEN AMEEN
AMEEN AMEEN AMEEN
AMEEN AMEEN AMEEN

Kitaabota hafuuraa!!

08 Jan, 15:17


(1 Qorontos 12 )
------------
4 Kennaan hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma.

5 Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma.

6 Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaa'u garuu tokkicha.

7 Karaan kennaan hafuuraa adduma addaan nama keessaa mul'atu, hundumaaf bu'aa akka ta'uuf kenname.

8 Isa tokkoof ogummaadhaan dubbachuutu hafuuraan kennameef, isa kaaniif immoo beekumsa barsiisuutu hafuuruma sanaan kennameef;

9 isa kaaniif amantiitu hafuuruma sanaan kennameef, isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu hafuura tokkicha sanaan kennameef;

10 isa kaaniif dinqii hojjechuutu, isa kaaniif raajii dubbachuutu, isa kaaniif hafuurota gargar baasee beekuutu, isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu, isa kaaniif afaan hin beekamne sana hiikuutu kennameef!

11 Hafuurri innumti tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in ga'a; inni akka jaalala isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa addaa in hira.

Kitaabota hafuuraa!!

23 Nov, 09:33


WAL HAA BARRU!
****
Godinaalee Oromiyaa Fi Aanolee isaa
A. SHAWAA KIBBA LIXAA
1. Sooddoo Daaccii
2. Qarsaa Maallimaa
3. Daawoo
4. Iluu
5. Gooroo
6. Bachoo
7. Sadan Sooddoo
8. Amayya
9. Tolee
10. B/m Walisoo
11. Walisoo
12. WanciI
13.
B. GODINA ADDAA NAANNAWAA
FINFINNEE
1. Aqaaqii
2. Boorehi
3. B/m Buraayyuu
4. Holataa
5. Wal maraa
6. Sabbataa Hawaas
7.Muloo
8. B/ m Sabbataa
9. B/m Sandaafaa
10. Laga Xaafoo Laga Daadhii
11.B/m Dukam
12. B/m Sulultaa
13. B/m Aqaaqii
14. Sulultaa
15. Galaan
16. B/M Sandaafaa
.
.
C. SHAWAA LIXAA
1. Abuunaa Gindabarat
2. Ada'aa Bargaa
3.B/m Amboo
4. Amboo
5. Baakkoo Tibbee
6. Calliyaa
7. Daannoo
8. Dandii
9. Ejeree
10. Ilfataa
11. Ginda Barat
12. Jalduu
13. Jibaat
14. Meettaa Roobii
15. Miidaaqeny
16. Noonnoo
17. Dirree Incinnii
18. Tokkee Kuttaayee
19. Meettaa
20. Ejersa Lafoo
21. Liiban Jaawwii
22.Gincii
23.Coobii
D. Qeellam Wallaggaa 1.Anfilloo
2.Daallee Sadii
3.Daallee Waabaraa
4.B/M Dambi Dolloo
5.Gaawoo Qeebbee
6. Gidaamii
7. Hawaa Galaan
8. Jimmaa Hoorroo
9. Laaloo Qilee
10. Sayyoo
11. Yemaalogii Walal
E. WALLAGGA LIXAA
1. Aayira
2. Baabboo Gambeel
3. Begii
4. Boojjii Coqorsaa
5. Ganjii
6. B/M Gimbii
7. Gullisoo
8. Boojii Dirmajjii
9. Haaruu
1o. Hoomaa
11. Jaarsoo
12. Qondaalaa
13. Qilxu Kaarraa
14. Laaloo Asabii
15. Mana Sibuu
16.Najjoo
17. Noolee Kaabbaa
18. Sayyoo Noolee
19. Yuubdoo
20. Lataa Sibuu
21. Mandii
.
.
F. WALLAGGA BAHAA
1.Boonayyaa Boshee
2. Diiggaa
3. Jiddaa Ayyaanaa
4. Kiiramuu
5. Gobbuu Sayyoo
6. Gudayyaa Biilaa
7.Guutoo Giddaa
8. Haroo Limmuu
9. Leeqaa Dullachaa
10. Ibaantuu
11. Jimmaa Arjoo
12. Limmuu
13. B/m Naqamtee
14. Nuunnuu Qumbaa
15. Saasiggaa
16. Sibuu siree
17. Waamaa Hagaloo
18. Waayyuu Tuqaa
19. Gudayyaa Jaree
20. Guutoo Wayyuu
21. B/M Angar Guutee
.
G. HORROO GUDURUU WALLAGGAA
1. Abbaay Coomman
2. Abee Dongoroo
3. Amuruu
4. Guduruu
5. Habaaboo Guduruu
6. Horroo Bulluq
7. Jimmaa Gannat
8. Jimmaa Raaree
9. Shaambuu
10. Jaardagaa Jaartee
11. Horroo
12.
.
H. SHAWAA KAABAA
1.Abbichuu fi Nya'aa
2. Alaltuu
3. Dabire Libaanos
4. Dagam
5. Darraa
6. B/m Fiichee
7. Giraar Jaarsoo
8. Hidhabuu Abootee
9. Jiddoo jiddaa
10. Qinbibiit
11. Kuyyuu Garba Gurraachaa
12. Warra Jaarsoo
13. Wucaalee Muka Xurii
14. Yaayyaa Gullallee
15......
.
.
I. SHAWAA BAHAA
1.Ada'aa
2. Adaamaa
3. Adaamii Tulluuf Jiddoo Kombolchaa
4. B/m Bishooftuu
5. Booraa
6. Dugdaa
7. Boosat
8. Fantaallee
9. Gimbichuu
10. Liiban
11. Lumee
12. B/m Baatuu
13......
.
.
J. ARSII
1. Aminyaa
2. Asakoo
3. Asallaa
4. Balee Gasgaar
5. Collee
6. Digaluuf Xiijjoo
7. Diksiis
8. Dodota
9. Inqolloo Waabee
10. Gololchaa
11. Guunnaa
12. Heexosa
13. Jajuu
14. Limmuuf Bilbiloo
15. Loodee Heexosaa
16. Martii
17. Muunessaa
18. Roobee
19. Seeruu
20. Siree
21. Shirkaa
22. Suudee
23. Xannaa
24. Xiyyoo
25. Ziwaay Dugdaa
26.Shanan Kooluu
.
.
K. ARSII LIXAA
1. Adaabbaa
2. Arsii Nageellee
3. Dodolaa
4. Gadab Asaasaa
5. Kofalee
6. Kokosaa
7. Qoree
8. Nansaboo
9. Siraaroo
10. Shaallaa
11. B/m Shaashamannee
12. Shaashamannee
13. Heeban
14.B/M Dodolaa
15. B/M Nageellee
16. Wandoo Gannat
17. Bishaan Gurracha
18.
.
.
K. BOORANA
1. Yaa'a Bal'oo
2. Areeroo
3. Eelwayyee
4. Dirree
5. Waacillee
6.Guchii
7. Mi'oo
8. Moyyaalee
9. Taltallee
10. Dhaas
11. Diilloo
12.Guumolee
13.Dubulluq
.
.
L. GUJII BAHAA
1.Adoolaa Reeddee
2. Annaa Sorraa
3. Booree
4. Daamaa
5. Girjaa
6.B/m Adoolaa Woyyuu
7. Haroo Wolaabuu
8. B/m Shaakkisoo
9. Shaakkisoo
10. Liiban
11. B/m Nageellee
12. Uraagaa
13. Waadaraa
14. Sabbaa Boruu
15. Gooroo Doolaa
16. Aagaa Wayyuu
17. Gumii Eldaaloo
.
.
M. BAALEE
1.Agaarfaa
2.Barbaree
3. Daawwee Qacin
4. Diinshoo
5. Gaasaraa
6. Gin'iir
7. Goobbaa
8. B/m Goobbaa
9. Gololchaa
10. Gooroo
11. Guurraadhaamolee
12. Harrannaa Bulluq
13. Dalloo Maannaa
14. Laga Hidhaa
15. Madda Walaabuu
16. B/M Roobee
17. Sawweenaa
18. Sinaanaa
19.Raayyituu
20. Daawwee Sarar
21.....
.
.
N. HARARGEE BAHAA
1.Baabbilee
2.Baddannoo
3. Cinaaksan
4. Dadar
5. Fadis
6. Gurawa
7. Gola Odaa
8. Gooroo Guutuu
9. Gursum
10. Haromaayaa
11. Jaarsoo
12. Qarsaa
13. Kombolchaa
14. Kurfaa Callee
15. Malkaa Bal'oo
16. Meettaa
17. Mayyuu Mulluqqee
18. Miidhagaa Tole
.....Beekii21

