Hordoftoota Rasuula Rabbii

@sunnaa_rasuulaa_saw


As wr wb๐Ÿฅฐ
https://www.youtube.com/@Roba-Borana
@sunnaa_rasuulaa_SAW

โœ๏ธ
@robagarbole

Hordoftoota Rasuula Rabbii

23 Oct, 03:58


๐Ž๐ƒ๐”๐” ๐†๐€๐Œ๐Œ๐€๐‚๐‡๐ˆ๐ˆ๐’๐€๐€

๐‘ช๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’๐’•๐’‚ ๐‘จ๐’‡๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’๐’๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ฉ๐’‚๐’“๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’๐’๐’‡๐’Š๐’Š ๐‘ฉ๐’‚๐’”๐’‰๐’‚๐’๐’๐’‚๐’๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’๐’ ๐‘ป๐’‚'๐’‚๐’ ๐‘ฐ๐’”๐’Š๐’๐’Š๐’Š๐’‡ ๐‘ธ๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’๐’๐’†๐’† ๐‘ซ๐’‰๐’–๐’‡๐’๐’†๐’†๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐‘ฒ๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’–๐’– ๐‘ช๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’๐’•๐’‚ ๐‘จ๐’‡๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’๐’๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ฉ๐’‚๐’“๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’‚๐’ ๐‘ฐ๐’”๐’Š๐’๐’Š๐’Š๐’‡ ๐‘ธ๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’๐’๐’†๐’† ๐‘ซ๐’‰๐’–๐’‡๐’๐’†๐’†๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐‘ฒ๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’–๐’– ๐‘ฑ๐’๐’Š๐’ ๐‘ฎ๐’๐’…๐’‰๐’–๐’–๐’…๐’‰๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ต๐’– ๐‘ฏ๐’๐’“๐’…๐’๐’‡๐’‚๐’‚.

๐‡๐ฎ๐›๐š๐œ๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐š: ๐‘ช๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐‘จ๐’‡๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’๐’ ๐‘ป๐’‚'๐’‚๐’ 3๐‘ฒ ๐’‡๐’Š ๐‘ฐ๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’๐’๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ฏ๐’๐’‹๐’‹๐’‚๐’๐’๐’– ๐‘ป๐’‚'๐’‚๐’‚ ๐‘ฒ๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’–๐’– ๐‘ต๐’‚๐’Ž๐’๐’Š ๐‘ต๐’–๐’•๐’•๐’Š ๐‘ซ๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’๐’‚๐’Ž๐’–๐’– ๐‘ญ๐’†๐’†๐’•๐’‚๐’ ๐‘จ๐’”๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ต๐’– ๐‘ธ๐’–๐’๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚

๐‚๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐จ๐Ÿ๐š 3๐Š+
๐…๐ซ๐ž๐ž ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐ญ๐ž๐ซ: @Rafiiqul_Islaam2

https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk

Hordoftoota Rasuula Rabbii

21 Oct, 20:39


Addunyaan nu sobdee

Keeyrii irraa Hiitee nu Qabdee๐Ÿฅฒ

Duniyaa Dhumtuf

Aakhiraa Borii Dagannee๐Ÿฅฒ

Addunyaan Sobduu

Bar Osoo silaa hubannee๐Ÿฅฒ

Yaa Rabbi Guddaa

Mootii Waa Hundaa

Nu Eegi Sitti iyyannee๐Ÿคฒ

Akka Fedhii Rabbii Lakkifnee

Fedhii Lubbuutiif Bolollee๐Ÿฅฒ

Duutii Jiraachuu

Gonkuumaa Kunoo Dagannee๐Ÿฅฒ


Hojii keeyriitiis

Hojjachuu irraa Baqannee๐Ÿฅฒ

Duunee Kaafamuu

Waa Gaafatamuu

Way Adoo silaa Yaadannee๐Ÿฅฒ

Waan Rabbiin jibbu

Hojjachuu Irraa Baqannaa๐Ÿฅฒ

Yaa Rabbi Nu Qajeelchi

Yoomiyyuu nuu si Kadhannaa๐Ÿคฒ๐Ÿฅฒ

Hordoftoota Rasuula Rabbii

21 Oct, 12:05


https://t.me/LuckyDrawMasterBot/app?startapp=Y2g9a1FqOXh2SFI3RyZnPXNwJmw9a1FqOXh2SFI3RyZzbz1TaGFyZSZ1PTU5MTgwMDc3MjI=
๐Ÿ’ฅ I've already won $1.16!

โ˜๏ธClick the link to help me win more!

๐Ÿ’ฐ 100% real withdrawals, instant payout

๐Ÿ“ข No investment required

Hordoftoota Rasuula Rabbii

20 Oct, 14:38


https://t.me/Dogiators_bot/game?startapp=PjDiBNBucBTioZPa
Join me for the hottest game in the Telegram, fight with others, become famous Dogiator, have a chance to make real money and maybe something more.

Hordoftoota Rasuula Rabbii

18 Oct, 07:22


Aaaaaaaaamiiiiiiiiiiiiin

Yaa Rabbi๐Ÿคฒ

Hordoftoota Rasuula Rabbii

17 Oct, 19:28


Mee seenaa takkaan sii eegaluu?

