Jaalala Dhugaa

@jalalaadhuga


Jaalala dhugaa kana keessa yeroo seentan aadaa
Duudha
Seera
Seena
Gammachuu
Tolaan argattu
#JOIN
#SHARE
WALIIF GODHA
WAL HAA GUDDISNUU

Jaalala Dhugaa

22 Oct, 17:15


๐€๐ฆ๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญa kufaatii ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฌ๐ข ๐ก๐š๐ฆ๐›๐ข๐ฌ๐š๐ง!

๐Ÿ. "Boran eegala" jechuu. Har'uma, ammuma eegali.

2. Mul'ata kee namoota ofiifuu hin milkoofne faana mari'achuu!

3. Karoora barreeffamaan yeroo wajjin qindaa'e dhabuu.

4. Namni kan biraan dhufee akka si oolchuuf abdachuu.

5. Hamma mul'ata kee irratti hojjetturra waa'ee mul'ata kee dubbachuu baayyisuu!

6. Kitaaba baayye dubbisuu, garuu kitaaba tokkoyyuu hojiitti hiikuu dhiiisu.

7. Kufaatii al-tokkoof barabaraan abdi kutuu.

8. Jaalallee mul'ata kee hubatee/ttee si gargaaruu hin dandeeye qabaachuu.

9. Ilaalcha namootaaf kan ofii caalmaati bakka laachuu.

10. Mul'ata guddaa baattee amala kee geeddaruu sodaachuu!

๐‡๐ฎ๐ง๐๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ข๐ง๐š๐ง ๐ก๐š๐ฐ๐ฐ๐š!
๐‹๐š๐Ÿ๐š ๐ฒ๐š๐š๐๐๐š๐ง ๐ช๐š๐ช๐ช๐š๐›๐š๐š!
๐€๐ฆ๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐ค๐š๐ง๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐ค๐ค๐Ÿ ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐จ๐Ÿ ๐ช๐ฎ๐ฌ๐š๐๐ก๐š๐š!

https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

22 Oct, 17:14


Jabaatanii hojjechuun sodaa fi dhiphina ofiitiif deebii ga'aadha! ๐ŸŒฑ

https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

21 Oct, 12:23


Abjuukee isa guddaa sana si yaadachisufan dhufee, isa gaafa yaadattu eenyu iyyuu akka sin dhaabne nan beeka. ๐Ÿ”ฅ

Jaalala Dhugaa

21 Oct, 12:23


๐Ÿ‡พ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฉ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฉ ๐Ÿ‡ญ ๐Ÿ‡บ !

Fอ†ฬบeอ†ฬบdอ†ฬบhอ†ฬบiอ†ฬบiอ†ฬบ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ง๐ง๐š๐š๐ง Gอ†ฬบuอ†ฬบfอ†ฬบuอ†ฬบuอ†ฬบ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ!

https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

21 Oct, 12:22


Channel kessaan kana
Channel barsiisaaf jajabeessaa kana nu cina dhabadha isiniin jenna
Share
Like
Comments gochuun nu jabeessa

Nagaan turaa
Linkiin keenya kunooti

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

19 Oct, 16:57


Falaasama jireenya kee ittiin geggeeffattu qorii ilaali!
Jireenyi kee har'aa-borii ilaalchaa fi falaasama kee irraa akka maddu hubadhu ๐Ÿ’ก

Fkn. ๐™‰๐™–๐™ข๐™ฃ๐™ž ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™ž ๐™˜๐™–๐™ง๐™ง๐™–๐™–๐™™๐™๐™– jedhu, jireenya isaa keessatti dhiibbaa uumuuf dandeettii qabu mara hin fayyadamu. ๐™‰๐™–๐™ข๐™ฃ๐™ž ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™ž ๐™˜๐™–๐™ง๐™ง๐™–๐™–๐™ฆ๐™ฆ๐™ž๐™ž๐™™๐™๐™– jedhummoo, tattaafachuu dhiisee callisee taa'uu hin danda'u!