Kitaabota hafuuraa!!

10 Oct, 18:42


Firiin qormaata kutaa 12 gadi dhiifamuu irratti namoonni yaada gara garaa kennaa jiru, ergaa erga jettanii haa tau, anaan kan natti fakkaatu.
Sababanni kufaati
1. Waggoota hedduuf sirna barnootaa irratti xiyyeefannoon dhabamuu.
2. Barsiisotaaf ilaalchi kennamaa ture gadi bu'aa tauu
3. Barsiisota ga'umsà qaban xiyyeefannoo guddaan ramaduu dhabuu
4. Baratoota calisanii kutaadhaa gara kutaatti dabarsuu
5. Barsiisotaaf mindaan kanfalamaa ture gadi buaa tauun hojii dabalataa hojjechuutti qabamuu
6. Baratoonni hedduun ilaalcha gadi deebi'aa barnootaaf qabaachuu
7. Hanqinnoonni adda addaa jiraachuu, kitaabaa, barsiisaa,daree barnootaa fi kkf
8. Haala fi akka waliigalaatti biyyi keessa jirtu.
Furmaata
1. Namoota gaumsa qabanii fi qabxii olaanoo qaban filuun gara baruu fii barsiisutti bobbaasuu
2. Mindaas taee ulaagaa barbaachisu hunda barsiisaaf guutuu
3. Baratoota gaumsa qaban qofa dabarsuu
4. Barnoota hanga dandaa'ameen "practical" gochaa deemuu
5. Wanta hojjetamu ministeerri barnootaa yeroo yeroo to'achaa fi hordofaa deemu
Fi Kkf yoo goone barnoonni biyya keenyaa lafa kufee ni ka'a jedheen abdadha.

Kitaabota hafuuraa!!

26 Aug, 18:06


25 Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate.

26 Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate.

27 Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba'e; isa ijaan hin argarmne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate.

28 Inni amantiidhaan Faasiikaan akka ayyaaneffamu godhe, ergaan inni angafa kan ta'an hundumaa fixu sun akka isaanitti hin buunetti, dhiigicha balbalatti dibsiise.

29 Sabni Israa'el amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemuutti galaana diimaa ce'an; warri Gibxii akkuma isaanii gochuu yeroo yaalanitti garuu in liqimfaman.

30 Warri Israa'el amantiidhaan Yerikoo marsanii, guyyaa torbaaf erga itti naanna'anii booddee, masaraan isaa in jige.

31 Rahaab ejjituun warra gaadduu sana nagaadhaan waan simteef, amantiidhaan oolte malee, warra abboomamuu didanii wajjin hin balleeffamne.

