©Agartu Orthodox Media

@agartuorthdoxmedia

Chaanaaliwwan Keenyatti Dabalamaa!
Yuutubii:- https://youtube.com/@Ag
TIKTOK
tiktok.com/@agartuorthodoxmedia
WEBSITE https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793
FBPage:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793&mibextid=ZbWKwL

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:23

👉†Obboloota 12,907 tu Ortodoksiitti Deebi'ee🙏🙏🙏
👉12,907 ወገኖች ወደ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ተመልሰዋል

★ ከአህጉረ ስብከት ሪፓርት የምንጠብቀው ይህንን የምስራች ነው።★

« ወንጌልን ብሰብክ እንኳ የምመካበት የለኝም፤ ግድ ደርሶብኝ ነውና፤ ወንጌልንም ባልሰብክ ወዮልኝ»1ቆሮ 9÷16

ብፁዕ አቡነ ገብርኤል ሐምሌ 9 ቀን 2015 በመንፈስ ቅዱስ ምርጫና በቅዱስ ሲኖዶስ ውሳኔ ለታላቅ ሐዋርያዊ አገልግሎት ከተመረጡ ሊቃነ ጳጳሳት መካከል አንዱ ናቸው። እኚህ አባት ከጵጵስና በፊት በነበራቸው ለወንጌል የተሰጠ ሕይወት የእግዚአብሔር ልጅ የኢየሱስን ክብር በድንቅ የአገልግሎት ጸጋ ያለ እረፍት ሲሰብኩ የኖሩ ታላቅ የወንጌል ገበሬ ናቸው።በእግዚአብሔር ፈቃድ ወደ ላቀው ሐዋርያዊ አገልግሎት ተጠርተው ቅድስት ቤተክርስቲያን የጵጵስና አደራ ስትጥልባቸው የልባቸው ናፍቆት፣የአንደበታቸው ጣዕም፣የነፍሳቸው እርካታ የሆነውን ክርስቶስ ኢየሱስን በገጠር በከተማ ዞረው በመስበክ በተለይም በኦሮምኛ ቋንቋ የክብሩን ወንጌል በመንፈስ ቅዱስ ኃይልና ስልጣን በማወጅ ብዙዎችን ወደ ክርስቶስ ፍቅር ወደ እናት ቤተክርስቲያናቸው ጉያ ሰብስበዋል።

የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያን አማኞች በከፍተኛ ሁኔታ ቁጥራቸው እየተመናመነ በሚገኝበት ምዕራብ ሸዋ ላይ ከተመደቡበት ጊዜ ጀምሮ ደከመኝ ሰለቸኝ ሳይሉ የወንጌል አገልግሎት በመስጠትና አገልጋዮች ተግተው ሕዝብን ማዕከል ያደረገ የወንጌል አገልግሎት በስፋት እንዲሰጡ ጠንካራ መመሪያ በመስጠትና ዝቅ ብለው በማገልገል በስብከተ ወንጌልና ሐዋርያዊ አገልግሎት 12,907 የሚሆኑ ወገኖችን አስተምረው በማጥመቅ ወደ ቀደመችው እናት ቅድስት ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተክርስቲያን እንዲመለሱ በማድረግ የሚያስደንቅ ተግባር ፈጽመዋል።በርካታ የተዘጉ አብያተ ክርስቲያናትን ከፍተው አገልግሎት አስጀምረዋል፣ለበርካታ ብቃትና ጥራት ላላቸው ደቀ መዛሙርት ማዕረገ ክህነት በመስጠት ሕዝባቸውን በቋንቋቸው እንዲያገለግሉ ከመንፈሳዊ አደራ ጋር አባታዊ መመሪያ በመስጠት ለሕዝብ ተደራሽ የሆነ አገልግሎት እንዲሰጥ ትልቅ ሚናን ተጫውተዋል አሁንም በትጋት እየሰሩ ይገኛል።

በብፁዕነታቸው ብርቱ ጥረት የክርስትና እምነት በምዕራብ ሸዋ ላይ እንደ አዲስ እያበበ የመጣ ሲሆን በርካታ ወጣቶች ወደ ቅድስት ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ እየተመለሱ ነው።ብፁዕ አቡነ ገብርኤል በዓለ ሲመታቸው በመብል በመጠጥ እናስብሎት ሲባል አይሆንም ሙሉ ወጪውን ለወንጌል አገልግሎት አውሉት በማለት ቁርጥ ውሳኔ በማስተላለፍ ታላቅ ጉባዔ ተዘጋጅቶ በስብከተ ወንጌልና በዝማሬ ብዙ ሕዝበ ክርስቲያን በቃሉ በረከት እንዲያሳልፈው አድርገዋል።

የጳጳሳት ሹመት ዋነኛ ዓላማ የክርስቶስን ወንጌል በኃይልና በሥልጣን በመስበክ ነፍሳትን ወደ ጸጋው ዙፋን መማረክ ስለሆነ ሌሎች ብፁዓን አባቶችም የተጠሩበትን የወንጌል ዓላማ ከምንም በላይ ትኩረት ሰጥተው በመሥራት ለቅድስት ቤተክርስቲያን ምርኮን በመበዝበዝ መላካሙን የምሥራች በሪፓርታቸው እንዲያሰሙን በተስፋ እንጠብቃለን።

ብፁዕ አባታችን አቡነ ገብርኤል ሆይ ! የተጠሩለት ዓላማ የክብሩን ወንጌል በማወጅ ትውልድ የልጁን መልክ ይመስል ዘንድ ማነጽ ነውና የቆሙለትን ዓላማ በጥብዐት በመፈጸም ለብዙዎች አርአያ በመሆን የቤተክርስቲያንን ክብር ወደ ላቀ ከፍታ እንደሚያሻግሩ ጽኑ እምነታችን ነው።

የብፁዕ አባታችን አቡነ ገብርኤል ቡራኬና ጸሎት ትድረሰን

መ/ር ታሪኩ አበራ

Galanni Waaqayyoof Haa Ta'u!

                             ✝️
               ✥✥✥✥✥✥✥✥✥
        ✥••┈••●◉✞◉●••┈••✥

         💻©Katamaa Baayisaa✍️
           #Tulluu_Jireenyaa_Jalaa
                      ⛪️Asallaa💒

       ✥••┈••●◉✞◉●••┈••✥
              ✥✥✥✥✥✥✥✥✥
                            ✝️

FB Page:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100090278975719

Farniture Page:-  https://www.facebook.com/profile.php?id=61558960356681

Telegram:- https://t.me/AgartuOrthdoxMedia

Telegram2nd:- https://t.me/AgartuOrthodoxMediya

FB Page:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793&mibextid=ZbWKwL

Whatsapp:- https://chat.whatsapp.com/CjpmvlLoAh84DA0Ntj1LNU

Chaanaalii Whatsapp:- https://whatsapp.com/channel/0029VaEQ5feEFeXlBReM9J0L

Tiktok:- tiktok.com/@agartuorthodoxmedia

WEBSITE:- https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793

Instagram:- https://www.instagram.com/invites/contact/?i=1oiq6gs7xizj1&utm_content=n6qenn8

Twitter:- https://twitter.com/ketemab278?t=DydF9n4cmJQ7HSuh93C2TQ&s=09

Gmail:-  [email protected]

Yuutubii:- https://youtube.com/@Agartuortomedia

Signal:-  https://signal.org/install

Viber:- https://vb.me/letsUseViber

Imo:- https://call.imo.im/Agartuorthodoxmedia

Botim  :- +251910637055
Call   📞 +251910637055
#Horaa_Bulaa
#Deebanaa

#Wanta_gaarii_gochuu_warra_kaaniin_ga’uus_hin_dagatinaa! Waaqayyoo aarsaa akkasiitti ni gammada. (Ibr 13:16)
#Afaan_koo_hamaa_hin baasu_arrabni_koos _soba_hin_dubbatu.(Iyo.27:4)

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:18

#SADUMMAA_ADDAA
#QULQULLEETTII_SILLAASEE_FI_FAKKII
Fakkiiwwan Qulqullaa’oo.

“Fakkiiwwan Qulqullaa’oon” wangeela bifa qubee fi jechaan barreeffamanii jiran, fakkiin immoo gama qubee fi jechaan osoo hin taane wangeela fakkiin ibsamedha. Kana malees, wangeela qubee fi jechaan barreeffamee dubbifamu fakkiidhaan wangeela ilaaluu jechuudha. Kanaafuu Fakkiiwwan qulqullaa’oo jechuun Kitaaba qulqulluu fakkiidhaan kaafame (barreeffame ykn ibsame) jechuudha. Garaagarummaan isaan gidduu jiru qubee, jechaa fi fakkii qofa.
Fakkiiwwan kunis yemmuu kaafaman qaama bakka bu’an sana dhugumatti akka fakkaatanitti osoo hin taane, akka barumsaaf ta’anittii fi akka kitaaba qulqulluu irratti barreeffamanii argamanittidha. Sababiinsaa kan Waaqayyoo yoo fudhanneef barreeffamni kitaaba Qulqulluu irrayyuu waa’ee isaa dhibbaa dhibbaan hin ibsu. Kan isa guutummaa guututti argee beekus waan jirreefi! 