Walumaa galatti, Jireenyi kee ilaalchaa fi falaasama keetii ๐ŸŒฑ
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

19 Oct, 14:28


๐™บ๐šŠ๐š›๐šŠ๐šŠ๐š•๐šŽ๐šŽ ๐š’๐š๐š๐š’๐š’๐š— ๐š˜๐š-๐š”๐šž๐š—๐šž๐šž๐š—๐š๐šŠ๐š๐š๐šž.

๐Ÿท. Waan keessi kee itti hin gammadne hin raawwatin.

2. Dhugaa si keessa jiru dubbadhu.

3 . ๐™‡๐™–๐™ ๐™ ๐™ž jechuu hin sodaatin.

4. ๐™€๐™š๐™ฎ๐™ฎ๐™š๐™š jechuus hin sodaatin.

5. Jechoota haamilee kee tuqan ofirratti hin dubbatin.

6. Wantoota si bohaarsanirra wantoota si barsiisan caalchifadhu.

7. Hirriba ga'aa fudhadhu.

8. Karooraan geggeeffami.

9. Hiriyoota abjuu keetiif hin taanerraa adda ba'i.

10. Waaqa keetti dhiyaadhu.


https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

19 Oct, 14:12


๐๐š๐ซ๐ฌ๐ก๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฒ๐š๐š๐๐จ๐ญ๐š ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐จ๐จ ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š

1. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’ ๐’‚๐’•๐’Š ๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’”๐’•๐’– ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’‚๐’•๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’“๐’“๐’‚ ๐’„๐’‚๐’‚๐’๐’–๐’– ๐’‰๐’Š๐’ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’–!
Waanuma si marare mara hin bitin; karooraan geggeeffami!

2. ๐’€๐’๐’ ๐’™๐’Š๐’’๐’’๐’‚๐’‚๐’•๐’† ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’“๐’“๐’‚๐’‚ 10% ๐’๐’ ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’…๐’‰๐’– (๐’’๐’–๐’”๐’‚๐’…๐’‰๐’–)
Mul'ata hojii gara fuulduraatiif si fayyada.  Wanti qusannaadhaan walirra bu'aa adeemu yeroo dheeraa booda guddachuu hin oolu.

3. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’†๐’† ๐’๐’Š๐’’๐’†๐’†๐’”๐’”๐’–๐’–๐’‡ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‚๐’“๐’Š๐’Š๐’‡๐’‚๐’•๐’Š๐’
Yeroo liqeessitu qarshii yoo siif deebi'uu dhiise si irratti dhiibbaa hin uumne liqeessi. Yeroo liqeessitu hundas akka kennaa namaaf laatteetti lakkaa'i.

4. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’ ๐’˜๐’‚๐’๐’•๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’š๐’š๐’†๐’† ๐’…๐’‰๐’‚๐’๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’Š๐’”๐’‚๐’ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’•๐’๐’Œ๐’Œ๐’ ๐’•๐’‚'๐’–๐’– ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐’‰๐’Š ๐’…๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’•๐’Š๐’.
" Qarshiin gammachuu hin bitu" jechuun qarshiin hin barbaachisu jechuu miti. Qarshiin wantoota dhala namaaf baayyee barbaachisoo keessaa isa tokko ta'uu hin dagatin.
Qarshiif bakka guddaa qabaachuu keetiifis of hin ceepha'in; haata'u malee, waan hundammoo qarshiidhaan hin madaalin!

5. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’๐’Š๐’’๐’†๐’†๐’‡๐’‡๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’– ๐’Œ๐’†๐’†๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐’…๐’–๐’“๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚ ๐’…๐’†๐’…๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š๐’Š๐’ ๐’š๐’‚๐’‚๐’…๐’Š
Yeroo jettetti deebisuu danda'uu kee yoo shakkite rakkadhu malee hin liqeeffatin.
Liqiin hiriyummaa baayyee akka balleessu hin dagatin kanaafuu namoota dhabuu hin barbaannerraa liqeeffachuurraa of eegi!
" Qarshii liqeessuu jechuun hiriyaa ofii dhabuudha" Fyodor Dostoyevsky

https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

18 Oct, 20:56


Guyyaa tokko hiriyaan koo, " Mirga sooromuu qabda" naan jedhe. Erga guyyaa sanaatii jecha kana dagadhee hin beeku.

