Guca Aartii

@fiilmiin


Barumsa, Koorsiiwwaan Tiyaatiraa fi Fiilmii

I blog about marketing and sales
Buy ads: https://telega.io/c/Fiilmiin

Guca Aartii

21 Oct, 14:29


Writing a captivating movie script requires a combination of key elements. Here's a step by step guide to help you craft or write a compelling story

A. Development

1. Start with a strong concept: Develop a unique idea or premise.
2. Create complex characters: Give them relatable motivations, goals and backstories.
3. Build a clear structure: Typically, a three-act format (setup, confrontation, resolution).

B. Story Elements

1. Conflict: Internal and external struggles drive the plot.
2. Tension and suspense: Keep your audiences engaged with uncertainty.
3. Emotional connections: Make the characters relatable and empathetic.
4. Themes: Explore universal ideas like love, redemption, self-discovery.
5. Dialogue: Authentic, concise and revealing character traits.

C. Script Structure

1. Setup: Introduce characters, world and conflict.
2. Confrontation: Escalate tension, obstacles and character growth.
3. Resolution: Tie up loose ends, provide closure.

D. Writing Tips

1. Show, don't tell: Use action and dialogue to convey story.
2. Active voice: Engages your audience.
3. Vary pacing: Make sure you balance action, drama and quiet moments.
4. Subtext: Characters' underlying emotions and motivations.
5. Edit and revise: Refine your work.

E. Format

1. Scene headings: Indicate location and time.
2. Action lines: Brief, descriptive.
3. Character names: Appear before dialogue.
4. Transitions: Guide the reader through the story.

#scriptwriting #script #writing #moviescript #movie
@Fiilmiin

Guca Aartii

20 Oct, 17:21


Siitkoomii Maatii Kutaa 4ffaa

https://youtu.be/Cps2BKWdvW8?si=4891yTy-loAdIS71

Guca Aartii

14 Oct, 07:26


Guyyaa Tokko Qofatu Hafe
Wal - Dorgommii Fiilmii Gabaabaa

Qubee Communication Garee Fiilmii fi Tiyaatiraa waliin ta'uun Wal-dorgommii Fiilmii gabaabaa siniif qopheesseera. Fiilmii gabaabaa Daqiiqaa 10-20 dheeratu hojjachuun Wal-dorgommii kana irratti hirmaachuun ni danda'ama. Wal-dorgommii kanaaf Badhaasni hanga qarshii Kuma Dhibba Tokko (100,000) kan qophaa'e yemmuu ta'u, Namootni fedhii fi dandeettii isaa qabda martuu hirmaadhaan affeerraa keenya. Dabalataanis carraa hojii biroo kan siniif mijaa'u ta'a.

Namootni hirmaachuuf fedhii qabdan Lakkoofsa bilbilaa gadii irratti karaa Telegiraamii Maqaa fi Lakk. Bilbilaa keessan qofa erguun galmaa'u dandeessu. Guyyaan galmee hanga Onkololeessaa 5/2017 tti qofa.

+251972877777
t.me/Fiilmii_bot

Hub:- Ulaagaalee dorgommii dorgomtoota galmaa'aniif kan beeksisnu ta'a.
https://t.me/contact_qubee
@Fiilmiin

Guca Aartii

11 Oct, 06:03


Guyyaa 5 qofatu hafe

Wal - Dorgommii Fiilmii Gabaabaa

Qubee Communication Garee Fiilmii fi Tiyaatiraa waliin ta'uun Wal-dorgommii Fiilmii gabaabaa siniif qopheesseera. Fiilmii gabaabaa Daqiiqaa 10-20 dheeratu hojjachuun Wal-dorgommii kana irratti hirmaachuun ni danda'ama. Wal-dorgommii kanaaf Badhaasni hanga qarshii Kuma Dhibba Tokko (100,000) kan qophaa'e yemmuu ta'u, Namootni fedhii fi dandeettii isaa qabda martuu hirmaadhaan affeerraa keenya. Dabalataanis carraa hojii biroo kan siniif mijaa'u ta'a.

Namootni hirmaachuuf fedhii qabdan Lakkoofsa bilbilaa gadii irratti karaa Telegiraamii Maqaa fi Lakk. Bilbilaa keessan qofa erguun galmaa'u dandeessu. Guyyaan galmee hanga Onkololeessaa 5/2017 tti.

