๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

@ifaboruuf


๐—›๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ๐—ณ

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

21 Oct, 18:03


Akka namaatti yaaduun kan dhabame fakkaata. Hoggantoonni dandeettii qabu jedhaman dabalate nu ilala homaa nu hin raawwanne.Ahimad Al-daaluu amantaasaa akkana. Maatiinsaa yoo ibiddaan gubatan argeera. Suuraansaa kunis yoomiiyyuu kan sammuusaa keessaa badu hin fakkaatu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/7hIcHDA

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

20 Oct, 18:11


๐Ÿ‘‰Boruun har'aa borutti har'a jedhama!
.
Boriin koo borii kooti!!!

Boriif jedhee har'a akkan arge hin jiraadhu. Waan argineef hin gugguufnu. Argachuuf dhabuun, nyaachuuf beela'uun kennuuf fudhachuun , jaallatamuuf jibbamuun, kabajamuuf salphachuun borikoo irraa na hin hanqisan.

Boriikeef jedhii jiraadhu malee horiikeef jettee hin jiraatin. Ija waan qabduuf argita miti. arguu waan qabduuf argita malee.

Boriikeef jedhii jiraadhu. Boriin kee siif jedhee jiraataatii. Namoota muraasatu borii isaaniif jiraata. Baay'oolii jalaa boriin isaanii dhokatee har'aan isaanii itti bookkisaa jira.

Boriin kee eenyuun fakkaatti ? Namni hubataa fi ogeessi nama har'a irra darbee bor arguu danda'uudha. Har'aan kee guddaa ta'ee boriikee akka hin argine si taasiseera yoo ta'e ati kaayyoo kee har'uma goolabde jechuudha......
................BORIIF JEDHEE!!
KITAABA BAAY'EE BAREEDAA!
๐Ÿ‘‰Pr.MIhiretu Shaanqoo

""""""" Horaa Bulaa Deebanaa
@Ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

16 Oct, 19:42


Namni sijibbu, kolfaafi qananiikeetti namni hinaafu hinjiru yoo ta'e, pilaanetiin atirra jiraachaa jirtu dachee kanarra miti jechuudha. Yeroo hinaaftonnikee baay'achaa adeeman, dhiibbaan ati uumtuufi milkaa'innikee dachaa ta'uu eegalu!


@ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

13 Oct, 15:46


Bu'uura barnootaa diiguuf yaadaniiti fakkata kan barsiisaan hawaasa isaa keessatti akka gatii hin qabneetti ilaalaniif.

@ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

11 Oct, 10:03


Biyya kanatti isa hojjetu caalaa isa dubbatuuf harki rukutama.

Isa beekaa beekumsa qabu caalaa wallaalaa beekumsa utuu hin qabne arrabaafi nama leellisuu ykn arrabsuun beekameef harki rukutama. Beektonni beekumsa qaban hedduun utuu dhalootichaaf beekumsa qooduu danda'anuu dhalootichumaan deebifamanii arrabsamaafi xiqqeeffamaa jiru.

Biyyi kun biyya isa ol ka'uu qabu cabsitee isa cabuu qabummoo ol kaaftudha.

Biyyuma keessaa, keessatti immoo yoo qabsoo Oromoo fudhannes kanuma.

Inni umurii itti fixee qabsoo kana qacceeshee dhalootaan ga'e arrabsamaafi xiqqeeffamaa jira.

Kun tokkoof lama miti. Kamis ta'u hangafootaaf kabaja kennuun silaa dhalootichaaf kabajni akka kennamu godha ture.

Biyyi kun biyya isa dhiichisuu qabu dhidhiittee isa dhidhiitamuu qabu dhiichisiiftudha.

Akkasiin fuggisoo bariifi barri fide kana irraanfachuuf iyya kuukkuu iyyinee keessaa kutaa jirra.

Garuu bakkumti itti iyyinee baafannu sunimmoo eessa? Bakkuma itti iyyinee baafannu utuu arganneema keessaa gannee bareedaadha.

Eessa bakki itti iyyan? Namni itti iyyatan akkasiin itti fufnaan akka dhibaa jiru jiraannee argaa jirra. Garuu eessatti iyyanii baafatu?

โ€œIyyineetuma bakki itti baafannuyyuu hin jiruโ€ jenneetuma ofitti iyyaa jirra! @Ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

05 Oct, 20:05


๐‘ต๐’‚๐’‚๐’•๐’๐’ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’– :jechuun dandeettii rakkoo namoota biroo akka rakkoo ofiitti ilaaluu yookiin namaa nahuu jechuudha.