Ati mirga mul'ata kee milkeessuu qabda! ๐Ÿ’ช๐Ÿพ
Ati mirga abjuukee dhugoomsuu qabda! ๐Ÿ…

Lafa nagaa oolaa!
Hamaan isin hin argin; gaariin isin hin darbin!.
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

18 Oct, 20:00


Dhaggeeffachuu fi milkaa'ina

๐Ÿ’ฅNamoota irraa barattu yeroo argattu caalmaatti dhaggeeffataa ta'i!

๐Ÿ’ฅBeekumsa kee mul'isuuf, hammam akka tattaafachaa jirtu himachuuf yookaan karoora guddaa akkamii akka qabdu tarreessuuf hin ariifatin!

๐Ÿ’ฅNamoota irraa barattu yeroo argattu, ati gaazexeessaa ta'i; Isan haa dubbatan, atimmoo gaaffilee barbaachisoo dhiyeessiifi caqasi.

๐Ÿ’ฅ Arrabnikee haa boqottu; gurri kee haa banamtu; qalbiin kee immoo haa galmeeffattu

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 19:33


Na dhiisaa ๐Ÿ˜Œ
Gubbeetti na hagdanii
Awwaalcha na lagdanii
Caba koof sababooftanii
Cuuraa koo akooftanii

Gaarummaan koo hunduu
badiin bakka bu'ee
Namootuma kootiin
si'a meeqan du'ee!

Maalif na cabsitu yeroo danuu
Dhiisaa karran cufe lammee banuu
Nan jiraadhaa nan dabsinaa
Hamilee koo kichuuttin cabsinaa
Injiraan mudhii natti taatanii
Foddaa'rraan na jalaa yaatanii...

Dhiisaa...
Irraan namoota koo fakkaattanii
keessaan ana madeessuu
Ofii mi'aa unattanii
anatti jiruu aleessuu

Na dhiisaa nan jiraadhaa adaraa
Yaa namootaa safuu baraa
Eee...
Deddeebistanii na ajjeestaniittu
yeroo dhibbootaaf kuma
Akka niitii looxii anis
gufuu duuba kootiin baqee dhuma
Waaqayyotu baasa gumaa

nan callisaa
Na dhiisaa
๐Ÿ˜Œ
ยฉ https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 19:31


โ€œQiixxaa eelee sibiilaa
Yaa irraan bukatashee,
Jalaan gubatasheeโ€ฆ
Isa beekuuf gabbina,
Isa hin beekneef salphinaโ€

Hiriyaa keessi summii
Ya afaan tolashee,
Ya keessaan lolasheeโ€ฆ
Isa beekuuf tapha,
Isa hin beekneef caba!

Malaan-maltuun aantii
Afaaniin caraanti,
Garaan nama waraantiโ€ฆ
Gaafa dhiphuusheetii
Dutaa si waammatti
Gaafa dhimphuukeetii
Citaa si saammatti!

Waadaa Geetachoo
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 19:31


Jechaan ibsi jedhu
Jechi miira cora
Miirri jecha hinqabu
Eessaan sitti hora

Harmeen anaaf miira
Dhangalaaโ€™aa kuustee
Ofkeessa na luustee
Dhiiga ofkeessa Cobsaa
Imimmaanshee roobsaa

Waan hinmalleef taatee
Anaaf karaa taatee

Harmee jecha hinqabne
Jecha maaliin ibsu
Fayyaa kadhachaafi
mogoleeshee Cimsu

โœ๐Ÿฝ Haftee Baqqalaa Baa
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 08:24


Namni barichaa...

