AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

@avcmsj


AMANTII IFII BEEKHUN QAROOMINA
بلغو عني ولو كان ءايه
Nuti barattoonni jama'aa Barattoota Muslimaa KAV caayaa islaamummaa jalatti wal geenyee milkii guyyaa boruu Aakhiraa fi addunyaaf imalla. Inshallah!!

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

03 Oct, 07:09


Congratulation to graduation

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

03 Oct, 06:52


Bagaa nagaan dhufuuf deemtan

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

03 Oct, 06:46


Dafaa dhaqabaadha

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

03 Oct, 06:46


Issiin egaa jiraa sagantaan bareedduun kuun isiin egaa jiraa

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

03 Oct, 06:45


Wel come to mision mesjid

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

03 Oct, 06:45


Baga nagaayan dhuftaan

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

30 Sep, 19:21


2⃣Yoo si Yaame Affeerraa Isaa fudhadhaa
3⃣Gorsa Yoo si Gaafate Gorsa Dhugaa Kenniif
4⃣Yoo Haxxifatee fi Rabbiin Galatoomfate Yarhamukallah Jedhaanii
5⃣Yoo Dhukkubsate Gaafadhaa
6⃣Yoo Du'es Awwaala Isaa irratti Argamaa
Muslimirra gabafame
Bakka;Masigiidaa Mishiin yookiin masaajidaa sheka Mahammad Aroole. Masigiiduu Rahmanni.
Sa'aa; 2:00irratti.
Hundii kessaanu Affeeramtanii jirtu.

