Waldaa Duuka Bu'ootaa

@waldaadb


Waldaa Duuka Bu'ootaa

17 Oct, 07:36


Waamicha Obbolummaa

“Warra biyya lafaa irra jiraatan hunda gara Waaqa keessanii gara mana Waaqayyootti walitti qabaa.” Iyyu. 1:14


Obboloota keenya Awurooppatti biyyoota gara garaa keessatti argamtan hundumaaf, nagaan Waqaayyoo bakka jirtanitti isin haa dhaqqabu jechaa, Waldaan Duuka Bu’ootaa Wiirtuu Europe yeroo dhiyootti hundeeffamee tajaajila afuurawaa gara garaatiin obboloota walitti fiduu barbaada. Kunis carraa walitti dhufuu, koorsii barachuu, waliin imaluu, waliin tokkummaa uumuu, wal gargaaruu fi mana kiristaana baadiyyaa deeggaruu kan isiniif uumu ta’a. Irra caalattis jireenyi kophummaa hafee yeroo ittiin sagalee Waaqayyootiin jireenya keessan gaggeessitan isiniif ta’a. Maarree obbolootni keenya tajaajila Afaan Oromoo dhabdanii kana dura bataskaana irraa fagaattanii jirtan hundumti, akka walitti dhufnee waliin wiirtuu ijaarrannee tajaajillu isin gaafachaa, tajaajilli kun yeroof biyya Jarman giddu gala kan taasifatu yoo ta’e baay’ina miseensota hirmaatanii ilaaluudhaan biyyoota gara garaa keessattis kan babaldhatu ta’a. Waaqayyo kara tokkoonis kara birootinis nama waama waan ta’eef, waamicha kanaaf xiyyeeffannoo kennitanii akka hirmaattan maqaa Waqaayyootin isin beeksisaa, obbolootni hirmaachuu barbaaddan keessan miseejiidhaan akka nu dubbistan waamicha keenya dhiyeessina.
Yeroon itti Waaqayyoon filatan, yeroon tajajaila afuurawaa irratti dabarsanis nama hin yeellaasisu.
Waldaa Duuka Bu’ootaa Kutaa Hordoffii fi Qindeessaa Wiirtolee Biyya Alaa
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083363419801

Waldaa Duuka Bu'ootaa

30 Sep, 11:39


Waamicha koorsii afuurawaa obboloota biyya Arabaa jirtaniif Obboloota keenya biya alaa gara garaa keessa jirtan kan koorsii afuurawaa barachuu barbaaddaniif koorsii bara 2017 kennamu eegaluuf galmee irra jirra waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuudhaan akka galmooftanii barattan waamicha dhiyeessina.
Koorsiin gama whatsappi fi facebookiitiin kennama
Guyyaan galmeen xumuramu Fulbaana 30/2017
Guyyaa koorsin eegalu Onkololessa 1 bara 2017

Waldaa Duuka Bu'ootaa

26 Sep, 19:18


www.tiktok.com/@tvsagaleedhugaa/live?source=h5_m&_r=1&enter_from_merge=share&enter_method=share&share_from_user_id=7118677116304901126&user_id=7118677116304901126&sec_user_id=MS4wLjABAAAAlUI_KKo8UBUifTEFW7iyZZOTXdRHPpxLOISbIHlF65xWtRvfj5ENUtwHHW_5j6cH&utm_source=telegram&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7418243662285670150&share_link_id=5ed7c257-9136-4041-9e7e-782c790a29eb&share_app_id=1233&ugbiz_name=LIVE&ug_btm=b7464%2Cb4180&timestamp=1727378303&social_share_type=10&enable_checksum=1

Waldaa Duuka Bu'ootaa

26 Sep, 09:25


https://www.facebook.com/100063601665557/posts/pfbid02BnfCyCtVjpkvUV7XT6hqDrxndF1pXkpaqgQtLDYS11GhK4fBv6wGZS7Ys4zkTKohl/?app=fbl

Waldaa Duuka Bu'ootaa

17 Sep, 18:55


https://www.facebook.com/100064130946046/posts/pfbid02fvh1pHcR4FgaHT5EVeqt6GxRUWYUHK571CkupJ3JhgVaXcy6hmkkSeyPxKa3W53Dl/?app=fbl

Waldaa Duuka Bu'ootaa

14 Sep, 19:00


Dubbisa Share osoo hin godhiin bira hin darbina adaraa!
WAAMICHA GARGAARSAA YAALA FAYYAAF
Miseensa buleeyyii fi tajaajiltuu cimtuu Waldaa Duuka Bu’ootaa kan taate obboleessi obboleettii keenya Ayinaalem Nugusee, Daawit Nugusee, yeroo ammaa kana dhukkuba Xannacha Sammuutiin qabamuun baay’ee rakkachaa jira. Dhukkuba isaa kanaaf biyya keessatti yaalamaa turee fayyuu waan dadhabeef hatattamaan biyya alaa deemee yaalamuu akka qabu itti himame. Yoo dafee yaalamuudhaa baate garuu dhukkubichi haala hamaaf akka isa saaxilu waan itti himameef yeroo ammaa kana waamicha gargaarsaa obboleettiin keenya maqaa Waaqayyootiin obboleessa koo naaf fayyisaa jechuun nu gaafatteeti. Maallaqni/qarshiin isa barbaachisu doolaara 26,000 hanga 28,000 ykn birrii hanga 3,000,000 gaha. Egaa nama gargaaruuf nama ta’uun gahaadha kan jedhamu caalaa, nuti kiristaanotni namoota gargaaruun akka itti gaafatamummaa guddaatti Waaqayyorraa nutti kennameera. Kanaafuu, maaloo obboleessa keenyaaf hanga dandeenyu otoo hin qusatiin gargaarree haa fayyifannu, namas Waaqayyoonis haa gammachiisnu.
Ragaaleen waa’ee dhukkuba isaa ibsan kan hospitaala Xuqur Anbassaa fi kan laboratory asiin gaditti maxxanfamaniiru.
1. Baankii Daldala Itoophiyaa (CBE) – 1000163867749
2. Baankii Awaash - 013201097994800
Waaqayyoon obboleessa keenyaaf fayyina haa kennu. Ameen.

Waldaa Duuka Bu'ootaa

09 Sep, 20:06


https://www.facebook.com/100064130946046/posts/pfbid02Cs1UykmbNDTtHEnFA4LTT7RrzqpQNx4pGbsQ2AxQyFdUC2MwwCcGCTLVo7aMDtNWl/?app=fbl

Waldaa Duuka Bu'ootaa

03 Sep, 07:28


https://www.facebook.com/100063601665557/posts/pfbid0pVhTj9WtiC15uviZ73RP6Lyp88fc6AzirzVWhQMih9RQWRQweGPWem4rEtL1Rxjwl/?app=fbl

4,884

subscribers

114

photos

15

videos