32 Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waa'ee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u.

33 Isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota mo'anii, kaan waan qajeelaa hojii irra oolchanii, abdii argatanii, kaanis afaan leencotaa cufaniiru.

34 Kaanis ibidda olotu dhaamsanii, qara billaa jalaa ba'anii, dadhabbii keessaa jabina argatanii, lolatti jaboo ta'anii, loltuu warra ormaas baqachiisaniiru.

35 Dubartoonni namoota isaanii warra duraa du'an, du'aa kaafamnaaniif deebisanii fudhataniiru. Warri kaanis jireenya isa wayyuuf du'aa akka ka'aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du'an.

36 Warri kaan ga'oof ta'an, in reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu hidhamanii, mana hidhaatti in galfaman.

37 Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman.

38 Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu isaan biyya lafaa kanaaf kan hin malletti lakkaa'amanii, lafa duwwaa fi tulloota irra in jooran, holqaa fi boolla lafaa keessa jiraatan.

39 Isaan kun hundinuu amantii isaaniitiif yoo dhugaa ba'ameef iyyuu, isa abdachiifame sana hin arganne.

40 Waaqayyo duraan dursee wanta wayyu argee waan nuuf qopheesseef, isaan nuu wajjin malee kophaa isaanii fiixaan akka hin baane godhe.

Kitaabota hafuuraa!!

26 Aug, 18:06


(Ibroota 11 )
------------
1 Amantiin waan abdatan "Dhuguma in ta'a" jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti "Jira" jedhanii lakkaa'uu dha.

2 Sababii amantiitiif Waaqayyo biraa namoota bara duriitiif dhugaa ba'ameeraaf.

3 Waaqnii fi biyyi lafaa sagalee Waaqayyootiin akka uumaman amantiidhaan in hubanna; akkasittis wanti ijaan argamu wanta hin mul'anne irraa hojjetame.

4 Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu Waaqayyoof dhi'eesse; Waaqayyo kennaa isaa fudhatee isaaf dhugaa ba'eera. Abeel amantii isaatiin qajeelaa akka ta'es dhugaa ba'ameeraaf; inni in du'e, garuu karaa amantii isaatii amma iyyuu dubbachaa jira.

5 Henok du'a ijaan iyyuu akka hin arginetti amantiidhaan ol fudhatame; Waaqayyo waan isa fudhateefis hin argamne; ol fudhatamuu isaa dura immoo, Waaqayyoon gammachiisuun isaa dhugaa ba'ameeraaf.

6 Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.

7 Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa'ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul'anneetiif akeekkachise dhaga'ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate; amantii isaatiin immoo biyya lafaatti yakka muree, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya isaa isa godhate.

8 Abrahaam biyya isaatii ba'ee, biyya itti darbee akka fudhatuuf isaaf yaadame tokko akka dhaquuf yeroo waamametti, amantiidhaan in abboomame; eessa akka dhaqu utuu hin beekinis in ba'e.

9 Amantiidhaan akka ormaatti biyya isaaf abdachiifame sana keessa buufate; Yisihaqii fi Yaaqoob warri isaa wajjin laficha akka argataniif abdachiifaman isa booddeedhaan akkuma jiraatan, innis godoo keessa jiraate.

10 Inni mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture.

11 Inni abdii kenneef amanamaa akka ta'e, Abrahaam fudhatee waan tureef, Abrahaam inni barri isaa darbe iyyuu, Saaraan isheen dhala godhachuu hin dandeenyes amantiidhaan dhala godhachuuf humna argatan.

12 Kanaafis sanyiin akka urjoota waaqa keessaa baay'atan, warri akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabnes, namicha isa akkuma waan du'ee ture tokkicha sana irraa dhalatan.

13 Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne ta'an iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin du'an; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru, biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru.

14 Namoonni wanta akkasii beeksisan biyya ofii isaanii yaadaa akka jiran in argisiisu.

15 Biyya isa keessaa ba'an sana in yaadu utuu ta'anii, itti deebi'uuf fucha in argatu turan.

16 Amma garuu isaan biyya isa sana irra wayyu hawwaan in yaadu, innis isa waaqa irraa ti; kanaafis Waaqayyo, inni achitti mandara isaaniif qopheesse, Waaqayyo isaanii jedhamee waamamuutti hin yeella'u.

17 Abrahaam yeroo ilaalamuuf qorametti, amantiidhaan Yisihaqin aarsaadhaaf dhi'eesse; isuma deddeebi'ee abdii argate sanatus ilma isaa isa tokkicha aarsaa dhi'eessuuf qophaa'e.

18 Ilmi isaas, isa "Yisihaqiin sanyiin siif in lakkaa'ama" jedhamee itti dubbatamee turee dha.

19 Waaqayyo warra du'an keessaa iyyuu nama kaasuu akka danda'u, Abrahaam yaada irra kaa'atee ture; ammas fakkeenya kanaatiin ilma isaa warra du'an keessaa deebisee akka argatetti in lakkaa'ama.

20 Yisihaq amantiidhaan wanta gara fuula duraatti ta'uuf jiru dubbatee, Yaaqoobin, Esaawuus eebbise.

21 Yaaqoob yeroo du'uuf jedhetti mataa dhaabata isaatiitti hirkatee, gugguufee utuu sagaduu, amantiidhaan ilmaan Yoseef adduma addaan eebbise.

22 Yoseef dhuma jireenya isaa jala, sabni Israa'el akka achii ba'an amantiidhaan yaadatee dubbate, waa'ee awwaala lafee isaatiis isaanitti himate.

