🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

@foowzn


Assalamu Aleeykum Warahmattullahi wabaraakatu
inshaa Allaah wan kara chaanaali kanaan barsiifna jennee abdannu
👇
➪Fazakiir
➪Seenaa Rassulaa S A W,
➪ Barnoota kiitaban aqiida
➪Gaaffi fi deebii
➪ jeechoota haayyota,
➪ seenale adda addaa,
Yaadaf @Foowzan

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

22 Oct, 18:40


♨️ኢስላማዊ ጥያቄ ⁉️ቁጥር (8)

አቡ ሁረይራ (ረ.ዐ) እንዳወሱት

📌 የአላህ መልዕክተኛ (ሰ.ዐ.ወ) እንዲህ ብለዋል፡- ‹‹በተከታዮቼ ወይም በህዝቦቼ ላይ ችግር ይደርሳል ብዬ ባልሰጋ ኖሮ በእያንዳንዱ ሶላት ጋር - መጠቀምን) አዝ ነበር ብለዋል።

♨️በጣም ቀላል ጥያቄ ነው ሁላቹም
ተሳተፉበት፤ቀድማቹ መመለስ ይገባችኋል‼️

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

20 Oct, 17:04


كثير من الإخوة يعيشون في صمت لا مال لاعمل لا زواج يبتسمون بألم اللّهم أجعل لهم من كل ضيق مخرجا.🤲

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

19 Oct, 22:55


Hadiisal Qudsiin keessatti RABBIIN akkana jedhe ;”
Ani bakka gabrichi koo karoorse isaan gaha,yoo inni bakka jabduuf of karoorse achumaan isa gaha. Yoo inni bakka rakkoof of karoorses akkasuma isaaf taha. Kanaafuu akka fedheef na haa abdatu “
حديث صحيح

Capha ofitti himnaan caccabdee dhukkee taata. Jabeenyaa fi guddina ofitti himtee guddicha Arshii ol jiru sanitti erkannaan numa goonfatta!

Yaa Khiyya! Meetira karoora keetii fageessi.



♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

19 Oct, 08:56


Du'a Booda Namni Maaliin Akka si Yaadatu Feeta___?

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

14 Oct, 20:58


Gaafa Nabi Muusaan (Aleyhi-ssalaam) ganda namaa taa’ee waggoota heddu re’ee tiksu; eenyutu inni guyyaa tokko RABBIIN wajji haasa’ee Nabiyyii taha jedhee tilmaame!?
Gaafa Nabi Muhammad (صلى الله عليه وسلم وبعثه مقاما محمودا ) gaarreen makkaa irratti re’ee Qureyshii tiksaa turan; Eenyutu akka isaan dura bu’aa uumama RABBII tahan jedhee tilmaame!? Yaa ALLAAH!!

Yaa Obboleessa koo! Yaa Obboleettii tiyya! Atillee rakkinaa fi dhiphina har’aa kee kana irra dhaabbattee boruu kee hin golgoleessin. Guyyaan ilkaan kee dura qalbiin tee kolfitu karaa jira ta’a waan ta’eef!


♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

14 Oct, 14:31


Abjuun ati guyyoota hedduu, ji'oota hedduu fi waggotaa hedduu, guyyaa takka naaf dhugooma jattee eyduu yoo dhugumaan rabbi abdatte waan sirraa egamuu sababsatee Inshaa Allah guuyyan ati obsaan eega turte sun akka dhufu beeki amalee obsa khee itti fufii..

Obsii khee khan arraa milkaa'ina khee khan boruutiif sababa sif taha bekki khanaf Khufani kha'uun haaluma jiruti hubadhuu

khufaatin khee khan arraatis boruuf akka jabaattu si tasisa waan tahef khufee jatee bakka khufteti hin hafinii Obsi jabaadhu ni injifatta waa hunda Inshaa Allah

Heduun Nama gaddaa fi miiraa isaa ilkeedhan seeqa koflan isani keessatti dhokfatu dhugumatti namoni akkasi jajabodha..

Abshiir rabbi biraan balloodha insha Allah ❤️



♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

13 Oct, 15:36


Lolli firaa dhiiga ilkeeti, hanga tokko ni tufta, hanga tokko ni liqmsita

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

11 Oct, 20:34


Dubbii Ajaa'ibaa tana Daa'ii Islaamaa beekkamaa Sheikh Mohammed Bin Abdurahman (Al-ariifiitu) hima.

