Bilxiginnaan Kaardii Harkatti Gubate Gangalchuu Itti Fufeera
(Ibsa Ajaja Olaanaa ABO-WBO)
October 10.2024
Seenaa Qabsoo Bilisummmaa Oromoo (QB0) kan ummata Oromoon waggoota 150 olii fi keessattuu bifa jaarmayaan qindaahee immoo ganna 50 darbaniif taasifame keessatti, rakkooleen bifa garaa garaa qaban mudataniru. Rakkooleen gariin kan jiraachuu Jarmayaa gaaffi keessa galchan turani. Kaan ammoo rakkolee ijaarsa jaarmayaa hin jeeqne, garuu deemsa QBO jaarmayaan hogganamu daran karaa itti dheeressan; galma isaa fageessan turani. Hamiin xixiqqaan dhiyeenya kana ijaarsa WBO Giddugaleessaa (Lixa Shaggar) ilaachisee dhagahaman rakkoolee gosa lamanii irraa adda. Namoota dhuunfaa muraasa irratti tarkaanfi naamusaa qorannoo irratti hundaahee fudhatame irra wanti darbee rakkoo jarmiyaa jechisiisu homtuu hin jiru.
Duubatti deebinee seenaa QBO yoo ilaalle, rakkoolee bu'uraa, kan jiraachuu jaarmiyaa yookaan galma qabsoo gaaffi keessa galchaa turan duuba sababootni adda addaa turani. Isaan keessaa muraasa kaafna. Tokkooffaan, hogganni qabsoo dirree qabsoo irraa buqqa'uu ture. Bara Chartaraa booda, hogganni QBO wayyabni Oromiyaa ala ture. QBOs karaa hedduu ormarratti hirkattee turte. Ormi fedhii fi faayidaa ofif qofa qabsoo deeggara, Gaafa fedhii fi faayidaan isaa jijiirame, yookaan qaama biraan guutame yookan guutama abdii jedhu horate, dhiibbaan ormi diidaan hoggana QBO irratti godhamu rakkoolee keessaa hedduu dhalchaa ture. Rakkoo dhiyeenyatti waggoota muraasa dura uumameef dhibbaan diidaa kun sababa tokko ture.
Lammaffaan, dhimmaa kaayyooti, Hogganni itti baha QBO, fuulduree Oromoo fi Oromiyaa irratti yeroo adda addatti ejjeennoo wal simu dhabuunis tureera. Sirni ittiin adda addummaa yaadaa keessumeessan gabbatee ijaaramuu hanqachuu waliin wal qabatee,
ejennoo addaa tarnkaanfachiisuunis rakkoolee keessoo salphaa hin taane yeroon itti dhalche tureera.
Kan Sadaffaa, qabsoon hoggana faca'e harkatti kufuu ture. QBO hoggana addunyaa irra faca'ee lafa adda addaa jiraatuu, hojii gara garaa irratti bobbaheen adda durummaan hogganamuun dhiibbaa fide qaba. Hogganni faca'ee Oromiyaa ala lafa adda addaa jiraatu, rakkooleen xiqqaa, guddaa keessoo jaarmayaa keessatti yeroo uumaman sududaan walitti dhufee furmaata barbaaduu irratti hanqinni ture, rakkooleen keessoo yeroon akka hin furamne, guddaatanii rakkoolee kan biroo akka dhalchaniif shoora isaa taphateera.
Kan Afraffaa, dadhabina keessoo irraa kan ka'e ijaarsi waraanna Bilisummaa Oromoo, WBO laaffachuu ture. Ganna shan dura, baroota hedduuf WBOn lafa irratti akka malee laafuun mul'atee ture. Jarmiyaan bilisummaa waraana jabaa hin qabne immoo, mo'icha
siyaasaas tahe diploomaasi hin qabaatu. Mo'ichi siyaasaa gaafa badu, hogganni sababoota addaa addaan walitti bu'a, quba walitti qaba. Kufaatii uumameef gaafatamaa wal taasisa. Ganda fi gosa yookaan amantaa jala dhokatee wal irratii duula.
Kuni hundi seenaa dha. Sababoonni ijoon jarmayaa jeeqaa turan amma hin jirani. Har'a qabsoon bilisummaa Oromoo guutummaa guutuutti, hoggana isaa waliin Oromiyaa keessa jira. Waraana goolee Oromiyaa hunda keessatti ijaaree bobbaaseera. Qabsoo ofii fi ummata Oromoo qofa irratti hirkate gaggeessa. Dhiibbaan humnoota keessaas tahe diidaa irra hin jiru. Ofi karoorsa, ofii leenjisa, ofi dhiyeessa, ofii bobbaasa, ofumaa raawwata. Fulduree Oromiyaa irratti ejjeennoo wal fakkaataa hin daddaaqamne qaba. Kanumaafuu, dirree siyaasaa fi, diplomaasii irratti injifannoo cululuqaa galmeessuu jalqabe, itti fufas. Dabalataan, hogganni WBO amma Oromiyaa jiru, dogoggoroota hoggannoota darban mudatan hedduu irraa barate, hoggana dhaloota qubee ti. Kanaafi kaardin Bilxiginnaa hundumtuu, kaardi dhimma Giddu Galaa dabalatee, harkatti kan
gubachaa dhufe. Hoggani WBO qormaata hedduu keessa qoramee akka sibillaatti jabaatee baheera. Bilxiginnaan garuu yaalii bari gatate, kaardii suubii gubate, gangalchuu itti fufteetti, Waraana didaa marsaa hundaan itti qindaahaa jiru qolachuuf keessoo biyyaa tasgabbeessuurra, Bilxiginnaan ammayyuu mandara keessa naannoftee diigumsa uumuuf yaaluu hin dhiiftu.