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

30 Sep, 19:21


السلام عليكم ورحمة الله وبركاته🥐🥐🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓💪💪🫂🗣🗣🗣🗣
Kabajamtoota fi jalaatamaatota,miseensootaa AVCMSJ FI MUSLIMAA STUDENTS JAMA'AA tataan hundumaan keessaanu,akkasumas Kolleejjii fi Hawwaasa muslimaa Magalaa Harar  Hundaaf " Wamiichaa obbolummaa Islaamaa obboleeyyan keenya kan AFRAAN QALLO Koollajjii Jama'aa Barattoota Muslimaa irraatii Afeeraamatani jirtuu " woow woow woow woow woow Anaa Dhufuu isiin jennaa " halaa duree Barachiisuu hunda Xumree jira maree dhufaatii Kessaan Egaa Jiraa isiin Jennaa woow Woow Maraabbaan Maraabbaan Bikkaa yaa ikawaan musliminaa.
Baga Rabbiin iffaaji waggaa dheertuu boodaa ittin isiin gahee, isiin Jennaa.
Baga Gammaadaa
Congratulations 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹☝️🥀👔👔👔👔👔👔👔🌻🌼🌻🌼🌻🎗🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🌲🌳🌲🌳🌳🌲🌲🌳🌳🌲🪷🌙🌾💐🌻🌹❤️❤️❤️👔👔👔👔👔👔👔👔👔👔🥐🧇🥞🧇🧇🧇🧇🧇🥞🌭🍔🧆🥙🌮🥗🥘🏅🏅🏅🏅🏅🏅🏅🏅🏅🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆
🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🧇🥞🧇🥞🧇🥞🧇
مرحبا بكم في  آنا قادمةإخواني وأخواتي المسلمين، طلابنا الأعزاء، الأهم أن الله أعطانا هذا الدين بمشيئته وأعطانا أخوة الإسلام أو الوصول مرحبا بكم.
"Well go"
Guyyaa :23/1/2017. Kamisaa fulaa kenyaa duraa.
Inshaallaha Rabbiin Nagayaan ittin nuu haa gahuu jennaa,  Sagantaa kana irratti seenaan Jama'aa fi walaloon garaagaraa kan irratti dhihaatuudha, yoom kanaa qofa.
1. Nashiidaa.
2. Walaloo.
3. Qophii Bashannansisa fi Buhaarsitu.
4. Gorsaa ulamoota gurgurdoo garagaara.
5. Kenaa addaa addaa .
Akkasumas daa'iiwwan gurguddoon magaalaa keenyaa irratti argamuun gorsa kan itti keenna Keessummoonni Affeeramani Urjii biyya fi dhalootaa Maraabbaan Bikkaa yaa Urjii biyya.
Woowoo woowoo woowoo.
Ulamoota kenyaa Kan affeeraman .
1. sheka shekkotaa sheka Jamal Abdulaahii Hasan.
2-Shek Mohammed Arrole  Barasisaa keesaafi alaa. Abbaa Ustaazoota fi Hufazotaa.
3.shek Tajuu Ahmad. Abbaa hiyyeessa fi Tokkummaa.
4.Shek Mahammed Amiin  duraa ta'aa Majilisaa Aanaa Hakiim
5. Ustaaz Riyaad Abdallaah.
6. Ustaaz Abdurahaman directory madarsa Bilala.
7. Ustaaz ibrahim Abdallaah yookiin Kantiibaa jechuun beekama.
8. Munashiidaa Naadiri Sheka Anaas.
9. Munashiidaa Mashaallahaa yookiin Abbaa Gammachiis.
Akkasumas Ustaazonni Affeeramani jiruu.
  woowoo woowoo kan dhufee argee Asalamaa achii  millaatu Ajaa'iba duubiiin basuumaa, sheka Mahammad Aroole kofalaafi bashaaasha duraanu nii beeytaa maliin siitti himaa ajaa'ibaa dubbiin giizumaa himttuu adumaa Eee taana ga'aa Mashaallahaa "ati laallan namaati toolu faan ogaa dhufaate daraan Mashaallahaa Mashaallahaa Mashaallahaa.
Yaa babbaareedoo ilmaan hayyaa, faaya jiruu islaamiin Rabbiitu sii badheese Gammaadii. Allaahmaduullaah Rabbiil Aalamiin. Kottu waliin bareen kottu waliin baareen yaa obboleynaa muslimaa Nuttii isiin jalaan Rabbiif jecha wallif nuu haa dhisuu Rabbii guddaan Allaahmaduullaah Rabbiil Aalamiin qabaane karaa Islaamaana Hadiisa fi qur'aanaa,  Munashiidaa Ahmed Musaa Mumee woowoo woowoo.
Dhufaa jiraa nuu egaa obboleewwan Islaamaa.
Baga Rabbiin iffaajii waggaa dheertuu boodaa ittin isiin gahee,
Baga Gammaadaan
Baga Gammaadaan
Congratulations 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹☝️🥀👔👔👔👔👔👔👔🌻🌼🌻🌼🌻⭐️🌟🌟🎗
Gammaachuun teesan, Gammachuu Teenya.
Gammachuu obboleeyan kenyaa
Waliin haa  Qoodanuu.
🍀🍀Haqa muslimni tokko muslimarra qabu🍀🍀
1452- عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ ، قَالَ رَسُولُ اللَّهِ
ﷺ: حَقُّ الْمُسْلِمِ عَلَى الْمُسْلِمِ سِتٌّ: إِذَا لَقِيتَهُ فَسَلِّمْ عَلَيْهِ، وإِذَا دَعَاكَ فَأَجِبْهُ، وإِذَا اسْتَنْصَحَكَ فَانْصَحْهُ، وإِذَا عَطَسَ فَحَمِدَ اللَّهَ فَسَمِّتْهُ، وإِذَا مَرِضَ فَعُدْهُ، وإِذَا مَاتَ فَاتْبَعْهُ. رَوَاهُ مُسْلِمٌ.
➡️Ergamaan Rabbii SAW Akkana Jedhaniiru
Haqni Muslimni tokko Muslima Biraa irraa Qabu 6 jedhan
Yaa Ergamaa Rabbii Maaliidha Jedhaniin ?
1⃣Isaanis akkana Jedhaniin
Yoo Argitan Salaamtaa Jedhaanii