Daa'ima xiqqoo takkaatu haadhaa fi abbaa waliin
masjiida salaata jummaatiif deeme. Da'imni
xiqqoon tun gorsa imaamticha masjiidaa
qalbiidhaan dhageeffatte isiitti hawwatame. Gorsi
imaamtichaatiis akkana ture "Sadaqaa/kennaa
kennachuu amala keessan godhadhaa ".Daa'imni
xiqqoon qabeenya irraa waan sadaqattu hin
qabne tun yaaddoo itti tahuun abbaa ishee
akkana jechuun gaafatte. Baabaa sheeknii waayee
sadaqaa irraa nu gorse mee ani akkamittiin
sadaqachuu dandaha qabeenya illee hin qabuu
jatteen. Abbaan daa'ima kanaatiis akkana jechuun
qalbii daa'ima isaa ibse, Yaa ilmoo tiyya
sadaqaan bar qabeenya kee irraa qofa
sadaqachuu mitii, yeroo kee, haala kee,
ilaalcha kee, dubbii kee, hojii fi sochii kee,
ammallee dhukkubsataa ilaaluudhaan sadaqachuu
dandeessa jechuun daa'ima isaa abdachise.

Daa'imni qulqulluun kun sadaqachuuf baru hin
jenne Baabaa amma deemnee dhukkubsataa
ilaaluu ni dandeenya jechuun abbaa gaafatte.
Abbaaniis baru hin jenne yaa ilmoo tiyya ni
deemna ammuma mana yaalaa deemnee
dhukkubsataa gaafanna jechuun gara mana yaalaa
qajeelan. Akkuma Abbaafi intaltiisaa xiqqoon
gara hospitaalaa qajeelaniin, hospitaala naannoo
isaanii jiru tokko dhaquudhaan dhukkubsattoota
achi keessa jiran osoo daawwachaa jiranii
jaartii (Nama guddaa) takka argan. Ummaa/aayyii
akkami fayyaan kee, dhukkuba kamiin qabamte
haallii fayyaa keetii hoo fooyya'adhaa jechuun
gaafatan. Jaartii sunis akka dhukkuba kaansariin
qabamte erga itti himtee booda, fuulli ishii
gammachuudhaan ifee seeqaa yaa ilmaan kiyya
galatooma hangaan hospitaala kana keessa jiru
namnii tokkolleen na hin ilaalle, isin ammoo
baayyee na gammachiistan jechuun itti himte.
Mucaan xiqqoon sunis miira gammachuutin
akkoo borullee yeroo akkanaa dhufeetiin si ilaala
jechuun gammachuu isii lamaan baayyiste.
Abbaafi intaltii isaa xiqqoon sunis ziyaaraa
isaanii ergaa raawwatanii booda gammachuudhan
gara manasaanii qajeelan. Mucaan xiqqoon
sunis guyyaa lammataa akkuma beellama
seentetti, beellama san guutuuf yeroo ishii
hospitaala san jaartii san ilaaluuf jecha
dhaqxetti Jaartiin san siree irra hin jirtu. mucaan
ajaa'iibuudha yommuu siree duwwaa ilaaltu
waraqaa takka tan siree sanirratti argitee fuutee
yemmuu dubbistu. Waraqaan akkana jetti "Yaa
micaa tiyya kaleessa akkuma jettetti akka
beellama guuttee deebitu naaf galee garuu maaliin
godha si waliin wal-arguu hin dandeenyee, micaa
tiyya ani addunyaa tanarraa fira tokkollee hin
qabuu qabeenya qabu hundaa siifin mallatteesse
furadhu" jetteen. Dullattiin sun osoo daa'ima
qulqulluu san waliin wal-arguuf hawwii qabduu
addunyaa tanarraa boqochuun qabeenya isii kan
Mil.2 caalu daa'ima xiqqoo tanaaf mallateessite.

Hordoftoota Rasuula Rabbii

17 Oct, 07:11


X empire code oct 17 2024

YouTube 1=26148
YouTube 2=24147
Okx 2022

Hordoftoota Rasuula Rabbii

17 Oct, 06:53


Time is running out, hurry up!