+251972877777
t.me/Fiilmii_bot

Hub:- Ulaagaalee dorgommii dorgomtoota galmaa'aniif kan beeksisnu ta'a.
https://t.me/contact_qubee

Guca Aartii

09 Oct, 05:23


Seenaa Aartii fi Og-barruu Oromoo keessatti ga'ee guddaa kan qabu Sagantaan Tv Dhangaa jedhamu akka seedaa namoota hedduu keessaa hin badne namoota godha keesaaa tokko isa. Diraamaawwan raadiyoo gaggaboofi dhedheeroo baay’ee uummata biratti jaallataman barreesseera. EtV Afaan Oromoo warra jalqabsiisan keessaa inni adda dureedha.

Daayreektara Sirba Afaan Oromoo isa hangafadha. Kanneen akka Salamoon Dannaqaa (Shaamaa burree tiyya), Abbabaa Abbishuu (Dammeetoo Daabeen toora), Daawwitee Makonnon (An dhufeen jira), Taaddalaa Gammachuu (Dammaammakaa), Sittinaa (Burtukaanii Mitii hadhaadhaa) fi hojiiwwan hedduu lakkoofsan ammi isaanii hin beekamne hojjateera Warquu Gaaddisaan.

Abbaan Ogummaa danuu Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaa du'aan boqochuu isaanitiin Gareen Fiilmii gi Tiyaatiraa Gadda itti dhaga'ame ibsuu barbaada. Jaalattoota Aartii Oromoo maraaf, Firaa fi Waayillan hojii Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaa maraaf Jajjabina hawwina.

@Fiilmiin

Guca Aartii

08 Oct, 13:49


Artiistii Gameessi Tasammaa Galataa

Artiistiin gameessifii buleessi Tasammaa Galataa dhibee kaansarii dhibamee haala rakkisaa keessa jiraachuun himame.

Waggoota 30 oliif diraamaawwan, fiilmii fi tiyaatiroota Afaan Oromoo hojjechuun beekamtii, dinqisifannaafii jaalala kan horate artiistichi “yeroo ammaa kana baay’ee socho’uu dadhabeera,” jedhameera.

Hiriyaan waggoota dheeraafi ‘obboleessa’ jechuun kan of ibsu Artiist Jimaa Galataa dhimma Artiist Tasammaa gara miidiyaa hawaasaatti fiduun ummanni gargaarsa akka taasisuuf gaafateera.

“Dhukkubni isaa kun dura akka onneetiin jalqabee onnee kana yaalamaa osoo jiruu baay’ee dadhabaa dhufe” kan jedhu Artiist Jimaan, “Yeroo dhiyoo ji’a tokkoo as immoo kaansariin dhiigaa irratti argame” jechuun BBC’tti himeera.

''Hojiiyyuu hojjetee hinbeeku''
Artiist Tasammaan dhibee onnee dhukkubsachuu erga eegalee waggoota lamatti akka siiqu kan himu Artiist Jimaa, sababa dhibee kanaan hojii jaalatufii ittiin ofjiraachisurraa fagaatee turuu himeera.

“Erga waggaa tokkoo as waggaatti al tokko yookiin al lamarraa kan hafe hojiiyyuu hojjetee hin beeku. Haalli inni keessa jiru hojii sana kan hojjechiisu miti” jedheera.

Artiist Tasammaa Galataa dhibee kaansarii dhiigaa dhiyoo irratti argame Magaalaa Finfinnee Hospitaala Phaawuloositti yaalamaa jiraachuu kan hime Artiist Jimaa, yeroo ammaa wal’aansa dhibee kaansarii qoricha fudhachuun taasifamufii Keemoteeraappii akka eegale himeera.

“Keemoo kana yoo xiqqaate guyyaatti qarshii 15,000-20,000 isa barbaachisa” kan jedhe Jimaan, artiistichi maallaqa ittiin of yaalchisu ofharkaa fixee deeggarsa namoota dhiyootiin yaalamaa jiraachuu himeera.

