Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

@milkihsc


Center of empowering minds

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

22 Oct, 04:44


Guyyaa 12/2/2017
Barattoota Muummee
πŸ‘‰Business administration
πŸ‘‰Business management
πŸ‘‰Management

Sagantaan barnootaa keessan bor Roobii (13/2/17) ganama sa'a 2:00_6:00
Sanbata duraa /Saturday 16/2/17) sa'a booda 7:30_11:00tti ta'uu isin beeksisna.
Barattootni muummee economics sagantaa isa Roobii ganamaa irratti akka nuu argamtan isin beeksisna.
Galatoomaa
Milki HSTC, Naqamtee
Center of empowering minds

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

21 Oct, 16:14


Viidiyoon YouTube keenyaan gadhiifamaa jiru haala adda taheen baayyee dabaluu irratti argama.
Nu onnachiisaa jira.
Biyyoota garagaraa teessanii bilbiltanii jabaadhaa kan nuun jettan hundi keessan galatoomaa.
Barattootni:
Harargeedhaa
Ciroo
Hoolotaa
Amboo
Jiinkaa university
Giimbii
Jimmaa dhaa bilbiltanii Afaan keenyaan barattoota keenyaaf barnoota fayyaa kannuu akka lafa qabachiisnuuf nu onnachiistan guddaa galatoomaa.
Barattootni share gootanii barattoota baayyee bira akka gahu gootanis heddu galatoomaa.
Yeroo ammaa kanatti harki caalu ijoollee dhiiraatu viidiyoo keenya subscribe godhee ilaalaa jiraachuu 'Analytics' nutti agarsiisaa jira.
Shammarran akka ilaalaa hinjirretti agarsiisaa jira.
kanaaf ammas nuffii tokko malee barataa baayyee bira akka gahu akka nuugootan kabajaan isin gaafanna.
Barnootaa fi qormaata kutaa 17ffaa kamiin utuun qabadhee dhufee isinitti tola.
Nuubarreessaa, yaada keessan.
Subscribe, share gochuun nudeggeraa.
Nii Milkoofna.
Boqonnaa tokko malee nii hojjenna
Gatii dadhabbii keenyaas hindhabnu.
Milkaa'uuf YouTube Milkii subscribe godhaa.
Galatoomaa
Heddu isin jaallanna

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

20 Oct, 18:17


Barnoota keenya YouTube 'Part 16' kunooti.
Viidiyoon kutaa 16ffaa kun barataa qofa osoo hintaane hojjetaa ogummaa fayyaas baayyee waan ilaallatuuf yoo ilaaltan baayyee isin fayyada.
Yaadaaf qeeqa qabdan nuubarreessaa.
https://youtu.be/P_fNU6lq7Io

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

20 Oct, 16:46


Sagantaa barnoota keenyaa torbee 3ffaa kan ji'a 2ffaa bara 2017, akka armaan gadiitti ta'a.
Barattootni haaraan galmooftanii barachuu barbaaddan guyyaa sagantaa barnootaa kanarra dhuftanii galmaa'uun barachuu dandeessu.
Haalli kaffaltii isaas guyyaa isin barnoota eegaltan irraa waan herregamuuf yaaddoo hinqabaatiinaa.
Barattootni Muummee
Management
Business management
Business administration fi
Economic
Sagantaa keessa gidduuma kana kan isin beeksisnu ta'a obsaan nu eegaa.
Torbee Milkii qabu nuuf hagodhu Waaqni
Milkii HSTC
Center of empowering minds

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

19 Oct, 15:13


Guyyaa 09/02/2017
Barataa keenya TVET Narsiif
Beeksisa bakka hojii banaa.
Kiliinika dhuunfaa miindaa bareedaan hojjechuu kan barbaadu.
Bakki: Bunnoo Beddellee...Magaalaa Yaayyoo bakka jedhamu.
Sadarkaa barnootaaπŸ‘‰Dipiloomaa/Level IV
COC fi eeyyema oogummaa (License) kan of harkaa qabu.
Muuxannoo Waggaa tokko
Saala: Dhiira.
Baayyina πŸ‘‰nama tokko.