Namni Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoo fi gochaa isaa guutummaa guututti ibsa jedhee falmu waan jiru natti hin fakkaatu. Yoo jiraates wangeela irratti waa’een waaqayyoo barraa’ee kan jiru waan muraasa hamma nuti beekuu qabnu qofaadha. Utuu baay’een isaa barreeffameera ta’eetii lafti kuniyyuu kitaabota barreeffaman kana baachuuf bakka hin qabdu. Ishee irratti barreessuufis hin geessu. Ragaan, “Hundumti isaa fi tokkoon tokkoon isaa Kitaaba Qulqulluu kana irratti kan barreeffamu miti lafti kun iyyuu isa hin ga’u” (Yoh.21:25), Akkuma jedhu waa’ee isaa kan hin barreeffamin waan baay’een hafanii jiru jechuudha (Yoh.20:30).
Kanaaf, Fakkii jechuunis qaama isa fakkeeffame sana kan fakkaatu jechuudha. Qaamni kunis kan ija keenyaan arginee kallattiin isaan fakkeessuun kaafnuu fi waa’ee waan sanaa, wanti barreeffamee jiru, barreeffama qubee fi jechaarraa kan gara fakkiitti jijjiiramuun kaafamee kan ibsamu fakkiidha. 
Fakkiiwwan qulqullaa’oo kan jennuufis immoo fakkiiwwan jireenya foonii ibsan irraa adda ta’ee kaayyoo qulqullummaa fi barumsa wangeelaa dabarsuuf kabajaa fi ulfina waaqayyoo ibsuuf kan hojjetamanidha. Wangeellis fakkiidha. Garuu, fakkii ta’ee, fakkii qubee fi jechaan argamudha. Sababiinsaa waa’ee waan tokkootti isa barreeffame yemmuu qubeedhaan jecha isaa dubbifnutti, maalummaan isaa fi boci isaa sammuu keenya keessatti waan uumamu fakkiin isaa wanta jiruuf “fakkii” jenne!

Namoonni kennaa afuura Qulqulluun, ogummaa kitaaba Qulqulluu qubee fi jechaan barreessuuf akkuma isaaniif kenname, kan isaan qubee fi jechaan barreessan kana immoo fakkiin kaasuun akka ibsaniifis ogummaan kennameeraaf. Kan ijatti mul’atu qaama waan sanaa akka jechaa fi qubeen ibsaanii waan sana barreessan, kennaan kun warra wangeela barreessaniif akkuma kenname, kan waan sana arganii fi isa barreeffame kanas fakkiin akka kaasaniifis, isa isaan arganii qubee fi jechaan barreessan sana fakkeessanii akka fakkiin kaasaniif Waaqayyo, isaaniifis kennaa afuura Qulqulluun ogummaa fakkii kaasuu kanas isaan badhaaseera. Kana qofaas miti, waan barreeffamee jiru irratti hundaa’uudhaan utuu waan sana ijaan hin argin barreeffama arganii dubbisuun, maalummaa isaa hubachuun kanas kan gara fakkiitti jijjiiranii barreeffama kana fakkiin kaasanii ibsan jiru. Kun egaa kennaa Waaqayyo keessaa isa tokkodha.
Isa kanas waa’ee kennaa kanaa yoo ilaalleef, (1Qorn.12:4-11) irratti “Kennaan afuuraa gosa garaa garaatu jira, afuurichi garuu tokkichuma. Afuurri tokkichi kun hojii hundumaa hojjeta. Inni akka fedha isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa adda addaa hiraaf (kennaaf)” jedha. Kanaafis nuti fakkii kana kaasuunis kennaa garaagaraa keessaa, kennaa afuura Qulqulluu keessaa isa tokko akka ta’ee hin shakkinu! Kennaansaa hojii afuura kamillee nama hojjechiisa waan ta’eefi!
Egaan kanneen irratti hundaa’uudhaan, waa’ee Fakkii Qulqulleettii Sillaasee ykn Waaqayyo haa ilaallu! Nuti dhuguma fakkii Sillaasee ykn Waaqayyoo eessaa fuune?

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:18

Akkuma beekamu “Sillaasee” jechuun “Waaqayyoo” jechuudha. Waaqayyo ykn Sillaaseen ijaan hin mul’atan. Kanaafuu fakkii isaa eessaa agarree kaafneree? Kitaabni qulqulluus Waaqayyo akka hin mul’anne gaafa ibsu; “Yoomiyyuu taanaan Waaqayyoon kan arge eenyumtuu hin jiru, Ilmasaa tokkichatu nuuf seenesse malee” (Yoh.1:18) jedha. Itti dabalees, “Waaqayyo afuuradha isaaf kan sagadaanis afuuradha” (Yoh.4:24) jechuun waaqayyo akka hin mul’anne akka afuura ta’e nutti dubbata. Kanaaf, nutis Waaqayyo afuura waan ta’eef, akka inni hin mul’anne eenyumaayyuu caalaatti isa beekna.
Egaan haa ta’u malee nuti fakkii Qulqulleettii Sillaasee ykn Waaqayyoo kana kan kaafnee itti fayyadamnu, isa inni kitaaba Qulqulluu irratti hamma sammuun dhala namaa danda’utti itti of mul’isee fi inni maal akka ta’e kan ittiin of ibse, qubee fi jechaan isa barreeffamee kitaaba qulqulluu keessa kan jiru irratti hundoofnee gara fakkiitti deebisuudhaanidha. Innis kan namatti of mul’ise guutummaa guutuutti osoo hin taanee fi waa’een isaa kan barreeffamee jirus, waa’ee isaa guutummaa guututti kan ibsu osoo hin taane hamma sammuun dhala namaa isheen daangoftuu taate itti hubachuu fi beekuu qabdutti qofaadha.

Waa’een waaqayyoo gonkumaa daanga’ee kitaaba qulqulluu irratti barreeffamuu akka hin dandeenye, fakkii irrattis kan inni of ibseen alatti daangeffamee kaafamuu hin danda’u. Kanaafuu, nuti waa’ee fakkii isaa akka kaafnuuf bu’uura kan nuuf ta’ummoo kitaaba qulqulluu keessaa caqasoonni ibsan eessarratti argamuree? Isaanis Waaqayyoo isa hin daangeffamne kana akkamittiin barreeffamaan daangessanii hamma inni isaanitti of agarsiise barreessanii akkamittiin ibsanii jiru?
Egaan, waa’ee fakkii Qulqulleettii Sillaasee kitaaba Qulqulluu irraa caqasa kutaa lama irratti hundaa’uudhaan gabaabinaan haa ilaallu!
Tokkoffaa irratti, kutaa kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa kan ta’e (seera Uumamaa boqonnaa 18:1; 2; 13; 14; 17; 19; 20) irra kan jiru haa ilaallu.
Lakkoofsa tokkorraa yoo kaanu, “Abrahaam guyyaa saafaatiin balbala dunkaanasaa dura taa’ee osoo jiruu, Waaqayyo isatti mul’ate.” Caqasa dura ilaalle irratti immoo, “Waaqayyo hin mul’atu” jenneerra. Caqasa kanarratti garuu “Waaqayyoo Abrahaamitti mul’ateera” jedha. Abrahaamis ija isaatiin Waaqa hin mul’anne isa isatti mul’ate kanammoo inni argeera.