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

24 Sep, 21:25


"Yeroon seyfii dha yoo hin murre si mura"
"Ati ida'ama yeroo malee kan biraa miti"⑧ hiryoota kee irratti. Hiryaa ke kan fayyaddu yookin kan si fayyadu tahu qaba. Kana kan hin taane bu'aa siif hin qabu ittuu si balleessa. Duniyaatti milkayina irraa si hambisa Darbee aakira ille sitti dukkaneessa. Ha tahuti ati hiryaa akkamiiti? Garii moo kan balleesse badu. Har'a irraa eegali hiryaa kee waliin taahi maryadhu. Hiryummaan keessan kan itti fayyadamtanu male ka itti miidhamtanu akka hin taane sirritti irratti maryadha.
"Namni amantii hiryaa isaa irratti tahaa dha kanaafu tokkon keessan eenyu waliin akka hiryaa taahe haa ilaalu."

⑨ Amala gaari gonfadhu. Suuta jedhi garuu duubatti hin hafin. Afaan keeti wanti hamaan hin bahin. Fuulli kee yeroo hunda seeqan ha uwwifamu. Namaan kan walii galu tahi namaaf salphaa tahi. Bakka geesse hundatti nagaa labsi. Nutti dhufee osoo hin taane nuuf dhufe kan jedhamtu tahi. Wal hin didin wal hin nyaatin. Haamii fi kijiba xalatomfadhu
"Ummata jechuun amala jechuudha. Amala kan hin qabne ummatatti hin lakkayamu."

(10) Jireenya barumsa kee keessatti bashannana kee waan faayidaa qabu taasifadhu. Kitaabota dubbisi. Yoo dandeesse akka gargaarsa jalqabaa (first aid)  tokando, hojii harkaa, biqiltu dhaabu yokiin akka itti dhaabanu baradhu fi kkf wantoota bu'aa qaban baradhu barsiisi. Gurmaayi naanno kee qulqulleessi.
"Mataa kee lammii gahaa lammii dhaaf bu'a buusu tahi"

(11) Walitti dhufeenya seeraan alaa saala faallaa irra fagaadhu. Seeraan kan itti geessu akka malee itti gahuuf jettee jireenya kee balleessin. Jireenya nama biraas hin balleessin. Kaayyoo kee irra hin gufatin. Fakkeenya badaas hin tahin
"Walitti dhufeenyi badaan sammuu keetif dhukkubbii dha maati keetif cinqii ummataaf rakkoo geessisa"(12) Amaloota badaa irraa fagaadhu.namni kaayyoo qabu suusi wajjin wal hin tuttuqu. Namni kaayyoo isaatif bakka keennu waan badaa dhaan hin hidhamu. Galata dhaba hin tahin. Fkn ati kabajjee viillaa bareeda ykn makiina bareeda yookin maallaqa miliyena lakkooftee namni ati kenniteef fuuldura keetti yoo ibiddan gube maaltu sitti dhagahama namnis maal jedha ? Lubbuu Rabbiin  kabajaan siif kennee caati fi sigaaraan ajjeeste galata dhabummaan kana caale hin jiru
"Suusi dhaan ofi miidhuufi ofi ajjeesu gidduu garaagarummaan jiru dheerina yeroo qofa"

(13)Maatii keetiif gaarii tahi. Amma humni kee dandahu tahiif. Kan sitti gammadan male kan sitti qaana'an,  kan gammachiistu malee kan gaddisiistu. Kan boqochiistu male kan cinqitu hin tahin.
Maatii kee irratti hirkataa taate dabalte yoo rakkisteen dhugumatti badii qabatteetta "ilmoon hin guddanne dugda irra tahe boya akkuma jedhamtu"