NuqunnamaaπŸ‘‡
0910690594

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

19 Oct, 10:49


Beeksisa hojii guyyaa 3 dura baasnee turre barataa keenya kan ta'e amalaaf dandeettii gaarii kan qabu 'Bookaa' nama jedhamu abbaa qabeenyaa waliin wal qunnamsiisneerra. Isaanis walii galanii jiru.
Qarshii addaa irraa barbaadnu hinqabnu.
Barataan keenya bakka gaafa argatu gammachuutu nutti dhagaahama waan taheef.
komishiniin keenya gammachuu keessooti.
Ammas carraan akkasii gaafa dhufu dafnee kan isin beeksisnu ta'a.
Obsaan nu eegaa.
Galatoomaa.
Milkaa'uuf MHSTC filannoo keessan godhadhaa.
Yeroo Milkii qabaadhaa❀

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

19 Oct, 05:20


Barattootni qormaata bahiinsaa 'Ji'a 5ffaa, kan bara 2017 qoramuuf jettan sagantaa barnootaa fi shaakala qormaata bahiinsaa qofaa irratti kan fuuleffatu isin shaakalasiisuuf sagantaa qofaatti siniif baasuuf jechaa jirra.
Kanaaf barachuu kan barbaaddan naannoo Naqamtee kan jirtan jirra jedhaa nuubarreessaa.

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

18 Oct, 17:57


Yeroo deemtu gufachuu dandeessa,
Sunuu yoo ilaallataa hindeemne.
Namootni gufatan gara fuulduraatti warra deemanidha.
Namootni gufuun maal akka tahe hinbeekne fuulduratti hin deemani, deemuufis hawwii hinqaban, deemuus hinsodaatu, akkamitti namni gufataaπŸ€” jedhanii nama taajjabu, taa'aanii si ilaalu waan ta'eefi.
Hojiin isaanii isa deemu taa'anii ilaalu.
Hin ilaalu
Sitaajjabu
Ol sikaasu
Gad sibuusu
Garuu waayyuu singodhan.
Kanaaf gufuu sodaattee deemsa hindhaabiin.
Ilaallataa fuulduratti qajeeli.
Hintaa'iin
Yeroon isaa yeroo itti teessu mitii.
Yeroo dheeraa taa'uun fayyaakeefis gaarii mitii.
Tocho'i.
Isa hardha facaasaa jirtu firii isaa gaaf tokko teessee nyaatta.
Sa'a 24 keessatti sa'a meeqaaf waan jireenyakeef ta'u hojjette?
Ganama hirribaa kaatee hanga galgalaatti waan jireenyakee fayyadu dalagaa jirtaa?
Moo yerookeeti itti taphataa jirta?
Yoo hardha yeroo keetti hin hojjenne, Hardha yeroo keetti situ bashannana bor garuu yerootu sitti bashannana.
Qalbiin ilaali.
Yerookeetti fayyadami.

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

18 Oct, 13:31


facebook page keenyaadha Follow nuucuqaasaa.
πŸ™
https://www.facebook.com/MilkiiFn

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

17 Oct, 19:45


Galatoomaa, waan miseensa kuma shan galshitaniif

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

17 Oct, 19:19


Barattoota keenya keessaa miindaa bareedaadhaan kiliinika giddu galeessaa dhuunfaa naannoo Naqamteedhaa hojjechuu kan barbaaddan nudubbisaa.
Bsc Narsii

Milki health science tutorial center πŸ’‰πŸ’Š

17 Oct, 16:17


Oduu gammachiisaa.
Barnoota saayinsii fayyaa barsiisuun cinatti gaaffii barattootni muummee
πŸ‘‰Business administration & management taasisaaniin qormaata bahiinsaa shaakalsiisuuf qophii hunda xumurree jirra.
Barsiisota sadarkaa barnoota olaanoo fi qormaata bahiinsaa itti siqeenyaan odeeffannoof muuxannoo qormaata bahiinsaa qaban akkasumas saayinsiin kan kuulamaniin shaakala qormaata bahiinsaa (Exit Exam) kennuuf galmee eegallee jirra.
Kanaaf barattootni muummee armaan olitti caqafame kana kan barattan gahumsa keessan cimsachuuf akkasumas qormaata bahiinsaa Milkiin xumuruuf kan fedhii qabdan qaamaan dhufuun akkasumas bilbilaan nuqunnamuun galmaa'uun barachuu dandeessu.
Milkaa'uuf Milki HSTC filannoo keessan taasifadhaa.

Share gochuun nudeggeraa

Milki HSTC, Naqamtee
Odeeffannoo dabalataafπŸ‘‡
0917047563, 0910690594, 0911058885

2,206

subscribers

322

photos

4

videos