Fakkeenyaaf:
"Jaldo utaalee qabate saatoo gamaa
ofii bareeda hinqabu
naatoo namaa"

@ifaboruuf
๐‘ด๐’‚๐’…๐’…๐’Š: ๐‘ฒ๐’Š๐’•๐’‚๐’‚๐’ƒ๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’”๐’‚๐’‡๐’–๐’– ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’‚ 6๐’‡๐’‡๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’‚.

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

30 Sep, 18:51


Think Good You will be Good

Gaarii yaadi, gaarii taatati.

Wanta qalbii namaa tasgabeessuu keessaa tokko waan gaarii yaadu fi hojjachuudha.

Faallaa kana namni akkuma waan badaa yaadun jeequmsii fi tasgabbii dhabuun isatti dhagahama.

Mee itti yaadi, ๐‘บ๐’‰๐’Š๐’“๐’“๐’Š namni tokko xaxu, dhumarratti isatti maramee sammuu isaa xaxa.

Gama biraatin wanti gaariin namni yaadu isumaaf ta'a.

๐Ÿฅ‡
@Ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

27 Sep, 11:43


Oduu durii jedhan:
**
Leencatu dhukkubsatee bineensi hunduu gaafii isaa dhaqxee sardiidoon qofti hafe. Yeroo kana yeeyyiin leencatti siqatee bineensa hunda keessaa sardiidoo qofatu hafe jedhe.

Leencichis yeroo inni dhufe natti himi jedheen. Ogga sardiidichi dhufu yeeyyiin leencatti hime. Achumaan leenci dallansuudhaan "akkamuma na gaafachuu dhiifte?" jedhe. Sardiidoon sodaataa "dawaa siif barbaaduun deeme" jedhe. Leencis "dawichi maali?" jedheen. Sardiidichis "miila yeeyyii nyaachuudha" jedheen.

Achumaan leenci utaalee miila yeeyyii buqqisee nyaate. Yeeyyichi dhukkubsatee laalatee iyye. Ogga kana sardiidichi yeeyyiitti siqatee "bu'aa keetiif jecha nama biraa miidhuun rakkoo bu'aa sana caalu sitti fiduu danda'aa beeki" jedheen.

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

25 Sep, 10:08


" ๐‘ซ๐’‚๐’‚๐’๐’…๐’Š๐’Š๐’ ๐’๐’– ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’๐’– ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’†๐’†๐’•๐’– ๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’‚๐’“๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š'๐’†๐’†

๐‘ต๐’‚๐’Ž๐’๐’Š ๐’๐’– ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’๐’– ๐’ƒ๐’‚๐’…๐’†๐’†๐’•๐’– ๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š'๐’†"
๐’‹๐’†๐’…๐’‰๐’† ๐’Š๐’๐’๐’Š ๐’ˆ๐’†๐’†๐’“๐’‚๐’“๐’–.

๐‘พ๐’‚๐’‚๐’’๐’‚๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’…๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’–๐’–๐’Ž๐’‚๐’Ž๐’‚ ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’‚๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’๐’‡๐’Š๐’Š ๐’ˆ๐’‚๐’•๐’–๐’–๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’•๐’‚๐’‚๐’•๐’–.

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

21 Sep, 22:07


โ€œPeople and time will teach you more than the books.โ€

๐…๐ฎ๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š ๐ค๐ข๐ญ๐š๐š๐›๐š ๐๐ฎ๐›๐›๐ข๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž๐ž ๐ก๐ข๐ง ๐๐ก๐ฎ๐ฆ๐ง๐ž,

๐€๐ฆ๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐ข๐ฌ๐š๐š ๐ข๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ช๐ข๐ฅ๐ž๐ž/๐‡๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข ๐ข๐ฌ๐ข๐ข ๐ก๐ข๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ฅ'๐š๐ง๐ง๐ž.

๐‰๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฌ๐š๐›๐š๐›๐ง๐ข
๐ฃ๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ซ๐š๐ฆ๐ฎ ๐ข๐ฅ๐ฆ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข.

๐๐ซ๐จ ๐›๐ฎ๐ฅ๐ญ๐ž๐ž kaatee ๐ ๐š๐š๐ซ๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š'i๐ข๐ง.!!


@ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

17 Sep, 19:31


Yeroo baay'ee yaada keenyaan of miina.

Namoonni maal naan jedhu? Namootatti maal fakkaadheen mul'adha?

Haalli uffannaa koo, bocni qaama koo namoota biratti akkami laata jennee yaada keenyaan of dhiphifna. Isaan kunimmoo mul'ata keenya coolagsiisu, ofitti amanamummaa keenya ajjeesu. Isaawwan kana hunda akka daawwitii xuraa'aattin fudhadha. Amma barbaadde qaama kee qulquleessitee otuu daawwitii xuraa'aa keessatti of ilaaltee xuraawaa taatee ofitti mul'atta.

Ofitti fokkifta, of jibbitas. Lammaffuu deebitee daawwitii sana keessatti of ilaaluu hin barbaaddu.

Haamileen kee cabeetu fuula kee guurtee of duuba deebita. Maal ani namni fokkataa akkasii jettee jecha nagatiivii ta'e ofitti dubbatta. Ofitti amanamummaan kees ni du'a.

Garuu daawwitii sana osuu qulqulleesitee keessatti of ilaaltee ofitti bareedda, caalchiftee of jaalatta, deddeebitee of ilaalta. Sa'aatii of ilaaltu kanas ni seeqxa, seequun kee kunis onnee kee irraa waan ta'eef boqonnaatu sitti dhagahama. Ofitti amanamummaan kee ni dabala.

Fuula kee, rifeensakee, boca qaamakee as garagalchitee achi garagalchitee ilaalta. Yeroo kana hundaa ofitti bareedda. Kunneen hundi gatii kee akka beektuu fi mul'ata keetti akka cichituuf si gargaaru.

Egaa wantootnis ani jalqaba kaases isaanuma kana.

Namoota keessatti of ilaaltu, namoota waliin ooltu filachuu dhabuun miidhaa akkamii akka qabudha. Filachuu qabda, naannoo kee qulqulleesuu qabda. Hiriyummaa kee qulqulleessuu qabda.

Jechoota namoonni siin jedhan hundaan miirrikee hin faalamiin, namoonni waa'ee kee eeyyama kee malee dubbachuu akka hin dandeenyes barsiisi.

Namoonni akka kabaja kee sharafan tasumaa hin eeyyamiifiin.

Waanta namoonni jedhan hundumaas gara dhuunfaa keetti maxxansitee hin fudhatiin.

Namoota waa'umee waliin ooluu, haasawuu fi hojjechuu irraa of dhorki.

Barruuwwan beekumsa siif dabalan dubbisi, hojiiwwan maallaqa account kee irratti guddisan hojjedhu, nyaata fayyaa qaama keef filatamaa ta'e filadhuu sooradhu.

Yeroo ofiif kennii waa'ee kee waan sirrii ofitti dubbadhu, Yeroo murtaawe murtaaween sosochii qaamaa taasisi, fuula kee fi qaama keetiifis sukkuummaa (Massage) godhiif.

Sa'aatiidhuma hojii hojjettee maallaqa argattetti waan gaarii ta'e tokko ofiif godhi.

Of badhaasuu shaakali. Isaan kunneen hunduu daawwitii qulqullaa'aatti fakkeeffamu.

Akkaataa kanaan nama mul'ata nama milkaa'aa, nama of jaalatuu fi nama namootaan jaalatamu taata.

@ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

15 Sep, 20:07


Yeroo gabaabaatti miseensa hedduu ykn hiriyoota hedduun qaba jechuun cimina miti akkasumas bakka miseensi heedduun jirutti goruun kaayyoo ofii dagachuudha.

Garuu miseensa ykn hiriyyaa muraasa waliin waggaa heedduu turuu dandahuun ciminadha.
@ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

10 Sep, 18:37


Osoo wal sobuu dhiisanii??

1.Barataan darbee 5.4% yeroo jedhamu Akka biyyaati biyyii gaaffii hin qabu ?

2.Barataan inni Barsiisee 94.6%Yeroo Kufee jedhamu,
Barsiisaan Barsiisaa ture gaaffii hin qabu ?

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

02 Sep, 18:49


Hojii ogummaa kee waliin hidhata hin qabne hojjattee  waan firii gaarii hin argamsiifneef daqiiqaa muraasaaf illee gatii kee gadi buusuuf hin hojjetin; yoo akkas taasifte baay'ee miidhamta; bakka ogummaa koo isa dhugaa fi kaayyoo kootti firii ajaa'ibsiisaa argisiisuuf hir'uu tokko hin qabu ofiin jedhi!