“Abrahaam garuu Waaqayyoon arge, Waaqayyos Abrahaamitti mul’ate” jechuun dubbii akkamiiti? “Waaqayyo hin mul’atu afuura” waan jenneef “bifa maaliin” itti mul’annaan “natti mul’ate, anis nan arge” jedhe? Gaaffii kanaaf deebii argachuuf, akkaataa ykn bifa maaliitiin Waaqayyo akka Abrahaamitti mul’atee fi Abrahaamis bifa akkamiin akka arge deebii isaa lakkoofsa lamarraa kan argannudha. Innis, “Abrahaam ol ilaalee namoonni sadii isa dura dhaabachuu isaanii arge ... hamma lafa ga’uttis qoomma’ee isaaniif sagade.”
Gaaffii keenya ammaa kanaaf deebii kan arganne, Waaqayyo akka inni itti Abrahaamitti mul’atee fi Abrahaamis bifa namaatiin waaqayyoo akka argedha. Dursa “Waaqayyoonin arge”, “Waaqayyos natti mul’ate” jedhe. Itti aansees “namoota sadiin arge” jedhe. Kana jechuun isaa, Waaqayyo isa dura arge bifa namaatiin fakkaatee nama sadiin ta’aanii isatti mul’atan jechuudha.
Kana booda Abrahaam Waaqayyoon ykn namoota sadan warra argee fi lafatti kufeee warra sagadeef kana fudhatee gara mana isaatti galeera. Isaanis Waaqayyoon ta’anii osoo jiranii bifa namaatiin waan itti mul’ataniifis, buddeena tolchisiisee fi korma Sangaasaa qalee isaaniin nyaachiseera. Sadan isaaniiyyuu ammaa Abrahaam waliinis taa’aanii haasa’aa jiru. Utuu haasa’aaniis Abrahaamiif akka dhala kennan itti dubbatan. Saaraa haati warraa Abrahaam garuu gaafa waa’ee kanaa dhageessu itti kolfite. Nama fakkaatee kan mana Abrahaamitti seenee Abrahaam wajjinis taa’ee dubbii kana dubbachaa kan jiru Waaqayyoodha. Akka inni Waaqa ta’es kan nuuf mirkaneessu caqasa lakkoofsa 13 fi 14 irratti argamudha.

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:18

Innis, “Waaqayyo immoo Abrahaamiin, Maaliif Saaraan, Ergan dulloomeen booddee, amma ani dhuguman dhala godhadhaa? jettee kolfite?” jedhani. Kolfi ishees kan irratti hundaa’e isa Abrahaam abbaa warrashee waliin taa’ee haasa’aa fi haasofsiisa jiru, dubbii Waaqayyo Abrahaamiin “dhala godhatta” jedhuttidha. Kolfuu isheen durattis jecha isaan haasa’an tokkichis kan itti kolfame caqasa lakkoofsa 10 irra jiru, “Bara-eger yowwana deebi’ee gara kee nan dhufa, Saaraan haati manaa kee ilma godhattee nu eegdi” kan jedhutti ture. Akkuma ilaalle jecha kana kan jedhee dubbate isa Abrahaam waliin taa’ee haasa’aa jiru Waaqayyoodha. Kanaafis lakkoofsa 14 irratti “Wanti dinqisiisaan Waaqayyo ykn Ani gochuu dadhabu jiraaree?” jechuun jecha kana kan dubbate isa ta’uu fi akka kana gochuuf aangoo qabus hubachiisuuf itti hime. Isheef hin galle malee!
Egaan, waaqayyo bifa namoota sadii fakkaachuun afaan namaa dubbachaa isa waliin haasa’aa haa jiran malee dhugumaatti isaan kun Waaqayyodha. Akkas ta’uu isaaniifis immoo, ragaan dabalataa, “Waaqayyo immoo Abrahaamiin, ... akkas jedhe” jedhee akka inni Abrahaam wajjin sadii ta’ee taa’aanii dubbachaa kan jiran Waaqayyo ta’uu isaanii nuuf mirkaneesseera. Lakkoofsa hafan irrattis akka Waaqayyoon ta’e ibsuuf, “... Waaqayyo ..., .... Waaqayyo ...” jedhee itti fufee, seenaan kun haala kanaan kitaaba Qulqulluu keessatti waa’een Waaqayyoo ykn Sillaasee bifa namaatiin, isa birayyuu darbee ali nama tokko ta’uu fi aliis nama sadii ta’aanii akka itti mul’atanii taa’aanii wajjin haasa’an barreeffamee argama.

Barreeffama kutaa kitaaba Qulqulluu kana keessatti argamu keessaa wanti hubannu waan baay’een jiraatus, dhimma keenya kaaneef kan nuuf ibsu; Waaqayyo inni hin mul’anne, inni afuura ta’e bifa dhala namaatiin Abrahaamitti mul’achuusaati. Jalqaba barreeffama kanarratti akkuma ilaallee turre, “Fakkiin qaama isa fakkeeffame sana kan fakkaatu, qaamni kunis kan ija keenyaan arginee kallattiin isaan fakkeessuun kaafnuu fi waa’ee waan sanaa, wanti barreeffamee jiru, barreeffama qubee fi jechaarraa kan gara fakkiitti jijjiiramuun kaafamee kan ittiin ibsamudha” jenneerra.
Itti daballees, Namoonni kennaa ogummaa fakkii kaasuun isaaniif kenname, kan ija isaaniin qaama waan sanaa argan isuma fakkeessanii akka kaasaniif waaqayyo kennaa ogummaa fakkii kaasuu kan isaan badhaase, isa argan qofaas osoo hin taane, waan barreeffamee jiru irratti hundaa’uudhaanis waan barreeffame sanas kan gara fakkiitti jijjiiranii barreeffama kanaa fi waan sana fakkiin ibsan jiru jennee ilaalleerra.
Kanaafuu amma salphaadhumatti caqasa kanarratti waa’een waaqayyoo qubee fi jechaan barreeffamee ibsameera. Hojii afuura kan hojjetan, afuura Qulqulluunis kan geggeeffaman isa bifa barreeffaman barreeffamee argamu kana gara fakkiitti deebisuun fakkiin ibsuu danda’u. Isa kanas fakkeenyaan ilaaluuf, namoonni biyya lafaa kanarra jiraatan, galiin isaanii fakkii kaasuu irratti kan xiyyeeffate akkasumas fakkii isaan kaasan kan waa’ee foonii calaqqisiisuu ykn kan waa’ee afuuraan wal hin qabanne kan hojjetan bira deemnee, Amma nuti utuu isaan kanaan, “fakkii koo na kaasi!” ittiin jenneetii; Dhugaadha, isaan fakkaattii keenya fakkiidhaan kaasanii nuuf kennu.

Akkasumas, waa’ee nama tokkoo barreeffamaan sirriitti ibsinee barreessinee utuu itti laanneetii, isaanis barreeffama kana dubbisuu fi hubachuun gara fakkiitti jijjiiruun “fakkiisaa naaf kaasi!” utuu jenneetii isaan nuuf kaasu. Kanas isuma amma argaa jirrudha waan ta’eef isaan kaasaas jiru. Fakkii kana qofaa kaasuus miti, barreeffama waa’ee waan tokkoo irratti kan xiyyeeffatee barreeffame gara Videotti jijjiiruunis ni danda’ama.
Fakkeenyi ilaalle kun jireenya biyya lafaa ittiin geggeeffachuuf, beekamtii ittiin argachuu fi qarshiidhaaf jedhamee kan godhamudha. Akka warri ogummaa akkasii qaban kana godhanis beekamadha. 

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:18

Kanaafuu erga kan warri dhimma biyya lafaaf jedhanii akkas godhaniitii, warri kitaaba Qulqulluu isa qubee fi jechaan barreeffamee, waa’ee Waaqayyoo ibsaa fi lallabaa jiru, fakkii kaasanii ittiin ibsuu fi lallabuun dhorkaa maalii qaba? Isaan beekamtii fi qarshii ittiin argachuuf osoo hin taanee dubbii sagalee waaqayyoo lallabuuf kan fayyadama kana waaqayyo itti hin gammaduuree? Akka kana godhaniifis isaan hin jajjabeessuuree? Fakkiin kun barreeffama barreeffamee jiru kana waliin waa’ee waan sanaa wal-qixatti fakkiitiin isaan ibsuu hin danda’anii? Silumaayyuu afuurri Qulqulluu isaan geggeessee bifa sana akka isaan kaasaniif isaan dandeessisa.

Sababiinsaa, isaan kitaaba Qulqulluu sagalee waaqayyoo isa qubeedhaan jiru, kan warri baratan qofaan dubbisanii waa’ee isaa beekan, fakkiidhaan immoo warri barate kunis ta’e, warri hin barannes ta’e warri isa dubbisuu hin dandeenye, isa itti lallabamus dhaga’uuf kan hin dandeenyee fi dhaga’uu kan danda’us sagalee Waaqayyoo bifa fakkiitiin, isaaniin ittiin barsiisuu fi isaanitti lallabuuf kan gargaaru hojii hunda giddu galeeffate hojii gaarummaati. Akkasumas isaan warri dubbisuu fi dhaga’uu hin dandeenye fakkii karraa isaaniiyyuu ofuma isaaniittii dubbii sagalee waaqayyoo irraa kan ittiin baratanidha.
Waaqayyos, akkuma warri kitaaba Qulqulluu qubee fi jechaan barreessanii dubbii sagalee isaatii ittiin barreessanii labsaa turan gargaare, warra barreeffama qubee fi jechaa kanammoo gara Fakkiitti deebisuun waa’ee isaa ittiin ibsanii fi lallaban akkamitti kana akka isaan hojjetaniif hin gargaaruree? ... Kan isaan kaasan kunis akkamitti “isa kitaaba Qulqulluu irratti qubee fi jechaan barreeffame wajjin wal-qixa miti” jechuu dandeenya? Lamaan isaaniiyyuu dubbii sagalee isaa waan lallabaniif, isa waan ibsaniif, maaliif “hin barbaachisu” jedhamuun danda’ame? Fakkiiwwan qulqullaa’oon kan kitaaba Qulqulluu qubeewwanii fi jechootaan jiran, bifa fakkiin inni ibsame hin barbaachisu jechuun, “Kitaabni Qulqulluus inni qubee fi jechaan barreeffames kun hin barbaachisu” jechuudhakaa!