Hordoftoota Rasuula Rabbii

17 Oct, 06:53


Xummuramuuf๐Ÿ’ช

Hordoftoota Rasuula Rabbii

17 Oct, 05:55


 Namoota Addunyaa keenyaa Sadan (3n)
1. Namoota seenaa hojjatan
2. Namoota seenaa barreessan
3. Namoota seenaa dubbisan
Namoonni kun hundinuu walqabatanii hojii hojjatu.
- Hundumtinuus iddoo isaatti hojii isaaniif ta'u hojjatanii ijaa fi miila kan addunyaan kuni ittiin argituu fi ittiin adeemtu ta'u.
- Yoo seenaa dubbifte ejjennoo kee cimsatta.
- Yoo seenaa barreessite dhaloota waa dubbisanii hojjatan kakaafta.
- Yoo seenaa hojjatte fakkeenya dhalootaaf taata.
Akkaataa waa hubachuu fi xiinxaluutiin:
Namoonni Addunyaa keenya kanaa dandeettii waan tokko beekuutiin iddoo saditti qoodnee ilaalla.
1) Ni beeku. Waan hojjachuu danda'anis beeku.
Kaayyoo fi karoora qaban hundumaa cimsanii irratti namoota hojjatanii dha.
2) Ni beeku. Akka beekan garuu of irratti hin beekani.
Ofitti amanuu dadhabuu dhaan warra jiraatanii dha.
Namoonni tokko tokko wanta hojjachuu danda'anii fi hojjachuu hin dandeenye adda hin baafanne.
3) Hin beekani. Akka beekuu danda'anis hin beekani.
Waan tokko beekuu hin danda'u jettee calliftee yoo dhiifte utuu hin beekin hafta. Akka beekuu dandeessus hin beektu.
Namoonni waan hundumaa yaalii guyyaadhaa gara guyyaatti godhaniin beekumsa barbaachisu gonfachuu fi galma barbaadame bira gahuu ni danda'u.


@sunnaa_Rasuulaa_saw

Hordoftoota Rasuula Rabbii

17 Oct, 05:42


Wannii Sodaachuu Qamnu Tokko Soduma Mataa isaati!

Hordoftoota Rasuula Rabbii

16 Oct, 21:11


Nashiidaa Haaraaโค๏ธ

Hordoftoota Rasuula Rabbii

16 Oct, 21:07


Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin...

Jireenyi Addunyaa kanaa akka Ati yaaddetti osoo hin taane akka fedhii isheetti si jiraachisuu dandeessi.

Jireenya jettee ati addunyaa kanarratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda.

Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha:- Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuun illee si sassachiisu osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo??

Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata.
Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanarraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of  qopheessi.

Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa hin cabiin jabaadhu. Bor guyyaa addaa ta'uusaa bari.

Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keedha. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beektee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda

Halkan akkuma jiru bariin illee ni dhufee halkanicha akka seenaatt ni haasofta, hin darbu wanti ati jette darbee boqonnaa haaraatti ni ceeta guyyichas seenaa jettee dubbatatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu darbee galmee seenaa keerratti ni galmaa'a

Kanaaf yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taateefi rakkinni si moo'uu akka hin dandeenye ofiiti dubbadhu! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta'eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta.

Sababa malee namni kamuu addunyaa kanarratti hin uumamu atis akkasuma sababa dhalatteef qabda kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaariin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har'aas darbee kaleessa ni ta'a isas borirra dhaabattee ni haasofta.... Ati uumama kaleessaafi boru walitti araarsitee har'a jiraachuu danda'udha kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo'i malee jireenyi sin moo'iin ergaa kooti.
 

Hordoftoota Rasuula Rabbii

15 Oct, 09:47


Empire


Okx code of the day
4800

Like
Follow
Share

Hordoftoota Rasuula Rabbii

15 Oct, 09:30


  Jechoota Mimmiidhagoo:

1. Namni utuu kitaaba dubbisuu danda'uu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu.
2. Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala.
3. Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha.
4. Dandeettii / ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi! 
5. Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira. Isaaniis:
Nama hin beekne , akka hin beekne, kan hin beekne.
Nama hin beekne, akka hin beekne, kan beeku.
Nama beeku, akka beeku kan hin beekne
Nama beeku, akka beeku kan beeku.
6. Yeroo hubachuu ilaalchisee namoota gosa 3 tu jira.
Har'a keessa ta'anii kaleessaaf warra jiraatan.
Har'a keessa ta'anii boriif warra jiraatan.
Har'a warra jiraatan.
7. Kaleessi dabreera, bor hin dhalanne, yeroon qabnu har'a qofa.
8. Eessa akka jirtu beekuu caalaa eenyu akka taate beekuutu si fayyada.
9. Diinni milkaa'inaa inni guddaan milkaa'ina mataa isaati.
10. Rakkinni namoota baay'ee humna dhabuu utuu hin ta'in akka humna qaban wallaaluudha.
11. Eenyuyyuu qofaa isaa jiraatee kan fiixaan baafate hin jiru.
12. Namni baay'ees si miidha baay'ees si fayyada. 
13. Bilchinaaf karaan qaxxaamuraa hin jiru.
14. Milkaa'inni 99% kufaatiidha.
15. Yaalii dadhabi malee yaaluu hin dadhabin!
16. Carraatti utuu hin ta'in hojiitti amani!

Hordoftoota Rasuula Rabbii

15 Oct, 05:07


Shekhni kheenya Sheekh Jamal Aliyi
Hojii Dhalootaaf Barnoota Tahu Hojjatan. Ammas Milkiin isin haa Barbaaddu.

"Horiin gaariin Abbaa gaarii arkate waa tolee" Rasuul {๏ทบ}

Hordoftoota Rasuula Rabbii

14 Oct, 04:02


Assalamualaikum Warakhmatullaahii Wabarakaatuu๐Ÿ–๏ธ๐ŸŒบ