KAKU MEDIA (@kaku_media) के नवीनतम पोस्ट टेलीग्राम पर

KAKU MEDIA टेलीग्राम पोस्ट

KAKU MEDIA
Ati yaa Abbaa Kaayyoo
Hin ta'in nama laayyoo

https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
8,431 सदस्य
63 तस्वीरें
4 वीडियो
अंतिम अपडेट 06.03.2025 10:46

KAKU MEDIA द्वारा टेलीग्राम पर साझा की गई नवीनतम सामग्री

KAKU MEDIA

26 Feb, 06:29

555

Kanaaf daa'imman yeroo cuuphaman amantaa fi barnoota maatiin akka ofitti fudhatan adaraan itti kennameeti. (HDB 10÷47) irratti "Maatiin Qernolewoos hundi akka cuuphamaniif kan isaan dhorku akka hin jirre" Qulqulluu Pheexiroos dubbate. Kana jechuun namoota achi jiran hundi erga kan cuuphaman ta'ee daa'imman of hin beekne dabalatee nama hundatu cuuphame jechuudha. Yookan ammoo umuriin keesaan cuuphaaf waan hin gahiiniif addatti isin hin cuuphamtan wanti jedhame achi keessa hin jiru. Akkasuma (HDB 16÷14-15) "Irratti dubartii Lidiyaa jedhamtu Maatii ishee hunda waliin akka cuuphamte" nutti hima. Maatii hunda jedhame keesaa daa'imman eenyummaa isaanii hin beekne dabalachuu danda'a. Erga ofii amantee booda maatii ishee hunda waliin cuuphamte. Nutis daa'imman maatiin isaanii amanan daa'ima isaanii erga cuubsisanii booda barnoota amantiin guddisuu qabu jennee amanna.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
KAKU MEDIA

26 Feb, 06:29

536

Akka Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidootti dhiirri dhalatee guyyaa 40tti dubri dhalattee guyyaa 80tti maaliif cuuphamu?
====================
➠ Dursa maaliif Cuuphamna?
Dhalli namaa bifaa fi fakkaattii Waaqayyoon kan uumame akka uumamoota birootti erga du'ee booda gara biyyootti akka dabalamuuf miti. Mucummaa Sillaasee/Waaqayyoo argachuun miseensa Mootummaa Waaqayyoo ta'ee bara baraan akka jiraatuuf dha. Mucummaa fi Miseensummaa kana argachuuf karri tokkichi Cuuphaa Kiristaanummaa dha. "Kan amane fi kan cuuphame ni fayya, kan hin amanne garuu itti murtaa'a!"(Mar 16÷16).

Gooftaan keenya haasawa Niqoodimoos waliin taasiseenis kanuma mirkaneesse, "Namni bishaaniif Afuura Qulqulluu irraa hin dhalanne gara Mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u!" Qulqulluu Phaawuloos mucummaa fi miseensummaa Cuuphaa booda argannu yeroo dubbatu "Iyyesuus Kiristoositti amanuudhaan hundi keenya ijoollee Waaqayyoo taanee jirra!"(Gal 3÷26). Raajichi Hizqi'eel bara kakuu duraa keessatti waa'ee cuuphaa "Bishaan qulqullaa'aa isinittin facaasa isinis ni qulqullooftu"! (Hiz 36÷25) jechuun Cubbuu kamirraayyuu Cuphaadhaan Qulqulloofnee ijoollee waaqayyoo ta'uun akka danda'amu dubbate. Guyyaa Gooftaan keenya Duuka bu'oota isaa irraa miilla dhiqetti Qulqullu Pheexiroos Kasoominaan "Miilla koo naaf hin dhiqxu" yeroo jedhetti Gooftaan Garuu " Miilla kee siif hin dhiqu taanaan nabiraa qooda hin qabdu"(Yoh 13÷8) jechuun namni Hin Cuuphamne Waaqayyo biraa qooda akka hin qabne mirkaneesse. Kanaaf fayyina barbaachaaf hunduu cuuphamuun dirqama dha.

➠ Dhiirri dhalatee guyyaa 40tti Dubri dhalattee guyyaa 80tti maaliif cuuphamu?

● Yaadni kun garaagarummaa Doogmaa ta'uun amantiiwwan gara garaa keessatti yaada wal falmisiisaa ta'ee jira. Cuuphaan balbala Fayyinaa fi Mucummaa Waaqayyoo erga ta'ee umurii namni tokko itti cuuphamu fayyina isaaf murteessaa dha. Sababa balaa tasaanis ta'e du'a tasaan namni tokko utuu hin cuuphaniin yoo kan darbu ta'e carraa fayyina isaa kan murteessu cuuphaa isaati. Keessumaa maatii hin cuuphamiin irraa kanneen uumaman Eebba Cuuphaan argamu irraa waan fagaataniif cuuphamuum isaanii fayyina isaaniiti.

