#Otoon_Isa_Ta'ee!
Namichatu dhagaa soofa. Sun hojii isaati. Hojii isaa sana garuu hin jaallatu. Itti gammadee hin beeku.
Gaaf tokko dadhabee otoo hojiidhaa galaa jiruu mana daldalaa dureessa tokko bira ga'e. Dhaabbatee ilaale. Qabeenyawwan gati jabeeyyii fi namoota barbaachisoo hedduu arge. "Daldalaan sun nama jabaa akkamiiti? Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe. Yoon daldalaa dureessa ta'e dhagaa soofuu inni dadhabsiisaan sun ni hafa jedhee yaade.
Yeroo booda akkuma hawwe daldalaa ta'e. Itti milkaa'ees baay'ee duroome. Daldaltoonni isaan gad jiran ni jibban, itti hinaafan. Kanaan otoo jiruu guyyaa tokko aanga'aan siyaasaa aangoo guddaa qabu tokko konkolaataa baay'ee bareedaa yaabbatee, eegdotaan marfamee, otoo karaa sana darbuu, humnoonni nageenyaas namoota karaa irraa otoo ari'aniifii arge. Gurguddoonni otoo hin hafiin kabaja isaaf gad jedhu turan. "Aanga'aan sun nama jabaa akkamiiti? Namuu ni sagadaaf. Maal ta'a otoon akka isaa ta'ee!" jedhee hawwe.
Akkuma hawwe yeroo booda aanga'aa guddaa ta'e. Konkolaataa fardaa baay'ee bareedaa irra taa'ee yoo deemu, namoonni naannoo isaa akka malee isa sodaatan, ni jibbanis. Aanga'ichis konkolaataan fardaa sun isatti toluu dide. Aduutu isa gube. Ol jedhee aduu ilaale. Samii walakkaa teessee achii gad ifti. Jiraachuu isaaf dhimma hin jenne. "Aduun sun jabduu akkamiiti? Eenyuunuu otoo hin sodaatiin achii gad ifti, abbaa feete gubdi. Maal ta'a otoon ishee ta'ee!" jedhee hawwe.
Isa booda aduu ta'e. Uumama hunda irratti ifuu eegale. Dirreewwan guggube. Qonnaan bultoonnii fi hojjetoonni humnaa isa abaaran. Duumessi gurraachi isaa fi uumama gidduu yoo seenu garuu ifnii fi ho'i isaa isa keessa darbuu akka hin dandeenye arge. "Duumessi gurraachi sun jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba, Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe.
Itti fufuun duumessa ta'ee dirreewwanii fi gandeen hunda guute. Garuu humni guddaan tokko otoo isa dhiibuu fi bittimsuu itti dhaga'ame. Qilleensa ture. "Qilleensi sun jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba. Maal ta'a otoon qilleensa ta'ee!" jedhee hawwe. Qilleensa ta'uuf fedha guddaatu itti dhaga'ame.
Maarree ammas akkuma hawwe qilleensa ta'e. Bantii manneen namootaa fi biqiloota buqqisuu eegale. Namoota gajjallaa taa'anii ilaalan biratti jibbamaa ta'e. Kanaan otoo jiruu wanta humna isaa gararraa ta'e, kan tole jedhee isaaf hin sochoone tokkotti bu'e. Hammamuu dhiibu sana bakkaa kaasuu hin dandeenye. Dhagaa ture. "Dhagaan kun jabaa akkamiiti? Humni isaa ajaa'iba! Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe. Dhagaa ta'uutu itti bareede.
Hawwiin isaa milkaa'eefii dhagaa ta'e. Wantota addunyaa kana irra jiran hunda caalaa humna-qabeessa akka ta'e yaade. Garuu gaddumii guddaan humnaan otoo isa rukkutuu arge. Ofuma isaa akka waan jijjiiramaa jiruutti itti dhaga'ame. "Ana caalaa humna kan qabu eenyu? Eenyu kan rukkutee akkanatti na caccabse?" jedhee of gaafate. Gad ilaale. Nama dhagaa soofu of jalatti arge!
Seenaa kana nama Beenjaamin Hoor jedhamutu seenesse. Ana nama biyya Oromootu Afaan Oromootti hiike. Dubbiseen waa irraa baradhe. Isinis akkuma koo waa irraa barattu jedhee yaadeen isiniif hiike.
Namichi sun jalqaba nama dhagaa soofu ture. Garuu hojii isaatti hin quufne. Itti gammaduu hin dandeenye. Kanaaf wantota hedduu ta'e. Dhuma irratti dhufee humna dhagaa caalu kan qabu nama dhagaa soofu ta'uu arge. Gabaabaamatti, hojii ofiitti quufuun, waan hojjetanitti gammaduunis waan ta'uu hin qabne ta'uuf ofumaa umurii ofii qisaasessuu irraa nama oolcha. Baay'een keenya otoo nama biraa taanee jireenyatti gammadna jennee yaadna. Dhugaan isaa garuu akkana miti. Kan keetti hin gammaddu taanaan kan namaattis hin gammaddu. Of ta'uu, hojii ofii jaallachuu, kaayyoo ofiif jiraachuu, mul'ata ofii galmaan ga'uuf hojjechuutu milkaa'inatti nama geessa malee, nama biroo ta'uu yokaan akkeessuu miti.
Waan hojjettan jaalladhaan jedhe!
Halkan eebbifamaa qabaadhaa egaa!
#deemsiittifufa
#ananamabiyyaoromoo