23 Yeroo Museen dhalate, abbaan isaa fi haati isaa mucichi akka nama gammachiisu waan arganiif, amantiidhaan ji'a sadii isa dhoksan; isaan ajaja mootichaas hin sodaanne.

24 Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide.

Kitaabota hafuuraa!!

17 May, 17:08


Dirqamni keenya warra kaanaaf hidhaarraa akka hiikaman kadhachaa, garii isaaniif dhugaa bahaa, gartokkeen isaanii kan jaalatanii karaa badiinsaa filatan tahuu beeknee wajjiin jiraachuu fi firdiif kan ol kaahaman tahuu beeku feesisa.

YESUUS NI CAALA! INNI WAAQA FI GOOFTAA KEENYA ABDII KEENYA ISA DHIHOTTI DEEBI'EE DHUFUUDHAAS!
👉Mul. 1:⁷ Kunoo, inni duumessaa wajjin dhufuuf jira; iji hundinuu isa ilaaluuf jiru, warri isa waraananis immoo isa arguuf jiru; gosi nama lafa irraa hundinuu isaaf in wawwaatu; eyyee akkasuma in ta'a. ⁸ Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, "Ani Alfaa dha, Omeegaadhas" jedha; [kana jechuun, "Ani isa duraa ti, isa booddee tis" jechuu dha].

YESUUS MASIHICHA WAAQA KEENYA!
Barruu keenya waggoota muraasa dura website keenya "dhugaan namoota hundumaaf" ja'urratti dhihaatee turee fi bifa nama hundumaaf galuun sirreeysuun hiikuun kaniin ani dhiheeyseedha. Kitaaba kiyya kan "Kunoo deebiin kiyya" ja'u irratti dhihaateera.
“Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!” 1Phe. 3:15

Abdusalaam Ruduwaaniin (H/W)
Caamsaa 2023
Finfinnee

Kitaabota hafuuraa!!

17 May, 17:08


Guyyaa Ofii Isaatiif addaan baafaterratti Abbaa fi Gooftaa tahuu kan dandahu Waaqa qofa kanaaniis Yesuus Waaqummaa Isaa ibse.
👉Ragaaleen fi luqisiiwwan Mullata Yohaannis keeysatti arkaman hundi dubbii Yesuus erga samiitti ol baheen booda dubbate tahuu arkina.
1. Isa Duraa fi Isa boodaa.
(Mul 22፡13, Mul 1፡17-18)፡፡
Luqisiiwwan Kakuu Duraa kunneen jachoota kanneen fayyadamuu kan dandahu Waaqa uumaa qofa akka tahe ibsan. (Isa 44፡6-7)
2. Isa kalee fi ribuu qoru. (Mul 2፡23)
Yaada namootaa isa dhokotaa fi keeysa jiru hundumaa qoree kan beeku Waaqa Tokkicha malee eenyu tahuu dandaha ree?
Luqisiiwwan Kakuu Duraa kunneen jachoota kanneen fayyadamuu kan dandahu Waaqa uumaa qofa akka tahe ibsan. (Erm 17፡10)
3. Isa ilmaan namaa hundumaaf akka gatii isaaniitti kafalu. (Mul 22፡12, 2፡23)
Mee guyyaa dhumaatti kan ilmaan namaatiif akkuma hujii isaaniitti gatii isaanii kafalu Waaqa Tokkicha malee eenyu tahuu dandaha ree?
4. "Ani Waaqa" ja'ee jira. (Mul 21፡5-7).
Bu'uura luqisii kanaatiin ani "alfaa fi omeegaa, kan jalqabaa fi kan boodaa" jachuun Inni Waaqa tahuu dubbatee jira. Mul 22:12-13 irratti jacha alfaa fi omeegaa, kan duraatii fi kan boodaa isa daddafee deebi'ee dhufu tahuu dubbata. Mul 22፡20 irratti ammoo kan daddafee dhufu Yesuus tahuun ifatti taa'ee jira. Kanaafuu Inni Isa jalqabaa fi Isa boodaa tahe kan daddafee deebi'ee dhufu tahuu kutaan (Mul 21:7-8) irra jiru ifatti Waaqa tahuu kan ifoomse Gooftichuma ofii Isaa akka tahuu ifatti arkina.