Hojii fedha kee fi beekumsa kee waliin hidhata qabu hojjennaan, boqonnaa gaarii keessa jiraatta; jireenya gaariis ni jiraatta!

Taphataan jabaa dachee kanaa Neeymaar, gaaf tokko akkas jedhee ture "Kubbaa miillaa bashannanaafan taphadha" jedhe... garuu garee taphatuuf irraa qarshiin inni argatu, taphattoota kan biroo danuun oli!

Hojii jaallattu gaafa hojjettu, siif akka bashannanaati, ormaaf garuu hojii ajaa'ibaati! Kanaaf waggaa muraasa qabdu kana jireenya hin jaalanne keessatti hin gubin!

Namni bakka hundatti ga'umsa wal fakkaataa, firii wal fakkaataa fi injifannoo wal fakkaataa argisiisuu hin jiru! Namni kamiyyuu hojii fi ogummaa mataa isaa qaba; kanaaf qajeelfamni ati fayyadamuu qabdu inni sirriin hojii kennaaf ogummaa kee waliin firooma hin qabne waliin wal'aansoo wal qabuu dhiistee gara kennaa fi ogummaa keetti sokkuu akka qabdu beekuuf, hojiitti hiikuudha!

Hojii, hojii kee sirrii hin taaneen firii gaarii dhabdee yookiin of madaaltee, hojii hojii kee isa sirrii ta'e ilaalcha hojii kee isa sirrii hin taaneen ilaaltuun akka hin ilaalleef of eeggadhu!

Waan hojjettu hin wallaallin, wallaallaan gaariis ta'u, yaraa waanuma itti dhufeef waan hunda hojjechuuf heeyyamama.  

Galma gahuudhaaf jabaattee hojjettu tokko adda baasii irratti hojjedhu!

Kallattii jireenyaa kee hin beektu yoo ta'e, roga hunda fakkaachaa jiraatta!

Hojii keessi kee itti amanu hojjedhu! Isaan booda gatii baasiif! Qaama dirqamtee akka kaayyoo keef jiraattu si taasisu of keessatti hamma hin uumnetti jalqabdee dhaabda waan ta'eef!

https://t.me/major/start?startapp=5408301377

@ifaboruuf

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

01 Sep, 05:39


"Waan Icciitiidha jettee yaaddu kamiyyuu Enyumatti illee hin himiin, dubbiin ilkee soddoma gidduu baate gurra soddoma seenti!"

https://t.me/Agent301Bot/app?startapp=onetime5408301377


 https://t.me/BirrReferBot?start=r08640129954

แˆˆแŒ“แ‹ฐแŠ›แ‹Ž แ‹ซแŒ‹แˆฉ แŠฅแŠ“ แŒˆแ‰ข แˆ›แŒแŠ˜แ‰ต แ‹ญแŒ€แˆแˆฉแข

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

30 Aug, 13:59


Dhugaa dubbachuun bakka ittii nama tuffachiisu jiraachuu dandaha.

Garuu ilaalacha malee waanuma dhara of keessaa qabu irraa of eeguun waan filannoo hin qabnedha.

Namoonni suuqii ykn dukaana deemanii waan gatiin salphaa filatu.
@ifaboruuf
Waan gatii guddaa sababa dhiyeessanii sobu. Osuma waan gaarii nyaachuuf fedhii qabanii hanqina birriif akka waan jibbanii ykn nyaatichi isaan dhukkubsuutti Negative isaa odeessun jibbu.


https://t.me/inone_me_bot/link?startapp=IFABORUUF

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

23 Aug, 20:34


Wanti akka nama hubannoo hin qabnee fi nama karaa hin beekne duukaa bu'uu nama burjaajessu hin jiru.

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

18 Aug, 18:31


Namni Jaalala sobaan sobee maraatu, Jaalala dhugaa nama qabsiisee dhugaan nama maraachuu dandaha.Jaalalaaf osoo hin taane waaqaaf haa jilbeeffannu.