Kanaafuu, caqasa (Uma.18:1-20) irratti waa’een Waaqayyoo bifa namaatiin fakkaatee kan itti mul’atee jiru kana isa qubee fi jechaan akkasitti barreeffamee fi ibsamee jiru fakkiin ibsuun hin danda’amuu? Fakkiin kaafnee ibsuun keenya haa hafuutii yemmuu barreeffama isaa dubbisaa dhuftan nu mitiim warri fakkii mormanillee yemmuu barreeffama kana dubbisanii fi dubbifnu fakkiin isaa sammuu keenya keessatti ka’ee hin mul’aturee? Waaqayyo hin mul’atu yoo jennes bifa dhala namaatiin sadii ta’aanii waan itti mul’ateef bifa kanaan kaafnee ibsu hin dandeenyuree?
Kanaafuu yemmuu dubbifnu namootni jaarsolii ulfina qaban wayiitu sammuu keenya keessatti bocamanii mul’atu. “Waaqayyo” jedhee, “namoota sadii” waan jedheef, “Waaqayyo” jechuu isaan waan hundumaatti madaallii fi fakkeenya waan hin qabneef waan ittiin qixxaatee isaan fakkeessinee kaafnu hin qabnu. Ta’us garuu, Utuuma fakkiin isaa hin kaafamin yemmuu barreeffama isaa qofa dubbifnuu fi barannu gaafa “namoota sadii fakkaatanii” utuu nuun hin jedhu ta’eetii, jalqaba yemmuu Waaqayyo nu uumu, Uumaan keenya dhala namaa ofii isaatti fakkeessee nu uumeera. “Waaqayyos, kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama uumnaa! jedhee nama uume.” (Uma.1:26). Kanaafuu nuti fakkaattii fi bifa isaa fakkaanaa jechuudha. Innis bifa keenyaa fi fakkaattii keenya kana fakkaata jechuudha. Garuu nutu afaan keenyaan, “nu fakkaata, nutimmoo isa fakkaanna” jenna malee wal Fakkeenyi waaqayyoofi dhala namaa baay’ee garaagaradha.

Kanaafuu barreeffama wangeelaa kanarra “namoota sadii ta’anii” jechuudhaan, “Nama” jechuu isaatiin namoota keessaa kabajaa fi ulfina kan qaban jaarsolii irra kan caalan waan hin jirreef bifa jaarsoliii mimmiidhagoo sadii ta’an kanaan kaafamani! Kanaafuu sagalee Waaqayyoo kana qubee fi jecharraa gara fakkiitti jijjiiranii irraa akkasitti barachuu fi ittiinis wal barsiisuun maal rakkina fida? Cubbuus qabaayii?

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:18

Erga akkas jennee booda warri harka mirgaa fi bitaa irratti wantoonni lubbuu qaban afur fuula Namaa, fuula Leencaa, fuula Sa’aa fi fuula Allaattii fakkaatan kanammoo eessaa fidnee biratti kaafne kan jedhuuf, akkasumas caqasa (Uma.18:1-20) kanarra immoo waan akkasii hin jiru isa jedhuuf caqasa (Hisq.1:4-11) irra kan jiruun haala ilaallu!
Ani caqasa kana kan lakkoofsa 10 irraa jirtu qofaan fudhadha. Isin garuu lakkoofsa 4-11tti dubbisaa! Dursa fakkii sillaasee armaan gaditti argamurraa karaa bitaa fi mirgaan wantoota jiran adda baasaa ilaalaa! Isa seera uumamaa irratti caqafnee fudhannee ibsaa turres yaadadhaa! Ergasii booddee caqasni kun akkas jedha; “Fuullisaanii akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuulasaanii duraan hundumti isaanii fuula Namaa fakkaatu; arfan isaanii gara mirgaa isaaniitiin fuula fuula Leencaa fakkaatu qabu; arfan isaanii gara bitaatiin fuula fuula Qotiyyoo fakkaatu qabu; arfan isaanii gara dugda duubaatiin fuula fuula Joobiraas fakkaatu qabu” jedhee kallattiimaan lafa nuuf kaa’eera. Caqasa kana irraa waan hubannu karaa mirgaatii fuulli namaa fi kan leencaa kan fakkaatu jiraachuu fi karaa gama bitaatiin immoo fuula qotiyyoo ykn sangaa fi fuula Allaattii ykn joobiraas akka jiru nutti mul’iseera.

Kanaafuu walumaa galatti caqasi lamaan (Uma.18:1-20 fi Hisq.1:4-11) kitaaba qulqulluu keessatti qubee fi jechaan waa’een Sillaasee ykn Waaqayyoo barreeffame kana lamaan bakka tokkotti walitti dhufanii fakkii kana kan nuuf kennanii fi caqasa barreeffame kanaa wajjinis ibsaa fi hiikkaa tokkicha kan qabanidha. Garaagarummaan isaanii Wangeellirratti inni barreeffame qubee fi jechaan yoo ta'u inni kunimmoo fakkiitiinidha. Barreeffame isa barreeffame kanammoo kan beekee dubbisuu qofaaf akka ta’e, fakkiiwwan kun garuu kan barates ta’e kan hin barannes kan irraa ittiin waa’ee Waaqayyoo ykn Sillaasee hubatu karaa salphaa ittiin waa’een isaa ibsamee lallabamudha. 
Barreeffamni kitaaba qulqullluu kutaa kana lamaan keessatti qubee fi jechaan barreeffame argamu kun waa’ee Sillaasee ykn waa’ee Waaqayyoo ibsu. Isa barreeffamaan akkasitti ibsame haala fakkiitiin immoo akka armaan gaditti fakkii argamu kanaan ibsama. Fakkiin kun waa’ee Waaqayyoo ykn Sillaasee ibsa. Fakkiin kun garuu “waa’ee waaqayyoo ykn Sillaasee hin ibsu” kan jettu taanaan, inni qubeedhaan barreeffamee kitaaba Qulqulluu irra jirus waa’ee Waaqayyo ykn Sillaasee hin ibsu jechuudhakaa! Sababiinsaas isa barreeffamaan ibsame nuti immoo bifa fakkiin ibsine malee waan itti daballee fi irraa hir’isne waan hin qabneefi.

Sadii ta’uun isaaniis sadummaa isaanii ibsuufi. Akkuma Abrahaam “namoota sadii ta’anii” jedhetti fakkiin kunis ka’e. Kaartaa addunyaa kanaa harkatti baachuun isaanii, addunyaa kana kan baatan, kan bulchan, kan dabarsan, kan uuman, wantoota ishee keessatti argamtuu fi hin argamne kan uuman, kan sooran, ... isaan ta’uu isaanii ibsuufi. Fannoon irratti argamuu fi mallattoo fannoo godhamee kaafamuun isaa immoo addunyaan duraan sababa Addaamiif abaaramte turte, Gooftaan keenya Waaqni Ilmi fedha isaatiin, fedha abbaa isaatiinii fi fedha afuura Qulqulluutiin dhufee fannoo irratti fannifamee addunyaa guutummaa dhiiga isaa fannoo irratti dhagala’een bilisa baasuu fi qulqulleessuu isaanii mul’isuufi ...
Kanaafuu, fakkiiwwan qulqullaa’oon kitaaba Qulqulluu irratti isa jechaan barreeffamee jiruu fi inni fakkiiwwaniin jiru wal qixadha. Kitaabi Qulqulluu jecha Waaqayyoo waan qabuu fi waa’ee isaa waan lallabuuf, waa’ee isaa waan ibsuuf ni kabajna. Kabaja isaafis sagada kabajaa sagaduufiin ni dhunganna, kadhannaadhaafis itti fayyadamna. Akkuma kana fakkiiwwan qulqullaa’oos jecha Waaqayyoo qubee fi jechaan barreeffame, isaan immoo kan fakkiin ibsan waan ta’aaniif, waa’ee isaas waan lallabaniif, waan isa ibsaniifis, isaaniinis ni kabajna. Kabaja isaaniifis akkuma kitaaba qulqulluutti sagada kabajaa sagaduufiin ni dhunganna, kadhannaadhaafis of dura godhachuudhaan itti fayyadamna.

