OCA (ATKO )

@oromiaconstructionauthority


OCA (ATKO )

08 Oct, 12:15


Guyyaa 28/1/2017
Ergaa hojii kominikeeshiniifi miidiyaa torbee 4ffaa Fulbaana 2017
Ergaa ijoo:
1.Dinagdee damdaneessa, badhaadhina hunda galeessaaf!
Ergaalee torbee kanaa:
1.Bulchuun Gandaa; buluunis Ganda!
2.Kunuunsa gaarii, oomishtummaa olaanaaf!
3.Gurmaa’insa Gandaa tajaajila si’ataaf!
4.Gaaddisa marii; nagaa waaraaf!
5.Humna waloo; Icciitii milkaa’ina keenyaa!
6.Oromiyaan qe’ee misoomaati!
7.Magaalota ammayyaa; jireenya fooyya’aaf
8.Fayyaan maatii fayyaa hundaati!
9.Hundi Barnootaaf; Barnoonnis hundaaf!
Torban hojii gaarii!
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

OCA (ATKO )

05 Oct, 05:36


Baga kabaaja Ayyaana Irreechaa Bara Kanaa Nagaan Geenye.
  Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa. Ayyaana Gaarii.

OCA (ATKO )

27 Sep, 04:28


Baga  Ayyaana Masqalaa  Bara 2017 Nagaan Isin gahe Ayyaana Gaarii.
  Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa.

OCA (ATKO )

21 Sep, 13:53


Guyyaa 11/01/2017
Abbaan Taayitaa konistiraakshinii Oromiyaa harka qalleeyyii Magaalaa Roobee kutaa Magaalaa Gobbaa keessa jiraataniif mana jireenyaa qarshii 900,000 oliin ijaaruu eegale.

Harka qalleeyyii nama gargaarsa hin qabne ganna roobaan bona hongeedhaan bara dheeraadhaaf rakkachaa turaniif ammas rakkoo keessa jiran Obbo Taaddasaa Ingidaa Magaalaa Goobbaa Ganda Finca'aa Boomaa keessa jiraataniif mana jireenyaa qarshii 994,914.15 ijaarsa isaa eegalera.

Obbo Tolosaa Naga'oo Bulchaa Kutaa Magaalaa Goobbaa akka jedhanitti Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa quuqamaa fi aantummaa Uummataa qabu irraa ka'uudhaan maatii rakkate kana qaqqabuu isaanitiif baayyee galateeffachaa hojii isaan jalqabsiisan kana qulqullinaan yeroo gabaabaa keessatti xumuramee galma yaadameef akka ooluuf kan hojjetan ta'uu himaniiru.

Abbaa Taayitichaatti It/A/Daayreektara Olaanaa damee reegulaatoorii kan ta'an Inj.Leensaa Margaa bakkichatti argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti Abbaan Taayitichaa hojii idilee isaan alatti kenna tajaajila lammummaa waggaa waggaan karoorfatee hojjettoota isaa fi qooda fudhattoota isaa waliin barattoota harka qalleeyyii meeshaalee barnootaa guutachuu hin dandeenyee deggeraa,harka qalleeyyii mana hinqabneef mana ijaaraa akkasumas Ashaaraa magariisaa biqiltuu Dhaabaa fi kunuunsaa kan turan yommuu ta'u bara kanas namoota harka qalleeyyii mana jireenyaa hin qabnee magaalaa Jimmaa ,Mojoo fi Roobee keessatti hojjechuuf kan karoorfatan ta'uu fi guyyaa kanas magaalaa Roobee kutaa Magaalaa Gobbaa keessatti ijaarsa kana jalqabsiisuun Lammii deggeruun hojii gaarii waaqnis namnis jaallatu hojjechaa kan jirran ta'uu himuun badhaadhina waloo milkeessuuf hunduu tumsa isarraa eegamu ba'uu akka qabuu fi kenni tajaajila lammummaa cimee kan itti fufu ta'uu dubbataniiru.

Dhuma iarrattis maatiin deggersi taasifamee kunis Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa rakkoo isaanii kana hubatee qaqqabuu isaatti guddaa kan gammadan ta'uu fi qaama deggersa isaaniif taasisanis galateeffataniiru.

4,206

subscribers

1,790

photos

19

videos