Guyyaa tokko Janaazaan wahii Masjiida tokko seente. Saalata Janaazaa irratti salaatuuf ture. Yeroo kana namni Masjiida Sana keessa rafaa ture tokko Janaaza tana adda baafachuuf (baruuf) fuula irraa bane. Garuu, nama kana takkaa agaree hin turre. Yeroo kana "Yaa Rabbi! Namni kun keessummaa keeti. Osoo keessummaa kiyya tahee, akka gaarittiin kabajaan. Ilaahii! Ati nacaalaa kabaji" jachuun nama du'e kanaaf Du'aa'ii godhe.

Eega namticha kana salaata Janaazaa irratti salaatanii awwaalan booda namni kun Masjiiduma sanitti deebi'ee rafe. Akkuma rafeen, nama Du'aa'ii godheefii, irratti salaatee gaggeeyse kana Manaamaan haala bareedaa keessatti, isaa uffata faayaa uffatee jiru agare. Yeroo kana namtichi du'ee awwaalame kun "Sababaa Du'aa'ii teetii qofaaf dilii tiyya mara Rabbi naaf dhiiseera. Du'aa'iin tee naaf qeebalamte" isaan ja'e.

Yaa nama barruu tana dubbisutti jirtu, nama siduubatti Du'aa'ii addunyaafi Aakhiraa similkeeysitu siif godhu Rabbi siif haa heddummeeysu!
Du'aa'ii namni siif godhe mara Rabbi siif haa qeebalu!



♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

08 Oct, 16:45


#Horii malees #Rizqii heedduutu sibira jiraatii
#Rabbiin galateeffadhu. الحمدلله رب العالمين
=======================================
Barruu tana sirritti dubbisii tan qabdu irratti galateeffadhuu tan qabne rabbiin kadhadhu.

$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$$

Gosa rizqii irraa gurguddaan iimaana, Rabbiin sodaatuu, nageenya, fayyaa gaarii, maatii, abbaa manaa, haadha manaa, ijoollee, haadhaa fi abbaa, obboleeyyan, jaarsi yokaan jaartiinii fi ijoolleen namaaf qaceeluu, hiriyyaa gaarii, beekumsa, hayyummaa, bilchina, hojii gaarii, bareedina, jaalala rabbiitii fi kan ilma namaa argachuu, haara galfii fi gammachuu, amala gaarii yokiin safuu, fudhatama argachuu fi umrii dheerachuufaadha.

Yaa Rabbi rizqii tee tan lakkoofnee fi tan hin lakkaawiniis hundaahuu nurazzaqi.


♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

06 Oct, 22:14


اللَّهُمَّ يَا فَتَّاحُ يَا عَلِيمُ، افْتَحْ لَنَا أَبْوَابَ الخَيْرِ كُلِّهَا، وَاجْعَلْنَا مِنَ المُقْبِلِينَ عَلَى طَاعَتِكَ، وَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَارْزُقْنَا مِنْ فَضْلِكَ.🤲

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

04 Oct, 22:01


Beekhii hoggaa cufa Duniyaa irratti Akka barbaadduu fi waan barbaaddu hin arkattu. Bakki fadhiin tee %100 itti siif guutumtu JANNATA qofa!

Anaa fi ati Kan barruu tana dubbisaa jirtuus warra Malaaikaan Jannataa "baga nagayaan dhuftan" jattee simattu irraa RABBI nuhaa godhu ❣️🤲❣️



♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

03 Oct, 21:38


‏️حُبُّ النبيِّ على الأنامِ فريضةٌ
لا تنسَ ذكرَ الهاشميِّ الأكرَمِ


إنَّ الصَّلاةَ على النبيِّ وسيلةٌ
فيها النَّجاةُ لكلِّ عَبدٍ مُسلِمِ

صَلُّوا على القمرِ المُنيرِ فإنهُ
نُورٌ تبدَّى في الغمامِ المُظلمِ

ابن الجوزي رحمه الله.

اللهم صلِّ وسلِّم على نبيّنا مُحمّد صلاةً تُحلّ بها العُقَد، وتُجاب بها الدعوات، وتُفكّ بها الكربات، صلاة ترضيك ربنا وترضيه وترضى بها عنا.