● Manni kiristaanaa keenya yaaddoo kana yaada keessa galchuun, dhiirri guyyaa 40tti dubarri 80tti akka cuuphaman ajajji. Akka carraa ta'ee daa'imni sun dhukkuba du'aaf isa geessuun kan qabame yoo ta'e guyyaa jedhame utuu hin guutiin akka cuuphamu danda'u ajajji (Fita Nag 3÷34). Kunis fayyina daa'ima sanaaf dhiphachuu irraa kan ka'edha. Tarii daa'imni maatiin isaa cuuphaman irraa dhalate carraa cuuphamuu utuu hin argatiin kan darbu yoo ta'e Bishaan Gadameesaa Haadha isaatiin waan cuuphamuuf akka fayyu Abboonni barsiisu.

Egaa namni tokko dirqama erga of baree dargaggoomee cuuphamuu qaba barumsi jedhu erga guddatanii boodallee utuu hin cuuphamiin namoota lubbuun darban yaada keessa kan hin galchine fi balaa dhufuuf itti gaafatama jalaa kan nama hin oolchine dha.

● Addaam fi Hewaan erga uumamanii booda guyyaa 40 fi 80 tii gara Gannataatti akka ol galfaman (Kuf 4÷9) irraa arganna. Kunis guyyaa isaan qulqullaa'anii mana qulqullummaa Gannatatti galan waan ta'eef daa'imni tokko guyyaa 40 fi 80tti cuuphamee mana qulqullummaatti ol seenuu akka qabu agarsiisa.
● Haaluma wal fakaatuun Kakuu duraa keesaatti Haati tokko erga deesseen booda guyyaa 40 ykn 80tti (Dhiira fi dubaraaf) qulqullooftee daa'ima ishee fuuldura Waaqayyootti dhiyeessuu akka qabdu Raajichi Museen ajaja.(Lew 12÷1 irraa jalqabee). Kunis fakkeenya Cuuphaa kakuu haaraa ti. Kakuu Haaraa keessattis; Gooftaan keenya "Daa'imman garakoo haa dhufanii hin dhorkiinaa" Mat (19÷14-16) jechuun daa'imman cuuphamuum mucummaa Waaqayyoo akka argatan heyyameera. Tarii daa'imman waan dandeettii amanuu hin qabneef amantii malee cuuphnaa gaaffiin jedhu ka'uu mala. Jalqaba irratti caqasni Mar 16÷16 kan dubbatame namoota umuriin erga guddatanii booda amananii cuuphamaniif dha. Kanammoo namni sadarkaa umurii gara garaa irratti gara Waaqayyootti deebi'uu akka danda'u Wangeelli nutti hima.(Mat 20÷1-14).
KAKU MEDIA

11 Feb, 09:15

1,480

https://youtu.be/1W0MTOXaItM?si=xZyiP1WO0tX8I_ae
KAKU MEDIA

06 Feb, 20:34

74

FAARUU HAARAA ❤️

❤️❤️❤️Subscribe like sher godha 👇👇🙏👇

https://youtu.be/_iPWiBTOva4?si=m4p5GbizGU2VslpR
KAKU MEDIA

06 Feb, 19:34

41

Mallattoo Fannoo guddaa kana tuquudhaan waan isiniif bahu ilaalaa!


👇👇👇

✞✞✞✞✞✞




✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞








✞✞✞✞✞✞
KAKU MEDIA

06 Feb, 18:59

32

💁 CHANNALOTA KAN AKKAMI ARGACHU BARBADUU 👇👇👇
KAKU MEDIA

30 Jan, 20:32

89

FAARUU HAARAA ❤️

❤️❤️❤️Subscribe like sher godha 👇👇🙏👇

https://youtu.be/_iPWiBTOva4?si=m4p5GbizGU2VslpR
KAKU MEDIA

30 Jan, 19:35

57

Mallattoo Fannoo guddaa kana tuquudhaan waan isiniif bahu ilaalaa!


👇👇👇

✞✞✞✞✞✞




✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞








✞✞✞✞✞✞
KAKU MEDIA

30 Jan, 18:50

52

💁 CHANNALOTA KAN AKKAMI ARGACHU BARBADUU 👇👇👇
KAKU MEDIA

30 Jan, 16:04

993

Channel tajaajila Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin kennan hunda iddoo tokkotti argachuuf join taasisaa!

👇👇👇