Dhaabbatichi Rakkoolee Gurguddoo Of Keessa Dhoksee Maamila Hacuucaa Jira.
#Ethiotelecom
1๏ธโฃ, Odeeffannoo maamilaa guutuu qaama sadaffaan kennuun balaa qaqqabsiiseera.
2๏ธโฃ, Tajaajila xiqqoo kaffaltii daangaa hin qabneen mogolee hawaasa buuseera.
3๏ธโฃ, Dhaabbilee hannaaf dhimma itti bahu hedduu dhoksaadhaan hundeessee ummata saamaa jira.
4๏ธโฃ, Beeksisa dhugummaa hin qabne karaa toora ofiitiin irra deddeebiin dhiyeessa, nama gowwoomsa. Fkn. Maxxansa keenya share godhaa, namoota affeeraa.... maallaqa argadhaa.....fi kan biroo...
5๏ธโฃ, Garaagarummaa amantaa xiyyeeffachuun tajaajila qopheessuu.
6๏ธโฃ, Waliigaltee haala maamilli hin beekneen dhiyeessuufi gocha raawwatamu kamiyyuu sagalee hawaasaa ykn maamilaa homaa kana hin keessumeessifneedha.
7๏ธโฃ, Uggura bilbila iyyata yookiin ajaja dhaabbilee mootummaan ala callisee quufina isaatiin taasisaa jira.
8๏ธโฃ, Uggurrii WI FI yemmuu ati dhimma murteessaaf barbaaddu ykn sagantaa jabaa qabaachuu kee eeganii taasisuu.
9๏ธโฃ, Kaffaltiin CRBT, Tele win , Lottery, Promo, Calling CRBT........gita isaa kan eeggate miti.
๐, Hojjattootnii fi ijaaramni dhaabbatichaa guutummaadhaan kan hawaasa miciriqsaa jiruudha. Diinagdee biyyaas dhudha'eera.
1๏ธโฃ1๏ธโฃ, Beeksifachuun tajaajila irra oolchuu diduu, fkn paakeejii barsiisotaa (Teachers packages) ammas paakeejii Barattootaa( Student packages) qopheesseera jedhee quttoo kaasaa turee achumaan nipha'ame waa hin agarre. Isuma dhugaa of saaduuf osoo hin taane gaaffii kana immoo waltajii adda addaa irratti irra deddeebiin gaafachaan ture. Hawaasnis ittuma jira.
1๏ธโฃ2๏ธโฃ, E-Miney dheedhii, dogoggorsaa, ceepha'amaa fi saaxilamaa taheen qisaasa dinagee hawaasa macaaseera.
1๏ธโฃ3๏ธโฃ, Maallaqni siistamni kuffise maamila irratti kaasaaraa hammaataa uumeera.
1๏ธโฃ4๏ธโฃ, Paakeejiin marsaa tokko bitame of duuba deebihuun dhorkaa tahuun hacuuccadha.
Cubbuu kana hunda baatee ammas dabalaan
#Bifa_Haaraan
Ethio_telecom....๐
Ethio telecom tibbana tajaajila hundarratti daballii dachaa oliin dabaleera. Yeroo uummanni qaala'iinsa jireenyaan qoramaa jiru kanatti dhaabbileen gurguddoon akka #EthioTelecom uummataaf gatii tajaajilaa hir'isuu qaban jedhamee osoo eeggamuu faallaa kanaatti tajaajila hundarratti dachaa (100%) oli daballii taasise.
Fkn Sim Card haaraa Qarshii 15 ture qarshii 85tti olguddise kana jechuun dachaa shanii oli jechuudha.
Akkasumas Bittaan MB kamiyyuu dachaa oliin dabaleera
Fkn Sagaleen torbetti qarshii 15 daqiiqaa 75 ture amma qarshii 22 daqiiqaa 80 ta'e .
Walumaagalatti haalli daballii tajaajila waliigalaa #Ethiotelecom taasise kun humna maamiltoota isaa xiyyeeffannoo keessa kan galchee miti.
Kan biroo bittaan #data fi sagalee karaa #Ethiotelecom bitachaa jirru ji'a lamaan asitti muruun ifatti muldhachaa dhufuun amanamummaan dhaabbata biyyattii guddaan kun ummata biratti qabu gadi akka bu'u taasisaa jira.
Kaardii kee kana booda namni sherfee tokkoon bitu hin jiru. Didameera๐งโโ๏ธ
Nama nyaata๐
Maxxansa kana share godhaa