(14) Kaayyoo qabaadhu. Kaayyoo keetif xaari. Gara kaayyoo keetitti deemii. Garam deemta? Sitti beekameera? Maali kan barbaaddu? Siif galaa?
Sababa maal geessisa jirta? Kamiifu bahatti gahuuf gara dhihaatti hin deemamu. Xaafi facaasani baaqela hin eegan. Gabaabumatti kaayyoo kee kallattii kee beeki.
"Kallatti itti deemu kan hin beekne karaan kamu isaan deema"

(15) Fayyadama interneeti irratti murannoo qabaadhu. Yeroo salaata fi dubbisaa ke kan nyaatu, yaada ke kan balleessu, fakkiiwwan badaa ilaaluu irraa deddebi'anu yaaduun barbaachisaa dha. Social media amaleeffachuu irraa ofi eeggadhu. Yoo dandeesse TikTok kan jedhan irraa  utuu fagaattee gaarii dha
Walumaa gala walitti dhufeenyi interneeti waliin qabdu kan si fayyadu malee kan si balleessu akka hin taane irra deddebi'i itti yaadi.
Nagaan!
https://t.me/AVCMSJ

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

24 Sep, 21:25


Gorsa gabaabduu barattoota muslimaatif
~
Barnoonni eegalama jira. Yeroo qormaatni gahuu ofi cinquu Yookin xumura waggaa irratti cinqii keessa tahani firii eeguun bu'a hin qabu. Barattonni Sadarka kami irra iyyu jiran jalqaba irra egalanii itti qophaahutu irraa eegama. Namni onne irra itti qophahe fedhii Rabbiitin bu'aa ifaajii isaa hin dhabu. Laffaye yoo qabxii fiduu dhabee ille namni sababa geessise waan irraa eegamu bahate jira. Kana akka seensaatti yoon jedhe barattoonni firii jaraa irratti bu'a qabeessa akka tahanif ni gargaara kan ani jedhu qabxiile muraasa akka armaan gadiitti kaahera
Tamsaasun yoo na gargaartan natti tolaii


① Barsiisa kee kabaji. Barsiisaan kee yoo miindaaf dalage iyyu sif bu'aa buuseera.
Umurii isaas kabaji. Kan si barsiisu tuffachuun kan afaan si kaaye ciniinuu dha. Akka sitti gaddu hin taasisin. Galatatu malaafi "Barsiisaa tuffachuun beekumsa tuffachuu dha"
"Kabajni ati beekumsaaf qabdu likkii kabaja barsiisaf qabduuni"

② Gargaara tahi Amma dandeetti keeti kan ati gargaartu barattoota dadhaboo hedduu nannoo kee jiru. Waan yeroo dhaf nyaatan kan hin qabne, kan samuna, kan kooppi, kiraa manaa, kan yaalii, kan dabtaraa, Hedduu dha. Yoo dandeesse gargaariin. Yoo hin taane itti gaafatamumma kee bahadhu. Barattoota dadhaboo qo'achiisi gargaari. Duniya irratti gammachuu itti argatta. Jireenya irraa baratta. Aakiraa dabalte badhaafamta.

③ Gandummaa irraa fagaadhu. Sanyumma haala kamiin iyyuu balaleffadhu. Warra sanyumma faarsan yoo damdeesse gorsi. Yoo hin taanee irra fagaadhu .sanyii keetiin eenyuu olis gadis miti. Tapha sanyummatiif ilkaan kee hin banin. Sanyiin nama hin waraanin sanyumman yoo namni si tuqe tuffadhu bira darbi. Akkuma namni si faarsun uma sif hin daballe namni si arrabsuunis umaa si hin hir'isu. Obsi sodaa akka hin taane sammuu keetti himi


