JAARRAA ABBAA GADAA (@dedroro) Kanalının Son Gönderileri

JAARRAA ABBAA GADAA Telegram Gönderileri

JAARRAA ABBAA GADAA
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!!

YAADAF👉 @JAARRAABOT
Channel youtube keenya Argachuuf
👇👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
1,788 Abone
991 Fotoğraf
42 Video
Son Güncelleme 26.02.2025 15:04

JAARRAA ABBAA GADAA tarafından Telegram'da paylaşılan en son içerikler


GUDDINA KEESSOO

Keessoo kee tolfachuun yeroo sitti fudhachu mala garuu Ijaarsa guddiinaa Kee fi Dandeetti keef baay'ee barbaachisa dha.

Leemmaanni lafa keessa bahuuf Wagga 5 guutuu itti fudhata. Mallatoo guddiinaa tokko illee osoo hin agarsisin. Garuu Muktii kun dheerina tarkanfii 80 (meetira 25) ta'uu dheerate mul'achuf turtii torbee 6 qofa itti fudhata.

Mukti kun jabaate  guddachuf osoo hin mul'atiin lafa keessaatti hundee Isa, sirna nyaata Isa, adeemsa guddiinaa isa hundaa dura xumuratee lafaa keessaa bahe guddata

Qajeelfamnii kun dhala namaafis dhugaadha.
Namoonni obsanii fi ofdhoksani jiraatan mul'ata fi bakka yaadan biraa salphumman gahuu.

Atis buu'ura kee tolfadhu akkuma Leemmani kun waan isa barbaachisu hunda wagga dheeraa fudhate qoopheeffatu , atis kaayyoo keef, mul'aata keef hundee cimaa qabadhuu. Gaafa keessoo kee guddistee yeroo muraasa keessatti mul'attee argamuuf jirta.

GAHEEN KEE
*

Of irratti hojjeedhu guddina keessoo qabaanan guddinni ala salphadha. Hojiin uulfaatan keessa ofii irratti hojjeechudha. Kanaaf of dammaqsi of dhoksii bu'uura jireenya kee kan ta'ee keessa kee ijaarii.

SHARE gochuu hin dagatin.
Join 👇👇
@dedroro
@dedroro
@dedroro

Gorsɑ Jireenyɑ keenyɑ keessɑtti nu fɑyyɑdu.

1 Gorsɑ lɑkkoofsɑ 5 irrɑ ilɑɑli

2 Dhiifɑmɑ dogoggoreeti lɑkkoofsɑ 11 irrɑ illɑɑli

3 Mee ɑl tokko hin dheekkɑmin lɑkkoofsɑ 15 irrɑ ilɑɑli

4 Tɑsgɑbbɑɑ'i Lɑkkoofsɑ 13 irrɑ isiniif jirɑɑ

5 Durɑɑn dursee lɑkkoofsɑ 2 ilɑɑlɑɑ

6 Mɑɑltu si ɑɑrsɑ lɑkkoofsɑ 12 irrɑ ilɑɑli

7 Dubbisuun guutuu nɑmɑ godhɑ!.

8 Gorsin jechuuf bɑrbɑɑde lɑkkoofsɑ 14 irrɑ jirɑ

9 Obsɑɑn lɑkkoofsɑ 4 irrɑ ilɑɑlɑɑ

10 Isɑ dhumɑɑ lɑkkoofsɑ 16 irrɑ ilɑɑlɑɑ

11 Dhiifɑmɑ guddɑɑ lɑkkoofsɑ 6 ilɑɑlɑɑ mɑɑl jedhɑ?

12 Mɑɑloo lɑkkoofsɑ 8 irrɑ ilɑɑlɑɑ

13 ɑbdii hin kutinɑɑ lɑkkoofsɑ 10 irrɑ isiniif jirɑ

14 ɑkkɑm ɑkkɑn isiniin jedhu hin beeku cɑllisɑɑtii lɑkkoofsɑ 3 irrɑ bɑrbɑɑdɑɑ

15 ɑkkɑ dheekkɑmtɑn nɑɑf gɑlɑ gɑruu lɑkkoofsɑ 9 irrɑɑ ɑrgɑttu

16 Obsɑ keessɑniif heddun isin gɑlɑteeffɑdhɑ Gorsichi lɑkkoofsɑ 7 irrɑ isiniif jirɑ!.

Shɑre

ᎽᎬᏒᎾᎾ ᎶᎪᎪᏒᎥᎥ

@JECHOOTAHAYYOOTA

Kitaaba "The Power of Regret" (Humna Gaabbii) jedhu kan Daniel H. Pink, Gisela Chipe, et al.:

1. Gaabbiin kan hundaati.
Namuu gaabbii qaba. Isaanis kutaa muuxannoo dhala namaa isa idilee ti.

2. Gaabbiin yakka ykn salphina tokko miti.
Gaabbiin waa’ee waan darbee yoo ta’u, yakki fi salphinni garuu waa’ee yeroo ammaa ti. Gaabbii jechuun miira gadda ykn gaabbii waan ta’eef yoo ta’u, yakka jechuun miira waan ta’eef itti gaafatamummaa fudhachuu yoo ta’u, salphinni immoo miira salphinaa ykn salphina.

3. Gaabbiin kaka’umsa cimaa ta’uu danda’a.
Gaabbiin jireenya keenya irratti jijjiirama akka goonu nu kakaasuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, daandii hojii murtaaʼe tokko hordofuu dhiisuu keenyatti yoo gaabbinu, abjuu sana dhugoomsuuf tarkaanfii fudhachuuf carraan keenya guddaa taʼuu dandaʼa.

4. Gaabbiinis madda ogummaa ta’uu danda’a.
Gaabbiin dogoggora keenya irraa barannee gara fuulduraatti murtoo fooyya’aa akka goonu nu gargaaruu danda’a.

5. Namoonni baay’een gaabbii ijoo afur qabu.
Gaabbiiwwan kunniin:
• The "Boldness Regret"—Balaa fudhachuu fi jireenya guutummaatti jiraachuu dhiisuu keenyatti ni gaabbina.
• "Gaabbii Walitti Hidhamiinsaa"—Hariiroo namoota biroo wajjin qabnu irratti yeroo fi humna gahaa invast gochuu dhabuu keenyatti ni gaabbina.
• The "Integrity Regret"—Murtoo faallaa gatii keenyaa ta'e murteessuu keenyatti ni gaabbina.
• The "Provision Regret"—Fayyaa qaamaa fi maallaqaa keenya kunuunsuu dhabuu keenyatti ni gaabbina.

6. Gaabbii keenya gara humna gaariitti jijjiiruu dandeenya.
Kana gochuu kan dandeenyu:
• Gaabbii keenya adda baasuu.
• Hundee gaabbii keenyaa hubachuu.
• Gaabbii keenyaaf dhiifama ofiif gochuu.
• Gaabbii keenya irraa barachuu.
• Jireenya keenya irratti jijjiirama gochuun gaabbii keenya irra deebi’uu irraa of qusachuu.

7. Jireenya keenya keessaa gaabbii dhabamsiisuuf yaaluu hin qabnu.
Gaabbiin madda odeeffannoo fi kaka’umsa gatii guddaa qabu ta’uu danda’a.

8. Kanaa mannaa gaabbii keenya to’achuu irratti xiyyeeffachuu qabna.
Kana gochuu kan dandeenyu ofitti mararfachuu, dhiifama gochuu fi galateeffachuu shaakaluudhaani.

9. Gara fuulduraattis murtoo fooyya’aa gochuuf gaabbiitti fayyadamuu dandeenya.
Gaabbii keenya hubachuudhaan, gatiiwwan keenyaa fi wanta dursa kenninu adda baasuu dandeenya.

10. Gaabbiin mallattoo dadhabbii miti.
Mallattoo ciminaa fi of beekuu ti.

11. Gaabbii nutti dhagaʼamuu sodaachuu hin qabnu.
Miira fayya qabeessaa fi idilee ta'eedha.

12. Gaabbiin jireenya keenya akka to’atu gochuu hin qabnu.
Inumaayyuu akka meeshaa guddinaa fi jijjiiramaatti itti fayyadamuu qabna.

13. Gaabbiin jireenya caalaatti hiika qabu jiraachuuf nu gargaaruu dandaʼa.
Gaabbii keenya hubachuudhaan, filannoowwan gatii keenyaa wajjin walsimu gochuu dandeenya.

14. Gaabbii keenyaaf galateeffachuu qabna.
Isaan barachuu fi guddachuuf nu gargaaruu dandaʼu.

15. Gaabbiin humna gaarummaaf humna guddaa qabuudha.
Jireenya keenya irratti jijjiirama akka fiduufi addunyaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessisnu nu kakaasuu danda’a.