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:18

Kitaabni Qulqulluun, kitaaba biraa irratti garagalee maxxanfamee barraa’uus kitaaba Qulqulluu jedhamee, Qulqulluu ta’uu fi humna akkuma qabu, fakkiiwwan qulqullaa’oonis yemmuu kaafaman kitaaba Qulqulluu wajjin humna wal-qixaa fi qulqullummaa wal-qixaa kitaaba Qulqulluutii wajjin qabu. Kitaabni Qulqulluu isuma dura afuura qulqulluun barreeffame irraa garagalee akkuma barreeffamee maxxanfamu, akkusumas raajonni waa’ee waan tokkoo irratti bakka garaagaraa taa’anii barreessan tokko akkuma ta’e, Fakkiiwwan qulqullaa’oonis isuma duraan kaafaman irraa kan kaafaman yemmuu ta’u akkasumas namoonni garaagaraa bakka garaagaraa taa’aanii waa’ee waan tokkoo yoo kaasanis inni akkuma kitaaba qulqulluu kanatti waanuma wal fakkaatuu fi tokko ta’edha.

 Kitaaba Qulqulluu tarree kitaabota warra kan biyya lafaa wajjin akkuma hin keenyee fi akkasittis akka hin ilaalle, fakkiiwwan Qulqullaa’oo kanas tarree fakkiiwwan namootaatti kaa’uu fi akkasitti ilaaluun sagalee Waaqayyoo kabaja dhowwachuudha. Kitaabota biroof akka kitaabota Qulqulluutti kabaja kenninee, kabajnee hin dhungannee fi isaafis kan hin sagadne, yeroo kadhannaas kan itti hin fayyadamne, fakkiiwwan biyya lafaa warra kaanis yoo kan jaallannu ta’eef, kan keenyas haa ta’u akka fakkiiwwan qulqullaa’oo kanaatti lakkaa’uun sirna Waaqeffannaaf itti fayyadamuun dhungannee, sagadneefii yeroo kadhannaas of dura godhachuu hin ta’u! Bu’uura dubbii keenyaan ala ta’a waan ta’eefi!

Iccitii Wangeelaa ifatti akkan beeksisuuf, Afaan koo banee, sirreessee jecha isaa akka naaf kennuuf naaf kadhadhaa (Efe 6:19) Liinkiwwan armaan gadii fayyadamuun toora Miidiyaawwan  koo hordofaa!

Galanni Waaqayyoof Haa Ta'u!

                             ✝️
               ✥✥✥✥✥✥✥✥✥
        ✥••┈••●◉✞◉●••┈••✥

         💻©Katamaa Baayisaa✍️
           #Tulluu_Jireenyaa_Jalaa
                      ⛪️Asallaa💒

       ✥••┈••●◉✞◉●••┈••✥
              ✥✥✥✥✥✥✥✥✥
                            ✝️

FB Page:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100090278975719

Farniture Page:-  https://www.facebook.com/profile.php?id=61558960356681

Telegram:- https://t.me/AgartuOrthdoxMedia

Telegram2nd:- https://t.me/AgartuOrthodoxMediya

FB Page:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793&mibextid=ZbWKwL

Whatsapp:- https://chat.whatsapp.com/CjpmvlLoAh84DA0Ntj1LNU

Chaanaalii Whatsapp:- https://whatsapp.com/channel/0029VaEQ5feEFeXlBReM9J0L

Tiktok:- tiktok.com/@agartuorthodoxmedia

WEBSITE:- https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793

Instagram:- https://www.instagram.com/invites/contact/?i=1oiq6gs7xizj1&utm_content=n6qenn8

Twitter:- https://twitter.com/ketemab278?t=DydF9n4cmJQ7HSuh93C2TQ&s=09

Gmail:-  [email protected]

Yuutubii:- https://youtube.com/@Agartuortomedia

Signal:-  https://signal.org/install

Viber:- https://vb.me/letsUseViber

Imo:- https://call.imo.im/Agartuorthodoxmedia

Botim  :- +251910637055
Call   📞 +251910637055
#Horaa_Bulaa
#Deebanaa

#Wanta_gaarii_gochuu_warra_kaaniin_ga’uus_hin_dagatinaa! Waaqayyoo aarsaa akkasiitti ni gammada. (Ibr 13:16)
#Afaan_koo_hamaa_hin baasu_arrabni_koos _soba_hin_dubbatu.(Iyo.27:4)

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:17

Qabsuurri ishees gara Gi'iziitti hiikamuu danda'eera.
Si'iliin Qulqulleettii Arseemaa inni sirriin kami?
Akkaataa Fakkiin Qulqullootaa itti kaafamu
Fakkii Qulqulla'aa ykn Si'ilii Qulqullootaa irratti gubbaa irratti Goonfoon, Zanbaabaan, Xoofoo Fannoo fa'a arguun kan baramedha. Si'ilii Qulqullicha Qiirqoosiifi Qulqulleettii Iyyeluxaa irrattis Zanbaabaan, Tsiwwaan ykn Xoofoon, Fannoon ni muldhata.
Dabriiwwan ykn Manneen Kiristaanaa Qulqulleettii Arseemaattis ta'e manneen Kiristaanotaatti Si'iin argamu ykn Si'ii Qulqulleettii Arseemaati jedhamee baay'inaan kan argamu Si'ilii Qulqulleettii Barbaaraati. Yeroo baay'ees Si'ilii Qulqulleettii Arseemaa jedhamee kan baay'inaan gurgurauu fi baay'inaan kan Itti fayyadanan Si'ilii Qulqulleettii Barbaaraa kana. Itti aansees Si'ilii Qulqulleettii Luusiyaa, darbee darbee ammoo Si'ilii Qulqulleettii Kaatriin fi Qulqulleettii Kiyaarkee dogoggoraan akka Si'ilii Qulqulleettii Arseemaatti fayyadamuun baay'inaan muldhata. Wareegamtonni kunneen dargaggummmaa fi durbummaa isaaniitiin Xaa'ootii Waaqeffachuu diduu isaniitiin gidiraa Fannoo fudhataniin ykn isaan irra gaheen, Seenaa walfakkaataa qabaachuu isaaniitiin Si'ilii isaatiin adda baasuun waan nu rakkise fakkaata. Fakkeenyaaf Waregamtoonni kunneen hundi yeroo fakkiin ykn si'iliin isaanii kaafamu Fannoo, Xoofoo, Zanbaabaa qabatanii akka Ortodoksiittis, akka Kaatolikiittis ni kaafamu.
Si'iliiwwan kanneen irrattis;
→ Fannoo qabachuun isaanii :- kan na jaalatu yoo jiraate fannoo koo baatee na duukaa haa bu'u bu'uura jedheen Gidiraa Fannoo Kiristoos fudhachuu isaanii agarsiisa. Luq. 9:23
→ Xoofoo qabachuun isaanii ammoo Xoofoo du'aa fudhachuu isaanii ibsuufi. Maat. 26:39.
→ Akkasumas Zanbaabaa qabachuun isaanii ammoo Addunyaa fi Seexana injifatanii Mootummaa Waaqayyoo injifannoon dhaaluu isaanii ibsuufi.
Kanatti aansee dogoggoraan akka Si'ilii Qulqulleettii Arseemaatti kan itti fayyadamnu Qulqulleettiin Barbaaraa, Qulqulleettiin Kuusiyaa, Qulqulleettiin Kaatriin fi Qulqulleettiin Keeriyaakee eenyu akka ta'an gabaabinaan ilaalla.
1. Qulqulleettii Baarbaaraa
Akkaataa amma itti waamamutti biyya Kibaanoos Abeeleekitti, yeroo durii ammoo «Fiinqee» iddoo jedhamaa turetti dhalatte. Abbaan ishee Diyoosqooroos Xaa'otii Waaqessaa kan tureefi isheenis akka Xaa'otii Waaqessitu ishee dirqisiisaa kan ture, isheenis diduu isheetiin Abbaa isheetiin bara 306 Umurii ishee waggaa 33tti kan ajjeefamtedha ykn waregamtedha. Qulqulleettii Dubroo jedhamtee akka Manneen Kiristaanaa Kaatolikiitti, Ortodoksii bahaatti fi Gibtsiitti ni lakkaa'aameef, guyyaan yaadannoo ishee kan waggaas December 6 kabajama. Si'iliiwwan ishee irratti Afaan Tsiriin kan barreeffame « ΗΑΓΙΑ ΒΑΡΒΑΡΑ» kan jedhu yeroo hiikamu afaan Ingiliffaan «Saint Barbara» Afaan keenyatti ammoo «Qulqulleettii Baarbaaraa» dha jechuudha, Qulqulleettii Arseemaa miti.
2. Qulqulleettii Luusiyaa
Warreen jaamonni ykn warreen arguu hin dandeenye kan ittiin jajjabaatan jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u, Kiristaana ta'uu isheetiin kan gidiraa itti fidan ija ishee lamaan Saahinii irratti harka isheetiin qabattee fakkii ykn Si'ilii agarsiisu irratti kaafamtee argamti. Seenaan ijaa kan Qulqulleettii Arseemaa waliin tokko. Qulqulleettii Arseemaa gara Armanitti kan godaansise Mootiin Diyooqilixiyaanoos Kiristoos ganuu qabda jechuun biyya itti dhalatte Xaaliyaanii, Siisiilii, Siraakoositti bara 304tti akka duutu taasise. Kaatolikootni Room akka Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti bifa addaan Qulqulloota Durboota kabajan saddeet keessatti Qulqulleettii Luusiyaa yoo ramadan, Luuteeranota birattis fudhatama qabdi.
3. Qulqulleettii Kaatriin ishee Iskindiriyaa
Qubee Tsirii fi Ingiliffaan «ΗΑΓΙΑ AIKATEPINH» fi «St Cathrine» dha. Maatiin ishee qomoo warra Moototaa irraa yoo ta'u, Mootiin Maakseentiyas si fuudha jedhee yeroo rakkisu, ani Misirroo Kiristoosidha, Mootummaa lafa irraa hin barbaadu jechuun akka Qulqulleettii Arseemaa kan taatedha Inumaayyuu karaa warreen Moototaa fi aanga'ootaa dhalachuu ishee fayyadamuun aanga'oonnifi Mootonni Waaqayyotti akka amanan kan barsiiste, kanaanis rakkoo fi gidiraan gaariidhaan harkifamuu irra