✔️Waaqayyo Abbaan waa'ee Isaa maal ja'e?
Muslimoonni odeeysaawwan "Allaahitu dubbate" ja'anii fi quraana keeysatti arkaman mara haalduree tokko malee akka amananii fi fudhatan bekkamaadha. Fakkeenyaaf "Iissaan durbarraa dhalate" jacha ja'u kan amananii fudhataniif Iissaan "ani durbarraahiin dhaladhe" waan ja'eeniif osoo hin tahin, allaahumti isaanii "Iissaan durbarraa dhalate" waan ja'een qofaaf amanu. "Iissaa"n durbarraa dhalachuu isaa amanuu isaaniitiif jachi allaah qofti gahaa erga tahee, nutiis Yesuus Kristoos Waaqa tahuu Isaa amanuu keenyaa jachi Waaqayyo Abbaa qofti nuuf sababii gahaa fi gahaa oliis tahuu dadhabuuf hin qabu. Kanaafuu Waaqayyo Abbaan waa'ee Ilma Isaa Yesuus Kristoos addumaan waa'ee Waaqummaa Isaa maal ja'ee akka dubbate barreeysaan Ergaa gara Warra Ibrootaa raajii kitaaba Faarsaa keeysatti barreeyfame bu'uureeyfachuun kan inni dubbate mee walumaan haa ilaalluu. (Ibr 1፡4-14) dubbisi!
Akka bu'uura luqisiiwwan kutaa kanarraa dubbifnuutiin, Waaqayyo Abbaan Ilma Isaa Yesuus Kristoosiif Malaaykoonni qulqulluun warri waaqarraa illeen kan sagadaniif Gooftaa, Waaqa, teeysoo bara baraa kan qabu, uumaa samiiwwanii (bantiiwwan waaqaa) fi kkf caqasuun yoo dubbatuuf arkina. Kun ammoo Kristiyaanoonni Yesuus Kristoos Waaqa tahuu isaa amananii fudhachuuf ragaa gahaa fi gahaa ol taheedha.
✔️Ergamoonni (Barattoonni) Isaa maal ja'an?
Barattoonni Yesuus warra Isaa waliin turan fi eenyummaa Isaas eenyullee caalaa itti dhiheenyaan beekan waan tahaniif ragaan isaan kannan ragaa raajii sobaa fi hordoftoota isaa kamiyyuu nuuf caala, kanaaniis Waaqummaa Isaatiif ragaan isaanii kunooti.
👉Simoon Pheexiroos (2Phex 1፡1-3)
👉Yohaannis ilma Zabdiyoos (Yoh 1፡1-3, 1Yoh 5፡20)
👉Toomaas (Yoh 20፡28-29)
👉Qulqullicha Phaawuloos
Warra Gooftaa Yesuusiin fuulaaf fuulatti itti mullachuun arkan keeysaa tokko kan tahee fi akka tajaajila isaatiin ragaan nama kanaa kan laayyootti darbamuu miti, tilmaamni isaas ol aanaa fi fudhatamaadha. Namni kun waa'ee Waaqummaa Yesuus maal dubbate ree? (Rom 9፡5 fi Tit 11-13 dubbisi!).

Eegaa ragootti olitti tarreeyfaman kanneen hubannoof akka tahuttii fi dhugummaan mirkaneeysee Kitaabni Qulqulluun erga Waaqummaa Yesuus ifatti nuuf kaa'ee booda warri Waaqummaa Yesuus ganu hundi warra hafuurri hamaan jaamse, warra amantii sobaatti hidhamee jiru, warra jallina uumaamaatiin fi bekumsa sobaatiin hidhamee jiru, jallatee jallistootaa fi kkf malee namoota sammuun fayyaa miti.

Kitaabota hafuuraa!!

17 May, 17:08


Addumaan Iddoo hundumaatti arkamuu dandahuu fi bara baraan nu waliin jiraachuu Isaa nutti himuun kana mirkaneeyseera. (Mat 18፡19-20).
Eegaa Gooftaan keenya Yesuus Kristoos iddoo nuti maqaa Isaatiin itti walitti qabamnu hundumaatti nu jidduutti akka arkamuu dandahuu fi hanga bara baraatti kan nu waliin jiraachuu dandahuus erga tahee kun Waaqaan yoo tahe qofa tahuu kan dandahu tahuu mirkaneeysuun Waaqummaa Isaa nutti mulliseera, afaan guutuuniis nuuf ibseera.
✔️Namootni maqaa Isaatiin dhiifamuu cubbuu akka arkatan dubbachuu Isaatiin (Luq 24፡45-48)
Mee maqaa Waaqatiin yoo tahe malee maqaan namoonni dhiifamuu cubbuu ittiin arkatan kan biraa jiraa? Maqaa eenyuuti hoo?
Maqaa Isaatiin dhukkubsattoonni kan fayyifaman fi hafuuroonni hamoon kan bahan tahuu dubbachuu Isaatiin, amantoonni Isaatiis kana godhuu akka dandahaniif aangoo kanuufiin Waaqummaa Isaa mirkaneeysee jira. Mar 16፡17-20, Luq 10፡17-20.
Hafuuroota hamoo baasuu fi dhukkubsattoota fayyisuun hoo maqaa Waaqaan malee ni dandahamaa? Maqaan biraa kana ittiin godhan hoo jiraa ree? Jiraatu fidaa mee! Namoonni kana akka godhuu dandahaniif hoo kan aangoo namaaf kannu Waaqa malee jiraa?
✔️Maleeykoota (Ergamoota waaqarraa) ajajuu akka dandahuu fi isaaniis hojjattoota Isaa akka tahan dubbachuu Isaatiin. (Mat 24፡29-30).
Mee waaqa malee kan maleeykoota ajajuu dandahuu fi akka hojjattoota isaa tahanitti barsiisuu dandahu jiraa? Eenyu hoo?
✔️Guyyaa qiyaamas (bara dhumaatti) namoota du'aa kan kaasu Isa tahuu dubbachuu Isaatiin. (Yoh 6፡38-40).
Mee Waaqa malee kan guyyaa qiyaamaa warra du'e kaasuun deebisee fiduu dandahu eenyu?
Guyyaa dhumaatti hundumaarratti firdii kannuu akka dandahuuf aangoo kan qabu Isa tahuu ifatti dubbachuu fi barsiisuu Isaatiiniis Waaqummaa Isaa mirkaneeysee jira. (Mat 25፡31-43, Yoh 5፡22-23).
Mee Waaqa malee guyyaa qiyaamaatti warra jiranii fi warra du'anirrattiis kan firdii kannuu fi aangoo akkasiitiis qabu Waaqa malee eenyu?
(Yoh 10፡27-31).
Mee Waaqa malee kan jireenya bara baraa kannuu dandahu hoo eenyu? Hin jiru hin jiraatuus!
✔️Waaqeeyfamuu isa Waaqa qofaaf malu fi sagadaa gara Isaatti godhamees simachuu Isaatiin Waaqummaa Isaa mullisee jira. (Luq 17፡15-19, Mat 21፡15-16).
Dubbii isa Qulqulluu keeysatti Waaqni ulfina ykn kabajaa Isaa eenyuuf illee akka hin kannine kan dubbate fi irra deddeebiiniis akeekkachiise tahuu ni beekna, (Kes 5፡6-10, Isa 42፡8).
Yesuus Kristoos garuu waaqeeyfannaa fi sagada namoonni Isaaf dhiheeysan simatee jira. Kabaja Waaqa qofaaf malu fudhachuu Isaatiin Waaqummaa Isaa arkisiisee jira.
Gooftaa tahuu Isaas dubbachuun nuuf mirkaneeysee jira.
-Gooftaa namootaa (Yoh 13፡13-15)
-Gooftaa sanbataa tahuu Isaa himuun “Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha" isaaniin jedhe.” Mar. 2:28