๐’€๐’†๐’“๐’๐’ ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’Œ๐’‚๐’๐’‚ ๐’˜๐’‚๐’‚๐’ ๐’‡๐’†๐’†๐’•๐’† ๐’…๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’” ๐’˜๐’‚๐’‚๐’ ๐’‡๐’†๐’†๐’•๐’† ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’“๐’†๐’†๐’”๐’”๐’Š๐’•๐’–๐’”, ๐’™๐’Š๐’š๐’š๐’†๐’†๐’‡๐’‡๐’‚๐’๐’๐’๐’๐’ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’†๐’“๐’ˆ๐’‚๐’‚ ๐’˜๐’‚๐’‚๐’ ๐’”๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’๐’”๐’๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’•๐’‚๐’‚๐’๐’† ๐’…๐’๐’ˆ๐’๐’ˆ๐’ˆ๐’๐’“๐’‚ ๐’‹๐’†๐’„๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’š๐’Œ๐’ ๐’’๐’–๐’ƒ๐’†๐’† ๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’๐’‚. ๐‘ฉ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’Ž๐’”๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐’˜๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’– ๐’Ž๐’‚๐’๐’†๐’† ๐’…๐’๐’ˆ๐’๐’ˆ๐’ˆ๐’๐’“๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’…๐’–๐’–๐’ ๐’š๐’†๐’“๐’๐’ ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’Ž๐’”๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’…๐’–๐’– ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚ ๐’‹๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’’๐’Š๐’”๐’‚๐’‚๐’”๐’†๐’”๐’”๐’‚.

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

09 Aug, 20:04


โš ๏ธ ๐๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐›๐ข๐ซ๐ซ๐ข๐ข ๐ช๐š๐›๐ฎ, ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐›๐ข๐ซ๐ซ๐ข๐ข ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š ๐ญ๐š'๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ซ๐š.

โš ๏ธ ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š๐ง ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐๐ฎ. ๐‡๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ฌ ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐š๐ง ๐š๐ฅ๐š ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ฎ.

โš ๏ธ Namni hojii hin qabne ni mukaa'a, of jibbee namnis akka isa jibbu taasisa.

โš ๏ธ ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š๐ง ๐ข๐ฅ๐ฆ๐จ๐จ ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐š ๐ฐ๐š๐š๐ง ๐ญ๐š'๐ž๐ž๐Ÿ ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐š๐ญ๐ข, ๐ ๐š๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐š๐›๐›๐š๐ง ๐›๐ข๐ซ๐ซ๐ข๐ข ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ง๐ง๐ž ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐ฌ๐ž๐ž๐ฑ๐š๐ง๐š๐š ๐จ๐Ÿ ๐Ÿ๐š๐ค๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š

๐Ÿ‘Œ ๐‡๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข ๐ช๐š๐ซ๐ฌ๐ก๐ข๐ข ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ง๐ž๐ฌ ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š ๐๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š ๐ฐ๐š๐š๐ง ๐ญ๐š'๐ž๐ž๐Ÿ ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐Ÿ๐ข๐ฌ ๐Ÿ๐ข๐ซ๐š.

๐ˆ๐…๐€ ๐๐Ž๐‘๐”๐”F

05 Aug, 13:35


โ€ข Agartuun ijaa qaama uumamni bilisaan badhaafame keessaa ishee jabduudha.
โ€ข Ilti(ijji) uumamaa yoo ilaale ni arga, argees ni qalbeeffata, ni xiinxala,Malee ilaalaniif hin argan.
โ€ข Qaroon ykn abshaalli namaas waan ilaaluu qabuu fi hin qabne adda baasee beeka, ilaales ni arga.
โ€ข Ijji qaroowwanii sadiidha.
โ€ข Isaanis ija uumamaa bitaa fi mirgaa akkasumas ija qalbiiti.
โ€ข Haa ta'u malee yeroo ammaa kana qaroon ija qalbii gara ija gandumaatti waan jijjiiramee fakkaata.
โ€ข Ija Gosummaan ykn naannummaan ilaaluun nama muraasa ykn ganda muraasa fayyaduu danda'a.

Namni ija gandummaan ilaalu of bira malee fagoo hin argu, waan har'aaf malee waan boruuf hin yaadu.

โ€ข Garuu balaa cimaa dhaloota boodaa mudachuu fi wantoota sadiin armaan gadii fidu dandaha.
1. Ija uumamaan haqa dabsa. Jechuun osuma ilaaluu hin argu.
2. Ilma namaa wal caalchisa.
3. Ganda tokkoo ykn nama tokko qofaa guddisee kanneen biroo hacuuca.

โ€ข QAROO ILMAA QAROO IJAA QABU NU HAA TAASISUU!