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

03 Oct, 16:41


【ወሲያ_ከምርጡ_ነብይ ﷺ】

عن أبي ذر -رضي الله عنه- قال: دخلت المسجد، فإذا رسول الله ﷺ جالس وحده،

አቡዘር ረድየሏሁዐንሁ እንዲህ ይላል፡- አንድ ቀን መስጂድ ገባው የአላህ መልክተኛ ﷺ መስጂድ ውስጥ ብቻቸውን ቁጭ ብለው ነበር፣

فقلت: يا رسول الله أوصني،

አንቱ የአላህ መልክተኛ ምከሩኝ አልኳቸው

قال: ​"أُوصيكَ بتقوى اللهِ فإنها رأسُ الأمرِ كلِّه".​

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦ "አላህን በመፍራት ላይ አደራ ለሁሉም ነገሮች ራስ ነውና"፤

قلتُ: يا رسولَ اللهِ زِدْنِي،

አቡዘር ፦ አንቱ የአላህ መልክተኛ ይጨምሩኝ

قال: ​"عليك بتلاوةِ القرآنِ، وذِكرِ اللهِ، فإنَّهُ نورٌ لك في الأرضِ، وذخرٌ لك في السماءِ".

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦ "ቁርአን በማንበብና አላህን በማውሳት ላይ አደራ በሰማይ
እንድትወሳ በምድር ብርሀን ይሆንልሀልና"፤

قلتُ: يا رسولَ اللهِ زِدْني،

አቡዘር ፦ አንቱ የአላህ መልክተኛ ይጨምሩኝ

قال: ​"إياك وكثرةَ الضحكِ فإنَّهُ يُميتُ القلبَ، ويذهبُ بنورِ الوجهِ".​

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦ "አደራ ሳቅን አታብዛ መሳቅ ልብን ይገድላል ፣ የፊትን ኑር
ይወስዳልና"፤

قلتُ: يا رسولَ اللهِ زِدْنِي،

አቡዘር ፦ አንቱ የአላህ መልክተኛ ይጨምሩኝ

قال: ​"عليك بالجهادِ، فإنَّهُ رهبانيةُ أُمَّتِي".​

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦ "በጂሃድ ላይ አደራ እሱኮ የኡመቴ ረህባንያ ነው"፤

قلتُ: يا رسولَ اللهِ زدني،

አቡዘር ፦ አንቱ የአላህ መልክተኛ ይጨምሩኝ

قال: ​"أَحِبَّ المساكين وجالِسْهُمْ".​

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦ 'ሚስኪኖችን ውደዳቸው ተቀማመጣቸውም" ፤

قلتُ: يا رسولَ اللهِ زدني،

አቡዘር ፦ አንቱ የአላህ መልክተኛ ይጨምሩኝ

قال: ​"انظر إلى من هو تحتَك، ولا تنظر إلى من هو فوقَك فإنَّهُ أجدرُ أن لا تزدري نعمةَ اللهِ عندَك".

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦"በዱንያ ከበታችክ ያለው ሰው ተመልከት ካንተ በላይ ያለውን አትመልከት እንዲህ ካደረክ የአሏህ የዋለልን ፀጋ አሳንሰህ አታይም [ታመሰግነዋለህ]"፣

قلتُ: يا رسولَ اللهِ زِدْنِي،

አቡዘር ፦ አንቱ የአላህ መልክተኛ ይጨምሩኝ

قال: ​"قُلِ الحقَّ وإن كان مُرًّا"​

የአላህ መልክተኛ ﷺ ፦ "እውነትን ተናገር መራራ እንኳን ቢሆን"።

[صحيح الترغيب للإمام الألباني] 【2233】

♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

29 Sep, 16:09


يَا رَبَّ الأَرْضِ وَالسَّمَاوَاتِ، اجْعَلْ قُلُوبَنَا مُطْمَئِنَّةً بِذِكْرِكَ، وَأَنْفُسَنَا رَاضِيَةً بِقَضَائِكَ، وَارْزُقْنَا مَرَافِقَةَ نَبِيِّكَ فِي جَنَّتِكَ.🤲

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

29 Sep, 00:16


Kan Duruu karaa Haraamiin Si arkate, Deebi'ee halaaliin sin barbaadu. yeroon of Eegi Obboleettii tiyya.


♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn
#Share... godhu hin dagaatina!*

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

27 Sep, 17:00


#Ilma_Namaa kan dubbatu keessa namni akka #hayawaanaa (beeyladaa) akka jiru beeytaa!?

===============================
Ulamaan islaamaa akkana jadhan:
Namni yeroo quraana dhaggeeffatu sodaan rabbii isatti hin dhufin, yeroo dilii isaa yaadate hin yaaddawin, yeroo ulamaan wajji taa'u waa irraa hin baratin, yeroo hayyuu saahibee humaa irraa hin hubatin, yeroo nama guddaa saahibe himmaan ( kutannoon) isaa hin dabalin
namni sun hayawaana tahuu hin dagatin.

Hayawaana (beeyladaa) Rabbiin isin hin godhin!




♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn
#Share... godhu hin dagaatina!*

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

26 Sep, 21:21


Jaarsa: Hoggan fuula khee arge maleeykaa na yaadachiista

Jaartii: Maleeykaa kham?

Jaarsa: Malakul mooyti🙄

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

26 Sep, 14:23


Haati manaa koo  akka na jaalattu maaliiniin beeka?

Gurbaa tokkotuu Haati manaa tiyya na jaalachuu akkamittiin beeka jechuun hayyicha tokko gaafata?
Jaartiin tee waa 14 kan daleeydu yoo ta'e si jaalatti jechuudha jedhaan. Wanni 14n san maali je'ee gaafate
1. Amala mul'ataa( fkn akkaataa ati itti deemtu,haasooytu, gocha fuula keetiin agarsiiftu fi kkf) kee dhagahuu kan jaalattu yoo taate
2. Hoggaa yaada isii faalleessite kan hin aarre yoo taate
3. Gadda ykn aaruu kee kan si wajjin qooddattu yoo ta'e( yeroo ati gadditu kan gadditu yoo ta'e)
4.  Yeroo hunda si wajjin haasawu jecha ajandaa uumuu kan feetu yoo ta'e
5. Murtee waan tokkorratti godhuun duratti kan si wajji mari'attu yoo ta'e
6. Yeroo kennaa kennituuf kan gammaddu yoo ta'e.  Kennaa xiqqoos maa hin taane
7. Yeroo hunda si gargaaruu kan yaaltu / dalagaa garii sirraa hojjachuu kan feetu yoo ta'e
8. Yoo ati bira hin jiraanne kan siif yaaddooytu yoo ta'e
9. Waan si gammachiisu hojjachuurratti kan xiyyeeffattu yoo ta'e fi waan si aarsu gonkumaa irra deebite kan hin hojjanne yoo ta'e
10. Mindaa xiqqaa argachuun kee kan isii hin yaachifne yoo ta'e.
11. Miidhaa ati irraan geessisturratti kan obsitu yoo ta'e
12. Waan ati jaalattu hunda si wajjin qooddachuu kan jaalattuu fi jireenya kee fi waan si bashannansiisuf bakka kan kennitu yoo ta'e
13. Wanti ati daleeydu kan isii hin saalfachiifne  yoo ta'e
14.  Oduu gammachiisaa qaama sadaffaarraa odoon taane isiirraa kan dura dhageessu yoo ta'e

* Rabbiin jaalala dhugaa san nuuf haa kennuu!!
* Haadha manaa isin jaalattu isinii haa kennuu🤲




♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn
#Share... godhu hin dagaatina!*

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

24 Sep, 16:19


Karaa jannataa Rabbiin Nuuf Haalaaffisu
Badii Teenya Hundaas Rabbiin Nuuf Haa Maaru🤲

🌧F♡♡w͊z͊a͊n͊ R⃰i͜d͢w͡aͣaͣn︠🕊

24 Sep, 16:05


Karaa imaltootaa
Daandiin addunyaan tuni irra
Imalaa jirtu Daandii lamaadha
Daandichii baayyee wal faalleessa
Galmi daandicha lamaaniitiis baayye
Wal dhaba
Daandiin innitokko gara jannataatti
Nama geessa
Imaltoota gaggaarii hammate imalchiisa
Inniis daandicha Rabbiin ilma namaa tiif
Dhaabeedha
Daandicha Rabbii ofii yaadatanii Isaaf ajajamaniidha
Daandichaaf kallattii ifaan ifa tahe
Kan agarsiisu qur'aana rabbiiti
Ogeeyyoonni daandicha Masmara isaa
Addaan namaaf baasu beeytoota islaamaati
Daandichi kuni i.altoota hiree gaarii qaban
Fudhatee imala saanii itti fufsiisa
Daandichi inni lammaffaa isa gara ibidda
Jahannam nama geessuudha
Xurreelee walxaxan baayye qaba
Daandiin inni kun dukkanaa waadha
Imaltoota warra carra hammeessa imalchiisa
Rabbii ofiitiif Ajajamuu dhoowwatan
Dhara dhugaa fakkeessuf dhama'an
Rabbii ofii irraan fatan
Karaan isaanii fi galmi isaaniitu
Jahannam tahuun beekkamaadha
Yaa Rabbi daandii guddicha islaamaarra
Nubuusi yaa Allaah




♡ ㅤ  ⎙ㅤ  ⌲        ✉️   
   ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Foowzn @Foowzn @Foowzn
#Share... godhu hin dagaatina!*