👉Muslimoonni hedduun Yesuus ifatti Waaqummaa Isaa dubbachuu Isaa waan hin beekneef "Iddoo Inni itti ani Gooftaadha ja'e nu arkisiisaa" jachuun nu gaafatan. Garuu Yoh 13:13-15 irratti isa dubbate hogguu isaan arkisiifnu xiqqo nahuun turanii mala biraa uumuuf yaalu. Kanaaniis "Kitaaba Qulqulluu keeysatti namootniis Gooftoolii ja'amanii jiran" nuun ja'u, garuu dhugaan jiru Kutichaan kan Inni ibseef fi barsiise Gooftummaa isa akka barattoonni itti Isa yaadaniitiin malee, isa akka nutti toletti nuti hiikkannuun miti, nuuf karaa nutti toleen hiikkachuun hin dandeenyu.
Yaadni ballaan nuti mata duree kanaan kaasnu yoo jiraate barattoonniis Waaqummaa Yesuus amanaa waan turaniifiidha kan isaan "Gooftaa" jachaa turan malee karaa guddinaa fi kabaja, aangoo fi barsiisummaa Isaa qofa ilaaluun kan hin turre tahuudha. Karaan biraan Yesuus Gooftaa tahuu Isaa itti mullise "Gooftaa Sanbataa" tahuu Isaatiiniidha. Kun ammoo karaa wal nama hin mamsiifneen Waaqummaa Isaa kan mullisuudha. Sababniis Sanbatni Waaqayyo Gooftaa kan lafaa fi waaqa waan isaan keeysa jiruu waliin uumeef kan qulleeyfamee fi guyyaa dhunfaa Isaa akka tahe arkina kan irratti mohuu fi kabajamuus Isuma qofa (Bau 31:12-17). Yesuus ammoo Gooftaa Isa guyyaa kanaa tahuu Isaa ifatti mullisuun fi barsiisuun Waaqa Isa Kakuu duraatiin dubbachaa ture tahuu Isaa mirkaneeysee jira.

Kitaabota hafuuraa!!

17 May, 17:08


👉Yesuus bara lafarra deddeebi'aa ture hundumaatti bifa namoota biroo irraa adda tahe hin qabu ture, kanaaniis nama dhugaa tahuu Isaa mulliseera. arra osoo namni tokko gara keenya dhufee "ani waaqaa, na waaqeeysaa!" nuun ja'ee akkuma nuti isa hin simanne hundatti Yesuusiis bara lafarra turuu Isaatti osoo kana ja'eera tahee bu'aan inni qabu hangas maraa miti, mormii fi wal dhabdee uumuurraas hin darbu ture. "Ani Waaqaa, na waaqeeysaa!" jachuu caalaa qabatamaan hujii dubbii fi akka jiruu Isaa hundumaan Waaqayyummaa Isaa mullisuun karaa caalu hordofeera. Namoonni ammoo hujii fi barsiisa Isaa ilaaluun gara Isaa dhufanii yeroo ulfina Waaqa qofaaf malu Isaaf kannan itti walii galuun yeroo simatu malee "lakkii Ani Waaqaa mitii kana naaf hin godhinaa!" jachuun yeroo mormu hin arkinu. (Yoh 20:24-29).

KARAAWWAN FI DUBBIIWWAN YESUUS WAAQA TAHUU ISAA ITTI MULLISE.
👉Masihicha tahuu Isaa dubbachuun.
✔️Yesuus isa Kakuu Duraa keeysatti Masihicha akka tahe waa'een Isaa dubbatameef tahuu Isaa yeroo hedduu irra deddeebiin dubbateera ifoomseeraas. (Mat 16፡13-17, Yoh 4፡25-26, 26:1-3, Mar 14:1-2, 12:35-37, 13፡26-27, Luq 24፡13-15, 24፡25-27, 24፡44-49 ilaalaa).
✔️Raajiiwwan Kakuu Duraa keeysatti dubbataman hundi Masihichi Waaqa tahuu Isaa kan ibsanuun kan dhugoomsan turan.
Isa 9፡6-7, Mik 5፡1-2, Mik 3፡1-3, Far 45
Qabxiiwwan lameen asiin olitti dhihaatan kanneen qofti karaa sababaawaan yoo kan keenyu tahan akja itti aanu kanaan ibsamu.
- Yesuus Masihii Isa Kakuu Duraatti raajiin waa'ee Isaaf dubbatamee tahuu ifoomsee jira.
-Bu'uura raajiiwwan Kakuu Duraatiin Masihichi Waaqa.
-Kanaafuu Yesuus Waaqa tahuu Isaa mulliseera, dubbateeraas.
Ragaawwan sababaawooleen kunneen akka arkisiisanitti yoo tahe Yesuus Waaqa tahuu isaa akka dubbate arkina.
Duumeeysa waaqarraatiin kan dhufu "Ilma namaa" tahuu dubbate, hogguu moggaasa "Ilma namaa" ja'u kana ilaallu muudamaa hin darbineen tahuu arkina (Mar 13፡23-27, 14፡60-64).
Moggaasa "Ilma namaa" ja'u fi dhoksaa isaas (Dan 7:13-14) irratti arkina.
“Dan. 7:¹³ "Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame. ¹⁴ Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti" jedhe."
Akka bu'uura kutaa kanaatiin inni "Ilma namaa" jadhame kun;- Saboota hundumaa kan bitu, bulchiinsa hin darbinee, bara baraan dhaabbatee jiraatu kan qabu, mootii mootummaa lamuu hin badne dhaabuudha. Waaqa malee kan saboota hundumaa bituun maluuf fi dandahu inni bulchiinsa bara baraan jiraatu qabu eenyuu ree? Yesuus muudama "Ilma namaa" ja'u kana fayyadamuun Isaa Inni Waaqa fooniin dhufe tahuu Isaa kan ittiin ibse tahuu arkina, raajiin Raajichi Daani'eel dubbatees kanaan fiixaan bahuumsa arkachuu hubanna.