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:17

gahuun bara 305tti umurii ishee waggaa 18tti Sayifiidhaan ajjeefamte. Koophxota Gibtsii, Ortodoksiiwwan bahaa fi Kaatolikoota biratti dargaggoota durbummaa isaaniitiin cimaniif fakkeenyadha.
4. Qulqulleettii Keeyaarkee

Sooressoota Giriikii Kiristaanota ta'aan irraa kan dhalatte, abbaan ishee Doorooteewoos, haati ishee Yooseebiyaa irraa Niqoomoodiyaatti dhalattee, qabeenya isaanii dhaalchisuuf jecha ilma Bulchaa biyyaatti akka heerumtu yeroo gaafatamtu, Durbummaa isheen cimtee dhaabbachuu isheetiin gidiraan itti baay'ate. Abbaa fi haati ishee godaananii du'an. Mootiin Diyooqilixiyaanoosiifi warreen isa jala jiran wal harkaa fuudhanii Xaa'otiif sagadi jedhanii ishee sossobaniyyuu diduu isheetiin ibiddatti ishee darbataniyyuu ishee hin gubne, biseensaaf ishee kennanis ishee hin nyaanne. Isheenis amantaa koo hin ganu jettee diddee, Sayifiin muramuuf qophooftee osoo jirtuu daqiiqaa kadhannaa isheef kenname keessatti kadhachuun lubbuun ishee harka Waaqayyoo galteerti. Qulqulleettiin Keeryaakee umurii ishee waggaa 21tti bara 289 iddoo Keelqeedoon jedhamutti boqotte. Kanaanis namoonni hedduun Waaqayyootti amananiiru. Kaatolikoonni fi Ortodoksoonni bahaa Adoolessa 6 fi 7 ni yaadatu.
1. Qulqulleettii Arseemaa
2. Qulqulleettii Barbaaraa
3. Qulqulleettii Luusiyaa
4. Qulqulleettii Kaatriin
5. Qulqulleettii Keeyaarkee dha.
Bara ammaa kanattis Qulqulleettiin Arseemaa dargaggoota Itoophiyaa biratti caalaatti beekamaa fi kabajamaa dhufteerti. Dargaggoonnis kana taasisuun isaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haa ta'u malee garuu waa'ee Kiristoosiif jettee wareegamummaa isheen kanfalte, Durbummaa ishee eeguuf jettee gidiraa isheen fudhatte, dargagummaan ishee osoo ishee hin hawwisiisiin gatii isheen Amantaa isheef kaffalte, osoo lubbuun jirtuu kan hojjatte caalaayyuu wareegamummaa isheen firii isheen buufte yaadachuufi isa irraas barachuun barichaan bitamuu ykn fudhatamuu irra yaadannoo Wareegamtuu kanaa bultii fi jaalalleewwan waliin fi wantoota seenaa Qulqulleettii kanaa waliin hin deemne waliin walitti fiduun ykn madaalchisuun sirrii miti.
Inni kaan hafee yeroo ammaatti Si'ilii ykn Fakkii Qulqulla'aa Qulqulleettii Arseemaati jedhamee baldhinaan kan beekamu akka sirna fakkii «Sine Si'il» Ortodoksiitti «Iconography» kan Qulqulleettii Barbaaraati. Awwaala ishee Arman Echimiiziitti argamu irratti Si'iiliin ykn Fakkiin Qulqulluu argamu kan kanaa olitti arginedha. Eddoola Xaanaa keessatti kan argamu Mana Kiristaanaa ishee keessattis Si'ilii isa Itoophiyaawwii argachuun ni danda'ama.
Walumaa galatti Qulqulleettiin Arseemaa seenaan ishee guutummaa Kiristaanota Addunyaatti kan beekame, Qulqullummaa waliin garmalee kan walqabate, wareegamtoota dargaggootaaf fakkeenya guddaa kan ta'u, Qulqullummaa ofii eeggachuun garmalee qormaata kan ta'e bara kanatti ykn bara kanaaf fakkeenya kan ta'u, Obboleewwanii fi haawwan keenya bara durii waa'ee Kiristoosiif jedhanii gatii isaan kaffalan, gidiraa isaan argan, kan agarsiisu waan ta'eef ayyaana yaadannoo ishee afuura kanaan ykn kana yaadachaa kabajuu qabna.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda:-Toora Maarsariitii Fi Chaanaalii Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Irraa
Galanni Waaqayyoof Haa Ta'u!
©Katamaa Baayisaa
#Tulluu_Jireenyaa_Jalaa
Asallaa

Telegram:- https://t.me/AgartuOrthdoxMedia

Telegram2nd:- https://t.me/AgartuOrthodoxMediya

FB Page:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793&mibextid=ZbWKwL

Whatsapp:- https://chat.whatsapp.com/CjpmvlLoAh84DA0Ntj1LNU

Chaanaalii Whatsapp:- https://whatsapp.com/channel/0029VaEQ5feEFeXlBReM9J0L

Tiktok:- tiktok.com/@agartuorthodoxmedia

WEBSITE:- https://www.facebook.com/profile.php?id=100077746210793

FACEBOOK PAGE:- http://KetemaBayisawww.comPage.IOTCH/

FaceBook:- https://www.facebook.com/ketema.bayisa.56

Instagram:- https://www.instagram.com/invites/contact/?i=1oiq6gs7xizj1&utm_content=n6qenn8

Twitter:- https://twitter.com/ketemab278?t=DydF9n4cmJQ7HSuh93C2TQ&s=09

Gmail:- [email protected]

Yuutubii:- https://youtube.com/@Agartuortomedia

Viber:- https://vb.me/letsUseViber

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:17

Imo:- https://call.imo.im/Agartuorthodoxmedia

Botim :- +251910637055
Call 📞 +251910637055
#Horaa_Bulaa
#Deebanaa

#Wanta_gaarii_gochuu_warra_kaaniin_ga’uus_hin_dagatinaa! Waaqayyoo aarsaa akkasiitti ni gammada. (Ibr 13:16)
#Afaan_koo_hamaa_hin baasu_arrabni_koos _soba_hin_dubbatu.(Iyo.27:4)