“Qorichisaa baay’ee qaaliidha. Qaala’iinsa qofas miti, mana kiraa keessa jiraata. Kana qofas miti; maatii qaba, ijoollee qaba” jechuunis haala artiistichi irratti argamu ibseera.

''Kan ittiin yaalamu dhabeera''
Sadarkaan dhibee kaansariin dhiigaa Artiist Tasammaa Galataa yeroo ammaa sadarkaa duraarra akka argamu ogeeyyii fayyaan akka itti himame Artiist Jimaa himeera.

“Dookatarootarraa akka dhageenyetti asittis yaalamuu ni danda’a. Caalmaatti garuu humna qabaannaan biyya alaa deemamee yoo yaalame dafee fooyya’uu ni danda’a kan jedhu nuuf kaasaniiru” jedhe.

Haa ta’u malee artiistichi yeroo ammaatti maallaqa yaalaaf ta’u harkaa dhabee jiraachuu himeera.

“Waan hundayyuu maallaqa ofharkaa fixeera, wanti qabu hjinjiru” kan jedhu waahilli artiistichaa kun, yeroo ammaa kana deeggarsa namoonni itti dhiyaatan taasisaniin yaalamaa akka jiru himeera.

“Wanta danda’amu uummanni Oromoo, mootummaan, dhaabbileen miti mootummaa, warri biyya alaa jiranis ummanni diyaaspooraa nucinaa dhaabbatanii mucaa kana yaalchisnee gara hojiisaa innifii ummanni jaalatutti akka deebi’u gaafanna” jedheera.

“Bara ummanni Oromoo karaarra deemee Afaan Oromoo dubbachuu sodaatutti Tasammaan immoo miidiyaatti bahee dhimma Oromoo, dhimma aadaafii aartii Oromoo dubbachaa ture” jechuun gumaata Artiist Tasammaan guddina aartii Oromoof taasises himeera.

Dabalataan “Dubbachuu qofa osoo hintaanee itti baqe, itti quucare, itti dhama’e, itti dadhabe, abidda ta’ee itti boba’ee, qaanqee ta’ee itti qaanqa’e” jedheera.

Maddi BBC
@Fiilmiin

Guca Aartii

07 Oct, 16:43


Ulfaadhaa. Hundumtuu amma humnaa Tasammaa cina dhaabbadhaa 🙏

Guca Aartii

07 Oct, 16:10


Namoota seedaa ijoollummaa keenya keessa gama Aartiin, keessattuu Diraamaawwan Tv fi taphoota waltajjii akkasumas Fiilmiin sammuu keenya keessa jiran keessaa tokko Tasammaa Galataati. Bara isaan Aartii Oromoo jalqaban sanas ta'ee yeroo ammaa kana Aartii Oromoo irratti qofa hirkatee namni jiraatu jira jechuun hin danda'amu. Galiin Aartistoonni gama Taatummaa fi barreeffamaan jira argatan kiisii otuu hin seenin kan dhumtu akka taate namuu waan beekudha.

Namni ammoo jiraachuuf, nyaachuf, ijoollee isaa barsiifachuuf, dhukkubsatu yaalamuuf qarshiin isa barbaachisa. Galiin Taatoo Qarshii harkaa gara afaaniiti. Guyyaan muddamaa akkasii gaafa dhufu surraa namarraa gattee lammii koo nama jechisiifti.

Aartiisti Tasammaa Galataa Yeroo ammaa kana dhukkuba hamaan qabamee siree irra ciisee Maaloo lammii koo na yaalchisaa jechaa jira. Nuti akka garee Fiilmii fi Tiyaatiraatti jaallattoota fi dinqisiifattoota Aartii waan taanef Tasammaa cina dhaabbachuuf #challenge Qarshii 100 Tasammaaf jedhu kana irratti akka hirmaattaniif kabajaan sin gaafanna.

Yoo xinnaate namni 100 challenge kana accept yoo godhe waan xinnoos taatu isa gargaaruu dandeessi waan ta'eef Maatiin Fiilmii fi Tiyaatiraa adaraa keessan nu cina dhaabbadhaa. Challenge kana warreen fudhattan comment irratti screenshot nuuf qoodaa.