Barumsawwan kana hordofuudhaan gaabbii keenya to’achuu barachuu fi jireenya caalaatti hiika qabuu fi gammachuu qabu jiraachuuf itti fayyadamuu dandeenya.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

Yeroo callistu yaaduu dandeessa.
Yeroo callistu dhaggeeffachuu dandeessa.
Yeroo callistu yaadachuu dandeessa.
Yeroo callistu miiraa kee mo'achuu dandeessa.
Yeroo callistu of argachuu dandeessa.

Argitee jireenya keenya keessatti wantoonni hedduu barbaachisoon callisuu keessa jiru.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

Yeroo tokko tokko wanni nuti barbaannu bakka nuti yaanne saniin ala waan jiru nutti hin fakkaatu.
garuu bakka baayyee bakka ati hin yaanneen milkaayinni hedduutu jira.

Waan tokkoon hin milkoofne jechuun; wanni hundi achirratti dhaabbate jechuu miti.

Yeroo asiin cufamte achiin banaa tahuu  hubachuu qabna.

@Jechootahayyoota

https://t.me/easternresearch7

Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu.


1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

3. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.

Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

Maallaqaan guddachuu barbaaddaa?


Addunyaa kanarraa namni fedha maallaqaa dhabe hin jiru. Namni kamuu gama maallaqaan guddachuu ni barbaada, garuu hojjechuu hin barbaadu. Wantan hojjedhun dhabe akka jettu beeka, animmoo maaltu hojjetamen siin jedha.

Namoonni hedduun waan xiqqoon eegaleen iddoo guddaa ga'a jechuu irra tokkichumaanan iddoo guddaa gahuu qaba jedhanii yaadu. Dandaa'amnaan gaariidha. Wanta hin dandaamneef garuu yeroo balleessuu irraa waan qabaniin eegaluun bilchina.

Fedhiin tokkichaan maallaqaan guddachuu gurgurtaan lootariin akka baballatu taasiseera. Kanaaf namoonni hedduun hojii hojjechuu irra lootarii kutuu filataniiru.

Akkuman duratti kaase namni maallaqaan guddachuu fedhu hedduudha. Garuu dhugummaan fedha guddinaa hin qaban! Utuu qabaatanii harka maratanii carraa lootarii hin eegan.

Hojiin hin jiru jettee teessa taanaan bara baraan teessa malee yeroo hojiin siif argamu hin dhufu. Maaliifan wanti hojjetame hin jiru siin jedhe beektaa? Wanta biyyoota guddatanitti hojjetame keessaa hammamtu ykn maaltu biyya keenyatti hojjetame? Beeka haalli keessa jirru rakkoodha, garuu rakkoodhuma keessa teenye rakkoon ol tahuuf hojjechuu qabna. Maaltu magaalaan keessa ykn baadiyyaan keessa jirutti hin hojjetamne jedhii of gaafadhu. Hojii jechuun rakkoo furuu jechuudha? Bakka ati jiraattutti uummati maal bitee fayyadamuu barbaada, akkasuma maal immoo hedduminaan argachaa hin jiru? Of gaafadhu gaafa deebii argatte rakkoo sana furuuf hojjedhu.

Kan biroo kennuudha. Business jechuun kennuu jechuudha. Nama kennuuf immoo dachaan kennamaaf. Uummataaf hamma dhiyeessitu argatta, caalattis argatta. Kana jechuun ati product dhiyeessita hawaasni product kee fudhachuuf maallaqa siif dhangalaasa. Amma argitee rakkoo furte jechuudha. Yaadi hojjedhuu carraan hojii keessa jiraa. Taa'umsa keessa carraa hin eegin!

Dhuma irratti, fedhii qofti gahaa miti fedhiin amantii fi hojiin dabaalamuu qaban siin jedha. Sana booda jijjiramaa fi guddina jedhame fida. Kanaaf yaadi, amani, hojjedhu guddina barbaadde sana gonfadhu.

@DEDRORO

▣ "Nama tokko umurii isaa guutuu qurxummii nyaachisuu irra; gaaftokko laga geessanii akka itti qurxummii qaban barsiisuu wayya"

    — Jechaa chaayinotaa

Join Us
◈sʜᴀʀᴇ​
@Jechootahayyoota