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:17

#WAREEGAMTUU_ARSEEMAA
#Onkoloolessa_6_2017

Baga Geessan
Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Ayyanota Guyyaa, Torbanii, Ji'aa fi Kan Waggaa qabdi. Ayyaanonni Kunniinis Kan Waaqayyoon itti yaadannu, kan Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii Itti Yaadannuu fi Kan Qulqulloota akasumas Seenaawwan adda addaa itti Yaadannuudha. Kana Keessaa immoo Guyyaa Har'aa kan ilaallu Seenaa Qulqulleettii Haadha Keenya Aarseemati. Qulqulleettiin Arseemaa Abbaa ishee Qulqulluu Tewoodiroosii fi haadha ishee Qulqulleettii Atinaasiyaa irraa wareegaan kan dhalattedha. Kan dhalattes Jaarraa 3ffaa keessaa Xaaliyaan, Roomitti, Ji'a Muddee, Kamisa gaafa guyyaa 6 yoo ta'u, gara Armaniyaatti kan godaante ykn baqatte Mootiin Diyooqilixiyaanoos Kiristaanotaa fi ishee gidirsuu isaatiin. Barri isheen keessa turtes «Bara Wareegamtootaa» jedhamuun beekama.
Qulqulleettiin Arseemaa wareegamtuu Mana Kiristaanaa bara 290 keessa Armanitti wareegamummaan boqottedha. Biyyi dhaloota ishee Room yoo ta'u, wareegamummaa kan fudhatte ammoo Armanittidha. Nuti hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ykn Itoophiyaanonni «Qulqulleettii Arseemaa » yeroo jennuun, isaan ammoo «Saint Hripsime» jedhanii waamu. Namni Seenaa Qulqulleettii Arseemaa dubbisuu barbaade hundi maqaa Qulqulleettii kanaa Google irratti barreesse yoo barbaade salphaatti argachuu ni danda'a. Maqaa «Saint Hripsime» jedhuun jechuudha. Manneen Kiristaanaa warreen durii ykn hangafoonni guyyaa Yaadannoo Qulqulleettii Arseemaa Fulbaaana 29 ykn October 9 guyyaa itti wareegamummaa fudhatte ni kabaju. Manni Kiristaanaa yeroo jalqabaaf maqaa isheen kan hundaa'e ykn kan moggaafame ykn kan ijaarameef Arman, Echimiiziin keesssatti bara 395tti dha. Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Arseemaa kun Manneen Kiristaanaa durii osoo hin diigamiin turan keessaa isa tokkodha.
Ekeraa ykn Atsimiin Qulqulleettii Arseemaa Jaarraa 14ffaa keessa Atsimii Wareegamtoota kaanii waliin gara Itoophiyaatti akka dhufe Abbootiin tokko tokko Tiwuufiitiin ni dubbatu. Gojjaam Eddoola Xaanaa fi Walloo Siriinqaatti Manneen Kiristaanaa argaman kanaaf ni caqasamu. Keessattuu amma bara jirru kana keessatti iddoo Itoophiyaanonni jiran maratti Qulqulleettiin Arseemaa Wareegamtuu guddoo ykn caalaatti maqaan ishee waamamu taateerti.
Seenaan Dubra Qulqulleettii kanaa ykn Qulqulleettii Arseemaa kitaaba Mana Kiristaanaa keenyaa galmee Qulqullootaa qabu Sinkisaara kan gaafa guyyaa Fulbaana 29 dubbifamu irratti barreeffamee argama. Akka biyya keenyaattis ykn akka Mana Kiristaanaa keenyaattis Qulqulloota biyya alaa Qabsuurri isaanii hiikameef ykn gara afaan biyya keenyaatti kan hiikameef keessaa tokko Qulqulleettii Arseemaa dha. Sababni kanaas beekamaadha. Qulqullonni Itoophiyaadha gara Armanitti deeman, Armanii gara Itoophiyaatti kan dhufan hedduun turaniiru. Naannoo Jaarraa 10ffaatti Faarsotaan badii Armanoota irra gaheen ykn weerara warri Faars Armanoota irratti gaggeessan baqachuun Armanoonni hedduun gara Itoophiyaatti dhufuu isaanii fi iddoo hardha Hayq Isxifaanoos jedhamu qubachuu isaanii seenaan Arman nutti hima. Afaan Armanittis «Hayq» ykn Haroo (Hara) jechuun «Gadaamii» ykn «Kawaala» jedhuudha jedhu.
Karaa biraatiin ammoo Jaarraa 13ffaa keessa lammiin Itoophiyaa Abuna Ewoosxaaxeewoos jalqaba gara Gibtsiitti (Bara 1330-32), achiin boodas gara Israa'eelitti, dhuma irrattis gara Armanitti imalanii waggoota kudha afuriif erga achi turaniin booda, bara 1352tti boqotaniiru. Boqonnaa isaanii boodas ykn boqochuu isaanii boodas Duuka Bu'ootni isaanii gara Itoophiyaatti deebi'aniiru. Duuka Bu'oonni ykn Bartoonni Abuna Ewoosxaaxeewoos gara Itoophiyaatti deebi'an kunneenis Kitaabolee Qulqullaa'oo biyya alaa ykn kan Itoophiyaan alaa hedduu qabatanii dhufuu isaanii fi gara Gi'iiziitti hiikuun gahee guddaa taphataniiru. Yeroo Bulchiinsa Goondaris Qomoosiin Abuna Yohaannis jedhaman haftee Ekeraa «Terefe Atsim» Abuna Ewoosxaaxeewoos qabatanii bara Adiyaam Segged Iyyaasuu dhufanii ture. Walitti dhufeenyi asii fi achiin ture kunis Qulqulleettiin Arseemaa Itoophiyaanota biraatti akka beekamtu taasisaniiru.

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:16

#GARBICHA_AFUURA_QULQULLUU(አቡነ ገብረ መንፈስ ቅዱስ)
#Baga_Isiniin_Gahe_Onkoloolessa_5

Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulluu biyya Gibtsii jaarraa 13ffaa keessa gara Itoophiyaatti dhufanidha. Akka ragaawwan Mana Kiristaanaa Itoophiyaattii gara Itoophiyaa galan kan jedhamu bara Mootii Laalibalaati. Iddoon dhaloota isaanii Gibtsii gara olii iddoo «Nihiisaa» ykn yeroo ammaa «Baahbiit Al Hagaraa» dha. "Inumaayyuu beektonni tokko tokko Abuna Gabra Manfas Qidduus Itoophiyaawwii ta'uu isaanii, garuu maqaan abbaa fi haadha isaanii sirriitti beekamuu dhiisuu isaatiin Haati Abuna Gabra Manfas Qidduus Aqileesiyaa (Mana Kiristaanaa) fi maqaan abbaa isaanii ammoo Simi'oon (Luba) akka jedhamanii fi sababni kana jedhameefis Mana Kiristaanaatii kana argame jechuuf akka ta'e ni himu. Kitaabni Seenaa tokkos «አቡነ ገብረ መንፈስ ቅዱስ ወአቡነ ተክለ ሃይማኖት ብፁዓን ወቅዱሳን ተወለዱ በኢትዮጵያ» jedha kunis «Abuna Gabra Manfas Qidduusii fi Abuna Takla Haymaanoot Eebbifamtootaa fi Qulqulloota Itoophiyaatti dhalatan» akka jechuuti.

Abuna Gabra Manfas Qidduus dachee kanarraa waggaa 500 ol jiraachuu isaanii, kutaalee Tigraayii hanga Shawaatti jiran keessa naanna'aanii barsiisuu isaanii, Sababa kanaanis Ziquwaalaatti Debre Kewakibt Abuna Gabre Menfes Qidduusiifi «Midre Kabd» tti Gadaamiiwwan hundeessuu isaanii seenaan isaanii ni agarsiisa. Kan boqotanis bara Mootii Atsee Hizb Naany (bara 1414-1418tti kan moo'e) dha. Qulqulluun kunis Tigraay biratti «Abuyyee», Amaara biratti «Abuna», Oromoo biratti ammoo «Aabboo» jedhamuun beekamu. Gadaammiiwwan isaanii hangafni lama yoo ta'an, Ziquwaalaan Oromiyaatti fi Midre Kabd ammoo Naannoo Kibbaatti argamu.