④ Diini keetif yeroo kenni .ati diini kee malee duwwa dha milkaayinni diini dhan ala milkayina miti.  Yeroo waye diinii keeti barattu kutaa keessatti diiniin kee hin tuqamuu. oolmaan kee karooraan taha jireenyi kee dhandhama qabaata kanaafu Qur'ana Qara'i Qraasisi, Hadiisa baradhuu barsiisi. Da'awa gorsi, salaata salaati yeroo teessu yeroo deemtu zikrii heddummeyessi. Diini kee ofi irratti mullissi. Diinin kan odeessamu osoo hin taane kan jiraatamu dha
"Diiniin kee jireenya keeti Diinin kee yoo hin jiraanne ati mataan kee hin jirtu"

⑤ Barnoota kee irratti itti gaafatamummaan sitti ha dhagahamu. Maatiin kan si erge waan gati hin qabneef miti. Mallaqa ,yeroo, dadhabbi ke gati hin dhabsiisin. kanaafu sirritti baradhu daree keessatti haalaan hordofi. Damnaqinan hirmaadhu haalan dubbisi. Hin dandahu jechu irra fagaadhu. Hanna hirkattumma dhiisi. Yaalii keetin bakka gaari gahuf onne qabaadhu. Hin shakkin yeroo yaltu bakka amma jirtu irra iddoo guddaa geessa. Sababa yaaluu dhiisutin meeqa kan akka dadhabatti ilaalamu. kani ofi hin beekne meeqa kan sammu cimaa qabu? Barachuun kee sirra darbee lammii dhaaf akka bu'a qabaatu hubadhu.

"Education is a better safe guard of liberty than standing army"

⑥ Ofi tahi. Waan haaraya dhufe hunda hin hordofin. Ofi ketif kabaja kenni. Ati ashaangulliiti beeksisni irratti bahu miti. Waan fakkenya godhattu adda baasi. Warren amala gaari qaban fakkenya godhadhu. Ati uumama kabajama sammun siif kenname male karuma urani kan yaa'u bishaan boyii miti.
"Mataa isaa kan hin arganne nama hordofaa jiraata "

⑦ Yeroo kee haalaan itti fayyadami. Si biratti qabeenya Rabbiin siif kenne keessa rakasni yeroo yoo tahe shakkii malee kasaarte jirta. Baabura gara dukkanaatti si geessu kortee jirta. Yeroo kee qaalii deebi'e hin argamne waan jireenya kee kessatti faayida hin qabne irratti hin balleessin.
Kan ani jedhaa jiru yoo siif galaa jiraate wantoota fokkataa kannen akka muuziqa, fiilmii fi kkf kan bu'a hin qabne irraa fagaadhu. Kunnen bashannana yerootif suusi namatti tahu irra darbee bu'a tokkolle hin qabu

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

24 Jul, 15:46


https://youtu.be/rSlck-TrM2U?si=CcTl_5PWkLCPtB6d

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

19 Jul, 16:56


GAMTA JAMA'AA BARATTOOTA MUSLIMAA YUNIVARSIITII FI KOLLEEJJIILEE   kan qophaa'u fi hawwii guddaan kan eegamu sagantaan #FARE WELL kan bara 2016 Obboleewwan koo kan QARATI QURANA FI KITAABOOTA GARA GARA IRRAA BOQONNAAF itti gaggeessinuu kunoo gahee.
Sagantaa kana irratti Kayyoo fi Barabaachisuma GAMTAA JAMA'AA fi walaloon garaagaraa kan irratti dhihaatuudha .Akkasumas daa'iiwwan gurguddoon magaalaa keenyaa irratti argamuun gorsa kan itti keennan   Guyyaa Alaada Adooleessa 14/11/2016 qophaa'ee isin eegaa.