✔️Wantoota Waaqni qofti godhu qabu godhuu Isaatiin Waaqummaa Isaa mulliseera. Kanaaf fakkeenyi muraasni cubbuu namootaaf dhiisuuf gahumsa akka qabu mullisuu Isaatiin (Mar 2፡1-12).
Mee Waaqa malee namni cubbuu namaaf dhiisuu dandahu eenyu?
✔️Ulfinni Abbaaf malu hundi Isaaf kan malu tahuu Isaa ifatti dubbachuun (Yoh 5፡22-23).
Abbaaf ulfina kan kanninu Isa waaqeeysuu keenyaniidha. Yesuusiis Abbaas kan kabajnu kabaja Abbaaf kanninu hunda Isaafiis kannuuniidha.
✔️Kadhannaa keenya gara Isaatti akka goonuu fi Inniis ammoo wanta nuti Isa kadhannu hundumaa akka nuuf kannu dubbachuu Isaatiin. (Yoh 14).
Yesuus kadhata ilmaan namootaa hundumaa dhagahuuf iddoo hundumaatti arkamuu fi hundumaa kan beeku tahuu qaba, waan kadhannu hundumaa nuuf godhuuf ammoo hundumaa kan dandahu tahuu qaba. Mee Waaqa Tokkicha malee kan kadhannaa keenya dhagahee nuuf deebisu, waan hundumaas godhuu kan dandahu hoo eenyu ree? Yesuus garuu kana godhuu akka dandahu nutti himeera; kanaafuu Waaqa tahuu Isaa dubbateera.

Kitaabota hafuuraa!!

