๐๐๐๐๐๐๐
๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ 6 ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐
โฆ Akkaataan jireenya joobiraa jireenya nama mul'ataa waliin walfakkaata.
โฆ Ati waaโee joobiraa baay'ee dhageessee ni beektaa?
Joobirri seenaa ajaaโibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu:
โฆ#1ffaa:
Joobirri kophaa isaa olkaโiinsa baayโee olkaโaa irratti balaliโa.
Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka โsparrowsโ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balaliโu. Kophaa isaa fi olkaโiinsa baayโee olkaโaa irratti balaliโa.
โฆKuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda moโattoota waliin taaโi! Bakka si madaalutti argami!
โฆ#2ffaa:
Joobirri mulโata guddaa fi sirrii taโe qaba.
Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu dandaโa. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu.
โฆKuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa taโee fi mulโata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin.
โฆ#3ffaa:
Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan duโaa hin nyaatu.
โฆ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa moโachuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha.
โฆ#4ffaa:
Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata.
Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olkaโiinsa murtaaโe tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu.
โฆKun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin sochoโan walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka taโe amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olkaโiinsa guddaatti ol kaโuudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban.
โฆ#5ffaa:
Joobirri leenjidhaaf qophaa'a.
Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa baโanii balaliโan baratu.
โฆ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu.
โฆ#6ffaa:
Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha.
โฆ
Joobirri yeroo dulloomu rifeensi isaa ni ulfaata, funyaan isaa ni qaxxaamura. Jiraachuudhaaf jecha gara fiixee gaaraa deemee hamma inni bahutti funyaan isaa dhagaa tokkotti rukuta. Of haaressa.
โฆ Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa taโus, wantootni baโaa nutti taโan yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu fi akka of haaressinuu dha.
๐๐ข๐ซ๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ค๐๐ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐'๐ข
@Eyunit