Sagantaa kanaa irratti bifa Ajaa'ibati Akkaa argamaatani dhamsaa kootti inshaallaha Barattoonii keenyaa wal kakaasuun, Ulamoota bifa Ajaa'ibatin, simmaan godhuu qaban Akkaa isaan nuura gamaadaaniti ,Barattoonii keenya kan  Kolleejjiilee addaa addaa keessatti argamatan Akkaa wal qabaatani dhuftaan  Abdi qabaa.
🤝🤝🤝🤝🤝🙏🤝🙏🙏🙏🙏
Akkasumas
Keessummoonni waamichi isaaniif godhamee.
Woowoo woowoo woowoo.
Ulamoota kenyaa Kana
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
affeeraman .

1-Shek Jamal Abdulaahii Hasan.
2.shek Tajuu Ahmad
3.Shek Mahammed Amiin  duraa ta'aa Majilisaa Anaa Hakiim.
4.Shek Mahammed Aroole
5.shek Mahammed Al Habash
6. Ustaaz Nuur itti gafatamaa Ijaarsa Majilisaa Nannoon Harar.
7. Ustaz Abdurahaman( Director) Madrasaa Bilala
Akkasumas Ustaazonni Affeeramani jiruu.

Iddoo; Madarsa Bilala
Sa'aa; 2:00irratti
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹☝️☝️☝️☝️☝️☝️🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🌹🌹🌹🌹❤️❤️❤️🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🥀🥀🥀🥀🥀🕋🕋🕋🕋

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

18 Jul, 17:15


AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official pinned «As wr wb akkami ngy fayyaa keessanii kabajamtoota Barattoota miseensa jama’aa taatan hundi keessanuu muhaadaa gamtaa keenyaa dhuftanii akka qooda irraa fudhattaniin isinii dhaama Kun akka YUUNIVERSIITI FI KOLLAAJJII MAGAALA HARAR keessa jiru hundatti Afeeramtanii…»

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

18 Jul, 17:15


As wr wb akkami ngy fayyaa keessanii kabajamtoota Barattoota miseensa jama’aa taatan hundi keessanuu muhaadaa gamtaa keenyaa dhuftanii akka qooda irraa fudhattaniin isinii dhaama
Kun akka YUUNIVERSIITI FI KOLLAAJJII MAGAALA HARAR keessa jiru hundatti Afeeramtanii jirtu
Saahibban keessan hunda nuuf afeeraa yeroo jedhametti argamaa bakka jedhamtanitti
Guyyaaniis kunoo alhada dhufu kana sa'aa 2 irraa eegaleeti
iddoon
Madarasaa Bilal
  GUYYAA SEENAA HAA TA'UU KONFOORANSII SEENAA QABEESSAA HAA TA'UU
JAMA'AA BARATTOOTA MUSLIMAA KOLLEEJJII FI YUUNIVERSIITI MAGAALA HARAR ERGAA HUNDEEFFAMEE BOODA QOPHII MOHAADARAA YKN KONFOORANSII KANA QOPHEESSEE BARATTOOTA MUSLIMAA KOLLEEJJIILLEE FI YUUNIVERSIITI LLEE HUNDAA UTUBAA GAMTAA JALAATTI WALIITTI QABUUF
ERGAA AMIIROOTA FI KOREE HUNDAA WAJJIIN YEROO 4FFAA MARII TA'EEN MUHADARAA KANA QOPHEESSEE JIRAA KANAF YAA NAMAA MUSLIMAA TAATE GUYYAAN ATII JAMA'AA BARATTOOTA MUSLIMAATII WAJJIIN DHAABBAATU GUYYAAN SAN AS DEEMAA JIRAA ALHAADA KANA AKKAA IRRAA HIN HAFNEE AMAANA IJAA TEE TAN BARREEFFAAMA KANA ARGIITE FI GURRAA AFFEERAA KANA DHAGAHEE YAA RABBII WAMICHAA DIIN DHAGAHUU FI ARGUU ISSAANI RAGAADHA ATI
Anaafii isiniis warra qooda irraa fudhatu nu haa taasisu
wal yaadachiisaa.

Kheyriin isin haa yaadattu.

1,350

subscribers

205

photos

12

videos