Abuna Gabra Manfas Qidduus Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti.
1. Alaa dhufanii Qulqulloota Itoophiyaa keessa jiraatan keessaa isaan tokko. Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Qulqulloonni akkaataa dhufaatii fi jireenya isaanii irraa ka'uun iddoo saditti qoodamuu danda'u. Isaanis;
Itoophiyaatti dhalatanii, Itoophiyaa jiraatanii, Itoophiyaatti kan boqotan. Qulqulloonni hedduun as keessa jiru, fnkf; Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot.
Biyya alaa ykn biyya biraatii dhufanii fi jiraatanii Itoophiyaatti kan boqotan. Fknf; Abuna Salaamaa Kasaatee Birihaan, Qulqulloota Saglan, Abbaa Libaanoos, Icagee Imbaaqoom, Abuna Gabra Manfas Qidduus fi k.k.f

Biyya alaa bahaanii achi jiratanii, achitti kan boqotan. Fknf; Abuna Ewoosxaaxewoos, Musee Tsaliim (Musee Gurraacha), Musee Habashaa (Musaa Al Habashaa), Gabra Kiristoos (Abdul Masii). Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulloota alaa dhufanii Itoophiyaa keessa jiraatanii, Itoophiyaa keessatti boqotan keessatti ramadamu.
2. Si'iliiwwan ykn Fakkiiwwan Qulqullaa'oo durii dhaabbiitti kaafaman keessaa tokkodha. Keenyaa ykn Girgiddaa fi Kitaabolee akkasumas Fakkiiwwan Biraannaa Manneen Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessatti Fakkiiwwan Qulqullaa'oo argaman keessaa kophaa isaaniitti dhaabbatanii yeroo baay'ee Fakkiin kan kaafamuuf Qulqulloonni Afur ni jiru isaanis;
Abuna Takla Haymaanoot
Abuna Ewoosxaaxeewoos
Abuna Gabra Manfas Qidduus fi
Abuna Aragaawwiidha.
Si'iliin isaanii dhaabbii kunis girgiddaa Manneen Kiristaanaa Walloo Gannata Maariyaamii hanga Manneen Kiristaanaa Finfinnee keessatti jiraniitti ni argama.
3. Abuna Takla Haymaanootitti aananii akka Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti Toloota ykn Tsaadiq kabajamanidha. Akka daataa ykn guca Sabakaa Gubaa'ee Manneen Kiristaanaa bara 1990 tureetti guutummaa biyya keenyaatti Manneen Kiristaanaa 2620 ol Maqaa Abuna Gabra Manfas Qidduusiin kan moggaafamanidha.

4. Labsiin Mootii ykn Mootiin Qulqullummaa isaanii Qulqulloota labseef keessaa isaan tokko Abuna Gabra Manfas Qidduusidha. Kabajni Ayyaana Yaadannoo isaaniis Onkoloolessa 5 fi Bitootessa 5 akkasumas Onkoloolessa 27 fi Mudde 29 akka ta'u Mootiin Hizb Naany labseera.
5. Kitaabolee Kadhannaa Jaarraa 14ffaa/15ffaa keessa akka bu'uura duraa duuba Sirna Kadhannaatti Abuna Takla Haymaanootitti aananii Araarsummaaf (Miljaa) kan waamaman Abuna Gabra Manfas Qidduusidha.

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:16

6. Yeroo Kadhannaa Se'ataatii fi Kidaanii (Kakuutti) Qulqulloota Itoophiyaa Qabsuurri isaanii dubbifamu (Abuna Takla Haymaanoot, Abuna Gabra Manfas Qidduus, Abuna Aragaawwii) keessaa isaan tokkodha.
7. Abbootii Bineensotaa kan jedhaman (Abuna Saamu'eel isa Waaldibbaa, Abuna Aragaawwii, Abuna Bartalameewoos) keessaa Abuna Gabra Manfas Qidduus isaan tokkodha.
Abuna Gabra Manfas Qidduus Aadaa Uummata Itoophiyaa keessatti
Abuna Gabra Manfas Qidduus Qulqulloota Itoophiyaa kaan caalaa uummata biratti iddoo guddaa qabu. Aadaa uummataa kana biratti iddoo guddaa qabaachuudhaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti aananii sadarkaa lammaffaa qabachuun isaanii hin oolu.

Sababa Jaalala Uummata Itoophiyaa fi Qulqulluu kanaa himuun baay'ee nama rakkisuu danda'a garuu akka tilmaamaatti sababoota ta'uu kan danda'aan keessaa muraasni;
1. Abuna Gabra Manfas Qidduus jaarsa ta'uu isaaniitiin Qulqulluu beekamanidha. Akka aadaa Itoophiyaanotaatti ammoo kabajni jaarsaaf ta'u olaanaadha (jaarsoliin sirriitti ni kabajamu) kanarraa kan ka'e ta'uu danda'a.
2. Yeroo dhufan Qulqulluu Laalibalaa irraa, yeroo boqotan Mootii Hizb Naany waliin walitti dhufeenya qabaniin ala Mana Mootummaatii fagaatanii Abbaa ykn Qulqulluu uummata waliin jiraatan waan ta'aaniif uummata biratti fudhatama guddaa argataniiru.
Agarsiistuuwwan kanaas;
1. Aadaa Uummataa biratti
Araarsummaa :- Leencaa fi Qeerransi waaliif hin galan. Si'ilii Abuna Gabra Manfas Qidduus jalatti garuu Leencaa fi Qeerransi walii galanii jiru. Kanarraa kan ka'e namoota araaramuuf rakkisoo ta'aan Jaarsoliin araarsuu yeroo deeman «Aabboo taanee dhufneerra» jedhu.
2. Tsabala Aabboo :- namni tokko osoo nyaachaa jiruu yoo isa fe'e ykn yoo isa hudhe «Tsabala Aabboo» jechaa bishaan yeroo sadi dhugi! jedhama.

3. Biqila Aabboo :- namni tokko gara iddoo hin beekneetti deemee ykn iddoo inni hin beeknee maqaan isaa yoo waamamee fi naannoo sanattis nama beeku yoo dhabe, kan isa waame Seexana ta'uu waan danda'uuf «Biqila Aabboo nan daaka» jedhi jedhama.
4. Magabariyaa Aabboo :- namni tokko waan tokko balleessee dhokatee akka hin hafne ibsuuf «Magabariyaa Aabboo kan nyaate lafallafaa oola» jedhama.
5. Aabboo Sax :- namni tokko wanta hin beekne tokko tilmaamaan yoo dubbate «AbbooSax» ykn «Aabboosax» jedhama.
6. Aabboodhaan siqabeera :- Qonnaan bultoonni Bineensonni bosonaa horii isaanii ykn bineeldota isaanii akka jalaa hin nyaanneef «Aabboodhaan siqabeera!» jedhanii hidhu ykn gazzatu.

7. Daandii Aabboo :- Uummattoota Kaaba Shawaa Naannoo Maraanyaa jiraatan biratti jedhamni «Daandii Aabboo» jedhu jira. Abuna Gabra Manfas Qidduus Gadaamii Abuna Malka Tsadeeq Midaatti argamutti yeroo xiqqoof turaniiru jedhama. Boodarras Gadaamii sanaa yeroo bahan Abuna Malkatsedeq, Abuna Gabra Manfas Qidduusiin «Garam deemtu?» jedhanii yeroo isaan gaafatan Abuna Gabra Manfas Qidduusis «Gara inni na oofetti ykn geessetti» jedhanii deebisaniif. Magaalichis «Marraanyaa» kan jedhame sababa kanaani jedhama. Kanaaf sababa kanaan namni tokko iddoo gahumsa isaa illee seeraan osoo hin beekiin daandii yeroo jalqabu «Daandii Aabboo» jedhama.
8. Quraa Aabboo (YeAabboo Quraa) :- Seexanni Quraa fakkaatee ykn Quraadhaan fakkeeffamee ija Abuna Gabra Manfas Qidduus baasuuf waan dhufeef, wanta gaarii kan fide fakkaatee namni hamaan dhufu «Quraa Aabboo» jedhama.

9. Aabboodhaan, Sillaaseedhaan (BeAabboo BeSillaasee) :- jechama uummataa keessatti Sillaasee waliin walqabatanii Qulqulluun yeroo baay'ee maqaa dha'aman Abuna Gabra Manfas Qidduusidha. «Aabboodhaan, Sillaaseedhaan» yeroo jedhamu cimsanii kadhachuu agarsiisa. Faaruu Uummataa keessattis «Gaafa Shanii Aabboodhaa, gaafa torbaa Sillaasee» jechoonni jedhan baay'inaan dhaga'aamu.
Lakkaawwii baraa akka Aadaatti Aabboon Qonnaan Bultoota biratti yeroo itti bara ykn waqtiin kan itti qoodanidha.
1. Akka Lakkaawwii Qonnaan Bultootaatti Waqtiin Gannaa kan seenu gaafa «Amlee Aabboo» ykn «Adoolessa Aabboo» ti. Kan ba'u ammoo gaafa «Xiqimt Aabboo» «Onkoloolessa Aabbooti».

©Agartu Orthodox Media

21 Jan, 00:16

2. Arfaasaan ni gala kan jedhamu gaafa «Yekkaatit Aabboo» ykn «Gurraandhala, Aabboo» waan ta'eef, Qonnaan bulaan «Yekkaatit Aabboo ilaaliitii godaani» jedha. Yekkaatit Aabbootti bokkaan yoo hin roobne Arfaasaan hin jiru waan ta'eef baqadhuudha.
3. Qonnaan bulaa biratti guyyaan Ji'i itti seenu Aabboodha (Lidataan akkuma jirutti ta'ee). Beellama yeroo wal beellamus «Aabboon oolee gaafa akkasiitti ykn guyyaa kanatti» jedha.
XUMMURAMEERA!
Eebbi Abbaa Keenya Garbicha Afuura Qulqulluu Hunduma Keenyarra Haa Bulu!