17 May, 17:08


"YESUUS KRISTOOS WAAQA TAHUU ISAA DUBBATEERAA?" (Obsaan dubbisi!)
#Via @Abduselam Redw
Gaafiiwwan "muslimootni" irra deddeebiin kaasan keeysaa tokko "Kitaaba Qulqulluu keeysatti iddoo Yesuus 'Ani Waaqaa na waaqeeysaa' itti jadhe nu arkisiisaa?" Kan ja'u gaafii jalqabaa fi tokkoodha. Gaafiin kun gaafii dhugaa fakkaata, garuu gaafichi kan burqu ergama Yesuus Kristoos sirnaan hubachuu dhabuu fi sirnoota Kitaabni Qulqulluun yaadoota itti dhiheeysuu fi barsiisa isaa sirnaan hubachu dhabuurraa gaafii burqeedha. Yesuus Kristoos Waaqa tahuu isaaf dirqama "Ani Waaqa jachu qaba" yaadni ja'u sababa gahaa hin tahu. Kitaaba Qulqulluu keeysatti Yesuus Tokkicha Ilma Waaqayyoo tahuu, waa'ee fannifamuu Isaa, waa'ee du'a Isaa fi waa'ee du'aa ka'uu Isaa iddoo hedduutti dubbatee jira. Warroonni muslimaa dhugaawwan kanneen fudhachuu dhabuun isaanii yoo iddoo Yesuus itti "Ani Waaqaa, na waaqeeysaa!" ja'e arkisiifnees akka isaan itti amanuu fi fudhachuus hin dandeenye arkisiisa. Eegaa qabxiin sirriin gaafii isaanii hoo maali?
Obboleeyyan keenya muslimaa Kakuu Duraa keeysatti iddoo itti Waaqayyo "Ani Waaqa!" ja'e adda addaa kaasuun "Yesuusiis yeroo lafarra deddeebi'aa turetti karaa wal fakkaataan dubbachuutu irra ture" nuun ja'an. Garuu yerooleen Kakuu Duraa fi Boodaa adda addummaa akka qaban hin hubatan. Waaqayyo baroota hundumaatti dirqama karaa fi akkaataa wal fakkaatuun of hin mullisuun Isa hin barbaachisu. Gaafiin keenya tahuun kan irra ture "Yesuus Kristoos karaawwan akkamiin Waaqummaa Isaa mullise?" isa ja'u malee "karaa nuti barbaadnuun waan nuuf hin ibsiniif Waaqa miti!" jachuun sammuu keenya duudaa godhuun nurraa hin eegamu.
Kakuu Haaraya keeysatti Yesuus Kristoos bifa nama hin mamsiifneen iddoo hedduutti Waaqummaa Isaa mulliseera. Garuu ammoo inni kun hundi "Ani Waaqaa na waaqeeysaa!" jachuun dubbachuu dhiisuun tahuu mala. Kanaafuu "karaan barbaaduun yoo hin dubbanne waaqummaa Isaa hin fudhadhu" jachuun ragaalee biraa ganuun warri gaafii akkasii gaafataan warra deebii barbaadu osoo hin tahin mormituu fi falmii miira isaa ittiin gowwoomsu qofaaf kan gaafatu tahuu isaa mullisa.
Yesuus Kristoos wakta lafarra deddeebi'aa turetti sababiin jachoota "Ani Waaqaa, na waaqeeysaa!" ja'an fayyadamuu isa hin barbaachisiniif muraasa haa ilaalluu mee. Hogguu kana jannu garuu "Yesuus waaqummaa isaa ganeera, dhokseera yokaan karaa kamiinuu hin hin dubbanne" jachuu keenya miti.
Kaayyoon Yesuus gara biyya lafaa kanaa dhufeef Waaqummaa fi Gooftummaa Isaa labsuu hin turre. Ergamni Yesuus gad of deebisuun ofii Isaa beenyaa ilmaan namootaa godhee kannuuf malee ulfina waaqummaa Isaa labsuu fi namootatti of beeksisuu waan hin turiniif osoo iddoo hundumaatti naannawee Waaqayyummaa Isaa labseera tahees ergama itti dhufeen waliin kan deemu hin tahu ture. Gooftaan Yesuus ulfina ofii Isaa barbaaduuf akka hin dhufin irra deddeebiin dubbateera (Yoh 8:50 Mat 20:28) akka fakkeenyaatti ilaaluun ni dandahama. Ergamaan Phaawuloos yaada kan karaa laphee namaatti bu'uun dhiheeyseera (Fil 2:5-10)
Yesuus Isaa fi Abbaa jidduu adda addummaa dhagnaan jiru ifa osoo hin godhin "Ani Waaqaa na waaqeeysaa!" jacha ja'u osoo fayyadamee saba Yihuudii fi warra yeroo san lafarra turan hundaaf bita galuumsa guddaa taha ture. Yihoodoonniis taanaan waa'ee qaam-sadummaa Waaqayyoo (Sillaasee) hubannoo fi bekumsa ifa tahe waan hin qabneef osoo Yesuus jechoota "Ani Waaqaa, na waaqeeysaa!" ja'uun of ibsee "Anumti Abbaadha" akka ja'uutti waan yaadaniif akkas ja'ee dubbachuun Isaa burjaajjii fi osoo ergama dhufeef hin raawwatin Isarratti mormii dachaa fiduurraan kan hafe bu'aa biraa hin qabu ture. Kanaafuu yeroo hundumaa hujiiwwan Waaqummaa Isaa mullisan hojjachuun fi barsiisa Isaa keeysattiis bifa fi karaa ogummaan guuteen isaanitti mullisuu fi beeksisuus filateera. Garuu yeroo kana godhu hundumaatti ammoo adda addummaa dhagnaa kan Abbaa waliin qabu ifoomsuun ture.

Kitaabota hafuuraa!!

09 Apr, 12:43


" Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a."
(1 Pheexros 1: 5)
Fayyinna bara boodaatti muul'achuuf jedhu akka fudhattuuf humna waaqayyoo humna humna gararraan eegamaa jirta obboleessa koo ,obboleettii too hin sodaatiin humni waaqayyoo inni si eegu diina qofa irraa osoo hin tain , akka eebbba kee bira geessuufis si eega, diina kee irraa si eega , yaada foon keetii irraa eega , wantoota hundummaarraayyuu si eega ,kanaaf hin sodaatin inni si eegu ni caala.

Kitaabota hafuuraa!!

03 Mar, 22:44


Wantoonni yommuu jijjiiraman mee obsi, haalonni yommuu sitti geedaraman ammas obsi,ulaagaan yommuu si gatu ammas obsi,yaadda'uu keessaa kisaaraa malee bu'aan tokko hin argamu. Gaafa yaaddoftu qaama keerraa hamma jireenya hafuura keetti miidhamaa taata,sun immoo muul'ata boruu kee nyaata,kanaaf mee obsi, obsi obsi, yeroo ammaa wantoonni nama dhiphisan baay'ee tauu danda'u,fkn hojii dhabuu,qaaleyiinsa jireenyaa,harka duwwaa tauu,mindaa gahaa argachuu dhabuu,lola keessa jiraachuu fi kkf kaasuu ni dandeenya,garuu obsuun murteessaadha. Yeroo isaatti wanti hunduu goolaba ni argata.,

Kitaabota hafuuraa!!

24 Feb, 17:10


Jireenya hafuuraa keerratti yommuu hojjettu qaama kees hin dagatin, sochiin qaamaa akka si barbaachisu beeki,tokko tokkoof ni barbaachisu. Hafuurri kee yeroo fayyaalessa tae akkuma foon kee gargaaru, sochii qaamaa qaama keerratti hojjechuunis ofitti amanamummaa kee dabala, si barbaachisa hin dagatin.

Kitaabota hafuuraa!!

28 Jan, 12:11


Faayidaa ispoortii baruu yoo barbaadan haa dubbifamu!

Kitaabota hafuuraa!!

07 Jan, 03:10


May the holidays be a peaceful,loving,happy holiday for you ,and your family. the birth of jesus has brought solutions to your home.so rejoice in the lord. Jesus paid the price for you to live. you will not die, you will live there. Ayyaanni waaqayyoo isiniif haa baay'atu!!