Lakkoifsota Herreega Baankii
Tasammaa Galataa
CBE- 1000345360399                     
Awash - 01320023848800                       
CBO-   1000039297721
Hadha Warraa Isaa Roman Asaffaa
CBE  1000144102154

@Fiilmiin

Guca Aartii

07 Oct, 15:45


Adaraa Waaqaa Harka keessan diriirsaafii

"Kadhannee Wal Awwaaluurraa Kadhannee wal haa yaalchifnu".
Ergaa Deeggarsaa Ariifachiisaa...

Artistiin Gameessa fi Jaalatamaa, waggaa 30 oliif  Artii Oromoo Keessatti Aaree, boba'ee ramaccii ta'ee bara afaan oromoo dubbatamuu sodaatamutti keesumaa gama Diraamaa, Fiilmii fi  tiyaatiraan Aadaa, Duudhaa fi  safuu oromoo beeksisuu fi waltajjiitti baasee dubbataa kan ture artist Tasammaa Galataa yeroo ammaa kana dhibee dhukkuba kaanserii dhiigaatiin qabamee eega mana kireeffatee jiraatu keessa ba'uu dadhabee kunoo ji'a jaha guutee jira. haaluma kanaan dhukkuba kanaaf qoricha kiimoo jedhamu hospitaala paawuloositti eegalus, qorichi kun qaala'iinsa gatii irraan kan ka'e guyyaatti qarshii 15,000-20,000 baasuun humnaa ol itti ta'eera. mana kiraas kan kanfalatu dhabee dhukuba isaa waliin cinqii keessa jira. kanummarraa ka'uudhaan akka dooktarootarraa odeeffannetti dhukkubni kun sadarkaan isaa isa jalqabaa waan ta'eef humni yoo jiraate biyya alaa deemee yoo yaalame dafee akka fayyuu danda'u nuuf himaniiru.

Haata'uutii artistiin tokko sanuu artistiin oromoo biyya alaa deemee yaalamuu miti asittu kan itti dawwaa bitatu hinqabu.Tasammaanis Akkasuma.

kanaafuu Uummanni Oromoo, Mootummaan naannoo oromiyaa, oromonni biyya alaa, Abootiin qabeenyaa fi namoonni  dhuunfaa hanga dandeenye waliif gumaachinee akka biyya alaa deemee yaalamu kaan ciree keenya dhiifnee , kaan laaqana bira dabarre kaanimmoo hirbata bira tarree qabeenya uummataa Tasammaa Galataatiif harka keenya haadiriirsinuufii dhaamsa keenya.

Waliif haabirmannu..waliif haabirmannu !!!!!

Tasammaa Galataa
CBE- 1000345360399                     
Awash - 01320023848800"                         
CBO-   1000039297721
Hadha Warraa Isaa Roman Asaffaa
CBE  1000144102154

Odeeffannoo dabalataaf 091145 9364 Tasammaa/ Roomaan 0927190480 jimaa naqunnamuu dandeessu.

#share waliif haagoonu.
@Fiilmiin

Guca Aartii

03 Oct, 16:45


Wal - Dorgommii Fiilmii Gabaabaa

Qubee Communication Garee Fiilmii fi Tiyaatiraa waliin ta'uun Wal-dorgommii Fiilmii gabaabaa siniif qopheesseera. Fiilmii gabaabaa Daqiiqaa 10-20 dheeratu hojjachuun Wal-dorgommii kana irratti hirmaachuun ni danda'ama. Wal-dorgommii kanaaf Badhaasni hanga qarshii Kuma Dhibba Tokko (100,000) kan qophaa'e yemmuu ta'u, Namootni fedhii fi dandeettii isaa qabda martuu hirmaadhaan affeerraa keenya. Dabalataanis carraa hojii biroo kan siniif mijaa'u ta'a.

Namootni hirmaachuuf fedhii qabdan Lakkoofsa bilbilaa gadii irratti karaa Telegiraamii Maqaa fi Lakk. Bilbilaa keessan qofa erguun galmaa'u dandeessu. Guyyaan galmee Fulbaana 24/2017- Onkololeessaa 5/2017 tti.

+251972877777
t.me/Fiilmii_bot

Hub:- Ulaagaalee dorgommii dorgomtoota galmaa'aniif kan beeksisnu ta'a.
https://t.me/contact_qubee