Hubamaa wal'aanutti
Citee walitti aanutti
Afarsaarra darbuutti
Rakkoo sirrii sarbuutti...

Kaka'uumsa hin qabu!

Cabsee wal maksuutti
Ho'isee wal baksuutti
Raawwii irra oduutti
Ijaaruu irra qoodutti...

Raawwatee humna hin dhabu!

Akka kanaan,

Haaluma yerootti - akkuma baraatti
Guutummaan kooluu galle
Irraa dhalanneef malee - santu seeraaf malee,
Jara kaleessatti waamamuun hin malle!

Diinagdee Dabalee
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 08:22


Sodaa ciis-ichaa
-
โ€œCiisi ...ciisiโ€™โ€™s jedhamuu,
Keessikoo naan eeyyamu
Hirribas jibbee miti,
Nafnis na didee miti
Siqiqii ciisicha booda
Sodaadheen sireen ooda!
..
[Inni safuu uume, yoo isin jaalata ta'e
Isiniin haa dheessu, waanta narra ga'e ]
..
โ€˜Shigguxiiโ€™ nyaachifatti
Luka na baachifatti!
๐Ÿ˜„
{Yoo hooggantuu fuudhani
Guyyaa ni gugguufani
Halkan hin kurruufani}
-
Kanaa'ol Badhaadhaa
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 08:20


Maayii malee hunkurta
Abdii danuu gurgurta
Keessa hin qabdu qooda
Hin hoodeffattu hooda
Kee oolmaan achii gadi
Halkan gurraachaaf guyyaa adii,

Ni hoorta
Ni joorta
Ni gaadita
Ni gaabbita
Jalqabdee fiixa hin baastu
Dalagdee kaluu hin kaastu
Akka bubbee gannaa
Sirraa shakkii qabna!

Diinagdee Dabaleen
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 08:19


Abbaa
~
Siif himamuu baatus
siif walaleeffamuu
Jaalallin siif qabu
himamee hin dhumu
~
Abbaakoo dawoo koo
gaachana jireenyaa
Kan kaanii hin beeku
ati naaf fakkeenya
~
Abbaakoo abbiyyoo
Naaf jiraadhu kuma
Qananiin kootifii
kabajni koo suma
~
Siinan kabajame
siinan har'a ga'ee
Gammachuu na guuta
maqaa kee yoon dhahee
~
Bu'aa ba'ii jiruu
baatte anaaf jecha
Si malee hin tolle
seenan koo kaleecha
~
Kuma naaf jiraadhu
hamtuun sin arginii
Oolmaa keen dagadhu
siinan boona anii
~
โœ YW Kaachuu
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 08:19


Bareedduu koo
Hundaan toltuu
Tokkittii koo
Jaallatamtuu!

Naasolee koo
toltuu maraa
jaalattuu koo
mootii namaa!

Marartuu koo
gar laafettii hundaaf naatu
Obsituu koo,
ka dandeettee hundaa baattu!

Jajjabeessituu koo
miyeessituu jiruu
addunyaa kanarra
fakkaattin ke in jiru!๐Ÿ’”

Ebise Teshome โœ๏ธ
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

16 Oct, 08:19


...mee dubbifadhu?!

Akka....,
Sosochiin qaama koo
si barbaacha arreedu,
Adeemsi faana koo
Ejjeta keen bareedu;

Akka...,
dubbiin arraba koo
jaalala keef danqamu,
Ilaaltuun ija koo
Si arguun saaqamu;

Mee dubbifadhu
Ani sitti hin himuu,
suuta qalbifadhu
Kunoo sitti hin cimuu!


AnSiiF ๐Ÿ–‹ ๐Ÿ–ค
https://t.me/jalalaadhuga

Jaalala Dhugaa

10 Oct, 04:08


Kun verify ta'ee Jira ammaa jalqabi
https://t.me/cherrygame_io_bot/game?startapp=r_982362116 Join the cherry game using this referral link and win prizes!

3,648

subscribers

234

photos

48

videos